< Maimaitawar Shari’a 33 >
1 Wannan ita ce albarkar da Musa mutumin Allah ya furta a kan Isra’ilawa, kafin yă rasu.
Eebbi Museen namni Waaqaa sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana;
2 Ya ce, “Ubangiji ya zo daga Sinai ya haskaka a bisansu daga Seyir; ya haskaka daga Dutsen Faran. Ya zo tare da dubban tsarkakansa daga kudu, daga gangara dutsensa.
innis akkana jedhe: “Waaqayyo tulluu Siinaa irraa dhufe; isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe; Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise. Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe; karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe.
3 Tabbatacce kai ne wanda yake ƙaunar mutane; dukan tsarkaka suna a hannunka. A ƙafafunka, duk suka rusuna, daga wurinka kuma suka karɓi umarni,
Dhugumaan situ saba jaallata; qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru. Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu; qajeelfamas sirraa argatu;
4 dokar Musa ta ba mu dokoki, mallakar taron Yaƙub.
Museen seera nuu kenneera; kunis dhaala waldaa Yaaqoob.
5 Shi ne sarki a bisa Yeshurun sa’ad da shugabannin mutane suka taru, tare da kabilan Isra’ila.
Yeroo hooggantoonni sabaa gosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanitti inni Yishuruun irratti mootii ture.
6 “Bari Ruben yă rayu, kada yă mutu, kada mutanensa su zama kaɗan.”
“Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin; yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin.”
7 Ya kuma faɗa wannan game da Yahuda, “Ka ji, ya Ubangiji, kukan Yahuda; ka kawo shi wurin mutanensa. Da hannuwansa ya kāre kansa. Ka taimake shi a kan maƙiyansa!”
Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, iyya Yihuudaa dhagaʼi; gara saba isaattis isa fidi. Inni harka ofii isaatiin of haa eegu. Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!”
8 Game da Lawi ya ce, “Tummim da Urim na mutumin da ka nuna masa tagomashi ne. Ka gwada shi a Massa; ka yi faɗa da shi a ruwan Meriba.
Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe: “Tumiimii fi Uriimiin kee tajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu. Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte; bishaan Mariibaa irratti isa lolte.
9 Ya yi zancen mahaifinsa da mahaifiyarsa ya ce, ‘Ban kula da su ba.’ Bai gane da’yan’uwansa ba, ko yă yarda da’ya’yansa, amma ya kiyaye maganarka ya tsare alkawarinka.
Waaʼee abbaa fi haadha isaas, ‘Ani isa hin argine’ jedhe. Inni obboloota isaa addaan hin baafanne; ijoollee isaas hin beekne; isaan dubbii keetiif ajajamanii kakuu kee eeganiiruutii.
10 Ya koyar da farillanka ga Yaƙub, dokarka kuma ga Isra’ila. Ya miƙa turare a gabanka da kuma hadaya ta ƙonawa ɗungum a kan bagadenka.
Inni ajaja kee Yaaqoobin, seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa. Fuula kee duratti ixaana, iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa.
11 Ka albarkaci ɗaukan dabarunsa, ya Ubangiji, ka kuma ji daɗin aikin hannuwansa. Ka murƙushe kwankwaso waɗanda suka tayar masa; ka bugi abokan gābansa har sai ba su ƙara tashi ba.”
Yaa Waaqayyo, ogummaa isaa hunda eebbisiif; waan harki isaa hojjetuttis gammadi. Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi; akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi.”
12 Game da Benyamin ya ce, “Bari ƙaunataccen Ubangiji yă zauna lafiya kusa da shi, gama yana tsare shi dukan yini, wanda kuma Ubangiji yake ƙauna yana zama a tsakanin kafaɗunsa.”
Waaʼee Beniyaam akkana jedhe: “Namni Waaqayyo isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu; inni guyyaa guutuu isa eegaatii; namni Waaqayyo isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.”
13 Game da Yusuf ya ce, “Bari Ubangiji yă albarkaci ƙasarsa da raɓa mai daraja daga sama a bisa da kuma zurfin ruwan da suke kwance a ƙarƙashi;
Waaʼee Yoosef akkana jedhe: “Waaqayyo biyya isaa haa eebbisu; fixeensa filatamaa samiidhaa buusuudhaan bishaan boolla gad fagoo keessaatiin,
14 da abubuwa masu kyau da rana take kawo, da kuma abubuwa mafi kyau da wata zai iya haifar;
midhaan filatamaa aduun biqilchituun, waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,
15 da zaɓaɓɓun kyautai na daɗaɗɗun duwatsu, da kyawawan amfani na madawwaman tuddai.
kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin, badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,
16 Tare da kyautai mafi kyau na duniya da cikarta, da tagomashi na wanda yake zama a ƙaramin itace mai ƙonewa. Bari duk waɗannan su zauna a kan Yusuf, a goshin sarki a cikin’yan’uwansa.
kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin, surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu. Isaan kunneen hundi mataa Yoosef kan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan.
