< Daniyel 11 >
1 A shekara ta fari ta Dariyus mutumin Mede, na ɗauki matsayina domin in goyi baya in kuma kāre shi.)
Anis bara Daariyoos namicha Meedon keessaa waggaa tokkoffaatti isa jajjabeessuu fi eeguuf isa bira dhaabadheen ture.
2 “Yanzu dai, zan faɗa maka gaskiya. Sarakuna uku za su taso a Farisa, sa’an nan kuma na huɗu, wanda zai fi dukansu dukiya. Sa’ad da zai sami iko saboda dukiyarsa, zai zuga dukan kowane mutum yă yi gāba da masarautar Girka.
“Egaa ani dhugaan sitti hima: Mootonni biraa sadii Faares keessatti ni kaʼu; ergasiis mootiin afuraffaan warra kaan hunda irra sooressa taʼe tokko ni kaʼa. Innis erga qabeenya isaatiin jabina argatee booddee tokkoo tokkoo namaa mootummaa Giriik irratti ni kakaasa.
3 Sa’an nan wani babban sarki zai bayyana, wanda zai yi mulki da babban iko yă kuma yi abin da ya ga dama.
Ergasii mootiin jabaan tokko ni kaʼa; innis humna guddaadhaan ni bulcha; waan fedhes ni hojjeta.
4 Bayan da ya bayyana, daularsa za tă wargaje za a rarraba ta zuwa kusurwoyi huɗu na duniya, a ba waɗansu waɗanda ba zuriyarsa ba, ba kuwa za su yi mulki da iko kamar yadda ya yi ba, gama za a tumɓuki daularsa a kuma ba wa waɗansu.
Erga inni dhufee booddee mootummaan isaa diigamee gara qilleensota samii afraniitti gargar qoqqoodama. Mootummaan isaa buqqaʼee mootota biraatiif waan kennamuuf sanyii isaatti hin darbu yookaan humna inni argatee ture sana hin qabaatu.
5 “Sai sarki Kudu zai yi ƙarfi ƙwarai, amma ɗaya daga cikin komandodinsa zai yi ƙarfi fiye da shi, zai kuma yi mulki masarautarsa da iko mai girma.
“Mootiin Kibbaa ni jabaata; ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko garuu isa caalaa iyyuu jabaatee humna guddaadhaan mootummaa sana bulcha.
6 Bayan’yan shekaru, za su haɗa kai. Diyar sarkin Kudu za tă je wurin sarkin Arewa ta sada zumunci, amma ba za tă riƙe iko ba, shi kuwa da ikonsa ba za su daɗe ba. A waɗannan kwanaki za a bashe ta, da ita da masu rakiyarta da kuma mahaifinta da kuma wanda ya goyi bayanta.
Waggoota muraasaan booddee isaan tokko taʼu; walii galtee godhachuufis intalli mooticha Kibbaa gara mootii Kaabaa ni dhaqxi; garuu humna ishee qabattee turuu hin dandeessu; innii fi humni isaa jabaatee hin jiraatu. Bara sana keessa isheen, qondaaltota ishee, abbaa isheetii fi nama ishee gargaare wajjin dabarfamtee ni kennamti.
7 “Wani daga cikin zuriyarta zai taso yă ɗauki matsayinta. Zai kai wa sojojin sarkin Arewa hari yă kuma shiga kagararsa; zai yi yaƙi da su yă kuma yi nasara.
“Hidda sanyii ishee keessaas namni tokko iddoo ishee qabachuuf ni kaʼa. Innis humnoota mootii Kaabaa dhaʼee daʼannoowwan isaas cabsee ni seena; lolees isaan moʼata.
8 Zai ƙwace allolinsu, siffofinsu na ƙarfe da kuma kaya masu daraja na azurfa da na zinariya a kuma kai su Masar. Zai yi’yan shekaru bai kai wa sarkin Arewa yaƙi ba.
Inni waaqota isaanii, fakkiiwwan isaanii kan sibiilaatii fi miʼoota isaanii gati jabeeyyii meetii fi warqee boojiʼee gara Gibxitti ni geessa. Waggoota muraasaafis mootii Kaabaa waraanuu ni dhiisa.
9 Sa’an nan sarkin Arewa zai kai wa sarkin Kudu hari, amma zai janye, yă koma ƙasarsa.
Ergasii mootiin Kaabaa daangaa mootii Kibbaa ni qabata; garuu of irra garagalee biyya isaatti deebiʼa.
10 ’Ya’yansa maza za su yi shirin yaƙi za su kuma tattara babbar rundunar sojoji, waɗanda za su yi ta mamayewa kamar rigyawar da ba iya tarewa, kuma za su kai yaƙin har kagararsa.
Ilmaan isaa waraanaaf qophaaʼanii humna waraanaa guddaa tokko walitti qabatu; humni kunis akkuma lolaa namni of irraa deebisuu hin dandeenye tokkootti hamma daʼannoo isaatti duulee lola.
11 “Sa’an nan sai sarkin Kudu zai kama hanya da fushi zuwa yaƙi da sarkin Arewa, wanda zai tattara babbar rundunar yaƙi, amma za a ci shi da yaƙi.
“Ergasiis mootiin Kibbaa aariidhaan duulee mootii Kaabaa kan loltoota hedduu walitti qabate sana ni waraana; loltoonni hedduun sun garuu ni moʼamu.
