< Farawa 41 >
1 Bayan shekaru biyu cif, Fir’auna ya yi mafarki. A mafarkin, ya ga yana tsaye kusa da Nilu,
Erga waggaan lama guutuun darbee booddee Faraʼoon abjuu tokko abjoote. Kunoo inni qarqara laga Abbayyaa dhaabachaa ture.
2 sai ga shanu bakwai masu ƙiba mulmul, suka fito daga kogin, suna kiwo a cikin kyauro.
Kunoo, saawwan babbareedoo fi gagabbatoon torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼan; isaanis shambaqqoo keessa dheedaa turan.
3 Bayansu, sai ga waɗansu shanu bakwai, munana, ramammu, suka fito daga Nilu, suka tsaya kusa da waɗancan masu ƙiban, a bakin kogin.
Ammas kunoo, saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon kanneen biraa torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼanii saawwan ededa lagaa turan sana bira dhadhaabatan.
4 Shanun nan da suke munana ramammu, suka cinye shanu bakwai nan masu ƙiba mulmul. Sai Fir’auna ya farka.
Saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon sunis saawwan babbareedoo fi gagabbatoo torban sana nyaatan. Faraʼoonis hirribaa dammaqe.
5 Ya sāke yin barci, sai ya yi mafarki na biyu; ya ga kawuna bakwai na dawa, ƙosassu masu kyau, suka yi girma a kara guda.
Ammas deebiʼee rafee abjuu lammaffaa abjoote; kunoo mataan midhaanii torba misee tolee somaa tokko irratti guddachaa ture.
6 Bayansu, sai ga waɗansu kawuna bakwai na dawa, suka fito sirara waɗanda iskar gabas ta sa suka yanƙwane.
Ergasii immoo kunoo mataan midhaan qaqancaroo hobombolettii baʼaa biiftuutiin gubatanii torba biraa bibbiqilan.
7 Siraran dawan suka haɗiye kawuna bakwai nan ƙosassu masu kyau. Sai Fir’auna ya farka, ashe, mafarki ne.
Mataan midhaan qaqancaroo sanaas mataa misee tole torban sana lilliqimse; Faraʼoonis hirribaa dammaqe; kunoo wanni sunis abjuu ture.
8 Da safe sai hankalinsa ya tashi, saboda haka sai ya aika a kawo dukan masu duba da masu hikima na Masar. Fir’auna ya faɗa musu mafarkansa, amma babu wanda ya iya ba shi fassararsu.
Ganama sana yaadni isaa ni jeeqame; inni nama ergee tolfattootaa fi beektota Gibxi hunda waamsifate. Faraʼoonis abjuu isaa isaanitti hime; garuu namni abjuu sana isaaf hiikuu dandaʼu tokko illee hin argamne.
9 Sai shugaban masu shayarwa ya ce wa Fir’auna, “Yau an tuna mini da kāsawata.
Ergasii itti gaafatamaan dhugaatii sun Faraʼooniin akkana jedhe; “Ani harʼa balleessaa koo yaadadheera.
10 Sai ya ci gaba ya ce, Fir’auna ya taɓa husata da bayinsa, ya kuma jefa ni da shugaban masu tuya a cikin kurkuku a gidan shugaban masu tsaro.
Yeroo tokko Faraʼoon tajaajiltoota isaatti aaree anaa fi itti gaafatamaa buddeenaa sana mana ajajaa waardiyyaa keessatti hidhe.
11 Kowannenmu ya yi mafarki a wani dare, kowane mafarki kuma ya kasance da ma’anarsa.
Tokkoon tokkoon keenya halkanuma tokkoon abjuu abjoonne; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture.
12 To, wani saurayi, mutumin Ibraniyawa ya kasance a can tare da mu, bawan shugaban masu tsaro. Sai muka faɗa masa mafarkanmu, ya kuwa fassara mana su, yana ba wa kowane mutum fassarar mafarkinsa.
Ibrichi dargaggeessi tokko nu wajjin achi ture; innis tajaajilaa ajajaa eegumsaa ture. Nu abjuu keenya itti himannaan inni tokkoo tokkoo keenyaaf akkuma abjuu keenyaatti hiikkaa isaa nutti hime.
