< Fitowa 15 >
1 Sa’an nan Musa da Isra’ilawa suka rera wannan waƙa ga Ubangiji suka ce, “Zan rera waƙa ga Ubangiji gama an ɗaukaka shi ƙwarai. Doki da mahayinsa ya jefa su cikin teku.
Yommus Musee fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfatan: “Ani Waaqayyoof nan faarfadha; inni ol ol jedheeraatii. Inni fardaa fi namicha farda yaabbate galaanatti gad darbateera.
2 “Ubangiji ne ƙarfina da mafakata, ya zama cetona. Shi Allahna ne, zan yabe shi. Allah na kakana, zan ɗaukaka shi.
“Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera. Inni Waaqa koo ti; anis isa nan jajadha; inni Waaqa abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.
3 Ubangiji mai yaƙi ne Ubangiji ne sunansa.
Waaqayyo goota waraanaa ti; maqaan isaa Waaqayyo.
4 Karusan Fir’auna da sojojinsa ya jefa cikin teku. Zaɓaɓɓun jarumawansa ya nutsar da su cikin Bahar Maliya.
Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaa galaanatti gad darbateera. Qondaaltota Faraʼoon keessaa filatamtoonni, Galaana Diimaa keessa dhidhimaniiru.
5 Zurfafan ruwaye sun rufe su; suka nutse cikin zurfi kamar dutse.
Tuujubni isaan irra gara gale; isaanis akkuma dhagaa tuujubatti gad dhidhiman.
6 Hannun damanka, ya Ubangiji, Mai kwarjini ne da iko, hannun damanka, ya Ubangiji, ya farfashe magabci.
Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa humnaan ulfina qabeessa. Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa diina ni hurreessa.
7 “A cikin girman kwarjininka ka kā da waɗanda sun yi gāba da kai. Ka aiki fushinka mai zafi ya cinye su kamar tattaka.
“Ati guddina ulfina keetiitiin warra siin morman gad darbatte. Aarii kee bobaʼaa ni ergite; innis akkuma habaqiitti gubee isaan fixe.
8 Da hucin numfashin hancinka ruwaye suka tattaru. Ruwaye masu kwararowa, suka tsaya kamar bango; ruwaye na zurfafa suka daskare a tsakiyar teku.
Hafuura funyaan keetiitiin bishaanonni tuulaman. Bishaan yaaʼu akkuma keenyaniitti ol dhaabate; tuujuboonnis walakkaa galaanaatti ititan.
9 Magabci ya yi fahariya, cewa ‘Zan fafare su, in ci musu. Zan raba ganima; abin da na so ya samu. Zan ja takobina hannuna kuwa zai hallaka su.’
Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba. Boojuu nan qoodadha; ani isaan irratti fedhii koo nan guutadha. Goraadee koo nan luqqifadha; harki koo isaan barbadeessa’ jedhee nan dhaadate.
10 Amma ka hura numfashinka sai teku ya rufe su. Suka nutse kamar darma cikin manyan ruwaye.
Ati garuu bubbee kee itti bubbifte; galaanni immoo isaan irra gara gale. Isaanis akkuma sibiilaa bishaanota jajjaboodhaan liqimfaman.
11 Wane ne cikin alloli, ya yi kamar ka, ya Ubangiji? Wane ne kamar ka, mai ɗaukaka cikin tsarki, mai banrazana cikin ɗaukaka, mai aikata al’ajabai?
Yaa Waaqayyo, waaqota keessaa eenyutu si fakkaata? Qulqullinaan simboo qabeessi, ulfinaan sodaachisaan, hojii dinqii hojjechuuttis kan akka keetii eenyu?
12 “Ka miƙa hannunka na dama, ƙasa ta haɗiye abokan gābanka.
“Ati harka kee mirgaa diriirfannaan, lafti isaan liqimsite.
13 A cikin ƙaunarka marar iyaka, za ka bishe mutanen da ka fansa. A cikin ƙarfinka, za ka bishe su zuwa mazauninka mai tsarki.
Ati saba furte sana, jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita. Jabina keetiinis gara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita.