17 Cikin daraja yana yi kamar ɗan fari na bijimi; ƙahoninsa ƙahonin ɓauna ne. Tare da su zai tukwiyi al’ummai, har ma da waɗanda suke ƙarshen duniya. Haka dubu dubban Efraim suke; haka dubban Manasse suke.”
Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata; gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti. Isaaniinis hamma daarii lafaatti saboota ni waraana. Isaanis kuma kurnan Efreem, akkasumas kumaatama Minaasee ti.”
18 Game da Zebulun ya ce, “Ka yi farin ciki, Zebulun, a fitowarka, kai kuma Issakar, a cikin tentunanka.
Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe: “Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin, Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi.
19 Za su kira mutane zuwa dutse, a can za su miƙa hadayun adalci; za su yi biki a yalwan tekuna, a dukiyoyin da aka ɓoye a cikin yashi.”
Isaan saboota gara tulluutti ni waamu; achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu; isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin, qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu.”
20 Game da Gad ya ce, “Mai albarka ne wanda ya fadada mazaunin Gad! Gad yana zama a can kamar zaki, yana yayyage a hannu da kai.
Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe: “Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha! Gaad irree fi mataa caccabsaa akka leencaatti achi jiraata.
21 Ya zaɓi ƙasa mafi kyau wa kansa; aka ajiye masa rabon shugaba. Sa’ad da shugabannin mutane suka taru, ya aikata adalcin Ubangiji da kuma hukuncinsa game da Isra’ila.”
Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate; qoodni hooggantootaa isaaf turfame. Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti, inni fedhii qajeelumma Waaqayyootii fi murtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase.”
22 Game da Dan ya ce, “Dan ɗan zaki ne, yana tsalle daga Bashan.”
Waaʼee Daanis inni akkana jedhe: “Daan akka ilmoolee leencaa kan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti.”
23 Game da Naftali ya ce, “Naftali ƙosasshe ne da tagomashin Ubangiji, ya kuma cika albarkarsa; zai gāji gefen kudu zuwa tafki.”
Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe: “Niftaalem surraa gonfateera; eebba Waaqayyootiinis guutameera; inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala.”
24 Game da Asher ya ce, “Mafi albarka na’ya’yan, shi ne Asher; bari yă sami tagomashi daga’yan’uwansa, bari kuma yă wanke ƙafafunsa a cikin mai.
Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe: “Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha; inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu; miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu.
25 Madogaran ƙofofinka za su zama ƙarfe da tagulla, ƙarfinka kuma zai zama daidai da kwanakinka.
Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa; jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa.
26 “Babu wani kamar Allah na Yeshurun, wanda yake hawa a bisa sammai don yă taimake ka a kan gizagizai kuma a cikin darajarsa.
“Waaqni akka Waaqa Yishuruun, kan si gargaaruuf jedhee samiiwwan irra, surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru.
27 Allah madawwami shi ne mafakarka, a ƙarƙashina kuma madawwamin hannuwa ne. Zai kore abokin gābanka a gabanka, yana cewa, ‘Ka hallaka shi!’
Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
28 Haka Isra’ila zai zauna lafiya shi kaɗai; zuriyar Yaƙub a tsare a ƙasar hatsi da sabon ruwan inabi, inda sammai za su zuba raɓa.
Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata; lafa fixeensi samii itti coccophutti, biyya midhaanii fi wayinii haaraatti namni burqaa Yaaqoob tuqu hin jiru.
29 Kai mai albarka ne, ya Isra’ila! Wane ne yake kamar ka, mutanen da Ubangiji ya ceta? Shi ne mafakarka da mai taimakonka da kuma takobinka mai ɗaukaka. Abokan gābanka za su zo neman jinƙai a gabanka, za ka kuwa tattake masujadansu.”
Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha! Sabni Waaqayyo isa fayyise, kan akka keetii eenyu? Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti; goraadee ulfina keetiitis. Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu; ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta.”