< Fitowa 13 >

1 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “Keɓe mini kowane ɗan fari. Ɗan fari wanda ya fara buɗe mahaifa a cikin Isra’ilawa nawa ne, ko na mutum ko na dabba.”
“Dhiira hangafa hunda addaan naa baasi; Israaʼeloota keessaa namas taʼu horiin hangafni gadameessa banu kam iyyuu kan koo ti.”
3 Sai Musa ya ce wa mutane, “Ku tuna da wannan rana, ranar da kuka fito daga Masar, daga ƙasar bauta, gama Ubangiji ya fito da ku da hannu mai iko. Kada ku ci wani abin da yake da yisti.
Yommus Museen uummataan akkana jedhe; “Sababii Waaqayyo irree jabaadhaan achii isin baaseef guyyaa itti mana garbummaatii Gibxi keessaa baatan kana yaadadhaa. Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa.
4 A wannan rana kuka fita, wato, a watan Abib.
Isin jiʼa Abiibii keessa guyyaa harʼaa baatan.
5 Sa’ad da Ubangiji ya kawo ku cikin ƙasar Kan’aniyawa, Hittiyawa, Amoriyawa, Hiwiyawa da Yebusiyawa, ƙasar da ya rantse wa kakanninku cewa zai ba ku, ƙasar da take zub da madara da zuma, za ku kiyaye wannan biki a wannan wata.
Yeroo Waaqayyo gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, biyya Hiiwotaa fi Yebuusotaatti jechuunis biyya aannanii fi damma baasu kan inni akka siif kennu abbootii keetiif kakate sanatti si galchutti ati jiʼa kana keessa ayyaana kana ayyaaneffatta;
6 Kwana bakwai za ku ci burodi marar yisti, a kan rana ta bakwai kuma za ku yi biki ga Ubangiji.
ati bultii torba Maxinoo nyaatta; guyyaa torbaffaatti immoo ayyaana Waaqayyoo taʼa.
7 Ku ci burodi marar yisti cikin kwana bakwai; kada a sami wani abu mai yisti a cikinku, ko a sami yisti a ko’ina a wurinku.
Guyyaa torban sana Maxinoo nyaadhu; wanni raacitii qabu tokko iyyuu si biratti hin argamin; daangaa kee hunda keessattis raacitiin hin argamin.
8 A ranan nan kowa zai faɗa wa ɗanka, ‘Ina yin haka saboda abin da Ubangiji ya yi mini, sa’ad da na fita daga Masar.’
Gaafas, ‘Ani waan Waaqayyo yeroo ani Gibxi keessaa baʼetti naa godhe sanaaf jedhee waan kana godha’ jedhiitii ilma keetti himi.
9 Wannan abin tunawa zai zama muku alama a hannunku, da kuma a goshinku cewa dokar Ubangiji tana a bakinku. Gama Ubangiji ya fitar da ku daga Masar da hannu mai iko.
Sirni kunis akka seerri Waaqayyoo arraba kee irra jiraatuuf harka kee irratti akka mallattoo, adda kee irratti immoo akka yaadannoo siif taʼa. Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan Gibxii si baaseetii.
10 Dole ku kiyaye wannan farilla kowace shekara a lokacinta.
Atis sirna kana wagguma waggaan yeroo isaatti eeguu qabda.
11 “Bayan Ubangiji ya kawo ku cikin ƙasar Kan’aniyawa, ya kuma ba da ita yadda ya alkawarta muku da rantsuwa, ku da kakanninku,
“Yommuu Waaqayyo akkuma siʼii fi abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya Kanaʼaanotaatti si galchee biyyattii siif kennutti,
12 sai ku miƙa kowane ɗan fari ga Ubangiji. Duk ɗan farin dabbobinku na Ubangiji ne.
ati hangafa gadameessa banu hunda Waaqayyoof kennita. Kormi horii keetii hangafni hundinuus kan Waaqayyoo ti.
13 Amma a fanshi kowane ɗan farin jakinku da ɗan rago. In kuwa ba za ku fanshe shi ba, sai ku karye wuyansa. Sai ku fanshe kowane ɗan farin daga cikin’ya’yanku.
Harree hangafa kam iyyuu ilmoo hoolaatiin furi; yoo furuu baatte garuu morma isaa cabsi. Ilmaan kee keessaas hangafa kam iyyuu furi.