14 Al’ummai za su ji, su yi rawar jiki tsoro zai kama mutanen Filistiya.
Saboonni dhagaʼanii hollatu; muddamsuunis saba Filisxeem qabate.
15 Sarakunan Edom za su tsorata, shugabannin Mowab za su yi rawar jiki, mutanen Kan’ana za su narke.
Hangafoonni Edoom ni rifatu; bulchitoota Moʼaabis naasuutu qabata; warri Kanaʼaanis bishaanuma taʼu;
16 Razana da tsoro za su fāɗo a kansu. Da ikon hannunka za su tsaya cik kamar dutse, har sai mutanen da ka kawo sun wuce, ya Ubangiji.
sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa. Yaa Waaqayyo, hamma sabni kee darbutti, hamma sabni ati bitatte sun darbutti jabina harka keetiitiin isaan akkuma dhagaa calʼisu.
17 Za ka kawo su, ka dasa su a kan dutsen nan naka inda, ya Ubangiji, ka shirya domin mazauninka, wuri mai tsarkin da hannuwanka suka kafa, ya Ubangiji.
Yaa Waaqayyo, ati gara tulluu dhaala keetiitti, gara lafa iddoo jireenya keetii godhachuuf tolfatteetti, yaa Gooftaa ati gara iddoo qulqulluu harki kee hundeesseetti ol galchitee isaan dhaabda.
18 “Ubangiji zai yi mulki har abada abadin.”
“Waaqayyo, bara baraa hamma bara baraatti moʼa.”
19 Sa’ad da dawakai, kekunan yaƙi da mahayan dawakan Fir’auna suka shiga cikin teku, Ubangiji ya mayar da ruwan teku a kansu, amma Isra’ilawa suka wuce a cikin teku a busasshiyar ƙasa.
Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti Waaqayyo bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban.
20 Sa’an nan Miriyam annabiya,’yar’uwar Haruna ta ɗauki ganga a hannunta, dukan mata kuwa suka bi ta, da ganguna suna rawa.
Miiriyaam obboleettiin Aroon raajittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan.
21 Miriyam ta yi musu waƙa. “Ku rera ga Ubangiji gama ya ci gawurtacciyar nasara. Doki da mahayi, ya jefa cikin teku.”
Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte: “Waaqayyo faarfadhaa; inni ulfinaan moʼateeraatii. Inni fardaa fi namicha farda yaabbate galaanatti gad darbateera.”
22 Sai Musa ya jagoranci Isra’ila daga jan teku zuwa hamadar Shur. Kwana uku suka yi tafiya cikin hamada ba su sami ruwa ba.
Museenis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman.
23 Da suka zo Mara, ba su iya shan ruwan ba saboda yana da ɗaci (shi ya sa ake kira wurin Mara).
Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma.
24 Sai mutanen suka yi gunaguni a kan Musa, suna cewa, “Me za mu sha?”
Jarri sunis, “Nu maal haa dhugnuu?” jedhanii Museetti guunguman.
25 Sai Musa ya yi kuka ga Ubangiji, Ubangiji kuwa ya nuna masa wani itace. Sai ya jefa shi cikin ruwan, sai ruwan ya zama mai daɗi. A can Ubangiji ya yi musu doka da farilla, a can kuma ya gwada su.
Yommus Museen Waaqayyotti iyyinaan, Waaqayyo muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe. Waaqayyos iddoo sanatti sirnaa fi seera isaaniif baase; achittis isaan qore.
26 Ya ce, “In kun kasa kunne ga muryar Ubangiji Allahnku kuka yi abin da yake daidai a idanunsa, in kun mai da hankali ga umarnansa, kuka kiyaye dukan farillansa, ba zan kawo muku wani ciwon da na kawo a kan Masarawa ba, gama ni ne Ubangiji da nake warkar da ku.”
Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”
27 Sai suka zo Elim inda akwai maɓulɓulan ruwa goma sha biyu da itatuwan dabino saba’in, suka sauka a can, kusa da ruwa.
Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan.