< Ezekiyel 30 >

1 Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Ɗan mutum, ka yi annabci ka ce, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “‘Yi kuka kana cewa, “Kaito saboda wannan rana!”
“Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Wawwaadhuutii akkana jedhi; “Guyyaa sanaaf wayyoo!”
3 Gama ranar ta yi kusa, ranar Ubangiji ta gabato, ranar gizagizai, lokacin hallaka wa al’ummai.
Guyyaan sun dhiʼoo dha; Guyyaan Waaqayyoo dhiʼoo dha; innis guyyaa duumessaa, sabootaaf immoo yeroo badiisaa ni taʼa.
4 Takobi zai zo a kan Masar, azaba za tă zo a kan Kush. Sa’ad da kisassu za su fāɗi a Masar, za a kwashe dukiyarta a tafi a rushe harsashinta.
Gibxitti goraadeen ni dhufa; Itoophiyaatti immoo dhiphinni ni dhufa. Yommuu warri qalaman Gibxi keessatti kukkufanitti, qabeenyi ishee saamamee fudhatama; hundeewwan ishee immoo ni diigamu.
5 Kush da Fut, Lidiya da dukan Arabiya, Libiya da kuma mutanen ƙasar alkawari za su mutu ta wurin takobi tare da Masar.
Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu.
6 “‘Ga abin da Ubangiji ya faɗa, “‘Waɗanda suke goyon bayan Masar za su fāɗi ƙarfinta da take fariya da shi zai ƙare. Daga Migdol zuwa Aswan za su mutu ta wurin takobi a cikinta, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.
“‘Waaqayyo akkana jedha: “‘Tumsitoonni Gibxi ni kufu; humni isheen ittiin boontu ni dadhaba. Migdoolii hamma Aswaanitti, isaan ishee keessatti goraadeedhaan ni dhumu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
7 Za su zama kango a cikin ƙasashen da suke kango, biranensu kuwa za su zama kufai a cikin biranen da suka lalace.
Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu; magaalaawwan isaaniis magaalaawwan diigaman gidduutti argamu.
8 Sa’an nan za su san cewa ni ne Ubangiji, sa’ad da suka ga na sa wuta wa Masar aka kuma ragargaza masu taimakonta.
Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee warri ishee gargaaran hundi barbadaaʼanitti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
9 “‘A wannan rana manzanni za su fito daga wurina a jiragen ruwa don su tsorata Kush daga sake jikinta. Azaba za tă kama su a ranar hallakar Masar, gama tabbatacce za tă zo.
“‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii.
10 “‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “‘Zan kawo ƙarshen mutanen Masar ta hannun Nebukadnezzar sarkin Babilon.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ani harka Nebukadnezar mooticha Baabiloniin namoota Gibxi hedduu nan barbadeessa.
11 Shi da sojojinsa, mafi bantsoro cikin al’ummai, za a kawo don su hallaka ƙasar. Za su zāre takuba a kan Masar su kuma cika ƙasar da kisassu.
Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa akka malee hamoo taʼan, akka biyyattii balleessaniif ni fidamu. Isaanis goraadee isaanii Gibxitti luqqifatanii reeffaan biyyattii guutu.
12 Zan kafe rafuffukan Nilu in sayar da ƙasar ga mugayen mutane; ta hannun baƙi zan sa ƙasar ta lalace da kome da yake cikinta. Ni Ubangiji na faɗa.
Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa; biyyattiis namoota hamootti nan gurgura; harka alagootaatiin biyyattii fi waan ishee keessa jiru hunda nan onsa. Ani Waaqayyo dubbadheera.
13 “‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “‘Zan hallaka gumaka in kuma kawo ƙarshen siffofi a Memfis. Ba za a ƙara samun yerima a ƙasar Masar ba, zan kuma baza tsoro a duk fāɗin ƙasar.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ani waaqota tolfamoo nan balleessa; fakkiiwwan Memfiis keessa jiranis nan facaasa. Siʼachi Gibxi keessatti bulchaan hin argamu; biyyattii guutuu keessas sodaa nan buusa.
14 Zan lalace Masar ta Bisa in ƙuna wuta wa Zowan in zartar da hukunci a kan Tebes.
Phaxroosin nan onsa; Zooʼaanitti ibidda nan qabsiisa; Tebesiin immoo nan adaba.
15 Zan kwarara hasalata a kan Felusiyum, kagarar Masar, in kuma datse mutanen Tebes.
Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis Siin irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa; uummata Tebesi hedduu sana illee nan balleessa.
16 Zan ƙuna wuta wa Masar; Felusiyum za tă sha azaba mai zafi. Za a tayar wa Tebes da hankali; Memfis za tă riƙa kasance cikin ɓacin rai.
Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa; Siin dhiphinaan raafamti. Tebesi dambaliidhaan ni fudhatamti; Memfiis dhiphina wal irraa hin cinneen ni dhiphatti.
17 Samarin Heliyofolis da Bubastis za su mutu ta wurin takobi, biranen kansu za su tafi bauta.
Dargaggoonni Aawwenii fi Phii-Beseti goraadeedhaan dhumu; magaalaawwan mataan isaanii iyyuu ni boojiʼamu.
18 Duhu ne zai zama rana a Tafanes sa’ad da na karye ikon Masar; a can ƙarfin da take fariya zai ƙare. Za a rufe ta da gizagizai ƙauyukanta kuma za su tafi bauta.
Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti, Tahiphaanheesitti guyyaan ni dukkanaaʼa; humni isheen ittiin boontus ni laafa. Isheen hurriidhaan haguugamti; gandoonni ishee immoo ni boojiʼamu.
19 Ta haka zan zartar da hukunci a kan Masar, za su kuwa san cewa ni ne Ubangiji.’”
Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
20 A shekara ta goma sha ɗaya, a wata na fari a rana ta goma sha bakwai, maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
21 “Ɗan mutum, na karye hannun Fir’auna sarkin Masar. Ba a daure shi don warkarwa ba ko a sa tsinke saboda kada yă zama da ƙarfi har ya riƙe takobi.
“Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne.
22 Saboda haka ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa ina gāba da Fir’auna sarkin Masar. Zan karye hannuwansa biyu, hannun da yake da kyau da kuma wanda an riga an karya, in kuma sa takobi ya fāɗi daga hannunsa.
Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha.
23 Zan watsar da Masarawa a cikin al’ummai in warwatsa su cikin ƙasashe.
Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa.
24 Zan ƙarfafa hannuwan sarkin Babilon in kuma sa takobina a hannunsa, amma zan karya hannuwan Fir’auna, zai kuwa yi nishi a gabansa kamar mutumin da aka yi wa raunin mutuwa.
Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada.
25 Zan ƙarfafa hannuwan sarkin Babilon, amma hannuwan Fir’auna za su shanye. Sa’an nan za su san cewa ni ne Ubangiji, sa’ad da na sa takobi a hannun sarkin Babilon na kuma miƙa shi a kan Masar.
Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
26 Zan watsar da Masarawa a cikin al’ummai in warwatsa su cikin ƙasashe. Sa’an nan za su san cewa ni ne Ubangiji.”
Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”

< Ezekiyel 30 >