14 “A kwanaki masu zuwa, in ɗanka ya tambaye ka, ‘Mene ne manufar wannan?’ Ka faɗa masa cewa, ‘Da hannu mai iko Ubangiji ya fito da mu daga Masar, daga ƙasar bauta.
“Bara dhufuuf jiru keessa yoo ilmi kee, ‘Kun maal jechuu dha?’ jedhee si gaafate ati akkana jedhiin; ‘Waaqayyo harka jabaadhaan Gibxii, mana garbummaa keessaa nu baase.
15 Sa’ad da Fir’auna ya taurare zuciyarsa, bai yarda ya sallame mu ba, sai Ubangiji ya kashe dukan’ya’yan farin ƙasar Masar, na mutum da na dabba, gaba ɗaya. Domin haka nake yin hadaya ga Ubangiji da’ya’yan fari, maza, da suka fara buɗe mahaifa, amma nakan fanshi dukan’ya’yan farina maza.’
Yommuu Faraʼoon mataa jabaatee gad nu dhiisuu didetti, Waaqayyo hangafa Gibxi hunda namaa fi horii ajjeese. Sababiin ani korma hangafa gadameessa banu hunda Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuu fi sababiin ani ilmaan koo keessaa hangafa hunda furuuf kanuma.’
16 Za tă kuma zama alama a hannunku da kuma shaida a goshinku cewa Ubangiji ya fito da mu daga Masar da hannunsa mai iko.”
Waaqayyo irree jabaadhaan Gibxii nu baasuu isaatiif wanni kun harka kee irratti mallattoo, adda kee irrattis mallattoo taʼa.”
17 Sa’ad da Fir’auna ya bar mutane su tafi, Allah bai bi da su a hanyar da ta bi ta iyakar Filistiyawa ba, ko da yake wannan hanya ce ta fi kusa. Gama Allah ya ce, “In suka fuskanci yaƙi, wataƙila su canja ra’ayinsu su koma Masar.”
Yeroo Faraʼoon saba sana gad dhiisetti karichi gabaabaa taʼu iyyuu Waaqni karaa biyya Filisxeem irra isaan hin qajeelchine; sababiin isaas Waaqni, “Isaan yoo waraanni isaan mudate yaada geeddarratanii Gibxitti deebiʼuu dandaʼan” jedhee ti.
18 Saboda haka Allah ya kewaye da mutanen ta hamada zuwa Jan Teku. Isra’ilawa kuwa suka fita daga Masar da shirin yaƙi.
Kanaafuu Waaqni karaa naannoo gammoojjiitiin gara Galaana Diimaatti saba sana qajeelche. Israaʼeloonnis waraanaaf qophaaʼanii biyya Gibxiitii baʼan.
19 Musa ya ɗauki ƙasusuwan Yusuf tare da shi, gama Yusuf ya sa Isra’ilawa su rantse masa. Ya ce, “Tabbatacce Allah zai taimake ku, sai ku ɗibi ƙasusuwana tare da ku daga wannan wuri.”
Sababii Yoosef, “Waaqni dhugumaan isin gargaara; isinis gaafas lafee koo asii fuudhaa baʼaa” jedhee Israaʼeloonni kakachiisee tureef Museen lafee Yoosef fuudhee baʼe.
20 Bayan sun bar Sukkot sai suka kafa sansani a Etam a bakin hamada.
Isaanis Sukootii kaʼanii Eetaam keessa qarqara gammoojjii qubatan.
21 Da rana Ubangiji yakan ja gabansu a cikin al’amudin girgije domin yă bishe su a kan hanyarsu, da dare kuma a cikin al’amudin wuta domin yă ba su haske, domin su iya tafiya dare da rana.
Waaqayyo akka isaan halkanii guyyaa deemuu dandaʼaniif guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura deemee karaa isaan argisiise; halkan immoo isaaniif ibsuuf jedhee utubaa ibiddaatiin isaan dura deemaa ture.
22 Al’amudan nan biyu, na girgije da na wuta, ba su daina yi wa jama’a jagora ba.
Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa, utubaan ibiddaa immoo halkan halkan uummata duraa hin dhabamne ture.

< Fitowa 13 >