< Hosiya 14 >

1 Ku dawo, ya Isra’ila, ga Ubangiji Allahnku. Zunubanku ne sun zama sanadin fāɗuwarku!
Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi. Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!
2 Ku ɗauki magana tare da ku ku komo wurin Ubangiji. Ku ce masa, “Ka gafarta mana dukan zunubanmu ka kuma karɓe mu da alheri, don mu iya yabe ka da leɓunanmu.
Dubbicha fudhadhuutii gara Waaqayyoo deebiʼi. Akkanas jedhiin: “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, arjummaadhaan nu simadhu.
3 Assuriya ba za su iya cece mu ba; ba za mu hau dawakan yaƙi ba. Ba za mu ƙara ce, ‘Allolinmu’ wa abin da hannuwanmu suka yi ba, gama a gare ka ne maraya yakan sami jinƙai.”
Asoor nu oolchuu hin dandaʼu; nu fardeen lolaa hin yaabbannu. Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen, ‘Waaqota keenya’ hin jennu; daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”
4 “Zan gyara ɓatancinsu in kuma ƙaunace su a sake, gama fushina ya juya daga gare su.
“Ani gantummaa isaanii nan fayyisa, toluman isaan jaalladha; aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.
5 Zan zama kamar raɓa ga Isra’ila zai yi fure kamar lili. Kamar al’ul na Lebanon zai sa saiwarsa zuwa ƙasa;
Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa; inni akkuma daraaraa ni daraara. Inni akkuma gaattiraa Libaanoon hidda isaa gad fageeffata;
6 tohonsa za su yi girma. Darajarsa za tă zama kamar itacen zaitun, ƙanshinsa kamar al’ul na Lebanon.
dameen isaa ni guddata. Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa; urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.
7 Mutane za su sāke zauna a inuwarsa. Zai haɓaka kamar ƙwayar hatsi. Zai yi fure kamar kuringa, zai zama sananne kamar ruwan inabi daga Lebanon.
Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu. Inni akkuma midhaanii lalisa. Akkuma muka wayinii dagaaga; maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.
8 Efraim zai ce, me kuma zai haɗa ni da gumaka? Zan amsa masa in kuma lura da shi. Ni kamar koren itacen fir ne; amincinka yana fitowa daga gare ni ne.”
Yaa Efreem, ani kana caalaa waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba? Kan deebii siif kennee si eegu anuma. Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti; amanamummaan kee ana irraa dhufa.”
9 Wane ne yake da hikima? Zai gane waɗannan abubuwa. Hanyoyin Ubangiji daidai ne; masu adalci sukan yi tafiya a kansu, amma’yan tawaye sukan yi tuntuɓe a kansu.
Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka. Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata. Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha; namni qajeelaan isa irra deema; finciltoonni garuu isa irratti gufatu.

< Hosiya 14 >