13 Abubuwan kuwa suka kasance daidai yadda ya fassara su gare mu; aka mai da ni a matsayina, ɗaya mutumin kuwa aka rataye shi.”
Akkuma inni nuu hiike sana taʼe; ani iddoo kootti nan deebiʼe; namichi kaanis ni fannifame.”
14 Sai Fir’auna ya aika a kawo Yusuf, aka kuwa kawo shi da sauri daga kurkuku. Sa’ad da ya yi aski, ya kuma canja tufafinsa, sai ya zo gaban Fir’auna.
Faraʼoonis nama ergee Yoosefin waamsise; boolla hidhaa keessaa baasaniis dafanii isa fidan. Innis haaddatee uffata isaas geeddarratee fuula Faraʼoon duratti dhiʼaate.
15 Fir’auna ya ce wa Yusuf, “Na yi mafarki, kuma babu wanda ya iya fassara shi. Amma na ji an ce sa’ad da ka ji mafarki, kana iya fassara shi.”
Faraʼoonis Yoosefiin, “Ani abjuu abjoodheen ture; garuu namni tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenye. Ani akka ati yeroo abjuu dhageessu hiikuu dandeessu dhagaʼeera” jedhe.
16 Yusuf ya amsa wa Fir’auna ya ce, “Ba ni ne da iyawar ba, Allah zai iya ba wa Fir’auna amsar da yake nema.”
Yoosef immoo, “Ani hiikuu hin dandaʼu; Waaqni garuu Faraʼooniif deebii nagaa ni kenna” jedhee Faraʼooniif deebise.
17 Sa’an nan Fir’auna ya ce wa Yusuf, “A cikin mafarkina, na ga ina tsaye a bakin Nilu,
Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Ani abjuu kootiin qarqara laga Abbayyaa irra dhaabachaan ture;
18 sai ga shanu bakwai masu ƙiba mulmul, suka fito daga kogin, suna kiwo a cikin kyauro.
Kunoo saawwan gagabbatoo fi babbareedoon torba lagicha keessaa ol baʼanii shambaqqoo keessa dheedaa turan.
19 Bayansu kuma, sai ga waɗansu shanu bakwai suka fito ƙanjamammu, munana, ramammu. Ban taɓa ganin irin munanan shanu haka a cikin dukan ƙasar Masar ba.
Isaan duubaan immoo saawwan huhuqqatoo, baayʼee fofokkisoo fi qaqalloon biraa torba ol baʼan; ani takkumaa saawwan fofokkisoo akkanaa guutummaa biyya Gibxi keessatti hin argine.
20 Ramammun shanun nan munana, suka cinye shanun nan bakwai masu ƙiba da suka fito da fari.
Saawwan huhuqqatoo fi fofokkisoon sun saawwan gagabbatoo duraan ol baʼan torban sana nyaatan.
21 Amma ko bayan da suka cinye su, babu wanda zai iya faɗa cewa sun yi haka; suna nan dai munana kamar yadda suke a dā. Sai na farka.
Garuu erga isaan nyaatanii booddee namni tokko illee akka isaan saawwan sana nyaatan beekuu hin dandeenye; isaan akkuma utuu hin nyaatiniin dura turan sana fofokkisoo turaniitii. Anis hirribaa nan dammaqe.
22 “Har yanzu kuma, a cikin mafarkina na ga kawuna bakwai na dawa ƙosassu masu kyau, suna girma a kara guda.
“Akkasumas ani abjuu kootiin mataa midhaanii torba kan misee fi gaggaarii somaa tokko irratti guddachaa jiru nan arge.
23 Bayansu, sai ga waɗansu kawuna bakwai suka fito, yanƙwananne sirara waɗanda iskar gabas ta yanƙwane.
Isaan duubaanis kunoo mataan midhaanii cocoollagaan, qaqallaan kan hobombolettii baʼa biiftuutiin gubate torba ol baʼe.
24 Siraran kawunan dawan nan suka haɗiye kawuna bakwai nan masu kyau. Na faɗa wannan wa masu duba, amma ba wanda ya iya fassara mini shi.”
