< Habakkuk 2 >

1 Zan tsaya wurin tsarona in kuma zauna a kan katanga; zan jira in ga abin da zai ce mini, da kuma wace amsa zan bayar ga wannan kuka.
Ani iddoo koo dhaabadhee dallaa eegumsaa irra nan tura; mee waan inni naan jedhu arguuf deebii ani guungummii kanaaf kennuu malu beekuuf nan ilaala.
2 Sa’an nan Ubangiji ya amsa ya ce, “Ka rubuta wannan ru’uya ka bayyana ta a fili a kan alluna don mai shela yă ruga da ita, yă kai.
Ergasii Waaqayyo akkana jedhee deebii kenne: “Akka namni dubbisu tokko qabatee fiiguuf, mulʼata sana ifa godhii gabatee irratti barreessi.
3 Gama ru’uyar tana jiran ƙayyadadden lokaci; tana zancen ƙarshe kuma ba za tă zama ƙarya ba. Ko da ka ga kamar tana jinkiri, ka jira ta; lalle za tă zo, ba za tă makara ba.
Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii; inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu. Yoo tures isa eegi; inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
4 “Duba, abokin gāba ya cika da ɗaga kai; sha’awarsa ba daidai ba ce, amma mai adalci zai rayu ta wurin bangaskiyarsa,
“Kunoo inni of bokokseera; hawwiin isaas sirrii miti; namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;
5 ba shakka, ruwan inabi ya yaudare shi; yana fariya kuma ba ya hutu. Domin shi mai haɗama ne kamar kabari kuma kamar mutuwa, ba ya ƙoshi; yakan tattara dukan al’ummai wa kansa yana kuma kama dukan mutane su zama kamammu. (Sheol h7585)
dhugumaan inni daadhii wayiniitiin ni gowwoomfama; of tuula; boqonnaas hin qabu. Inni akkuma siiʼool sassata; akka duʼaas kan hin quufnee dha. Inni saboota hunda walitti qabata; uummata hundas boojiʼee fudhata. (Sheol h7585)
6 “Dukansu ba za su yi masa tsiya, suna yin masa ba’a da dariya ba, suna cewa, “‘Kaito ga wannan wanda ya tara wa kansa kayan sata ya kuma wadatar da kansa da kayan ƙwace! Har yaushe wannan abu zai ci gaba?’
“Isaan hundi isa tuffatanii itti kolfaa, “‘Nama miʼa hatame tuullatee saamichaan of sooromsuuf wayyoo! Wanni kun hamma yoomiitti itti fufa’ jedhanii itti hin qoosanii?
7 Masu binka bashi ba za su taso maka nan da nan ba? Ba za su farka su sa ka fargaba ba? Ta haka ka zama ganima a gare su.
Warri liqii sirraa qaban akkuma tasaa sitti hin kaʼanii? Isaan kaʼanii si hin hollachiisanii? Ergasii ati harka isaanii jala galta.
8 Domin ka washe al’ummai masu yawa, mutanen da suka rage za su washe ka. Domin ka zub da jinin mutane; ka hallaka ƙasashe, da birane, da kuma kowa da yake cikinsu.
Sababii ati saba hedduu saamteef namoonni hafan si saamu. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
9 “Kaito ga wanda ya gina masarautarsa da ƙazamar riba don yă kafa sheƙarsa can bisa, don yă tsere wa zama kango!
“Nama buʼaa hin malleen mana ijaarratu kan badiisa jalaa baʼuuf jedhee lafa ol kaʼaa irratti iddoo jireenyaa tolfatuuf wayyoo!
10 Ka ƙulla lalacin mutane masu yawa, ta haka ka kunyatar da gidanka ka kuma hallaka ranka.
Ati lubbuu nama baayʼee galaafachuudhaaf, waan nama qaanessu mana keetti malattee lubbuu keetti badiisa fidde.
11 Duwatsun katanga za su yi kuka, ginshiƙan katako kuma za su amsa.
Dhagaawwan keenyan keessaa iyyu; demdemoon mukaas jalaa qaba.
12 “Kaiton mutumin da ya gina birni da jinin da ya zubar ya kuma kafa gari ta wurin mugun aiki!
“Nama dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf, kan yakkaan magaalaa hundeessuuf wayyoo!
13 Ba Ubangiji Maɗaukaki ne ya ƙudura cewa wahalar mutane ta zama mai kawai don wuta ba, cewa al’ummai su gajiyar da kansu a banza ba?
Akka dadhabbiin namaa akkuma qoraan ibiddaa taʼe, akka saboonnis akkasumaan of dadhabsiisan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu murteesseera mitii?
14 Gama duniya za tă cika da sanin ɗaukakar Ubangiji, yadda ruwaye suka rufe teku.
Akkuma bishaan galaana guutu sana lafti ulfina Waaqayyoon beekuutiin guutamtiitii.
15 “Kaito wanda ya ba wa maƙwabtansa abin sha, yana ta zubawa daga salkan ruwan inabi har sai sun bugu, don dai yă ga tsiraicinsu.
“Nama qullaa dhagna ollaa isaa ilaaluuf jedhee hamma inni machaaʼutti qalqalloo keessaa daadhii wayinii isaaf buusuuf wayyoo.
16 Za ka cika da kunya a maimakon ɗaukaka. Yanzu lokacinka ne! Kai ma ka sha, a kuma tone asirinka! Gama kwaf na hannun daman Ubangiji yana zuwa kewaye da kai, abin kunya kuma zai rufe darajarka.
Ati qooda ulfinaa qaaniidhaan guutamta. Amma dabareen kan kee ti! Akka qullaan kee mulʼatuuf dhugi. Xoofoon mirga Waaqayyoo sitti garagala; salphinnis ulfina kee haguuga.
17 Ɓarnar da ka yi wa Lebanon zai komo kanka, kuma hallakar dabbobin da ka yi zai sa dabbobi su tsorata ka. Gama ka zub da jinin mutum; ka hallaka ƙasashe, da birane, da kuma kowa da yake cikinsu.
Fincilli ati Libaanoonitti hojjete si liqimsa; horii fixuun kee si rifachiisa. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
18 “Ina amfanin gunki da mutum ne ya sassaƙa? Ko siffar da take koyar da ƙarya? Gama wanda ya yi shi yana dogara ne ga halittarsa; ya yi gumakan da ba sa magana.
“Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba? Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii; inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha.
19 Kaito wanda ya ce da katako, ‘Rayu!’ Ko kuwa dutse marar rai, ‘Farka!’ Zai iya bishewa ne? An dalaye shi da zinariya da azurfa; ba numfashi a cikinsa.”
Nama mukaan, ‘Dammaqi!’ yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo. Inni barsiisuu ni dandaʼaa? Kunoo inni warqee fi meetii dibameera; hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru.”
20 Amma Ubangiji yana a cikin haikalinsa mai tsarki; bari dukan duniya tă yi shiru a gabansa.
Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu.

< Habakkuk 2 >