< Fitowa 30 >
1 “Ka yi bagade da itacen ƙirya don ƙona turare.
“Iddoo aarsaa kan ixaanni irratti aarfamu muka laaftoo irraa tolchi.
2 Zai zama murabba’i, tsawon zai zama kamu ɗaya, fāɗi kuma kamu ɗaya, amma tsayin yă zama kamu biyu, ƙahoninsa kuma su zama ɗaya da shi.
Iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkootii fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu; gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walitti waanuma tokko irraa haa tolfaman.
3 Ka dalaye bisansa da kuma dukan gefe-gefensa da kuma ƙahoninsa da zinariya zalla, ka kuma yi zubi na zinariya kewaye da shi.
Gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee naannessii tolchi.
4 Ka yi zobai biyu na zinariya domin bagade a ƙarƙashin zubin, biyu a gefe da gefe su fuskanci juna, don su riƙe sandunan da ake amfani da su don ɗaukarsa.
Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchi; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchi.
5 Ka yi sandunan nan da itacen ƙirya, ka dalaye su da zinariya.
Danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii warqee itti uffisi.
6 Ka sa bagaden a gaban labulen da yake gaban akwatin alkawari, a gaba murfin kafara wanda yake bisa akwatin alkawari, inda zan sadu da kai.
Iddoo aarsaa sanas fuula golgaa taabota kakuu seeraa bira jiru sanaa dura, fuula teessoo araaraa kan kakuu seeraatiin ol jiruu dura iddoo ani itti si argu sana dhaabi.
7 “Haruna zai ƙone turare a bisa bagaden kowace safiya, sa’ad da yake shirya fitilu.
“Aroon yommuu ganama ganama ibsaa qoqopheessutti iddoo aarsaa irratti ixaana urgaaʼaa haa aarsu.
8 Dole Haruna yă ƙone turare sa’ad da ya ƙuna fitilu da yamma, ta haka za a riƙa ƙona turare a gaban Ubangiji, daga tsara zuwa tsara.
Akka ixaanni sun dhaloota dhufu keessatti illee yeroo hunda fuula Waaqayyoo duratti aaruuf Aroon yommuu galgala galgala ibsaa qabsiisutti ixaana haa aarsu.
9 Ba za a ƙona wani irin turare dabam a bisa wannan bagade ba, ba kuma za a miƙa hadaya ta ƙonawa, ko ta hatsi, ko ta sha a bisansa ba.
Iddoo aarsaa kana irratti ixaana gosa biraa yookaan qalma gubamu yookaan kennaa midhaanii hin dhiʼeessin; dhibaayyuus irratti hin dhibaafatin.
10 Sau ɗaya a shekara, Haruna zai yi kafara a bisa ƙahoninsa. Dole a yi wannan kafara ta shekara-shekara da jinin kafara ta hadaya don zunubi daga tsara zuwa tsara. Gama bagaden mafi tsarki ne ga Ubangiji.”
Aroonis waggaatti yeroo tokko gaanfawwan iddoo aarsaa irratti aarsaa araara buusu haa dhiʼeessu; aarsaan waggaatti dhiʼeeffamu kun dhiiga aarsaa cubbuu kan araarri ittiin argamu wajjin dhaloota dhufu keessatti haa dhiʼeeffamu. Aarsaan kunis Waaqayyoof waan hundumaa caalaa qulqulluu dha.”
11 Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa,
Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
12 “Sa’ad da za ku ƙidaya Isra’ilawa, dole kowanne yă biya domin yă fanshe kansa ga Ubangiji a lokacin da aka ƙidaya shi. Ta haka babu wata annobar da za tă buge su sa’ad da kuke ƙidaya su.
“Yommuu ati baayʼina saba Israaʼel lakkooftutti tokkoon tokkoon namaa yeroo lakkaaʼamutti furii lubbuu isaa Waaqayyoof haa kennu. Yoos yeroo ati isaan lakkooftutti dhaʼichi tokko iyyuu isaan hin argatu.
