< Farawa 19 >

1 Mala’ikun nan biyu suka iso Sodom da yamma. Lot kuwa yana zama a hanyar shiga birnin. Da ya gan su, sai ya tashi don yă tarye su, ya kuma rusuna da fuskarsa har ƙasa.
Ergamoonni Waaqayyoo sun lamaan galgala sana Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoomii dura taaʼaa ture. Innis yeroo jara argetti, isaan simachuuf kaʼee isaanitti deeme; gad jedhees adda isaatiin lafatti gombifame.
2 Ya ce, “Ranku yă daɗe, ina roƙonku ku ratsa zuwa gidan bawanku. Ku wanke ƙafafunku, ku kwana, sa’an nan ku kama hanyarku da sassafe.” Suka ce, “A’a, za mu kwana a dandali.”
Innis, “Yaa gooftota ko, maaloo mana garbicha keessaniitti goraatii miilla dhiqadhaa bulaa; barii barraaqaan kaatanii karaa keessan itti fufuu dandeessu” jedhe. Isaan immoo, “Hin taʼu; nu waltajjii karaa irra bullaa” jedhaniin.
3 Amma ya nace musu ƙwarai, sai suka tafi tare da shi, suka kuma shiga gidansa. Ya shirya musu abinci, ya gasa burodi marasa yisti, suka ci.
Inni garuu akka malee isaan dirqisiise; kanaafuu goranii mana isaa seenan; innis maxinoo tolchee nyaata qopheesseef; isaanis ni nyaatan.
4 Kafin suka shiga barci, sai ga dukan mutane, ƙanana da manya daga kowane ɓangare na birnin Sodom, suka kewaye gidan.
Utuu isaan hin rafin namoonni kutaalee magaalaa Sodoom hunda keessaa dhufan hundi dargaggoonnii fi jaarsoliin mana sana marsan.
5 Suka kira Lot, suka ce, “Ina mutanen da suka zo wurinka a daren nan? Fito mana da su waje domin mu kwana da su.”
Isaanis Looxin waamanii, “Namoonni galgala kana gara kee dhufan eessa jiru? Akka nu isaan wajjin ciifnuuf gad nuu yaasi” jedhan.
6 Lot ya fita daga cikin gida, ya rufe ƙofar a bayansa. Ya je wurin mutanen
Looxis jara sanatti gad baʼee balbala of duubaan cufe;
7 ya ce musu, “A’a, abokaina kada ku yi wannan mummunan abu.
Akkanas jedhe; “Yaa obboloota ko, waan hamaa kana hin hojjetinaa!
8 Duba, ina da’ya’ya mata biyu waɗanda ba su taɓa sanin namiji ba, bari in kawo muku su ku yi kome da kuke so da su. Amma kada ku taɓa waɗannan mutane, gama su baƙina ne kuma dole in tsare su.”
Kunoo ani intallan lama kanneen takkumaa dhiira wajjin hin ciisin qaba. Lamaanuu gad isinii nan baasa; isinis waan feetan isaan gochuu dandeessu. Namoota kanneen garuu waan isaan bantii mana koo jala jiraniif homaa isaan hin godhinaa.”
9 Sai mutanen birnin suka amsa, “Ba mu wuri! Wannan mutum ya zo nan kamar baƙo, ga shi yanzu yana so yă zama alƙali! Za mu wulaƙanta ka fiye da su.” Suka ci gaba da matsa wa Lot lamba, suka matsa kusa domin su fasa ƙofar.
Isaanis, “Badi asii!” jedhaniin. Ittuma fufaniis, “Namichi kun nama ormaa kan nu keessa jiraachuu dhufee dha; amma immoo abbaa murtii nutti taʼuu fedha! Nu waan hamaa jara irratti hojjennu caalaa sirratti hojjenna” jedhaniin. Isaanis Looxin humnaan dhiibanii balbala sana cabsuu gaʼan.
10 Amma mutanen da suke ciki suka miƙa hannunsu, suka ja Lot zuwa cikin gida, suka rufe ƙofar.
Namoonni sunis hiixatanii Looxin harkisanii manatti ol deebisan; balbalichas ni cufan.
11 Sai suka bugi mutanen da suke a bakin ƙofar gidan da makanta, ƙanana da manya duka, har suka gajiyar da kansu, suna lalluba inda ƙofar take.
Ergasii immoo namoota balbala manaa dura turan sana akka isaan balbalicha hin argineef xinnaa fi guddaa isaanii dhaʼichaan ija jaamsan.
12 Mutanen nan biyun suka ce wa Lot, “Kana da wani a nan, ko surukai, ko’ya’ya maza ko mata, ko kuwa wani dai a cikin birni wanda yake naka? Ka fitar da su daga nan,
Namoonni lamaan sun Looxiin akkana jedhan; “Ati nama biraa tokko illee jechuunis soddoota, ilmaan yookaan intallan yookaan nama kan kee taʼe tokko illee magaalaa kana keessaa qabdaa? Asi keessa isaan baafadhu;
13 gama za mu hallaka wannan wuri. Kukan da aka yi ga Ubangiji game da mutanen birnin nan ya yi yawa sosai, ya sa har ya aiko mu domin mu hallaka birnin.”
nu iddoo kana balleessuuf deemnaatii. Sababii iyyi saba ishee irratti iyyame fuula Waaqayyoo duratti guddaa taʼeef, Waaqni akka nu ishee balleessinuuf nu ergeera.”
