< Farawa 27 >
1 Sa’ad da Ishaku ya tsufa idanunsa suka raunana har ba ya iya gani, sai ya kira Isuwa babban ɗansa ya ce masa, “Ɗana.” Isuwa kuwa ya amsa, ya ce “Ga ni.”
Yisihaaq dulloomee yeroo iji isaa arguu dadhabetti ilma isaa hangafa Esaawun ofitti waamee, “Yaa ilma koo” jedheen. Innis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
2 Ishaku ya ce, “Yanzu na tsufa kuma ban san ranar mutuwata ba.
Yisihaaq akkana jedhe; “Kunoo, ani dulloomeera; guyyaa duʼa koo hin beeku.
3 Saboda haka yanzu, ka ɗauki makamanka, kwari da bakanka, ka tafi jeji ka farauto mini nama.
Kanaafuu maaloo miʼa adamoo keetii jechuunis korojoo xiyya keetii fi iddaa kee qabadhuutii gara dirreetti baʼiitii bineensa naa adamsi.
4 Ka shirya mini irin abinci mai daɗin da nake so, ka kawo mini in ci, domin in sa maka albarka kafin in mutu.”
Akka ani utuun hin duʼiniin dura si eebbisuuf, nyaata miʼaawaa gosa ani jaalladhu naa qopheessiitii akka ani nyaadhuuf naa dhiʼeessi.”
5 Ashe, Rebeka tana ji sa’ad da Ishaku ya yi wa ɗansa Isuwa magana. Da Isuwa ya tafi jeji don yă farauto nama yă kawo,
Yommuu Yisihaaq ilma isaa Esaawutti dubbatetti Ribqaan ni dhaggeeffatti turte. Yeroo Esaawu bineensa adamsee fiduuf gara dirreetti gad baʼetti,
6 sai Rebeka ta ce wa ɗanta Yaƙub, “Ka ji nan, na ji mahaifinka ya ce wa ɗan’uwanka Isuwa,
Ribqaan ilma ishee Yaaqoobiin akkana jette; “Kunoo, ani utuu abbaan kee obboleessa kee Esaawutti dubbatuu dhagaʼeera;
7 ‘Kawo mini nama ka shirya mini abinci mai daɗi don in ci, in sa maka albarka a gaban Ubangiji kafin in mutu.’
innis, ‘Akka ani utuun hin duʼin fuula Waaqayyoo duratti si eebbisuuf bineensa adamsii fidiitii akka ani nyaadhuuf nyaata miʼaawu naa qopheessi’ jedheen.
8 Saboda haka ɗana, ka saurara da kyau ka kuma yi abin da na faɗa maka.
Egaa yaa ilma ko, akkuma ani si ajajutti dubbii koo dhagaʼi.
9 Je garke ka kawo mini awaki biyu kyawawa, domin in shirya abinci mai daɗi wa mahaifinka, kamar yadda dai yake so.
Ani akkan abbaa keetiif akkuma inni jaallatutti nyaata miʼaawaa qopheessuuf gara bushaayee dhaqiitii ilmoolee reʼee filatamoo lama naa fidi.
10 Sa’an nan ka kai wa mahaifinka yă ci, domin yă sa maka albarka kafin yă mutu.”
Akka inni nyaatee utuu hin duʼin si eebbisuuf abbaa keetiif nyaata dhiʼeessi.”
11 Yaƙub ya ce wa mahaifiyarsa Rebeka, “Amma ɗan’uwana Isuwa mutum ne mai gashi a jiki, ni kuma jikina sumul yake.
Yaaqoobis haadha isaa Ribqaadhaan akkana jedhe; “Kunoo, obboleessi koo Esaawu dabbasaaʼaa dha; ani garuu rifeensa hin qabu.
12 A ce baba ya tattaɓa ni fa? Zai zama kamar ina ruɗunsa ne, wannan fa zai jawo mini la’ana a maimakon albarka.”
Yoo abbaan koo na qaqqabatee waan ani isa gowwoomse seʼe, ani qooda eebbaa abaarsa ofitti nan fida.”
13 Mahaifiyarsa ta ce masa, “Ɗana, bari la’anar tă fāɗo a kaina. Kai dai yi abin da na faɗa, jeka ka kawo mini su.”
Haati isaa immoo, “Yaa ilma ko, abaarsi sun naaf haa taʼu; ati waanuma ani siin jedhe godhi; dhaqiitii reʼoota sana naa fidi” jetteen.
