< Ezekiyel 18 >
1 Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Me ku mutane kuke nufi da faɗar wannan karin magana a kan ƙasar Isra’ila cewa, “‘Ubanni sun ci’ya’yan inabi masu tsami, haƙoran’ya’ya kuwa sun mutu’?
“Isin yeroo, “‘Abbootiin ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan, ilkaan ijoollee hadoode’ jettanii waaʼee biyya Israaʼel mammaaktan, maal jechuu keessan?
3 “Muddin ina raye, in ji Ubangiji Mai Iko Duka, ba za ku ƙara faɗar wannan karin magana a Isra’ila ba.
“Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; isin siʼachi mammaaksa kana Israaʼel keessatti hin mammaaktan.
4 Gama kowane mai rai nawa ne, mahaifi da ɗa, duk nawa ne. Mutumin da ya yi zunubi shi zai mutu.
Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti.
5 “A ce akwai mai adalci wanda yake aikata abin da yake daidai da kuma gaskiya;
“Mee nama qajeelaa murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjetu tokkotu jira haa jennu.
6 ba ya cin abinci a duwatsun tsafi ko ya dogara ga gumakan gidan Isra’ila. Ba ya ƙazantar da matar maƙwabcinsa ko ya kwana da mace lokacin al’adarta ba.
Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu yookaan waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin abdatu. Inni niitii ollaa isaa hin xureessu yookaan dubartii xurii qabdu wajjin hin ciisu.
7 Ba ya cin zalin wani, amma yakan mayar wa wanda ya ba shi jingina abin da ya jinginar masa. Ba ya yi fashi amma yakan ba wa mayunwata abinci ya kuma tanada wa marasa tufafi riga.
Inni nama tokko illee hin cunqursu; garuu waan qabsiisaan liqeeffate ni deebisa. Inni nama hin saamu; garuu nyaata ofii isaa nama beelaʼeef kenna; uffata isaas nama qullaa deemutti uffisa.
8 Ba ya ba da bashi da ruwa ko ya karɓa ƙarin riba. Yakan janye hannunsa daga aikata mugunta yakan kuma yi shari’a cikin gaskiya tsakanin mutum da mutum.
Inni hiiqiidhaan namaaf hin liqeessu yookaan dhala nama irraa hin fudhatu. Inni waan hamaa hojjechuu irraa of qusata; nama tokkoo fi nama kaan gidduuttis murtii qajeelaa kenna.
9 Yana bin ƙa’idodina yana kuma kiyaye dokokina da aminci. Wannan mutumin adali ne; tabbatacce zai rayu, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.
Inni qajeelfama koo duukaa buʼee seera koos amanamummaadhaan eega. Namni akkasii qajeelaa dha; inni dhugumaan ni jiraata, jedha Waaqayyo Gooftaan.
10 “A ce yana da ɗa wanda yana kisa ko yana yin ɗaya daga cikin waɗannan abubuwa
“Mee inni ilma jeequmsa kaasu kan dhiiga namaa dhangalaasu yookaan wantoota kanneen fafakkaatan kan biraa hojjetu qaba haa jennu;
11 (ko da yake mahaifin bai yi ko ɗaya daga cikinsu ba). “Yakan ci abinci a duwatsun tsafi. Yakan ƙazantar da matar maƙwabci.
abbaan wantoota kanneen keessaa tokko illee gochuu baatu iyyuu, “Ilmi immoo tulluu waaqeffannaa irratti nyaata. Niitii ollaa isaa xureessa.
12 Yakan ci zalin matalauta da mabukata. Yakan yi fashi. Ba ya mayar da abin da aka jinginar masa. Ya dogara ga gumaka. Yana aikata ayyukan banƙyama.
Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursa. Nama saama. Waan qabsiisaan qabate hin deebisu. Gara waaqota tolfamoo ilaala. Wantoota jibbisiisoo hojjeta.
13 Yakan ba da bashi da ruwa ya kuma karɓi riba mai yawa. Irin wannan mutum zai rayu? Ba zai rayu ba! Domin ya aikata dukan waɗannan abubuwa masu banƙyama, tabbatacce za a kashe shi, kuma hakkin jininsa zai zauna a kansa.
Inni hiiqiidhaan liqeessee dhala fudhata. Namni akkasii lubbuun ni jiraataa? Hin jiraatu! Inni sababii wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjeteef dhugumaan ni ajjeefama; dhiigni isaas matuma isaatti deebiʼa.
14 “Amma a ce wannan ɗa yana da ɗa wanda ya ga dukan zunuban da mahaifinsa yake aikata, kuma ko da yake ya gan su, bai yi ko ɗaya daga cikin irin abubuwan nan ba, wato,
“Ilmi kun garuu yoo ilma dhalchee, ilmi sun immoo cubbuu abbaan isaa hojjete hunda utuma arguu sodaatee hojjechuu dhiisa haa jennu:
15 “Bai ci abinci a duwatsun tsafi ba ko ya dogara ga gumakan gidan Isra’ila. Bai ƙazantar da matar maƙwabcinsa ba.
“Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu yookaan gara waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin ilaalu. Niitii ollaa isaas hin xureessu.
16 Bai ci zalin wani ko ya karɓi jingina ba. Ba ya fashi amma yakan ba da abincinsa ga mayunwata ya tanada tufafi wa marasa tufafi.
Nama tokko illee hin cunqursu yookaan liqii liqeessuuf qabsiisa hin gaafatu. Inni nama hin saamu; garuu nyaata ofii nama beelaʼeef kenna; nama daares daara baasa.
17 Yakan janye hannunsa daga zunubi ba ya kuma ba da bashi da ruwa ko karɓan riba da yawa. Yakan kiyaye dokokina ya kuma bi ƙa’idodina. Ba zai mutu saboda zunubin mahaifinsa ba; tabbatacce zai rayu.