14 Saboda haka Lot ya tafi ya yi magana da surukansa waɗanda suka yi alkawari za su aure’ya’yansa mata. Ya ce, “Ku yi sauri ku fita daga wannan wuri, gama Ubangiji yana gab da hallaka birnin.” Amma surukansa suka ɗauka wasa yake yi.
Kanaafuu Loox gad baʼee soddoota isaa warra intallan isaa fuudhuuf jiraniin, “Sababii Waaqayyo magaalaa kana balleessuuf kaʼeef, dafaatii asii baʼaa!” jedhe. Soddoonni isaa garuu waan inni qoosu seʼan.
15 Gari na wayewa, sai mala’ikun nan suka ƙarfafa Lot suna cewa, “Yi sauri! Ka ɗauki matarka da’ya’yanka biyu mata waɗanda suke a nan, don kada a shafe ku sa’ad da ake hukunta birnin.”
Yeroo boruun diimatetti ergamoonni Waaqayyoo sun Looxin jarjarsanii, “Niitii keetii fi intallan kee lamaan as jiran fudhadhuutii dafii baʼi! Yoo kanaa achii yeroo magaalattiin adabamtutti atis ni baddaa” jedhaniin.
16 Da yana jan jiki, sai mutanen suka kama hannunsa da hannuwan matarsa da na’ya’yansa biyu mata, suka kai su bayan birni, gama Ubangiji ya nuna musu jinƙai.
Inni garuu duubatti harkifate; waan Waaqayyo isaaniif garaa laafeef namoonni sun harka isaatii fi harka niitii isaa, intallan isaa lamaanis harka qabanii magaalattii keessaa isaan baasan.
17 Da suka fitar da su, sai ɗaya daga cikin mala’ikun ya ce, “Ku gudu domin ranku; kada ku duba baya, kada kuma ku tsaya ko’ina cikin kwarin! Ku gudu zuwa cikin duwatsu, don kada a hallaka ku!”
Akkuma gad isaan baasaniinis ergamoota sana keessaa inni tokko, “Lubbuu kee oolfachuuf baqadhu! Of duuba hin milʼatin! Dirree irra iddoo tokko illee hin dhaabatin! Tulluuwwanitti ol baqadhu; yoo kanaa achii ni baddaa!” jedhe.
18 Amma Lot ya ce musu, “A’a, ranka yă daɗe, ka yi haƙuri!
Loox garuu akkana isaaniin jedhe; “Yaa gooftota ko, maaloo akkas miti!
19 Bawanku ya riga ya sami tagomashi daga gare ku, kun kuma nuna mini alheri mai yawa. Ba zan iya in gudu zuwa duwatsu ba, wannan masifa za tă same ni, zan kuma mutu.
Kunoo garbichi kee fuula kee duratti fudhatama argateera; ati lubbuu koo oolchitee gara laafina guddaa na argisiifteerta. Ani garuu gara tulluutti ol baqachuu hin dandaʼu; balaan kun na argata; anis nan duʼa.
20 Ga ɗan gari can ya fi kusa inda zan gudu in fake. Bari in gudu zuwa can, in tsirar da raina.”
Kunoo, magaalaan itti baqachuun dandaʼamu tokko as dhiʼoo jirti; isheen xinnoo dha. Ani gara isheetti nan baqadha; isheen baayʼee xinnoo dha mitii? Akkasitti lubbuun koo ni baraaramti.”
21 Sai ya ce masa, “Na yarda da abin da ka ce, ba zan hallakar da garin da ka ambata ba.
Ergamaan sunis akkana jedheen; “Kunoo, ani kadhaa kana siif nan dhagaʼa; magaalaa ati waaʼee ishee dubbattu kana ani hin balleessu.
22 Gaggauta, ka gudu zuwa can, ba zan yi kome ba sai ka isa can.” (Domin haka ne ake kira garin Zowar.)
Garuu sababii ani hamma ati achi geessutti homaa gochuu hin dandeenyeef dafii achitti baqadhu!” Wanni magaalaan sun Zoʼaar jedhamteefis kanuma.
23 A lokacin da Lot ya isa Zowar, rana ta hau.
Yeroo Loox Zoʼaar gaʼetti aduun baatee turte.
24 Sai Ubangiji ya yi ta zuba kibiritu a bisa Sodom da Gomorra daga sama.
Waaqayyo samiiwwan keessaa Waaqayyo biraa, dinyii bobaʼu Sodoomii fi Gomoraa irratti roobse.
25 Haka ya hallakar da waɗannan birane da kuma kwarinsu gaba ɗaya, haɗe da dukan waɗanda suke zama a biranen, da kuma dukan shuke-shuke da suke cikin ƙasar.