Mataawwan midhaanii qaqalʼaan sun mataa midhaanii gaggaarii torban sana liqimsan; anis waan kana tolchitootatti nan hime; garuu namni tokko iyyuu naa ibsuu hin dandeenye.”
25 Sai Yusuf ya ce wa Fir’auna, “Mafarkan Fir’auna, ɗaya ne. Allah ya bayyana wa Fir’auna abin da yake shirin yi.
Yoosef immoo Faraʼooniin akkana jedhe; “Abjuun Faraʼoon lamaanuu tokkuma. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti mulʼiseera.
26 Shanu masu kyau nan, shekaru bakwai ne, kawunan dawa bakwai ƙosassun nan kuwa shekaru bakwai ne; mafarkan iri ɗaya ne.
Saawwan babbareedoon torba waggaa torba; mataawwan midhaanii gaggaarii torbas waggaa torba; abjuun sun tokkuma.
27 Shanun nan ramammu, munana, da suka zo daga baya, shekaru bakwai ne, haka ma kawuna dawan nan shanyayyu da iskar gabas ta yanƙwane. Shekaru ne bakwai na yunwa.
Saawwan qaqalloo fi fofokkisoon torban duubaan ol baʼanis waggaa torba; mataawwan midhaanii qaqancaroon hobombolettii baʼa biiftuutiin gubatan torban immoo waggoota beelaa torba.
28 “Haka yake kamar yadda na faɗa wa Fir’auna cewa Allah ya nuna wa Fir’auna abin da yake shirin yi.
“Wanni kun akkuma ani Faraʼoonitti himee dha. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti argisiiseera.
29 Shekaru bakwai na yalwar abinci suna zuwa a dukan ƙasar Masar,
Barri quufaa guddaan isaa torba biyya Gibxi guutuutti ni dhufa;
30 amma shekaru bakwai na yunwa za su biyo bayansu. Tsananin yunwar za tă sa a manta da dukan isashen abincin da aka samu a ƙasar Masar, yunwa kuwa za tă rufe dukan ƙasar.
isaan booddeedhaan garuu waggoonni beelaa torba ni dhufu. Quufni biyya Gibxi hundi ni irraanfatama; beelli sunis biyya balleessa.
31 Ba za a tuna da isashen abincin da aka samu a ƙasar ba, domin yunwar da za tă biyo baya za tă zama da tsanani ƙwarai.
Waan beelli duubaan dhufu sun baayʼee hamaa taʼuuf quufni biyyattii hin yaadatamu.
32 Dalilin da aka ba wa Fir’auna mafarkan nan kashi biyu kuwa shi ne cewa Allah ya riga ya ƙaddara al’amarin. Allah zai aikata shi, ba da daɗewa ba.
Abjuun kun bifa lamaan Faraʼoonitti kennamuun isaa waan dubbichi Waaqaan murteeffameef dha; Waaqnis waan kana dafee ni raawwata.
33 “Yanzu fa, bari Fir’auna yă nemi mutum mai basira da kuma hikima, yă sa shi yă shugabanci ƙasar Masar.
“Kanaafuu Faraʼoon nama hubataa fi beekaa tokko filatee biyya Gibxi irratti haa muudu.
34 Bari Fir’auna yă naɗa komishinoni a kan ƙasar don su karɓi kashi ɗaya bisa biyar na girbin Masar a lokacin shekaru bakwai na yalwar abinci.
Faraʼoon akka isaan waggoota quufaa torban keessa midhaan biyya Gibxiitii galfamu harka shan keessaa harka tokko walitti qabaniif qondaaltota biyya irratti haa muudu.
35 Ya kamata su tara dukan abincin waɗannan shekaru masu kyau da suke zuwa, su yi ajiyar hatsin a ƙarƙashin ikon Fir’auna, don a ajiye a birane don abinci.
Isaanis waggoota gaarii dhufuuf jiran kana keessa midhaan hunda walitti haa qaban; akka nyaataaf taʼuufis midhaan kana taayitaa Faraʼoon jalatti magaalaawwan keessatti haa kuusan; haa eeganis.
