< Fitowa 35 >
1 Musa ya tara dukan jama’ar Isra’ilawa ya ce musu, “Waɗannan su ne abubuwan da Ubangiji ya umarce ku, ku yi.
Museen waldaa Israaʼel guutuu walitti qabee akkana jedheen; “Wanni Waaqayyo akka isin hojjettan isin ajaje kana:
2 Kwana shida za ku yi aiki, amma rana ta bakwai za tă zama rana mai tsarki, Asabbaci ne na hutu ga Ubangiji. Duk wanda ya yi aiki a wannan rana dole a kashe shi.
Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu isiniif guyyaa qulqulluu dha; Waaqayyoof immoo sanbata boqonnaa taʼa. Namni guyyaa kana hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
3 Kada ku hura wuta a cikin duk mazauninku a ranar Asabbaci.”
Guyyaa Sanbataatiin lafa jiraattan kamitti iyyuu ibidda hin qabsiisinaa.”
4 Musa ya ce wa dukan jama’ar Isra’ilawa, “Ga abin da Ubangiji ya umarta.
Museenis waldaa Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo ajaje kana:
5 Daga cikin abin da kuke da shi, ku ɗauki kyauta domin Ubangiji, duk wanda yana niyya, sai yă kawo wa Ubangiji kyauta ta, “zinariya, azurfa da tagulla;
Waan qabdan irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu: “kennaa warqee, meetii fi naasii Waaqayyoof haa fidu.
6 shuɗi, shunayya da jan zare, lallausan lilin, da gashin akuya;
Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa gaarii, rifeensa reʼee,
7 fatun rago da aka rina ja, da fatun shanun teku; da itacen ƙirya
gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame, muka laaftoo,
8 da man zaitun don fitila; da kayan yaji don man shafewa, da kuma turare mai ƙanshi;
ibsaadhaaf zayitii ejersaa, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼuuf immoo urgooftuuwwan,
9 duwatsun onis, da sauran duwatsu masu daraja waɗanda za a mammanne a efod da ƙyallen maƙalawa a ƙirji.
dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamu kan biraa haa fidu.
10 “Duk waɗanda suke da fasaha a cikinku, su zo su yi dukan abin da Ubangiji ya umarta,
“Isin keessaa namoonni ogeeyyiin hundi dhufanii waan Waaqayyo ajaje hunda haa hojjetan:
11 “wato, aikin tabanakul da tentinsa tare da murfinsa, maɗauransa, katakansa, sandunansa da tussansa;
“Kunis dunkaana qulqulluu dunkaana isaatii fi irra buusaa isaa wajjin, hokkoowwan isaa, tuggee isaa, dagalee isaa, utubaa isaa, miilla isaa,
12 akwatin alkawari da sandunansa, murfin kafara da labulen da ya rufe shi;
taabota danqaraa isaa wajjin, teessoo araaraatii fi golgaa isa dhoksus,
13 tebur da sandunansa, da dukan kayansa da kuma burodin kasancewa;
minjaala danqaraa isaatii fi miʼa isaa hunda wajjin, buddeena ilaalchaa;
14 wurin ajiye fitila da yake don fitilu da kayayyakinsa, fitilu da mai don fitila;
baattuu ibsaa kan ifaaf taʼu miʼa isaa wajjin, ifa sanaafis ibsaa fi zayitii,
15 bagaden turare da sandunansa, man shafewa da turare mai ƙanshi; da labulen ƙofar shiga tabanakul;
iddoo aarsaa ixaanaa danqaraa isaa wajjin, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼu, karra ittiin dunkaana qulqulluu seenaniifis golgaa balbalaa,
16 bagaden hadaya ta ƙonawa da rigarsa ta tagulla da sandunansa da duk kayayyakinsa, daron tagulla da wurin ajiye shi.
iddoo aarsaa kan qalma gubamuu gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, caabii naasii miilla isaa wajjin,
17 Labulen filin tenti da sandunansa da tussansa, da kuma labulen ƙofar shiga fili;
golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa,
18 turakun tenti don tabanakul da kuma don filin, da igiyoyinsu;
dunkaana qulqulluu fi qofoowwan oobdii dunkaana qulqulluutii fi funyoowwan isaanii,
19 saƙaƙƙun riguna na sawa don hidima cikin wuri mai tsarki da tsarkakakkun riguna na Haruna firist, da riguna don’ya’yansa maza lokacin da suke aiki a matsayin firistoci.”
wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen isaan yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan haa hojjetan.”
20 Sai dukan jama’ar Isra’ilawa suka janye daga fuskar Musa,
Ergasiis hawaasni Israaʼel guutuun Musee biraa baʼanii deeman;
21 duk waɗanda suke da niyya, waɗanda kuma zukatansu suka motsa su, suka kawo kyautai wa Ubangiji, don aikin Tentin Sujada, don duk aikinsa, da don tsarkakakkun riguna.
namni fedhii qabuu fi namni yaadni isaa isa kakaase hundi dhufee hojii dunkaana wal gaʼii sanaatiif, tajaajila isaa hundaa fi hojii wayyaawwan qulqulluu sanaatiif kennaa Waaqayyoof fide.
22 Duk waɗanda suke da niyya, maza da mata, gaba ɗaya, suka kawo kayan ado na zinariya na kowane iri.’Yan kunne, da ƙawane, da mundaye, da kayayyakin zinariya iri-iri. Dukansu suka miƙa zinariyarsu a matsayin hadaya ga Ubangiji.
Dhiirrii fi dubartiin fedhii qaban hundi miʼa warqee irraa hojjetame kanneen gosa gosaa fidan; bitawoo, lootii, qubeelaa fi faaya fidan. Hundi isaanii iyyuu warqee isaanii aarsaa sochoofamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
23 Kowane mutumin da yake da shuɗi, shunayya ko jan zare, ko lallausan lilin, ko gashin akuya, ko fatun rago da aka rina ja, ko fatun shanun teku, suka kawo.
Namni kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee yookaan bildiimaa yookaan quncee talbaa baʼeessa yookaan rifeensa reʼee, kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame qabu hundi ni fide.
24 Masu miƙa kyautar azurfa, ko tagulla suka kawo su a matsayin kyautai ga Ubangiji, kuma kowane mutumin da yake da itacen ƙirya don kowane sashin aikin, ya kawo.
Warri kennaa meetii yookaan naasii dhiʼeessan kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhanii fidan. Namni muka laaftoo kan qooda hojii sanaa kamiif iyyuu taʼu qabu hundas ni fide.
25 Kowace mace mai fasaha ta kaɗa zare da hannuwanta, ta kuma kawo abin da ta kaɗa na shuɗi, shunayya, ko jan zare, ko lallausan lilin.
Dubartoonni ogeeyyiin hundis harkaan foʼanii kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessa foʼan sana fidan.
26 Kuma dukan matan da suke da niyya, suke kuma da fasaha, suka kaɗa gashin akuya.
Dubartoonni fedhii fi ogummaa qaban hundinuus rifeensa reʼee foʼan.
27 Shugabannin suka kawo duwatsun Onis. Da duwatsu masu daraja don a jera a kan efod da ƙyallen maƙalawa a ƙirji.
Bulchitoonni dhagaawwan sardooniksii fi dhagaawwan gati jabeeyyii biraa dirataa fi kiisii qomaatti akka kaaʼatamuuf fidan.
28 Suka kawo kayan yaji da man zaitun don fitila da don man shafewa da kuma don turare mai ƙanshi.
Akkasumas urgooftuu fi zayitii ibsaadhaaf, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼus fidan.
29 Dukan mazan Isra’ilawa da matan da suke da niyya suka kawo wa Ubangiji kyautai na yardar rai, domin dukan aikin da Ubangiji ya umarce su ta bakin Musa.
Dhiironnii fi dubartoonni Israaʼel warri fedhii qaban hundi hojii akka isaan hojjetaniif Waaqayyo karaa Museetiin isaan ajaje sana hundaaf fedhii isaaniitiin Waaqayyoof kennaa fidan.
30 Sa’an nan ya ce wa Isra’ilawa, “Duba Ubangiji ya zaɓi Bezalel ɗan Uri, ɗan Hur, daga kabilar Yahuda,
Yommus Museen saba Israaʼeliin akkana jedhe; “Ilaa Waaqayyo gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri ilma Huuri filateera;
31 ya kuma cika shi da Ruhun Allah, da fasaha, azanci da kuma sani cikin dukan sana’ar hannu,
Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera.
32 don yă ƙirƙiro zāne-zāne na gwaninta waɗanda za yi da zinariya, da azurfa da kuma tagulla.
Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf,
33 Haka kuma wajen sassaƙar duwatsu na jerawa, da sassaƙar itace, da kowane irin aiki na gwaninta.
akka dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
34 Ya kuma ba Bezalel da Oholiyab ɗan Ahisamak, daga kabilar Dan, iyawa don koya wa waɗansu.
Waaqnis Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sanaaf dandeettii isaan ittiin warra kaan barsiisan kenne.
35 Ya cika su da fasaha don yin kowane irin aikin sana’a, zāne-zāne, ɗinke-ɗinke shuɗi, shunayya da jan zare, da lallausan lilin, da kuma masu yin saƙa, sun gwaninta ƙwarai cikin kowane irin aikin hannu da kuma zāne-zāne.
Akka isaan ogeeyyii hojii harkaa, bifa baastotaa fi warra kirrii bifa cuquliisaatiin, dhiilgeen, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessaan miidhagsanii fi wayyaa dhooftota hundi isaanii ogeeyyii hojii harkaatii fi bifa baastota taʼaniif ogummaa hojii gosa hundaa hojjechuutiin isaan guute.