< Habakkuk 3 >

1 Addu’ar annabi Habakkuk. A kan shigiyont.
Kadhannaa Anbaaqoom raajichaa shigiyonootiidhaan.
2 Ya Ubangiji, na ji irin shaharar da ka yi; na yi al’ajabi game da ayyukanka, ya Ubangiji. Ka maimaita su a kwanakinmu, ka sanar da su a lokacinmu; ka yi jinƙai ko a lokacin da kake fushi.
Yaa Waaqayyo, ani oduu kee dhagaʼeera; yaa Waaqayyo, ani gochawwan kee nan sodaadha. Bara keenya keessa isaan haaromsi; jabana keenya keessa isaan beekkamsiisi; yeroo dheekamtutti araara yaadadhu.
3 Allah ya zo daga Teman, Mai Tsarkin nan daga Dutsen Faran. (Sela) Ɗaukakarsa ta rufe sammai yabonsa kuma ya cika duniya.
Waaqni Teemaan irraa, Inni Qulqullichi Tulluu Phaaraaniitii dhufe. Ulfinni isaa samiiwwan haguuge; galanni isaas lafa guute.
4 Darajarsa ta yi kamar fitowar rana; ƙyalƙyali ya wulga daga hannunsa, inda ikonsa yake a ɓoye.
Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti; gaanfawwan lama harka isaatii baʼu; humni isaas achi dhokateera.
5 Annoba ta sha gabansa; cuta kuma tana bin bayansa.
Fuula isaa dura dhaʼichatu deeme; golfaanis isa duukaa buʼe.
6 Ya tsaya, ya kuwa girgiza duniya; ya duba, sai ya sa al’ummai suka yi rawan jiki. Tsofaffin duwatsu sun wargaje daɗaɗɗun tuddai kuma suka rurrushe. Hanyoyinsa dawwammamu ne.
Inni dhaabatee lafa raase; ilaalee akka saboonni hollatan godhe. Tulluuwwan durii ni burkutaaʼan; gaarran bara hedduu jiraatanis ni diigaman. Karaan isaa kan bara baraa ti.
7 Na ga tentin Kushan cikin azaba; wuraren zaman Midiyan cikin damuwa.
Ani utuu dunkaanonni Itoophiyaa dhiphatanuu nan arge; golgaawwan Midiyaaniis ni hollatu.
8 Ka ji haushin koguna ne, ya Ubangiji? Ko kuwa ka hasala da rafuffuka ne? Ko ka yi fushi da teku ne sa’ad da ka hau dawakanka da kuma kekunan yaƙinka masu nasara?
Yaa Waaqayyo, ati lageenitti aartee turtee? Burqaawwanittis dheekkamtee? Ati yeroo fardeen keetiin guluftetti, yeroo gaariiwwan moʼannaa kee yaabbatetti galaanatti dheekkamtee turtee?
9 Ka ja bakanka, ka nemi a ba ka kibiyoyi masu yawa. (Sela) Ka raba duniya da koguna;
Ati iddaa kee luqqifattee xiyya itti dhaabbatte. Lafas lageeniin gargar baqaqsite;
10 duwatsu sun gan ka sai suka ƙame. Ruwaye masu hauka sun yi ta fantsamawa; zurfafa suka yi ruri suka tā da raƙuman ruwansu sama.
tulluuwwan si arganii hollattan. Dhaʼaawwan bishaanii achiin darban; tuujubni ni huurse; dambalii isaas ol kaase.
11 Rana da wata suka tsaya cik a sammai da ganin kibiyoyinka masu wucewa fyu, da ganin hasken māshinka mai walƙiya.
Sababii xiyya kee calaqqisaa fiigu sanaatii fi sababii ifa eeboo keetii sanaatiif aduu fi jiʼi samii keessa dhaabatanii hafan.
12 Cikin hasala ka ratsa duniya cikin fushi kuma ka tattake ƙasashe.
Ati dheekkamsaan lafa irra marmaarte; aariidhaanis saboota lafatti dhidhiitte.
13 Ka fito don ka fanshi mutanenka, don ceci shafaffenka. Ka ragargaza shugaban ƙasar mugaye, ka tuɓe shi daga kai har ƙafa. (Sela)
Ati saba kee furuuf, dibamaa kee oolchuuf dhufte. Hoogganaa biyya hamootaa ni daakte; mataadhaa hamma miillaatti qullaa isa hambifte.
14 Da māshinsa ka soki kansa sa’ad da jarumawansa suka fito don su tarwatse mu, suna farin ciki sai ka ce masu shirin cinye matalautan da suke a ɓoye.
Yeroo loltoonni isaa nu bittinneessuuf kaʼanii, akkuma waan rakkattoota dhokatanii jiran fixuu gaʼaniitti gammadanitti, ati eeboo ofii isaatiin mataa isaa waraante.
15 Ka tattake teku da dawakanka, kana kaɗa manyan ruwaye.
Ati fardeen keetiin bishaanota gurguddaa hoomacheessaa galaana irra deemte.
16 Na ji sai zuciyata ta buga, leɓunana sun yi rawa da jin murya; ƙasusuwana suka ruɓe, ƙafafuna kuma sun yi rawa. Duk da haka zan jira da haƙuri ga ranar bala’i ta zo a kan al’umman nan mai kawo mana hari.
Ani dhagaʼeen garaan koo raafame; hidhiin koo sagalee sanaan hollate; tortorri lafee koo seene; miilli koos ni hollate. Taʼus ani hamma guyyaan badiisaa saboota nu weeraranitti dhufutti obsaan nan eeggadha.
17 Ko da yake itace ɓaure bai tohu ba, ba kuma’ya’ya a kuringar inabi, ko da yake zaitun bai ba da amfani ba, gonaki kuma ba su ba da abinci ba, ko da yake babu tumaki a garke, ba kuma shanu a turaku,
Yoo mukni harbuu daraaruu baatee iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu, yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu, yoo hoolonni gola keessaa, loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,
18 duk da haka zan yi farin ciki da Ubangiji, zan yi murna da Allah Mai Cetona.
ani garuu Waaqayyotti nan gammada; Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.
19 Ubangiji Mai Iko Duka shi ne ƙarfina; yakan mai da ƙafafuna kamar na barewa, yakan sa in yi tafiya a wurare masu tsayi. Domin mai bi da kaɗe-kaɗe. A kan kayan kiɗi masu tsirkiyata.
Waaqayyo Gooftaan jabina koo ti; inni miilla koo akka miilla borofaa godha; lafa ol kaʼaa irras na deemsisa. Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame.

< Habakkuk 3 >