36 Ya kamata a adana abincin nan don ƙasar, kāriya shekaru bakwai na yunwa, domin a yi amfani da shi a lokacin shekarun yunwan da za su zo wa Masar, saboda kada ƙasar ta lalace da yunwa.”
Midhaan kunis akka biyyattiin beelaan hin badneef waggoota beelaa torban Gibxitti dhufuuf jiru keessa akka fayyaduuf biyyattiidhaaf ol haa kaaʼamu.”
37 Shirin ya yi wa Fir’auna da kuma dukan hafsoshinsa kyau.
Dubbichis Faraʼoonii fi qondaaltota isaa hunda biratti gaarii ture.
38 Saboda haka Fir’auna ya tambaye su, “Za mu iya samun wani kamar wannan mutum, wannan wanda Ruhun Allah yake cikinsa?”
Faraʼoonis, “Nama akka namicha kanaa kan Hafuurri Waaqaa keessa jiru argachuu dandeenyaa ree?” jedhee isaan gaafate.
39 Sai Fir’auna ya ce wa Yusuf, “Da yake Allah ya ba ka sanin dukan waɗannan, babu wani mai basira da kuma hikima kamar ka.
Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Erga Waaqni waan kana hunda sitti mulʼise, namni akka kee hubataa fi beekaa taʼe tokko iyyuu hin jiru.
40 Za ka shugabanci fadata, kuma dukan mutanena za su zama a ƙarƙashinka. Da sarauta kaɗai zan fi ka girma.”
Ati masaraa koo irratti itti gaafatamaa taata; sabni koo hundinuus ajaja kee jalatti bula. Ani ulfina teessoo qofaan si caala.”
41 Saboda haka Fir’auna ya ce wa Yusuf, “Ga shi na sa ka zama shugaban dukan ƙasar Masar.”
Faraʼoonis Yoosefiin, “Ilaa, ani biyya Gibxi hunda irratti si muudeera” jedhe.
42 Sa’an nan Fir’auna ya zare zoben sarauta daga yatsarsa, ya sa shi a yatsan Yusuf. Ya sanya masa rigar lallausan lilin, ya kuma sa masa sarƙar zinariya a wuyansa.
Ergasii Faraʼoon qubeelaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoosefitti kaaʼe. Uffata quncee talbaa haphii irraa hojjetame isatti uffise; amartii warqee morma isaatti kaaʼe.
43 Ya sa shi ya hau keken yaƙi a matsayi mai binsa na biyu, mutane kuwa suka yi shela a gabansa suna cewa, “A ba da hanya!” Ta haka ya sa shi shugaba a kan dukan ƙasar Masar.
Innis gaarii isaa isa lammaffaa irra isa teessise; namoonnis, “Sagadaa!” jechaa fuula isaa dura deemanii iyyaa turan; akkanaan Faraʼoon biyya Gibxi hunda irratti isa muude.
44 Sa’an nan Fir’auna ya ce wa Yusuf, “Ni ne Fir’auna, amma in ba tare da umarninka ba, ba wanda zai ɗaga hannu ko ƙafa a cikin dukan Masar.”
Ergasiis Faraʼoon Yoosefiin, “Ani Faraʼoonii dha; garuu ajaja kee malee namni guutummaa Gibxi harka isaa yookaan miilla isaa sochoosu tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
45 Fir’auna ya ba wa Yusuf suna Zafenat-Faneya, ya kuma ba shi Asenat’yar Fotifera firist na On, ta zama matarsa. Yusuf kuwa ya zaga dukan ƙasar Masar.
Faraʼoonis Yoosefiif maqaa Zaafenaat-Phaneʼaa jedhamu baase; intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni kan Aasenati jedhamtu illee itti heerumsiise. Yoosefis biyya Gibxi hunda keessa naannaʼe.
46 Yusuf yana zuwa shekara talatin sa’ad da ya shiga hidimar Fir’auna sarkin Masar. Yusuf kuwa ya fita daga gaban Fir’auna, ya zaga ko’ina a Masar.
