< Galatiyawa 5 >
1 Saboda’yanci ne Kiristi ya’yantar da mu. Sai ku tsaya daram, kada ku yarda ku sāke komawa ƙarƙashin nauyin bauta.
Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.
2 Ku lura da kalmomina! Ni Bulus ina gaya muku cewa in kuka yarda aka yi muku kaciya, wannan ya nuna Kiristi ba shi da amfani a gare ku ba ko kaɗan.
Kunoo, dhagna yoo qabattan Kiristoos waan tokko akka isin hin fayyadne ani Phaawulos isinitti nan hima.
3 Haka kuma ina ƙara sanar wa kowane mutumin da ya yarda aka yi masa kaciya cewa dole yă kiyaye dukan Doka.
Namni dhagna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa taʼe ani amma illee nan mirkaneessaaf.
4 Ku da kuke ƙoƙarin kuɓuta ta wurin Doka an raba ku da Kiristi ke nan; kuka kuma fāɗi daga alheri.
Isin warri seeraan qajeeltota taasifamuu barbaaddan Kiristoos irraa gargar baataniirtu; ayyaana irraas kuftaniirtu.
5 Amma ta wurin bangaskiya muna marmarin jira adalcin da muke bege ta wurin Ruhu.
Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna.
6 Gama a cikin Kiristi Yesu, kaciya ko rashin kaciya ba su da wani amfani. Abin da kawai yake da amfani shi ne, bangaskiyar da take bayyana kanta ta wurin ƙauna.
Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.
7 Kun yi tsere mai kyau a dā. Wa ya shige gabanku ya hana ku bin gaskiya?
Isin fiigicha gaarii fiigaa turtan. Eenyutu gufuu isinitti taʼee dhugaadhaaf ajajamuu isin dhowwe ree?
8 Wannan rarrashin da ake muku ba daga wanda ya kira ku ba ne.
Sossobbiin akkasii isa isin waame sana biraa hin dhufu.
9 “Ɗan yisti kaɗan ne yake gama dukan curin burodi.”
“Raacitiin xinnoon bukoo guutuu ni bukeessa.”
10 Ina da tabbaci cikin Ubangiji cewa ba za ku bi wani ra’ayi dabam ba. Wannan da yake rikita ku za a hukunta shi, ko shi wane ne.
Ani akka isin yaada biraa hin qabaanne karaa Gooftaatiin isin amanadha. Abbaa fedhe illee taanaan namni isin jeequu murtii ni argata.
11 ’Yan’uwa, da a ce har yanzu ina wa’azin kaciya ne, to, me ya sa ake tsananta mini har yanzu? In haka ne, ashe, an kawar da abin da yake sa tuntuɓe game da gicciye ke nan.
Yaa obboloota, ani amma iyyuu yoon dhagna qabaa lallabaa jiraadhee ani amma iyyuu maaliifin ariʼatama ree? Yoo akkas taʼee immoo fannoon gufuu taʼuun isaa ni hafa ture!
12 Da ma a ce masu tā da hankalinku ɗin nan su yanke gabansu gaba ɗaya mana!
Warri isin jeeqan sun dhagna qabachuu qofa utuu hin taʼin utuu of irraa muranii iyyuu nan hawwa!
13 Ku’yan’uwana, an kira ku ga zama’yantattu. Amma kada ku yi amfani da’yancinku don aikata ayyukan mutuntaka a maimakon haka, ku yi hidimar juna da ƙauna.
Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
14 Dukan doka an taƙaita a cikin umarni ɗaya ne cewa, “Ka ƙaunaci maƙwabcinka kamar kanka.”
Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhuun xumurameeraatii.
15 In kun ci gaba da cizo, kuna kuma cin naman juna, ku yi hankali in ba haka ba za ku hallaka juna.
Garuu isin yoo wal ciniinuu fi wal nyaachuutti fuftan akka wal hin balleessineef of eeggadhaa.
16 Saboda haka ina ce muku, ku yi rayuwa ta wurin Ruhu, ba za ku kuwa gamsar da sha’awace-sha’awacen mutuntaka ba.
Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha.
17 Gama mutuntaka yana son abin da Ruhu yake ƙi, Ruhu kuma yana son abin da mutuntaka yake ƙi. Waɗannan biyu kuwa gāba suke da juna, har ku kāsa yin abin da kuke so.
Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu.
18 Amma in Ruhu ne yake bishe ku, ba ku a ƙarƙashin Doka ke nan.
Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan.
19 Ayyukan mutuntaka kuwa a fili suke. Wato, fasikanci, ƙazanta da kuma lalata;
Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii,
20 bautar gumaka da sihiri; ƙiyayya, faɗa, kishi, fushi mai zafi, sonkai, tsattsaguwa, hamayya,
waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu,
21 da ƙyashi; buguwa, shashanci, da ire-irensu. Na gargaɗe ku, yadda na yi a dā, cewa masu irin wannan rayuwa ba za su gāji mulkin Allah ba.
weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
22 Amma amfanin da Ruhu yake bayar shi ne ƙauna, farin ciki, salama, haƙuri, kirki, nagarta, aminci,
Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa,
23 sauƙinkai, da kuma kamunkai. Ai, ba ruwan Doka da waɗannan abubuwa.
garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
24 Waɗanda suke na Kiristi Yesu, sun gicciye mutuntaka tare da abubuwan da mutum yake marmari da kuma sha’awace-sha’awacensa.
Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.
25 Da yake muna rayuwa ta Ruhu ne, bari mu ci gaba da al’amuranmu ta wurin Ruhu.
Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
26 Kada mu zama masu girman kai, muna tsokana muna kuma jin kishin juna.
Kottaa of hin tuulluu; wal hin aarsinuu; walittis hin hinaafnuu.