< Hosiya 5 >
1 “Ku ji wannan, ku firistoci! Ku kasa kunne, ku Isra’ilawa! Ku saurara, ya ku gidan sarauta! Wannan hukunci yana a kanku, kun zama tarko a Mizfa, ragar da aka shimfiɗa a kan Tabor.
“Isin luboonni waan kana dhagaʼaa! Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa! Yaa mana mootii dhaggeeffadhu! Murtiin kun isinitti murama: Isin Miisphaatti kiyyoo, Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan.
2 ’Yan tawaye sun yi zurfi cikin kisan gilla. Zan hore su duka.
Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru. Ani isaan hunda nan adaba.
3 Na san Efraim ƙaf; Isra’ila ba a ɓoye take a gare ni ba. Efraim, yanzu ka juya ka shiga karuwanci; Isra’ila ta lalace.
Ani waaʼee Efreem hunda beeka; Israaʼelis na duraa hin dhokattu. Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta; Israaʼelis xuraaʼeera.
4 “Ayyukansu ba su ba su dama su koma ga Allahnsu ba. Halin karuwanci yana cikin zuciyarsu; ba su yarda da Ubangiji ba.
“Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti deebiʼan hin eeyyamuuf. Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira; isaan Waaqayyoon hin beekan.
5 Girmankan Isra’ila yana ba da shaida a kansu; Isra’ilawa, har ma Efraim, sun yi tuntuɓe a cikin zunubinsu; Yahuda ma ya yi tuntuɓe tare da su.
Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa; Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu cubbuu isaanii keessatti gufatu; Yihuudaanis isaan wajjin gufata.
6 Sa’ad da suka tafi tare da garkunan shanu, tumaki da awakinsu don su nemi Ubangiji, ba za su same shi ba; ya janye kansa daga gare su.
Isaan yommuu Waaqayyoon barbaaduudhaaf bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti, isa hin argatan; inni isaan dhiisee deemeeraatii.
7 Su marasa aminci ne ga Ubangiji; suna haihuwar shegu. Yanzu bukukkuwar Sabon Watansu za su cinye su da gonakinsu.
Isaan Waaqayyoof amanamoo miti; seeraan ala ijoollee godhatu. Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa.
8 “Amon kakaki a Gibeya, ƙaho a Rama. Ku yi kirarin yaƙi a Bet-Awen; ku ja gaba, ya Benyamin.
“Gibeʼaa keessatti malakata, Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa. Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa; yaa Beniyaam, ati dura qajeeli.
9 Efraim za tă zama kango a ranar hukunci. A cikin kabilan Isra’ila na yi shelar abin da yake tabbatacce.
Guyyaa ifannaatti Efreem ni ona. Ani gosoota Israaʼel gidduutti waan mirkanaaʼe nan labsa.
10 Shugabannin Yahuda suna kamar waɗanda suke matsar da duwatsun shaidar da aka sa a kan iyaka ne. Zan zubo musu da fushina a kansu kamar rigyawar ruwa.
Bulchitoonni Yihuudaa akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. Ani akkuma lolaa bishaanii dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa.
11 An danne Efraim, an murƙushe ta a shari’a ta ƙudura ga bin gumaka.
Efreem sababii waaqota tolfamoo duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee murtiidhaan lafatti dhidhiitame.
12 Na zama kamar asu ga Efraim, kamar ruɓa ga mutanen Yahuda.
Ani Efreemitti akka bilii, Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti.
13 “Sa’ad da Efraim ya ga ciwonsa, Yahuda kuwa miyakunta, sai Efraim ya juya ga Assuriya, ya aika wurin babban sarki don neman taimako. Amma bai iya warkar da kai ba, bai iya warkar da miyakunka ba.
“Yommuu Efreem dhukkuba isaa, Yihuudaanis madaa isaa argetti, Efreem gara Asooritti garagalee mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf nama itti erge. Inni garuu isin fayyisuu, madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu.
14 Gama zan zama kamar zaki ga Efraim, kamar babban zaki ga Yahuda. Zan yage su kucu-kucu in tafi; zan kwashe su, ba wanda zai kuɓutar da su.
Ani Efreemitti akkuma leencaa, Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa. Ani gargar isaan ciccireen biraa deema; ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru.
15 Sa’an nan zan koma wurina sai sun yarda da laifinsu. Za su kuma nemi fuskata; cikin azabansu za su nace da nemana.”
Ergasii ani hamma isaan balleessaa isaanii fudhatanitti iddoo kootti nan deebiʼa. Isaan fuula koo barbaaddatu; rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.”