< Farawa 50 >
1 Yusuf kuwa ya fāɗa a kan mahaifinsa, ya yi kuka a kansa, ya kuma sumbace shi.
Yoosefis abbaa isaa irratti kufee booʼeef; isa dhungates.
2 Sa’an nan Yusuf ya umarci masu maganin da suke yin masa hidima, su shafe mahaifinsa Isra’ila da maganin hana ruɓa. Saboda haka masu maganin suka shafe shi da maganin hana ruɓa.
Ergasii immoo Yoosef tajaajiltoota isaa kanneen ogeessota fayyaa taʼan akka isaan reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuuman ajaje; jarris reeffa Israaʼel qorichaan sukkuuman;
3 Suka ɗauki kwana arba’in cif suna yin wannan, gama kwanakin da ake bukata ke nan don shafewa da maganin hana ruɓa. Masarawa kuwa suka yi makoki dominsa kwana saba’in.
waan kana gochuun bultii afurtama guutuu isaanitti fudhate; yeroon qoricha reeffa dibuuf barbaachisu kana tureetii. Warri Gibxiis bultii torbaatama isaaf booʼan.
4 Sa’ad da kwanakin makoki suka wuce, sai Yusuf ya ce wa iyalin gidan Fir’auna, “In na sami tagomashi a idanunku, ku yi magana da Fir’auna domina. Ku faɗa masa,
Guyyoonni gaddaa darbinaan Yoosef warra mana Faraʼoon jiraataniin akkana jedhe; “Yoo ani fuula keessan duratti fudhatama argadheera taʼe, akkana jedhaatii Faraʼoonitti naa himaa:
5 ‘Mahaifina ya sa na yi rantsuwa, ya kuma ce, “Ina gab da mutuwa, ka binne ni a kabarin da na haƙa wa kaina a ƙasar Kan’ana.” Yanzu fa bari in haura in binne mahaifina, sa’an nan in dawo.’”
‘Abbaan koo akkana jedhee na kakachiiseera; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; awwaala ani biyya Kanaʼaan keessatti ofii kootiif qotadhetti na awwaalaa.” Kanaafuu maaloo ani amma dhaqee abbaa koo nan awwaalladha; ergasii immoo nan deebiʼa.’”
6 Fir’auna ya ce, “Haura ka binne mahaifinka, kamar yadda ya sa ka rantse za ka yi.”
Faraʼoonis, “Dhaqiitii akkuma inni si kakachiise sanatti abbaa kee awwaalladhu” jedheen.
7 Saboda haka Yusuf ya haura don yă binne mahaifinsa. Dukan hafsoshin Fir’auna suka yi masa rakiya tare da manyan mutanen gidan Fir’auna, da kuma dukan manyan mutanen Masar
Yoosefis abbaa isaa awwaallachuu dhaqe. Qondaaltonni Faraʼoon hundinuu hangafoonni mana isaatii fi hangafoonni Gibxi hundi isa wajjin deeman.
8 da kuma dukan membobin gidan Yusuf, da’yan’uwansa da kuma waɗanda suke na gidan mahaifinsa. Yara kaɗai da garkunansu da kuma shanunsu ne aka bari a Goshen.
Akkasumas warri mana Yoosef jiraatan, obboloota isaatii fi warri mana abbaa isaa jiraatan hundi isa wajjin deeman. Ijoollee isaanii, bushaayee isaaniitii fi loon isaanii qofattu, Gooshenitti hafe.
9 Kekunan yaƙi da mahayan dawakai su ma suka haura tare da shi. Babbar ƙungiya jama’a ce ƙwarai.
Gaariiwwanii fi warri farda yaabbatanis isa wajjin deeman. Tuunni sunis akka malee guddaa ture.
10 Sa’ad da suka kai masussukar Atad, kusa da Urdun, sai suka yi kuka da ƙarfi da kuma mai zafi, a can Yusuf ya yi makoki kwana bakwai saboda mahaifinsa.
Isaanis yommuu Yordaanos gama oobdii Axaad bira gaʼanitti sagalee isaanii ol fudhatanii gadoodanii booʼan. Yoosefis achitti abbaa isaatiif guyyaa torba booʼe.
11 Sa’ad da Kan’aniyawa waɗanda suke zama a can suka ga makokin a masussukan Atad, sai suka ce, “Masarawa suna bikin makoki na musamman.” Shi ya sa ake kira wannan wurin da yake kusa da Urdun, Abel-Mizrayim.
Namoonni Kanaʼaan warri achi jiraachaa turan booʼicha oobdii Axaad biratti booʼame sana arganii, “Booʼichi kun warra Gibxiitiif booʼicha guddaa dha” jedhan. Kanaafuu iddoon sun Abeel Misraayim jedhamee moggaafame. Iddoon sunis Yordaanos gamatti argama.
12 Haka fa’ya’yan Yaƙub maza suka yi yadda ya umarce su.
Ilmaan Yaaqoob akkuma inni isaan ajaje sana godhan;
13 Suka ɗauke shi zuwa ƙasar Kan’ana suka kuma binne shi a kogon da yake cikin filin Makfela, kusa da Mamre, wanda Ibrahim ya saya tare da filin, ya zama makabarta daga Efron mutumin Hitti.
isaanis biyya Kanaʼaanitti isa geessanii holqa Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuudhaaf Efroon namicha gosa Heeti sana irra lafa qotiisaa wajjin bitate sanatti awwaalan.