14 Sai ya tafi ya kamo su, ya kawo wa mahaifiyarsa, ta kuwa shirya abinci mai daɗi, yadda mahaifinsa yake so.
Innis dhaqee ilmoolee reʼootaa sana qabee haadha isaatiif fide; isheen immoo akkuma abbaan isaa jaallatutti nyaata miʼaawu qopheessiteef.
15 Sa’an nan Rebeka ta ɗauki riguna mafi kyau na Isuwa babban ɗanta, waɗanda take da su a gida ta sa wa ƙaramin ɗanta Yaƙub.
Ergasiis Ribqaan uffata Esaaw ilma ishee hangaftichaa kan ishee bira ture keessaa kan hunda irra bareedu fuutee Yaaqoob ilma ishee isa quxisuu sanatti uffifte.
16 Sai ta mamanne gashin awakin nan biyu a hannuwansa da bayan wuyarsa wanda ba gashi.
Harka isaatii fi morma isaa iddoo rifeensa hin qabnetti gogaa reʼootaa uffifte.
17 Sa’an nan ta ba wa ɗanta Yaƙub abinci mai daɗi da kuma burodin da ta yi.
Ergasiis nyaata miʼaawaa fi buddeena qopheessitee turte sana ilma ishee Yaaqoobitti kennite.
18 Shi kuwa ya tafi wurin mahaifinsa ya ce, “Babana.” Shi kuma ya amsa “I, ɗana, wane ne?”
Innis gara abbaa isaa dhaqee, “Yaa abbaa koo” jedhe. Innis, “Yaa ilma ko, kunoo asan jira; ati eenyu?” jedhee deebise.
19 Yaƙub ya ce wa mahaifinsa, “Ni ne Isuwa ɗan farinka. Na yi yadda ka faɗa mini. Ina roƙonka tashi ka zauna ka ci naman, domin ka sa mini albarkarka.”
Yaaqoobis abbaa isaatiin akkana jedhe; “Ani Esaawu ilma kee isa hangafticha; akkuma ati natti himte sana godheera; akka na eebbiftuuf mee ol jedhiitii waan ani adamsee fide nyaadhu.”
20 Ishaku ya tambayi ɗansa, “Yaya aka yi ka samo shi da sauri haka, ɗana?” Yaƙub ya amsa ya ce, “Ubangiji Allahnka ne ya ba ni nasara.”
Yisihaaq ilma isaatiin, “Yaa ilma ko, akkamitti akkana daftee argatte?” jedhe. Yaaqoob immoo, “Waaqayyo Waaqa keetu na milkoomse” jedhee deebise.
21 Sai Ishaku ya ce wa Yaƙub, “Zo kusa don in taɓa ka, ɗana, domin in sani ko tabbatacce kai ne ɗana Isuwa ko babu.”
Yisihaaqis Yaaqoobiin, “Akka ani si qaqqabadhee ilma koo Esaaw taʼuu fi taʼuu baachuu kee beekuuf mee as dhiʼaadhu” jedhe.
22 Yaƙub kuwa ya matsa kusa da mahaifinsa Ishaku, wanda ya tattaɓa shi, sa’an nan ya ce, “Muryan nan dai, muryar Yaƙub ce, amma hannuwan, hannuwan Isuwa ne.”
Yaaqoobis abbaa isaa Yisihaaqitti dhiʼaate; abbaan isaas isa qaqqabatee, “Sagaleen kun sagalee Yaaqoob; harki kun garuu harka Esaawu” jedhe.
23 Bai gane shi ba, gama hannuwansa suna da gashi kamar na ɗan’uwansa Isuwa, saboda haka ya albarkace shi.
Waan harki isaa akkuma harka Esaawu rifeensa qabuuf Yisihaaq gargar baasee isa beekuu hin dandeenye; kanaafuu isa eebbise.
24 Ya tambaya, “Tabbatacce kai ne ɗana Isuwa?” Ya amsa ya ce “Ni ne.”
Innis, “Ati dhugumaan ilma koo Esaawuu?” jedhee gaafate. Inni immoo, “Eeyyee ani isuma” jedhee deebise.
25 Sa’an nan ya ce, “Ɗana, kawo mini naman da ka farauto in ci, domin in sa maka albarka.” Yaƙub ya kawo masa ya kuwa ci; ya kuma kawo masa ruwan inabi ya kuma sha.
Yisihaaqis, “Yaa ilma ko, akka ani nyaadhee si eebbisuuf mee waan adamsitee fidde sana naa kenni” jedhe. Yaaqoob ni dhiʼeesseef; innis ni nyaate; daadhii wayiniis ni fideef; innis ni dhuge.