13 Kowannen da ya ƙetare zuwa wurin waɗanda aka riga aka ƙidaya, dole yă ba da rabin shekel, bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, wanda nauyinsa garwa ashirin ne. Wannan rabin shekel hadaya ce ga Ubangiji.
Namni warra lakkaaʼamanitti dabalamu kam iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdamaa ulfaatu sanaatti walakkaa saqilii haa kennu. Walakkaan saqilii kunis kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
14 Duk waɗanda suka ƙetare, waɗanda shekarunsu ya kai ashirin ko fiye, za su ba da hadaya ga Ubangiji.
Warra lakkaaʼaman keessaa kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan isaa oli taʼe hundinuu Waaqayyoof kennaa haa dhiʼeessan.
15 Masu arziki ba za su bayar fiye da rabin shekel ba, talakawa kuma ba za su bayar ƙasa da haka ba, sa’ad da za ku yi hadaya ga Ubangiji don kafara rayukanku.
Yommuu isin lubbuu keessan furuuf jettanii Waaqayyoof kennaa dhiʼeessitanitti sooreyyiin walakkaa saqiliitii oli hin kennin; hiyyeeyyiinis walakkaa saqiliitii gad hin kennin.
16 Ku karɓi kuɗin kafara daga hannun Isra’ilawa, ku yi amfani da shi domin hidimar Tentin Sujada. Zai zama abin tunawa ga Isra’ilawa a gaban Ubangiji, don su yi kafarar rayukansu.”
Maallaqa furii sanas Israaʼeloota harkaa fudhiitii tajaajila dunkaana wal gaʼii sanaa irra oolchi; kunis lubbuu keessaniif furii taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo saba Israaʼel taʼa.”
17 Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa,
Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
18 “Ka yi daro na tagulla, ka yi masa ƙafafun da za a ajiye shi da tagulla don wanki. Ka ajiye shi tsakanin Tentin Sujada da bagade, ka zuba ruwa a ciki.
“Gabatee naasii kan miilla naasii qabu dhiqannaadhaaf tolchi. Isas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi.
19 Haruna da’ya’yansa maza za su wanke hannuwansu da ƙafafunsu da ruwan da yake cikinsa.
Aroonii fi ilmaan isaa bishaani sanaan harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan.
20 Duk lokacin da suka shiga Tentin Sujada, za su yi wanka, don kada su mutu. Duk lokacin da suka yi kusa da bagade don hidima ta miƙa hadayar da aka yi wa Ubangiji da wuta,
Isaanis akka hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan bishaaniin dhiqatu; akkasumas yommuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubuudhaaf tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhiʼaatanitti,
21 za su wanke hannuwansu da ƙafafunsu, don kada su mutu. Wannan za tă zama dawwammamiyar farilla domin Haruna da zuriyarsa daga tsara zuwa tsara.”
akka hin duuneef harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. Kunis dhaloota dhufu keessatti Aroonii fi sanyii isaatiif seera dhaabataa taʼa.”
22 Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa,
Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
23 “Ka ɗauki waɗannan kayan yaji masu kyau, shekel 500 na ruwan mur, rabin turaren sinnamon mai daɗin ƙanshi shekel 250, shekel 250 na turaren wuta mai ƙanshi,
“Urgooftuuwwan urgooftuu hunda caalan jechuunis qumbii qulqulluu saqilii 500, qarafaa urgaaʼaa walakkaa isaa jechuunis saqilii 250, marga citaa urgaaʼaa saqilii 250,
24 shekel 500 na kashiya, duk bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, da moɗa na man zaitun.
burgudii saqilii 500 fudhadhu; hundi isaa iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluutti haa taʼu; akkasumas zayitii ejersaa iinii tokko fudhadhu.
25 Da waɗannan za ka yi man shafewa mai tsarki, yadda mai yin turare yake yi. Zai zama man shafewa mai tsarki.
Urgooftuuwwan kanneeniinis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa jechuunis makaa urgaaʼaa akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti tolchi. Kunis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa taʼa.