Harka isaa hiyyeeyyii miidhuu irraa eeggata; hiiqii yookaan dhala hin fudhatu. Inni seera koo ni eega; ajajawwan koo duukaas ni buʼa. Inni sababii cubbuu abbaa isaatiif hin duʼu; inni dhugumaan ni jiraata.
18 Amma mahaifinsa zai mutu saboda zunubinsa, domin ya yi ƙwace, ya yi wa ɗan’uwansa fashi ya kuma yi abin da ba daidai ba a cikin mutanensa.
Abbaan isaa garuu waan nama gowwoomseef, waan obboleessa isaa saamee uummata isaa gidduutti daba hojjeteef cubbuudhuma ofii isaatiin duʼa.
19 “Duk da haka kukan yi tambaya, ‘Me ya sa ɗan ba zai sami rabo a laifin mahaifinsa ba?’ Da yake ɗan ya yi abin da yake daidai da kuma gaskiya, ya kuma kiyaye dukan ƙa’idodina, tabbatacce zai rayu.
“Isin garuu, ‘Ilmi maaliif cubbuu abbaa isaatiin hin adabamne?’ jettanii gaafattu. Ilmi sun waan qajeelaa fi sirrii hojjetee ajajawwan koo hundas of eeggannoodhaan eegeef inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.
20 Mutumin da ya yi zunubi shi zai mutu. Ɗa ba zai sami rabo a laifin mahaifi ba, mahaifi ba zai sami rabo a laifi ɗa ba. Adalcin adali zai zama nasa, muguntar mugu za tă koma kansa.
Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. Ilmi cubbuu abbaa isaatiin hin adabamu yookaan abbaan cubbuu ilma isaatiin hin adabamu. Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf taʼa; hamminni nama hamaas isumatti deebiʼa.
21 “Amma in mugun mutum ya juya daga dukan zunubin da ya aikata ya kuma kiyaye dukan ƙa’idodina ya kuwa yi abin da yake daidai da kuma gaskiya, tabbatacce zai rayu; ba zai mutu ba.
“Namni hamaan tokko garuu yoo cubbuu hojjete hunda irraa deebiʼee ajajawwan koo hunda eegee, waan qajeelaa fi waan sirrii hojjete inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.
22 Babu laifin da ya yi da za a tuna da su. Saboda abubuwan adalcin da ya aikata, zai rayu.
Balleessaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Sababii wantoota qajeelaa hojjeteef inni lubbuudhaan ni jiraata.
23 Ina jin daɗin mutuwar mugu ne? In ji Ubangiji Mai Iko Duka. A maimako, ban fi jin daɗi sa’ad da suka juyo daga hanyoyinsu suka rayu ba?
Ani duʼa hamootaatti nan gammadaa? jedha Waaqayyo Gooftaan. Qooda kanaa yoo isaan cubbuu isaanii irraa deebiʼanii lubbuudhaan jiraatan ani hin gammaduu?
24 “Amma in mai adalci ya juya daga adalcinsa ya yi zunubi ya kuma aikata abubuwa masu banƙyamar da mugun mutum ke aikatawa, zai rayu? Babu abubuwan adalcin da ya aikata da za a tuna da su. Saboda rashin amincinsa da kuma saboda zunubai da ya yi, zai mutu.
“Garuu namni qajeelaan tokko yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjetee wantoota jibbisiisoo namichi hamaan sun hojjechaa ture sana hojjete inni lubbuudhaan ni jiraataa? Waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isaaf hin yaadatamu. Inni sababii amanamuu didee cubbuu hojjeteef ni duʼa.
25 “Duk da haka kun ce, ‘Hanyar Ubangiji ba daidai ba ce.’ Ka ji, ya gidan Isra’ila. Hanyata ba daidai ba ce?
“Isin garuu, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Yaa mana Israaʼel dhagaʼaa: Karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
26 In mai adalci ya juye daga adalcinsa ya yi zunubi, zai mutu saboda wannan; saboda zunubin da ya yi, zai mutu.
Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjete inni cubbuu sanaan ni duʼa. Inni sababii cubbuu hojjete sanaatiif ni duʼa.
27 Amma in mugun mutum ya juye daga muguntarsa ya kuma yi abin da yake daidai da kuma gaskiya, zai ceci ransa.
Namni hamaan tokko garuu yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete inni lubbuu isaa ni oolfata.
28 Domin ya lura da dukan laifofin da ya yi ya kuma juye daga gare su, tabbatacce zai rayu; ba zai mutu ba.
Inni sababii yakka hojjete hunda hubatee irraa deebiʼeef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; hin duʼus.
29 Duk da haka mutanen Isra’ila sun ce, ‘Hanyar Ubangiji ba daidai ba ce.’ Hanyoyina ba daidai ba ne, ya gidan Isra’ila? Ba hanyoyinku ne ba daidai ba?
Taʼu illee manni Israaʼel, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedha. Yaa mana Israaʼel, karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
30 “Saboda haka, ya gidan Isra’ila, zan hukunta ku, kowa bisa ga hanyarsa, in ji Ubangiji Mai Iko Duka. Ku tuba! Ku juye daga dukan laifofinku; sa’an nan zunubi ba zai zama sanadin fāɗuwarku ba.
“Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan.
31 Ku raba kanku da dukan laifofin da kuka yi, ku sami sabuwar zuciya da sabon ruhu. Don me za ku mutu, ya gidan Isra’ila?
Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?
32 Gama ba na jin daɗin mutuwar wani, in ji Ubangiji Mai Iko Duka. Ku tuba don ku rayu!
Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!