14 Bayan ya binne mahaifinsa, sai Yusuf ya koma Masar, tare da’yan’uwansa da kuma dukan waɗanda suka tafi tare da shi don binne mahaifinsa.
Yoosef erga abbaa isaa awwaallatee booddee obboloota isaatii fi warra isa wajjin abbaa isaa awwaaluu dhaqan hunda wajjin Gibxitti deebiʼe.
15 Sa’ad da’yan’uwan Yusuf suka ga cewa mahaifinsu ya mutu, sai suka ce, “Mai yiwuwa Yusuf yana riƙe da mu a zuciya, wataƙila zai rama dukan abubuwa marasa kyau da muka yi masa?”
Obboloonni Yoosef erga abbaan isaanii duʼee booddee, “Yoo Yoosef hamaa nu isatti hojjennee hundaaf haaloo qabatee haaloo nutti baʼe hoo?” jedhan.
16 Saboda haka suka aika wa Yusuf suna cewa, “Mahaifinka ya bar waɗannan umarnai kafin yă rasu.
Isaanis akkana jedhanii Yoosefitti dhaammatan; “Abbaan kee utuu hin duʼin dura akkana jedhee ajaje;
17 Ga abin da za ku ce wa Yusuf, ‘Na roƙe ka, ka gafarta wa’yan’uwanka zunubai da laifofin da suka aikata na abubuwa marasa kyau da suka yi maka.’ Yanzu muna roƙonka ka gafarta zunuban bayin Allah na mahaifinka.” Sa’ad da saƙonsu ya zo masa, sai Yusuf ya yi kuka.
‘Isin akkana jedhaa Yoosefitti himaa; ani akka ati cubbuu fi balleessaa obboloonni kee si miidhuuf jedhanii sitti hojjetan sana isaanii dhiiftu sin kadhadha.’ Maaloo cubbuu tajaajiltoota Waaqa abbaa keetii dhiisi.” Yoosefis yommuu ergaa isaanii dhagaʼetti ni booʼe.
18 ’Yan’uwansa kuwa suka zo suka fāɗi a gabansa suka ce, “Mu bayinka ne.”
Obboloonni isaas dhufanii fuula isaa duratti lafa dhaʼanii, “Kunoo nu garboota kee ti” jedhan.
19 Amma Yusuf ya ce musu, “Kada ku ji tsoro. Ni Allah ne?
Yoosef garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Anatu iddoo Waaqaa buʼaa?
20 Kun yi niyya ku yi mini lahani, amma Allah ya nufe wannan ya zama alheri don yă cika abin da yanzu yake faruwa, ceton rayuka masu yawa.
Isin hamaa natti yaaddan; Waaqni garuu akkuma amma taʼee jiru kana lubbuu nama baayʼee baraaruuf jedhee waan gaariif yaade.
21 Saboda haka, kada ku ji tsoro. Zan tanada muku da kuma’ya’yanku.” Ya sāke tabbatar musu, ya kuma yi musu magana ta alheri.
Egaa hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan nan sooraatii.” Innis waan garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee isaan jajjabeesse.
22 Yusuf ya zauna a Masar tare da dukan iyalin mahaifinsa. Ya rayu shekara ɗari da goma.
Yoosef maatii abbaa isaa wajjin Gibxi keessa ture. Innis waggaa dhibba tokkoo fi kudhan jiraate.
23 Ya kuma ga tsara ta uku ta’ya’yan Efraim. Haka ma’ya’yan Makir ɗan Manasse, an haife su aka sa a gwiwoyin Yusuf.
Dhaloota sadaffaa ijoollee Efreem arge. Akkasumas ilmaan Maakiir ilma Minaasee jilba Yoosef irratti dhalatan.
24 Sai Yusuf ya ce wa’yan’uwansa, “Ina gab da mutuwa. Amma tabbatacce Allah zai taimake ku, yă fid da ku daga wannan ƙasa zuwa ƙasar da ya alkawarta da rantsuwa wa Ibrahim, Ishaku da kuma Yaƙub.”
Yoosefis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Ani duʼuu gaʼeera. Waaqni garuu dhugumaan dhufee isin gargaara; biyya kanaa isin baasees gara biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakuun waadaa gale sanaatti isin geessa.”
25 Yusuf kuwa ya sa’ya’yan Isra’ila maza suka yi rantsuwa, ya kuma ce, “Tabbatacce Allah zai taimake ku, ku kuma dole ku ɗauki ƙasusuwana, ku haura da su daga wannan wuri.”
Yoosefis ijoollee Israaʼel kakachiisee akkana jedheen; “Waaqni dhugumaan dhufee isin gargaara; isinis lafee koo biyya kanaa ol baasuu qabdu.”
26 Yusuf kuwa ya rasu yana da shekara ɗari da goma. Bayan an shafe shi da maganin hana ruɓa, sai aka sa shi a akwatin gawa a Masar.
Yoosefis waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. Jarris qorichaan sukkuumanii Gibxitti sanduuqa reeffaa keessa isa kaaʼan.