26 Sa’an nan ka yi amfani da shi don shafa wa Tentin Sujada, da akwatin alkawari,
Zayitii kanaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraa,
27 da tebur da kuma dukan kayansa, da wurin ajiye fitila da dukan kayansa, da bagaden ƙona turare,
minjaalaa fi miʼa isaa hunda, baattuu ibsaa fi miʼa isaa, iddoo aarsaa ixaanaa,
28 bagaden hadaya ta ƙonawa da dukan kayansa, da daro da mazauninsa.
iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibi.
29 Za ka tsarkake su don su zama mafi tsarki, kuma duk abin da ya taɓa su, zai zama mai tsarki.
Akka isaan waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniif isaan qulqulleessi; wanni isaan tuqu kam iyyuus ni qulqullaaʼa.
30 “Ka shafe Haruna da’ya’yansa maza, ka kuma tsarkake su don su yi mini hidima a matsayin firistoci.
“Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa dibi qulqulleessi.
31 Ka faɗa wa Isra’ilawa, ‘Wannan mai, zai zama mai tsarki ne a gare ni don shafewa, daga tsara zuwa tsara.
Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Kun zayitiin qulqulluu ittiin dhaloota dhufuuf jiru diban naaf haa taʼu.
32 Kada a zuba a jikunan mutane, kada kuma a yi wani mai irinsa. Wannan mai, mai tsarki ne, za ku kuma ɗauke shi a matsayi mai tsarki.
Zayitii kana dhagna nama biraa irratti hin dhangalaasin yookaan zayitii kam iyyuu karaa kanaan hin qopheessin. Zayitiin kun qulqulluu dha; innis isiniif qulqulluu haa taʼu.
33 Duk wanda ya yi irin wannan mai, duk wanda kuma ya shafa shi a kan wani wanda yake ba firist ba, za a ware shi daga mutanensa.’”
Namni shittoo shittoo sana fakkaatu hojjetu kan nama biraattis dibu saba isaa keessaa haa balleeffamu.’”
34 Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa, “Ka ɗauki kayan yaji mai ƙanshi, resin na gum, da onika, da galbanum, da kuma zallan lubban, duk nauyinsu yă zama daidai.
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Urgooftuu jechuunis hamphee urgaaʼu, elellaan urgaaʼu, aannan muka urgaaʼuu, ixaana makaa hin qabne kan hundi isaa iyyuu baayʼina wal qixxee qabu fudhadhuutii,
35 Ka yi turare mai ƙanshi yadda mai yin turare yake yi. A sa masa gishiri, yă zama tsabtatacce, tsarkakakke.
akkuma namni urgooftuu qopheessu tokko hojjetutti ixaana makamaa urgaaʼu tolchi. Ixaana kanattis soogidda naqiitii qulqulleessi; akka qulqulluu taʼus godhi.
36 Ka ɗiba kaɗan daga ciki, ka niƙa, ka ajiye a gaban akwatin alkawari a cikin Tentin Sujada, inda zan sadu da kai. Zai zama mafi tsarki a gare ku.
Isa keessaas gartokko daakii bulleessiitii dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti si argu sana kaaʼi. Innis kan waan hunda caalaa qulqullaaʼuu isiniif haa taʼu.
37 Kada ku yi wani turare irinsa wa kanku; ku ɗauke shi a matsayi mai tsarki ga Ubangiji.
Haala kanaan ixaana ofii keessaniif hin qopheeffatinaa; akka inni Waaqayyoof qulqulluu taʼes hubadhu.
38 Duk wanda ya yi irinsa don jin daɗin ƙanshinsa, dole a ware shi daga mutanensa.”
Namni urgaa isaatti gammaduuf jedhee waan isa fakkaatu tokko illee hojjetu saba ofii keessaa haa balleeffamu.”