26 Sa’an nan mahaifinsa Ishaku ya ce masa, “Zo nan, ɗana ka sumbace ni.”
Abbaan isaa Yisihaaqis, “Yaa ilma koo as kottuu na dhungadhu” jedheen.
27 Saboda haka ya je gunsa ya sumbace shi. Sa’ad da Ishaku ya ji ƙanshin rigunansa, sai ya sa masa albarka ya ce, “Aha, ƙanshin ɗana yana kama da ƙanshin jejin da Ubangiji ya sa wa albarka ne.
Innis itti dhiʼaatee isa dhungate. Yisihaaqis foolii wayyaa isaa suufee isa eebbise; akkanas jedhe; “Ilaa, fooliin ilma koo, akkuma foolii lafa qotiisaa Waaqayyo eebbisee ti.
28 Allah yă ba ka daga raɓar sama da kuma yalwar ƙasa, yalwar hatsi da sabon ruwan inabi.
Waaqni fixeensa samii, lafa gabbataa, midhaanii fi wayinii akka malee baayʼatu siif haa kennu.
29 Bari al’ummai su bauta maka mutane kuma su rusuna maka. Ka zama shugaba a kan’yan’uwanka bari kuma’ya’yan mahaifiyarka su rusuna maka. Bari waɗanda suka la’anta ka, su la’antu; waɗanda kuma suka sa maka albarka, su sami albarka.”
Saboonni si haa tajaajilan; uummannis siif haa sagadan. Obboloota kee irratti gooftaa taʼi; ilmaan haadha keetiis siif haa sagadan. Warri si abaaran haa abaaraman; warri si eebbisan immoo haa eebbifaman.”
30 Bayan Ishaku ya gama sa masa albarka, Yaƙub yana fita daga mahaifinsa ke nan, sai ga ɗan’uwansa Isuwa ya dawo daga farauta.
Akkuma Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee fixee Yaaqoob immoo fuula abbaa isaa fuula Yisihaaq duraa gad baʼeen, obboleessi isaa Esaawu adamoodhaa dhufee ol gale.
31 Shi ma ya shirya abinci mai daɗi ya kawo wa mahaifinsa. Sa’an nan ya ce masa, “Babana, tashi ka zauna ka ci daga abin da na farauto, domin ka sa mini albarka.”
Innis nyaata miʼaawaa qopheessee abbaa isaatiif fide; abbaa isaatiinis, “Yaa abbaa ko, ati akka na eebbiftuuf ol jedhiitii waan ani ilmi kee adamsee fide nyaadhu” jedhe.
32 Mahaifinsa Ishaku ya tambaye shi, “Wane ne kai?” Ya amsa, “Ni ne ɗanka, ɗan farinka, Isuwa.”
Abbaan isaa Yisihaaqis, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani ilma kee Esaawu hangafticha” jedhe.
33 Ishaku ya yi makyarkyata ƙwarai ya ce, “To, wane ne wannan da ya farauto nama ya kawo mini kafin ka zo, har na ci na kuma sa masa albarka? Tabbatacce zai zama mai albarka!”
Yommus Yisihaaq akka malee hollachaa, “Yoos namni waa adamsee naa fide eenyu ree? Ani utuu ati hin dhufin hunduma isaa nyaadheen isa eebbise; inni dhugumaan ni eebbifama!” jedhe.
34 Sa’ad da Isuwa ya ji kalmomin mahaifinsa, sai ya fashe da kuka mai zafi kuma da ƙarfi, ya ce wa mahaifinsa, “Ka albarkace ni, ni ma, baba!”
Esaawu yommuu waan abbaan isaa dubbate dhagaʼetti, abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhee sagalee ol fudhatee hiqqifatee booʼe.
35 Amma ya ce, “Ɗan’uwanka ya zo da makirci ya karɓi albarkarka.”
Yisihaaq garuu, “Obboleessi kee haxxummaadhaan dhufee eebba kee fudhateera” jedhe.
36 Isuwa ya ce, “Ba saboda haka ne aka raɗa masa suna Yaƙub ba? Ya yi mini ƙwace sau biyu ke nan; ya ƙwace mini matsayina na ɗan fari, ga shi yanzu kuma ya karɓi albarkata.” Sa’an nan ya yi tambaya, “Ba sauran albarkar da ka rage mini?”
Esaawus, “Maqaan isaa iyyuu dhugumaan Yaaqoob jedhama mitii? Inni kana wajjin yeroo lama na gowwoomsuu isaa ti; jalqabatti hangafummaa koo narraa fudhate; amma immoo eebba koo fudhateera” jedhe. Ergasiis inni, “Ati eebba tokko illee naa hin hambifnee ree?” jedhee gaafate.
