< Fitowa 34 >

1 Ubangiji ya ce wa Musa “Sassaƙa alluna biyu kamar na farko, ni kuwa in rubuta kalmomin da suke cikin alluna na farko da ka farfasa.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen duraa sanaatti soofi; anis dubbii gabateewwan ati caccabsite sana irra turan isaan irratti nan barreessa.
2 Ka shirya da safe, ka hauro kan Dutsen Sinai. Ka gabatar da kanka a gare ni a can kan dutse.
Atis ganamaan qophaayiitii Tulluu Siinaatti ol baʼi. Achitti, fiixee tulluu sanaa irratti fuula koo duratti of dhiʼeessi.
3 Ba wani da zai zo tare da kai, ko a gan shi ko’ina a kan dutsen, kada garkunan tumaki ko na shanu su yi kiwo kusa da dutsen.”
Namni tokko iyyuu si wajjin hin dhufin yookaan tulluu sana irratti eessumattuu hin mulʼatin. Bushaayee fi loon iyyuu fuula tulluu sanaa duratti hin bobbaʼin.”
4 Saboda haka Musa ya sassaƙa alluna biyu na dutse kamar na fari, sai ya hau Dutsen Sinai da sassafe, kamar yadda Ubangiji ya umarce shi, yana kuma ɗauke da alluna biyu na dutse a hannuwansa.
Museenis gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti soofe; innis gabateewwan lamaanis harkatti qabatee akkuma Waaqayyo isa ajajetti ganama bariin Tulluu Siinaatti ol baʼe.
5 Sa’an nan Ubangiji ya sauko a cikin girgije ya tsaya can tare da shi, ya kuma yi shelar sunansa.
Waaqayyo duumessaan gad buʼee isa wajjin achi dhaabate; maqaa Waaqayyoos ni labse.
6 Sai Ubangiji ya wuce a gaban Musa, ya yi shela ya ce, “Ni ne Ubangiji Allah mai tausayi, mai alheri, mai jinkirin fushi, cike da ƙauna da aminci,
Waaqayyo fuula Musee dura darbee akkana jedhee labse; “Waaqayyo, Waaqayyo Waaqa gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa,
7 nakan nuna ƙauna wa dubbai, nakan kuma gafarta mugunta, tawaye da zunubi. Amma ba na barin mai laifi, ba tare da na hore shi ba; nakan hukunta’ya’ya da jikoki har tsara ta uku da ta huɗu saboda laifin iyaye.”
kan araara isaa dhaloota kumaatamaaf tursu, kan hammina, fincilaa fi cubbuu namaaf dhiisuu dha. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii ni adaba.”
8 Musa ya yi sauri ya rusuna har ƙasa, ya yi sujada.
Museen yommuu suma lafatti gad jedhee sagade.
9 Ya ce, “Ya Ubangiji, in na sami tagomashi a idanunka, bari Ubangiji yă tafi tare da mu. Ko da yake wannan mutane masu taurinkai ne, ka gafarta muguntanmu da zunubanmu, ka kuma sāke sa mu zama abin gādonka.”
Innis, “Yaa Gooftaa, yoo ani fuula kee duratti ayyaana argadhee jiraadhe, Gooftaan nu wajjin haa deemu. Yoo sabni kun saba mata jabeessa taʼe illee hammina keenyaa fi cubbuu keenya nuu dhiisi; dhaala kees nu godhadhu” jedhe.
10 Sai Ubangiji ya ce, “Ga shi na yi alkawari da kai. A gaban dukan mutanenka zan yi abubuwan banmamakin da ba a taɓa yinsa a cikin wata al’umma a duniya ba. Mutanen da kuke zaune cikinsu za su ga aikin bantsoro, da Ni Ubangiji zan yi muku.
Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Kunoo ani si wajjin kakuu nan gala. Ani fuula saba kee hundaa duratti dinqiiwwan kanaan dura saba kam iyyuu keessatti, addunyaa hunda keessatti takkumaa hin hojjetamin nan hojjedha. Sabni ati keessa jiraattus akka hojiin ani Waaqayyo siif hojjedhu hammam sodaachisaa taʼe ni arga.
11 Ku yi biyayya da umarnin da na ba ka yau. Zan kora muku Amoriyawa, Kan’aniyawa, Hittiyawa, Ferizziyawa, Hiwiyawa da Yebusiyawa.
Waan ani harʼa si ajajuuf ajajami. Anis Amoorota, Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota fuula kee duraa ariʼee nan baasa.
12 Ku kula, kada ku yi yarjejjeniya da waɗanda suke zaune a ƙasar da za ku tafi, in ba haka ba, za su zama muku tarko.
Akka warra biyya ati itti galuuf deemtu sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu; yoo kanaa achii isaan kiyyoo sitti taʼu.
13 Ku rurrushe bagadansu, ku farfashe keɓaɓɓun duwatsunsu, ku sassare ginshiƙan Asheransu.
Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa.
14 Kada ku bauta wa wani allah, gama Ubangiji, wanda sunansa Kishi, Allah ne mai kishi.
Sababii Waaqayyo maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Waaqa hinaafu taʼeef ati Waaqa biraa hin waaqeffatin.
15 “Ku kula, kada ku yi yarjejjeniya da mazaunan wannan ƙasa, don kada sa’ad da suke yi wa allolinsu sujada, suna miƙa musu hadaya, su gayyace ku, ku ci hadayar da suka miƙa wa allolinsu.
“Ati akka warra biyya sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu. Sababiin isaa isaan yommuu waaqota isaanii wajjin sagaagalanii fi yommuu waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessanitti si waamu; atis aarsaa isaanii ni nyaatta.
16 Kada ku auro wa’ya’yanku maza’yan matansu, waɗanda suke yi wa alloli sujada, har su sa’ya’yanku su bi allolinsu.
Yeroo ati ilmaan kee intallan isaanii fuusiftee, intallan isaanii sun waaqota isaanii wajjin sagaagalanitti isaan akka ilmaan kees akkuma isaanii sagaagalan godhu.
17 “Kada ku yi alloli na zubi.
“Waaqota tolfamoo baqfamanii hojjetaman hin tolfatin.
18 “Sai ku yi Bikin Burodi Marar Yisti. Ku kuma ci burodi marar yisti har kwana bakwai, kamar yadda na umarce ku. Ku yi wannan a ƙayyadadden lokacinsa a watan Abib, gama a cikin watan ne kuka fita daga Masar.
“Ayyaana Maxinoo ayyaaneffadhu. Ati sababii jiʼa Abiibii keessa Gibxii baateef akkuma ani si ajaje sanatti jiʼa Abiibii keessa yeroo murteeffametti bultii torba Maxinoo nyaadhu.
19 “Ɗan fari na kowane mutum zai zama nawa, har da ɗan farin na dabbobi, ko na garken shanu ko na tumaki.
“Kan jalqabatti gadameessa saaqee baʼu hundi kan koo ti; kormi horii keetii hangafni jechuunis kormi looniitii fi kormi hoolotaa hangafni koo ti.
20 Ku fanshi ɗan farin jaki da na tunkiya, amma in ba ku fanshe shi ba, ku karya wuyansa. Ku fanshi duk’ya’yan farinku maza. “Kada wani yă zo gabana hannu wofi.
Harree hangafa xobbaallaa hoolaatiin furi; yoo furuu baatte immoo morma isaa cabsi. Ilmaan kee hangafa hundas furi. “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin.
21 “Kwana shida za ku yi aiki, amma a rana ta bakwai za ku huta; ko da lokacin noma ne, ko lokacin girbi, sai ku huta.
“Guyyaa jaʼa hojii hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu boqodhu. Yeroo qonnaatii fi yeroo midhaan galfamutti boqodhu.
22 “Ku kiyaye Bikin Makoni wato, bikin girbin nunan fari na alkama, da Bikin Gama Tattara amfanin gonaki, a ƙarshen shekara.
“Mataa qamadii jalqabaa irratti Ayyaana Torbanootaa ayyaaneffadhu; dhuma waggaa irratti immoo ayyaana galchaa midhaanii ayyaaneffadhu.
23 Sau uku a shekara, dukan mazanku za su bayyana a gaban Ubangiji Mai Iko Duka, Allah na Isra’ila.
Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii fuula Waaqayyo Gooftaa, fuula Waaqa Israaʼel duratti haa dhiʼaatan.
24 Zan kore al’umma daga gabanku, in fadada kan iyakarku, babu wanda zai yi ƙyashin ƙasarku a lokutan nan uku na shekara da kuka haura don ku bayyana a gaban Ubangiji, Allahnku.
Ani Namoota Ormaa si duraa ariʼee nan baasa; daangaa kee nan balʼisa; yoo ati waggaatti yeroo sadii Waaqayyo Waaqa kee duratti dhiʼaachuu dhaqxus namni tokko iyyuu biyya kee fudhachuu hin hawwu.
25 “Kada ku miƙa mini jinin hadaya tare da wani abin da yana da yisti, kada kuma ku bar kowace hadaya ta Bikin Ƙetarewa ta kwana.
“Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin; qalmi Ayyaana Faasiikaa irraa hafus hamma bariitti hin turin.
26 “Ku kawo nunan farin amfanin gonarku mafi kyau a gidan Ubangiji, Allahnku. “Kada ku dafa ɗan akuya a cikin madarar mahaifiyarsa.”
“Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.”
27 Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa, “Ka rubuta waɗannan kalmomi, gama bisa ga kalmomin nan, na yi alkawari da kai da kuma Isra’ila.”
Waaqayyos Museedhaan, “Dubbii kana barreessi; ani akkuma dubbii kanaatti siʼii fi saba Israaʼel wajjin kakuu galeeraatii” jedhe.
28 Musa ya kasance tare da Ubangiji kwana arba’in da dare arba’in, bai ci ba, bai sha ba. Ya kuma rubuta kalmomin alkawari a kan alluna, wato, dokoki goma.
Museenis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Waaqayyo bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse.
29 Sa’ad da Musa ya sauko daga kan Dutsen Sinai tare da alluna biyu na Alkawari a hannuwansa, bai san cewa fuskarsa tana ƙyalli ba saboda zaman da ya yi a gaban Ubangiji.
Museen gabateewwan Dhuga baʼumsaa lamaan sana harkatti qabatee Tulluu Siinaa irraa gad buʼe; innis sababii Waaqayyo wajjin dubbachaa tureef akka fuulli isaa calaqqisu hin beekne ture.
30 Da Haruna da dukan Isra’ila suka ga Musa, fuskarsa kuma tana ƙyalli, sai suka ji tsoron zuwa kusa da shi.
Yommuu Aroonii fi sabni Israaʼel hundi Musee arganitti kunoo, fuulli isaa calaqqisaa ture; isaanis isatti dhiʼaachuu sodaatan.
31 Amma Musa ya kira su, sai Haruna da dukan shugabannin jama’ar suka zo wurinsa, ya kuwa yi musu magana.
Museen garuu isaan waame; Aroonii fi bulchitoonni hawaasichaa hundinuus gara isaatti deebiʼan; innis isaanitti dubbate.
32 Daga baya sai dukan Isra’ilawa suka zo kusa da shi, ya kuma ba su dukan dokokin da Ubangiji ya ba shi a Dutsen Sinai.
Sabni Israaʼel hundi isatti dhiʼaate; innis waan Waaqayyo Gaara Siinaa irratti isatti dubbate hunda isaan ajaje.
33 Da Musa ya gama magana da su, sai ya lulluɓe fuskarsa.
Museen yommuu isaanitti dubbatee fixatetti fuula isaa haguuggate.
34 Amma duk sa’ad da ya je gaban Ubangiji don yă yi magana da shi, sai yă tuɓe lulluɓin har sai ya fito. Kuma duk sa’ad da ya fito yă faɗa wa Isra’ilawa abin da aka umarce shi,
Yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuudhaaf fuula isaa duratti ol seenu garuu hamma achii baʼutti haguuggii sana of irraa fuudha ture. Yommuu inni achii baʼee waan ajajame sana saba Israaʼelitti himutti,
35 sai su ga fuskarsa tana ƙyalli. Sa’an nan Musa yă sāke lulluɓe fuskarsa, har sai ya shiga don yă yi magana da Ubangiji.
isaan akka fuulli isaa calaqqisu argan. Ergasii Museen hamma Waaqayyo wajjin dubbachuuf ol galutti fuula isaa deebisee haguuggata ture.

< Fitowa 34 >