< Ezekiyel 14 >

1 Waɗansu dattawan Isra’ila suka zo wurina suka zauna a ƙasa a gabana.
Maanguddoota Israaʼelii keessaa tokko tokko na bira dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
2 Sai maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
3 “Ɗan mutum, waɗannan mutane sun kafa gumaka a cikin zukatansu suka sa mugayen abubuwan sa tuntuɓe a gabansu. Zan bar su, su taɓa nemi ni?
“Yaa ilma namaa, namoonni kunneen waaqota tolfamoo garaa isaanii keessa dhaabbataniiru; fuula isaanii dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼaniiru. Ani akka isaan na kadhatan eeyyamuufiin qabaa?
4 Saboda haka ka yi musu magana ka faɗa musu cewa, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa sa’ad da wani mutumin Isra’ila ya kafa gumaka a cikin zuciyarsa ya kuma sa mugun abin tuntuɓe a gabansa sa’an nan ya tafi wurin annabi, Ni Ubangiji zan amsa masa da kaina game da babban bautar gumakarsa.
Kanaafuu akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu namni Israaʼelii kam iyyuu garaa isaa keessa Waaqa tolfamaa dhaabbatee dhagaa hamaa nama gufachiisu immoo fuula isaa dura kaaʼatee raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo akkuma baayʼina waaqota isaa tolfamoo sanaatti nan deebisaaf.
5 Zan yi haka don in sāke ƙame zukatan mutanen Isra’ila, waɗanda duk suka yashe ni don gumakansu.’
Ani qalbii saba Israaʼel kanneen waaqota isaanii tolfamoof jedhanii na dhiisan sana hundaa deebisuuf waan kana nan godha.’
6 “Saboda haka ka faɗa wa gidan Isra’ila cewa, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa ku tuba! Ku juyo daga gumakanku ku kuma furta dukan ayyukanku masu banƙyama!
“Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: qalbii jijjiirradhaa! Waaqota keessan tolfamoo irraa deebiʼaa; hojii keessan jibbisiisaa hundas dhiisaa!
7 “‘Duk sa’ad da mutumin Isra’ila ko baƙo mai zama a Isra’ila ya rabu da ni ya kuma kafa gumaka a cikin zuciyarsa ya kuna sa mugun abin tuntuɓe a gabansa sa’an nan ya tafi wurin annabi don yă neme ni, Ni Ubangiji zan amsa masa da kaina.
“‘Yommuu namni Israaʼel kam iyyuu yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu na dhiisee garaa isaa keessa waaqota tolfamoo dhaabbatee fuula isaa dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼatee waan ani jedhu gaafachuuf raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo mataan koo deebii nan kennaaf.
8 Zan yi gāba da mutumin in kuma sa ya zama misali da kuma abin karin magana. Zan ware shi daga mutanena. Sa’an nan za ku san cewa ni ne Ubangiji.
Ani namicha sana miidhuuf fuula koo isatti garagalfadhee fakkeenya waan kolfaa isa nan godha. Saba koo irraas isa nan kuta. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
9 “‘In kuma aka ruɗi annabin har ya yi annabci, Ni Ubangiji na rinjayi wannan annabi, zan kuma miƙa hannuna gāba da shi in hallaka shi daga cikin mutanena Isra’ila.
“‘Raajichi yoo raajii dubbachuuf gowwoomfame, ani Waaqayyo raajii sana nan gowwoomsa; harka koos isatti kaafadhee saba koo Israaʼel gidduudhaa isa nan balleessa.
10 Za su ɗauki hakkin laifinsu annabin zai zama mai laifi daidai da wanda ya zo neman shawararsa.
Isaan yakka isaanii ni baadhatu; raajiin sunis akkuma nama gorsa isa gaafate sanaa yakkamaa taʼa.
11 Sa’an nan mutanen Isra’ila ba za su ƙara kauce daga gare ni ba, ba kuwa za su ƙara ƙazantar da kansu da dukan zunubansu ba. Za su zama mutanena, ni kuma zan zama Allahnsu, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.’”
