< Ezekiyel 27 >
1 Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Ɗan mutum, ka yi makoki domin Taya.
“Yaa ilma namaa, waaʼee Xiiroos faarsii booʼi.
3 Ka ce wa Taya, wadda take zaune a hanyar shiga zuwa teku, kasuwar masu yawa mutane a bakin teku, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “‘Kin ce, ya Taya, “Ni kyakkyawa ce cikakkiya.”
Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Yaa Xiiroos, ati, “Ani bareedinaan hirʼina hin qabu” jetta.
4 Manyan tekuna ne wurin zamanki; maginanki sun sa kyanki ya zama cikakke.
Daangaan kee garaa galaanaa keessa; warri si ijaaran bareedduu hirʼina hin qabne si taasisaniiru.
5 Sun yi dukan katakanki daga itatuwan fir daga Senir; sun kwaso itatuwan al’ul daga Lebanon don su yi miki jigon jirgin ruwa.
Isaan laaxaa doonii keetii birbirsa Seniirii dhufeen hojjetan; utubaa doonii siif tolchuufis Libaanoonii birbirsa fidan.
6 Da oak daga Bashan suka yi sandunan tuƙan jirgin ruwa da itatuwan kasharina daga bakin tekun Saifurus suka yi daɓe jirgin ruwanki, suka kuma manne masa hauren giwa.
Qilxuu Baashaanii dhufeen batoo kee hojjetan; muka birbirsaa kan qarqara Qophiroosiitii dhufeen lafa doonii keessaa ilka arbaatiin miidhagsanii siif hojjetan.
7 Lilin mai kyau mai ado daga Masar ne filafilan jirgin ruwanki suka kuma zama tutarki; an yi tutarki da shuɗi da shunayya daga bakin tekun Elisha.
Sharaan doonii keetii quncee talbaa kan miidhagfamee biyya Gibxii dhufe ture; innis akka faajjiitti si fayyade; haguuggiin kees bifa cuquliisaa fi diimaa dhiilgee kan qarqara Eliishaatii dhufe ture.
8 Mutanen Sidon da Arfad su ne matuƙan jirgin ruwanki; gwanayenki, ya Taya, suna ciki a matsayi matuƙan jiragen ruwa.
Mooqxonni kee namoota Siidoonaa fi Arwaadii dhufan turan; yaa Xiiroos hayyoonni kee ooftota doonii keetii turan.
9 Masu hikima na Gebal suna ciki a matsayin masu tattoshe mahaɗan katakon jirginki. Dukan jiragen ruwa da matuƙansu sukan zo wurinki don kasuwanci.
Ogeeyyiin Gebaal kanneen muuxannoo guddaa qaban, qaawwa doonii keetii duuchuuf si gidduu turan. Dooniiwwan galaanaatii fi ooftonni isaanii hundi, si wajjin daldaluuf gara kee dhufu turan.
10 “‘Mutanen Farisa, Lidiya da Fut su ne suka zama sojoji a cikin mayaƙanki. Sun rataye garkuwoyinsu da hulunan kwano a katangarki, suna kawo miki daraja.
“‘Namoonni Faaresi, kan Luudii fi kan Fuuxii, loltummaadhaan loltoota kee gidduu tajaajilan. Isaanis si miidhagsuuf gaachanawwan isaanii fi gonfoo isaanii si keessatti fannisan.
11 Mutanen Arfad da Helek sun yi tsaron katangar a kowace gefe; mutanen Gammad su ne a hasumiyoyinki. Sun rataye garkuwoyinsu kewaye da katangarki; sun sa kyanki ya zama cikakke.
Namoonni Arwaadii fi Heeleekii dallaa kee qixa hundaan eegan; namoonni Gamaadii gamoowwan kee keessa turan. Gaachana isaaniis naannessanii dallaa keetti fannisan; isaan bareedduu hanqina hin qabne si taasisan.
12 “‘Tarshish ta yi ciniki da ke saboda yawan wadatar kayayyakinki; sun sayi kayan cinikinki da azurfa, ƙarfe, kuza da dalma.
“‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan.
13 “‘Girka, Tubal da Meshek sun yi kasuwanci da ke; sun sayi kayanki suka biya da bayi da kuma abubuwan da aka yi da tagulla.
“‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan.
14 “‘Mutanen Bet Togarma sun sayi kayan cinikinki da dawakai, dawakan yaƙi da alfadarai.
“‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture.
15 “‘Mutanen Dedan sun yi kasuwanci da ke, bakin teku masu yawa abokan cinikinki ne; sun biya ki da hauren giwa da katakon kanya.
“‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan.
16 “‘Mutanen Aram sun yi ciniki da ke saboda yawan kayanki; suka sayi kayan cinikinki da zumurrudu, da shunayya, da kayan ado, da lilin mai taushi, da murjani, da yakutu.
“‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan.
17 “‘Yahuda da Isra’ila sun yi kasuwanci da ke; sun sayi kayanki da alkama da Minnit da alawa, da zuma, da mai, da ganyaye masu ƙanshi.
“‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan.
18 “‘Mutanen Damaskus sun ga abin da za ki iya bayarwa sai suka yi ciniki da ke, ta sayi kayanki da ruwan inabi daga Helbon, da ulu daga Zahar.
“‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti.
19 Wedan da Yaban kusa da Uzal, suka sayi kayanki; wato gyararren ƙarfe da kayan yaji.
Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture.
20 “‘Mutanen Dedan sun sayi kayanki da sirdin zama a kan dawakai.
“‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte.
21 “‘Mutanen Arabiya da dukan sarakunan Kedar abokan cinikinki ne; sun yi ciniki da ke suka sayi kayanki da’yan raguna, da raguna, da awaki.
“‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan.
22 “‘’Yan kasuwan Sheba da Ra’ama sun yi ciniki da ke; suka sayi kayanki da kayan yaji mafi kyau iri-iri, da duwatsu masu daraja iri-iri, da zinariya.
“‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru.
23 “‘Haran, Kanne da Eden da kuma’yan kasuwan Sheba, Assuriya da Kilmad sun yi ciniki da ke.
“‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan.
24 A kasuwarki sun yi ciniki da ke suka sayar miki tufafi masu tsada, da na shuɗi, da masu ado, da dardumai masu ƙyalƙyali da kirtani, da igiyoyi waɗanda aka tuƙa da kyau.
Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan.
25 “‘Jiragen ruwan Tarshish sun zama masu jigilar kayanki. Kin cika da kaya masu nauyi a tsakiyar teku.
“‘Dooniiwwan Tarshiish, miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan. Ati walakkaa galaanaatti feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta.
26 Matuƙan jiragenki sun kai ki can cikin manyan tekuna. Amma iskar gabas za tă farfasa ki kucu-kucu a tsakiyar teku.
Mooqxonni kee, gara galaana guddaatti si geessan. Bubbeen baʼa biiftuu garuu galaana walakkaatti si caccabsa.
27 Dukiyarki, cinikinki da kayan kasuwarki, ma’aikatanki na jirgi, matuƙan jiragenki da masu tattoshe mahaɗan katakan jiragenki,’yan kasuwarki da dukan sojojinki, da kuma kowa da yake cikin jirgi zai nutsa a tsakiyar teku a ranar da jirginki zai nutse.
Gaafa dooniin kee caccabutti qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee, namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan, ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan, daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi namni doonii irra jiru biraa hundi garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu.
28 Ƙasashen bakin teku za su girgiza sa’ad da matuƙan jirginki suka yi kuka.
Yeroo ooftonni doonii keetii iyyanitti biyyoonni qarqara galaanaa ni raafamu.
29 Dukan waɗanda suke riƙe da matuƙi za su ƙyale jiragensu; ma’aikatan jirage da dukan matuƙan jirage za su tsaya a bakin teku.
Warri batoo qabatan hundi, warri doonii irra hojjetanii fi ooftonni doonii, doonii isaanii irraa buʼanii qarqara galaanaa dhaabatu.
30 Za su tā da muryarsu su yi kuka mai zafi a kanki; za su yayyafa ƙura a kawunansu, su yi ta birgima a cikin toka.
Isaanis sagalee isaanii ol fudhatanii hiqqifatanii siif booʼu; mataa isaaniittis awwaara firfirsanii daaraa keessa gangalatu.
31 Za su aske kawunansu saboda ke za su kuma sa tufafin makoki. Za su yi kuka dominki su yi ɓacin rai da kuma kuka mai zafi.
Waaʼee keetiifis mataa haaddatanii wayyaa gaddaa uffatu. Lubbuu isaaniitiin akka malee hiqqifatanii gadda guddaadhaan ni booʼu.
32 Yayinda suke kuka a kanki kuwa, za su yi makoki dominki suna cewa, “Wa ya taɓa yin shiru kamar Taya, kewaye da teku?”
Isaanis yeroo wawwaatanii siif booʼanitti, “Kan akka Xiiroos galaanaan liqimfamee bade eenyu?” jedhanii faaruu booʼichaa siif faarsu.
33 Sa’ad da kayan cinikinki suka tafi ƙasashen hayi, kin gamsar da al’ummai masu yawa; da dukiyarki masu yawa da kuma kayan cinikinki kin azurtar da sarakunan duniya.
Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti, ati saboota hedduu quufsite; qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin mootota lafaa sooromsite.
34 Yanzu teku ta farfashe ki cikin zurfafan ruwaye; kayan cinikinki da dukan kamfaninki sun nutse tare da ke.
Amma immoo ati galaana keessatti, tujuba bishaanii keessatti caccabdeerta; miʼoonni keetii fi miiltonni kee hundi suma wajjin liqimfamaniiru.
35 Dukan mazaunan bakin teku sun giggice saboda masifarki; sarakunansu sun tsorata ƙwarai fuskokinsu kuwa sun yamutse don tsoro.
Warri qarqara galaanaa jiraatan hundi waaʼee keetiin rifataniiru; mootonni isaanii sodaadhaan hollatanii fuulli isaaniis naasuudhaan geeddarameera.
36 ’Yan kasuwa a cikin al’ummai suna yin miki tsaki; kin zo ga mummunar ƙarshe ba za ki ƙara kasancewa ba har abada.’”
Daldaltoonni saboota gidduu jiran sitti siiqsu; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’”