37 Ishaku ya amsa wa Isuwa, “Na mai da shi shugaba a kanka, na sa dukan dangoginsa su zama bayinsa, na kuma ba shi hatsi da sabon ruwan inabi. Saboda haka me kuma zan yi maka ɗana?”
Yisihaaq immoo akkana jedhee Esaawuuf deebise; “Kunoo ani akka inni sirratti gooftaa taʼuu fi akka firoonni isaa hundi tajaajiltoota isaa taʼan godheera; akka inni midhaanii fi daadhii wayinii qabaatuufis isa eebbiseera. Egaa yaa ilma koo ani maal siif gochuun dandaʼa?”
38 Isuwa ya ce wa mahaifinsa, “Iyakar albarkar da kake da ita ke nan, baba? Ka albarkace ni ni ma, baba!” Sai Isuwa ya ɗaga murya ya yi kuka.
Esaawus abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, ati eebbuma tokko qofa qabdaa? Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhe. Esaawus sagalee ol fudhatee booʼe.
39 Mahaifinsa Ishaku ya amsa masa ya ce, “Ga shi, ni’imar ƙasar za tă nisanci mazauninka. Raɓar samaniya can ƙwanƙoli za tă nisance ka.
Abbaan isaa Yisihaaqis akkana jedhee deebiseef; “Iddoon jireenya keetii lafa gabbataa irraa ni fagaata; fixeensa samii gubbaa irraas ni fagaata.
40 Za ka rayu ta wurin takobi za ka kuwa bauta wa ɗan’uwanka. Amma sa’ad da ka ɓalle, za ka kakkarye karkiyarsa daga wuyanka.”
Ati goraadeedhaan jiraatta; obboleessa kees ni tajaajilta. Yeroo isaan mormitutti garuu waanjoo isaa cabsitee morma kee irraa buufta.”
41 Isuwa ya riƙe Yaƙub a zuciya saboda albarkar da mahaifinsa ya sa masa. Ya ce wa kansa, “Kwanakin mutuwar mahaifina sun yi kusa; sa’an nan zan kashe ɗan’uwana Yaƙub.”
Esaawu sababii abbaan isaa Yaaqoobin eebbiseef Yaaqoobitti haaloo qabate. Innis garaa isaatti, “Yeroon itti abbaa kootiif booʼan dhiʼaateera; anis yeroo sana obboleessa koo Yaaqoobin nan ajjeesa” jedhee yaade.
42 Sa’ad da aka faɗa wa Rebeka abin da babban ɗanta Isuwa ya faɗa, sai ta kira ɗanta Yaƙub ta ce masa, “Ɗan’uwanka Isuwa yana ta’azantar da kansa da tunanin kashe ka.
Yommuu wanni Esaawu ilmi ishee hangaftichi jedhe isheetti himametti Ribqaan Yaaqoob ilma ishee quxisuu waamsiftee akkana jetteen; “Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesee garaa isaa qabbaneeffachuu barbaada.
43 To, fa, ɗana, yi abin da na ce; gudu nan take zuwa wurin ɗan’uwana Laban a Haran.
Kanaafuu yaa ilma koo na dhagaʼi; kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaa kan Kaaraan keessa jiraatu sanaatti baqadhu.
44 Zauna tare da shi na ɗan lokaci sai ɗan’uwanka ya huce.
Hamma aariin obboleessa keetii qabbanaaʼutti yeroo gabaabaaf isa bira turi.
45 Sa’ad da ɗan’uwanka ya daina fushi da kai, ya kuma manta da abin da ka yi masa, zan aika don ka dawo daga can. Don me zan rasa ku biyu a rana guda?”
Yommuu aariin obboleessa keetii qabbanaaʼee innis waan ati isa goote sana irraanfatutti ani dhaamsa sitti ergee achii sin fichisiisa. Ani maaliifan guyyaa tokkotti isin lachuu dhaba?”
46 Sa’an nan Rebeka ta ce wa Ishaku, “Ni fa na gaji da matan Hittiyawan nan. In Yaƙub ya auri mata daga cikin matan ƙasan nan, wato, daga matan Hittiyawa irin waɗannan, rayuwata ba za tă daɗa mini kome ba.”
Ribqaanis Yisihaaqiin akkana jette; “Ani sababii dubartoota Heetotaa kanneeniif jiraachuu jibbeera. Yoo Yaaqoob dubartoota biyya kanaa jechuunis dubartoota Heetotaa kanneen keessaa niitii fuudhe, jireenyi koo maal anaaf godha ree!”