Innis akkasiin magaalaawwan kanneenii fi dirreewwan sana guutuu, warra magaalaawwan sana keessa jiraatan hundaa fi biqiltuu biyya sanaa balleesse.
26 Amma matar Lot ta waiwaya baya, ta kuma zama ginshiƙin gishiri.
Niitiin Looxi garuu of duuba ilaaltee utubaa soogiddaa taatee hafte.
27 Da sassafe kashegari, Ibrahim ya tashi ya koma wurin da dā ya tsaya a gaban Ubangiji.
Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee iddoo duraan fuula Waaqayyoo dura dhaabachaa ture sanatti deebiʼe.
28 Ya duba ta wajen Sodom da Gomorra, da wajen dukan filayen ƙasar, sai ya ga hayaƙi baƙin ƙirin yana tashi daga ƙasar kamar hayaƙi daga matoya.
Innis gara magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraa, gara lafa dirree sanaa hundaas ilaalee aara akka aara boolla ibiddaa keessaa baʼuu tokko isaa biyya sana keessaa ol kaʼu arge.
29 Saboda haka sa’ad da Allah ya hallaka waɗannan biranen kwarin, ya tuna da Ibrahim, ya kuma fitar da Lot daga masifar da ta hallaka biranen da Lot ya zauna.
Waaqni yeroo magaalaawwan dirree sanaa balleessetti Abrahaamin yaadate; kanaafuu yommuu magaalaawwan Loox keessa jiraachaa ture balleessetti Looxin balaa sana keessaa baase.
30 Lot da’ya’yansa biyu mata suka bar Zowar suka kuma zauna a cikin duwatsu, gama ya ji tsoro yă zauna a Zowar. Shi da’ya’yansa biyu mata suka zauna a ciki wani kogo.
Loox waan Zoʼaar keessa jiraachuu sodaateef intallan isaa lamaan wajjin Zoʼaarii baʼee gaarran irra qubate. Innis intallan isaa lamaan wajjin holqa tokko keessa jiraate.
31 Wata rana’yarsa babba ta ce wa ƙanuwarta, “Mahaifinmu ya tsufa, kuma babu wani mutum kusa a nan da zai yi mana ciki mu haifi’ya’ya; yadda al’ada take a ko’ina a duniya.
Gaaf tokko intalli isaa isheen hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Abbaan keenya dulloomeera; akka bartee lafa hunda irra jiruutti dhiirri nu wajjin ciisu tokko iyyuu naannoo kan hin jiru.
32 Bari mu sa mahaifinmu yă sha ruwan inabi, sa’an nan sai mu kwana da shi, don kada zuriyar mahaifinmu ta ƙare.”
Kottu mee abbaa keenya daadhii wayinii obaasnee isa wajjin ciifnaa; akkasiin sanyiin abbaa keenyaa lafa irratti akka hafu goona.”
33 A wannan dare, suka sa mahaifinsu ya sha ruwan inabi,’yar farin ta shiga ta kwana da shi. Shi kuwa bai san sa’ad da ta kwanta ko sa’ad da ta tashi ba.
Isaanis halkan sana abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli isheen hangafti ol seentee isa wajjin ciifte. Inni yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne.
34 Kashegari,’yar farin ta ce wa ƙanuwar, “Jiya da dare na kwana da mahaifina. Bari mu sa yă sha ruwan inabi kuma yau da dare, ke ma ki shiga ki kwana da shi, domin kada zuriyar mahaifinmu ta ƙare.”
Guyyaa itti aanutti intalli hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Kunoo ani eda abbaa koo wajjin ciiseera. Kottu edanas daadhii wayinii isa obaasnaa; atis ol seenii isa wajjin ciisi; akkasitti sanyiin abbaa keenyaa akka hafu goona.”
35 Sai suka sa mahaifinsu ya sha ruwan inabi, a wannan dare ma, ƙanuwar ta shiga ta kwana da shi. Bai kuwa san sa’ad da ta kwanta ko sa’ad da ta tashi ba.
Isaan halkan sanas abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli quxisuun dhaqxee isa wajjin ciiste. Inni ammas yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne.
36 Ta haka’ya’yan Lot biyu mata duk suka yi ciki daga mahaifinsu.
Akkasiin intallan Loox lamaanuu abbaa isaaniitiif ulfaaʼan.
37 ’Yar farin ta haifi ɗa, ta kuma ba shi suna Mowab, shi ne mahaifin Mowabawa a yau.
Intalli isheen hangafti ilma deessee maqaa isaa Moʼaab jettee moggaafte. Inni abbaa Moʼaabota harʼaa ti.
38 ’Yar ƙaramar ma ta haifi ɗa, ta kuwa ba shi suna Ben-Ammi, shi ne mahaifin Ammonawa a yau.
Intalli isheen quxisuunis ilma deessee maqaa isaa Ben-Amii jettee moggaafte; inni immoo abbaa Amoonota harʼaa ti.

< Farawa 19 >