Kunis akka sabni Israaʼel siʼachi narraa goree yookaan deebiʼee cubbuu isaa hundaan of hin xureessineef. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
12 Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
13 “Ɗan mutum, in wata ƙasa ta yi mini zunubi ta wurin rashin aminci na kuma miƙa hannuna gāba da ita don in toshe hanyar samun abincinta na kuma aika da yunwa a kanta na kashe mutanenta da dabbobinta,
“Yaa ilma namaa, yoo biyyi tokko amanamuu diduudhaan cubbuu natti hojjette ani harka koo isheetti kaasee madda nyaata ishee nan gogsa; beelas itti ergee namoota isheetii fi horii ishee jalaa nan fixa;
14 ko da waɗannan mutum uku Nuhu, Daniyel da kuma Ayuba suna a cikinta, za su iya ceton kansu ne kawai ta wurin adalcinsu, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.
yoo namoonni sadan kunneen jechuunis Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 “Ko kuwa in na aika da namun jeji su ratsa cikin wannan ƙasa suka kuma bar ta babu yaro, ta kuma zama kufai har babu wanda zai ratsa cikinta saboda namun jeji,
“Yookaan yoo ani guutummaa biyya sanaatti bineensa ergee bineensi sun immoo biyya sana ijoollee malee hambise, yoo hamma namni tokko iyyuu sababii bineensa sanaatiif achiin darbuu dadhabutti biyyi sun one,
16 muddin ina raye, in ji Ubangiji Mai Iko Duka, ko da ma waɗannan mutum uku suna a cikinta, ba za su iya ceton’ya’yansu maza ko mata ba. Su kaɗai za a iya ceto, amma ƙasar za tă zama kufai.
ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama; biyyi sun garuu ni onti.
17 “Ko kuma in na kawo takobi a kan wannan ƙasa na kuma ce, ‘Bari takobin ya ratsa cikin dukan ƙasar,’ na kuma kashe mutanenta da dabbobinsu,
“Yookaan yoo ani goraadee biyyattiitti fidee, ‘Goraadeen biyyattii keessa haa darbu’ jedhee namaa fi horii ishee fixe,
18 muddin ina raye, in ji Ubangiji Mai Iko Duka, ko da waɗannan mutum uku suna cikinta, ba za su iya ceton’ya’yansu maza ko mata ba. Su kaɗai za a iya ceto.
ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama.
19 “Ko kuma in na aika da annoba a cikin wannan ƙasa na kuma yi fushi a kanta ta wurin kisa, ina kisan mutanenta da dabbobinsu,
“Yookaan yoo ani biyya sanatti dhaʼicha ergee namaa fi horii ishee fixee dhiiga lolaasuudhaan dheekkamsa koo itti roobse,
20 muddin ina raye, in ji Ubangiji Mai Iko Duka, ko da Nuhu, Daniyel da Ayuba suna a cikinta, ba za su iya ceton ɗansu ko’yarsu ba. Za su iya ceton kansu ne kaɗai ta wurin adalcinsu.
ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu.
21 “Gama ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa balle fa sa’ad da na aika wa Urushalima da hukuntaina guda huɗu masu zafi takobi da yunwa da namun jeji da annoba don su kashe mutanenta da dabbobinsu!
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Yeroo ani namaa fi horii ishee fixuuf murtiiwwan hadhaaʼaa afran sana jechuunis goraadee fi beela, bineensaa fi dhaʼicha Yerusaalemitti ergutti hammam wanni hamaan haa taʼu ree!
22 Duk da haka za a sami mutanen da za su ragu’ya’ya maza da matan da za a fitar daga cikinta. Za su zo wurinka, kuma sa’ad da ka gan halinsu da ayyukansu, za ka ta’azantu game da bala’in da na kawo a kan Urushalima kowane bala’in da na kawo a kanta.
Taʼus ilmaanii fi intallan isaanii kanneen ishee keessaa baafamanii baraaraman muraasni achi ni jiraatu. Isaanis gara keessan ni dhufu; isin immoo yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti sababii ani Yerusaalemitti badiisa fideef jechuunis badiisa ani isheetti fide hundaaf ni jajjabaattu.
23 Za ka ta’azantu sa’ad da ka ga halinsu da kuma ayyukansu, gama za ka san cewa ban aikata wani abu a cikinta ba dalili ba, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.”
Isin yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti akka ani sababii malee homaa ishee keessatti hin godhin waan beektaniif ni jajjabaattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

< Ezekiyel 14 >