< Ezekiyel 4 >

1 “Yanzu, ɗan mutum, ka ɗauki tubalin yumɓu, ka ajiye shi a gabanka ka kuma zāna birnin Urushalima a kansa.
“Yaa ilma namaa, gabatee suphee tokko fuudhii fuula kee dura kaaʼiitii kaartaa magaalaa Yerusaalem irratti kaasi.
2 Sa’an nan ka yi mata ƙawanya. Ka kafa mata katangar ƙawanya, ka gina katangar da ɗan tudu ka kewaye ta da dundurusai.
Ergasii waan ittiin marsan itti ijaari; dallaa dhagaatiin ishee marsi; kaabii itti naannessii tuuli; waan ittiin dallaa dhagaa jigsanis itti marsii kaaʼi.
3 Sa’an nan ka ɗauki kwanon ƙarfe, ka shirya shi kamar katangar ƙarfe tsakaninka da birnin ka kuma zuba mata ido. Za tă kasance a ƙarƙashin ƙawanya, kai kuwa za ka yi mata ƙawanya. Wannan zai zama alama ga gidan Isra’ila.
Eelee sibiilaa fuudhiitii akka dallaa sibiilaatti siʼii fi magaalattii gidduu dhaabi; fuula kees gara isheetti deebifadhu; magaalattiin ni marfamti; atis ishee marsita. Kunis mana Israaʼeliif mallattoo ni taʼa.
4 “Sa’an nan ka kwanta a hagunka ka kuma sa zunubin gidan Isra’ila a kanka. Za ka ɗauki zunubinsu na waɗansu kwanakin da kake kwance a gefenka.
“Ergasii cinaacha bitaatiin ciisiitii cubbuu mana Israaʼel of irra kaaʼi. Guyyaa cinaacha keetiin ciifte sana hundas ati cubbuu isaanii ni baatta.
5 Na ɗora maka kwanaki bisa ga shekarun zunubinsu. Saboda haka cikin kwana 390 za ka ɗauki zunubin gidan Isra’ila.
Ani baayʼina waggoota isaan itti cubbuu hojjetan sanaa akka guyyootaatti ramadee siif kenneera. Kanaafuu ati cubbuu mana Israaʼel guyyaa 390 ni baatta.
6 “Bayan ka gama haka, ka sāke kwantawa, a wannan lokaci a gefen damarka, ka kuma ɗauki zunubin gidan Yahuda. Na ɗora maka kwanaki 40, kwana guda a madadin shekara guda.
“Ati erga waan kana fixxee booddee amma illee ciisi; yeroo kana immoo cinaacha kee kan mirgaatiin ciisiitii cubbuu mana Yihuudaa baadhu. Anis tokkoo tokkoo waggaatiif guyyaa tokko tokko ramadee, guyyaa 40 siif kenneera.
7 Ka juya fuskarka wajen ƙawanyar Urushalima da hannunka a buɗe ka yi annabci a kanta.
Fuula kee gara marfama Yerusaalemitti deebifadhuutii irree qullaadhaan isheetti raajii dubbadhu.
8 Zan ɗaura ka da igiyoyi don kada ka juya daga wannan gefe zuwa wani gefe sai ka gama kwanakin ƙawanyarka.
Hamma ati guyyoota marfama keetii fixattutti akka ati cinaacha tokko irraa gara cinaacha kaaniitti hin garagalleef ani funyoodhaan sin hidha.
9 “Ka ɗauki alkama da sha’ir, wake da acca, gero da maiwa; ka sa su a tulun ajiya ka kuma yi amfani da su don yin burodi wa kanka. Za ka ci shi a kwanaki 390 da za ka kwanta a gefenka.
“Qamadii fi garbuu, baaqelaa fi misira, bisingaa fi honborii fuudhii okkotee keessa kaaʼadhuutii ittiin buddeena tolfadhu. Buddeena kanas yeroo guyyoota 390 cinaacha keetiin ciiftutti nyaatta.
10 Ka auna shekel ashirin na abinci don kowace rana ka kuma ci shi a ƙayyadadden lokaci.
Ati akka guyyaa guyyaan nyaattuuf nyaata saqilii digdama madaali; isas yeroo murteeffametti nyaadhu.
11 Haka ma ka auna kashi ɗaya bisa shida na garwan ruwa ka sha shi a ƙayyadadden lokaci.
Akkasuma bishaan safartuu iinii tokko harka jaʼa keessaa harka tokko safariitii yeroo murteeffametti dhugi.
12 Ka ci abinci yadda za ka ci ƙosai sha’ir, ka gasa shi a gaban mutane, ka yi amfani da najasar mutane kamar itacen wuta.”
Nyaata sanas akkuma Maxinoo garbuu nyaattutti nyaadhu; isas udaan namaa bobeesiitii Maxinoo tolchi.”
13 Ubangiji ya ce, “Ta haka mutanen Isra’ila za su ci ƙazantaccen abinci a cikin al’ummai inda zan kore su in kai.”
Waaqayyos “Haala kanaan ijoolleen Israaʼel saboota ani itti isaan bittinneessu keessatti nyaata xuraaʼaa nyaatu” jedhe.
14 Sai na ce, “Ba haka ba ne, Ubangiji Mai Iko Duka! Ban taɓa ƙazantar da kaina ba. Daga ƙuruciyata har zuwa yanzu ban taɓa cin wani abin da aka samu ya mutu ko abin da namun jeji suka kashe ba. Ba nama marar tsabtan da ya taɓa shiga bakina.”
Anis akkanan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa akkana miti! Ani takkumaa of xureessee hin beeku. Ijoollummaa kootii jalqabee hamma ammaatti takkumaa waan ofiin duʼe yookaan waan bineensi ajjeese nyaadhee hin beeku. Foon qulqulluu hin taʼin gonkumaa afaan koo seenee hin beeku.”
15 Sai ya ce, “To da kyau, zan bari ka gasa burodin a kan kashin shanu a maimakon najasar mutane.”
Innis, “Kun gaarii dha; ani akka ati qooda udaan namaatiin buddeena kee tolfattu akka dikee saʼaatiin tolfattu siifin eeyyama” naan jedhe.
16 Sa’an nan ya ce mini, “Ɗan mutum, zan yanke tanadin abinci a Urushalima. Mutane za su auna abincin da za su ci da tsoro su kuma auna ruwan da za su sha cikin fargaba,
Innis ittuma fufee akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa ani madda nyaata Yerusaalem nan gogsa; uummanni nyaata safarame yaaddoodhaan nyaata; bishaan safarames sodaadhaan dhuga;
17 domin abinci da ruwa za su kāsa. Za su damu da ganin juna za su kuma lalace saboda zunubinsu.
hanqinni midhaaniitii fi bishaanii ni jiraataatii. Isaanis naasuudhaan wal ilaalu; sababii cubbuu isaaniitiinis ni badu.

< Ezekiyel 4 >