< Hosiya 10 >

1 Isra’ila kuringa ce mai yaɗuwa; ya fitar da’ya’ya wa kansa. Yayinda’ya’yan suka ƙaru, ya gina ƙarin bagadai; da ƙasarsa ta wadata, ya yi wa keɓaɓɓun duwatsu ado.
Israaʼel muka wayinii dagaage ture; inni matuma isaatiif ija naqata. Akkuma iji isaa baayʼateen inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate; akkuma lafti isaa gabbatteen utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate.
2 Zuciyarsu masu ruɗu ne, yanzu kuwa dole su ɗauki laifinsu. Ubangiji zai rushe bagadansu yă kuma hallaka keɓaɓɓun duwatsunsu.
Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera; isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu. Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga; utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa.
3 Sa’an nan za su ce, “Ba mu da sarki domin ba mu girmama Ubangiji ba. Amma ko da ma muna da sarki, me zai yi mana?”
Ergasii isaan akkana jedhu; “Nu sababii Waaqayyoon sodaachuu didneef mootii hin qabnu. Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu inni silaa maal nuuf godha?”
4 Sun yi alkawura masu yawa, suka yi rantsuwar ƙarya da kuma yarjejjeniyoyi; saboda haka ƙararraki suka taso kamar ciyayi masu dafi da aka nome a gona.
Isaan waan hedduu waadaa galu; kakuu sobaas seenanii walii galtee uummatu; kanaafuu seera dhabeeyyiin akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu.
5 Mutanen da suke zama a Samariya suna tsoro saboda gunki maraƙin Bet-Awen. Mutanensa za su yi makokinsa, haka ma firistocinsa matsafa, waɗanda suka yi farin ciki a kan darajarsa, don an ɗauke ta daga gare su aka kai ta zaman bauta.
Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan sababii waaqa tolfamaa fakkii jabbii kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu. Sabni ishee isheedhaaf booʼa. Luboonni ishee ejjitoonni warri ulfina isheetiin gammadan sunis sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu.
6 Za a ɗauke shi a kai Assuriya kamar gandu wa babban sarki. Efraim zai sha kunya; Isra’ila zai sha kunya saboda gumakan itacensa.
Jabbichis akka harka fuudhaatti Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama. Efreem ni salphifama; Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti.
7 Samariya da sarkinta za su ɓace kamar kumfa a bisa ruwaye.
Samaariyaa fi mootiin ishee akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu.
8 Za a hallaka masujadai kan tudu na mugunta zunubin Isra’ila ne. Ƙayayuwa da sarƙaƙƙiya za su yi girma su rufe bagadansu. Sa’an nan za su ce wa duwatsu, “Ku rufe mu!” Ga tuddai kuma, “Ku fāɗo a kanmu!”
Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu; kunis cubbuu Israaʼel. Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee iddoo aarsaa isaanii haguuga. Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!” gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu.
9 “Tun daga kwanakin Gibeya, kun yi zunubi, ya Isra’ila, a can kuwa kuka ci gaba. Yaƙi bai cimma masu aikata mugunta a Gibeya ba?
“Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii cubbuu hojjettaniirtu; ammas achumatti haftaniirtu. Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼee jalʼoota hin fixuu?
10 Sa’ad da na ga dama, zan hukunta su; al’ummai za su taru su yi gāba da su don su daure su saboda zunubansu da suka riɓanya.
Ani yoon fedhe isaan nan adaba; sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif hidhaa keessa isaan buusuuf saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.
11 Efraim horarriyar karsana ce mai son sussuka; saboda haka zan sa karkiya a kyakkyawan wuyanta. Zan bi da Efraim, Dole Yahuda yă yi noma, dole kuma Yaƙub yă ja garman noma.
Efreem goromsa leenjifame kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha; kanaafuu ani morma ishee irra waanjoo nan kaaʼa. Ani Efreemin nan oofa; Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba; Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba.
12 Ku shuka wa kanku adalci, ku girbe’ya’yan jinƙai marar ƙarewa, ku kuma nome ƙasar da ba a nome ba; gama lokaci ne na neman Ubangiji, sai ya zo ya zubo adalci a kanku.
Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa; lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa; yeroon kun yeroo hamma inni dhufee qajeelummaa isinitti roobsutti Waaqayyoon barbaaddataniitii.
13 Amma kun shuka mugunta, kuka girbe mugu kuka ci’ya’yan ruɗu. Domin kun dogara da ƙarfinku da kuma a jarumawanku masu yawa,
Isin garuu hammina facaafattanii jalʼina haammattan; isin ija sobaa nyaattaniirtu. Sababii ati jabina keetii fi loltoota kee baayʼee sana abdatteef,
14 hayaniyar yaƙi za tă tashi gāba da mutanenku, saboda a ragargaza kagaranku, kamar yadda Shalman ya ragargaza Bet-Arbel a ranar yaƙi, sa’ad da aka fyaɗa uwaye tare da’ya’yansu da ƙasa.
akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana, daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu; huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa.
15 Haka zai faru da kai, ya Betel, domin muguntarka ta yi yawa. Sa’ad da wannan rana ta zo, za a hallaka sarkin Isra’ila ƙaƙaf.
Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef, wanni akkasii sittis ni dhufti. Gaafa guyyaan sun bariʼutti mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.

< Hosiya 10 >