Yoosef yeroo tajaajila Faraʼoon mooticha Gibxi jalqabetti nama waggaa soddomaa ture; innis fuula Faraʼoon duraa baʼee deemee biyya Gibxi hunda keessa nanaannaʼe.
47 A shekaru bakwai na yalwa, ƙasar ta ba da amfani mai yawa.
Waggoota quufaa torban sana keessa lafti midhaan akka malee baayʼatu kennite.
48 Yusuf ya tattara dukan abincin da aka samu a waɗannan shekaru bakwai na yalwa a Masar, ya kuma yi ajiyarsu a cikin birane. A kowane birni, ya sa abincin da aka nome a kewayensa.
Yoosefis midhaan waggoota torban sana keessa Gibxii galfame hunda walitti qabee magaalaawwan keessatti kuuse. Midhaan lafa qotiisaa naannoo magaalaas tokkoo tokkoo magaalaa sanaa keessatti kuuse.
49 Sai Yusuf ya tara hatsi da yawan gaske, kamar yashi a bakin teku, har sai da ya kāsa iya auna shi, gama ba a iya aunawa.
Yoosefis midhaan baayʼinni isaa guddaa akka cirracha galaanaa taʼe kuuse. Waan midhaan sun safaramuu hin dandaʼaminiif inni safaruu dhiise.
50 Kafin shekarun yunwa su zo, Asenat’yar Fotifera, firist na On, ta haifa wa Yusuf’ya’ya maza biyu.
Yoosef utuu waggoonni beelaa sun hin dhufin dura Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni irraa ilmaan lama dhalche.
51 Yusuf ya ba wa ɗansa na fari suna Manasse ya ce, “Gama Allah ya sa na mance dukan wahalata da dukan gidan mahaifina.”
Yoosefis, “Waaqni rakkina koo hundaa fi mana abbaa koo hunda na irraanfachiiseera” jedhee maqaa ilma isaa hangaftichaa Minaasee jedhee moggaase.
52 Ya ba wa ɗansa na biyu suna Efraim ya ce, “Gama Allah ya wadata ni cikin wahalata.”
“Waaqni biyya ani itti rakkadhe keessatti na baayʼiseera” jedhee ilma isaa isa lammaffaa immoo Efreem jedhee moggaase.
53 Shekaru bakwai na yalwa a Masar suka zo ga ƙarshe,
Gibxi keessatti waggoonni quufaa torban sun darbee,
54 sai shekaru bakwai na yunwa suka soma shigowa, kamar yadda Yusuf ya faɗa. Aka yi yunwa ko’ina amma ban da ƙasar Masar. Don akwai abinci.
akkuma Yoosef dubbate sana waggoonni beelaa torba jalqabe. Biyyoota biraa hunda keessa beelatu ture; biyya Gibxi guutuu keessa garuu midhaanitu ture.
55 Sa’ad da dukan Masar ta fara jin yunwa, sai mutane suka yi wa Fir’auna kuka don abinci. Sai Fir’auna ya ce wa dukan Masarawa, “Ku tafi wurin Yusuf, ku kuma yi abin da ya faɗa muku.”
Yeroo Gibxi guutuun beelaʼuu jalqabetti namoonni midhaan barbaadanii Faraʼoonitti iyyatan; Faraʼoon immoo warra Gibxi hundumaan, “Yoosef bira dhaqaatii waan inni isinitti himu godhaa” jedhe.
56 Sa’ad da yunwa ta bazu a dukan ƙasar, sai Yusuf ya buɗe gidajen ajiya, ya kuma sayar da hatsi ga Masarawa, gama yunwa ta yi tsanani a dukan Masar.
Beelli guutuummaa biyyattii keessa babalʼannaan Yoosef mankuusaalee hundumaa banee namoota Gibxitti midhaan gurgure; beelli Gibxi hunda keessatti hammaatee tureetii.
57 Dukan ƙasashe kuwa suka zo Masar don saya hatsi daga Yusuf, gama yunwa ta yi tsanani a dukan duniya.
Waan guutuu addunyaa irratti beelli hammaateef biyyoonni hundinuu Yoosef irraa midhaan bitachuuf gara Gibxi dhufaa turan.