12 Sa’ad da zai kawar da rundunar, sarkin Kudu zai cika da girman kai zai kuma kashe mutane dubbai, duk da haka ba zai kasance mai nasara ba.
Mootiin Kibbaa sun yommuu loltoota baayʼee boojiʼutti garaan isaa of tuulummaadhaan guutamee kuma baayʼees ni gogorraʼa; garuu moʼichi isaa itti hin fufu.
13 Sarki Arewa kuma zai ƙara tara babbar rundunar soja, wadda ta fi ta dā girma; bayan waɗansu shekaru kuma, zai tafi yaƙi da babbar rundunar mayaƙa cike da kayan yaƙi.
Mootiin kaabaa humna waraanaa kan isa duraa sana caalaa guddaa walitti qabataatii; waggoota baayʼee booddees humna waraanaa guddaa kan guutummaatti hidhate qabatee ni dhufa.
14 “A waɗannan lokutan mutane da yawa za su tashi gāba da sarkin Kudu. Amma waɗansu’yan kama-karya za su taso daga jama’arka da niyya su cika abin da wahayin ya ce, amma za a fatattake su.
“Yeroo sanatti namoonni baayʼeen mootii Kibbaatti ni kaʼu. Mulʼata sana raawwachuuf uummata kee keessaa finciltoonni ni kaʼu; garuu ni kufu.
15 Sa’an nan sarkin arewa zai zo ya gina mahaurai a jikin katagar birni don yă ci birnin da yaƙi. Sojojin nan na Kudu kuwa ba za su iya tsayawa ba, ko zaɓaɓɓun jarumawansu ma, gama za su rasa ƙarfin tsayawa.
Ergasii mootiin Kaabaa dhufee tuulaa biyyoo hojjetee magaalaa dallaadhaan marfamte ni qabata. Humnoonni waraana Kibbaas of irraa deebisuuf humna ni dhabu; loltoonni isaanii jajjaboon iyyuu isaan dura dhaabachuuf humna dhabu.
16 Wanda ya kai harin zai yi yadda ya ga dama, ba wanda zai iya ja da shi. Zai kafa kansa a Kyakkyawar Ƙasa zai kuma sami ikon da zai hallaka ta.
Inni itti duule sun waanuma fedhe hojjeta; namni tokko iyyuu of irraa isa deebisuu hin dandaʼu. Inni Biyya Bareedduu sana keessa jabaatee dhaabata; ishee balleessuufis humna qabaata.
17 Zai yunƙura yă zo da ƙarfin dukan masarautarsa zai kuma nemi haɗinkan sarkin Kudu. Zai kuma ba shi diyarsa yă aura don yă lalatar da mulkin, amma shirinsa ba zai yi nasara ba ko yă taimake shi ba.
Inni jabina mootummaa isaa guutuudhaan dhufuu murteessa; mootii Kibbaa wajjinis walii galtee godhata. Inni mootummaa sana kuffisuuf intala isaa itti heerumsiisa; karoorri isaa kun garuu hin milkaaʼu yookaan isa hin fayyadu.
18 Sa’an nan zai mai da hankalinsa zuwa ƙasashe a bakin kogi, zai kuma kama da yawansu, amma wani komanda zai kawo ƙarshen faɗin ransa, zai kuma sa faɗin ransa yă koma masa.
Ergasii inni gara biyyoota qarqara galaanaa jiraniitti yaada isaa deebifatee baayʼee isaanii qabata; garuu ajajaan tokko of tuulummaa isaa ni fashaleessa; of tuulummaa isaas matuma isaatti deebisa.
19 Bayan wannan, zai juya ga kagarar ƙasarsa, amma zai yi tuntuɓe yă fāɗi, ba kuwa za a ƙara ganinsa ba.
Kana irratti inni fuula isaa gara daʼannoowwan biyya isaatti deebifata; garuu gufatee kufa; deebiʼees hin argamu.
20 “Magājinsa zai aiki mai karɓar haraji don darajar masarautarsa. Amma ba da daɗewa ba za a hallaka shi, duk da haka ba da fushi ko cikin yaƙi ba.
“Namni iddoo isaa buʼu ulfina mootummaa eegsisuuf warra gibira walitti qaban ni erga. Taʼus inni utuu aariidhaan yookaan waraanaan hin taʼin yeroo gabaabaa keessatti bada.
21 “Magājin wannan sarki zai zama wani mutumin banza wanda ma bai fito daga gidan sarauta ba. Zai taso ba zato ba tsammani, yă ƙwace sarautar ta hanyar zamba.
“Iddoo isaas nama tuffatamaa ulfinni mootummaa hin kennaminiifitu qabata. Inni utuu sabni nagaadhaan jiraatuu mootummaatti duulee dabaan qabata.
22 Sa’an nan zai shafe mayaƙa masu yawa a gabansa; zai hallaka har da waɗanda suke mulki na alkawari.
Ergasii raayyaan guddaan tokko fuula isaa duraa ni haxaaʼama; innii fi hangafni kakuus ni balleeffamu.
23 Bayan ƙulla yarjejjeniya da shi, zai yi zamba cikin aminci, kuma zai sami damar hawan mulki da goyon baya mutane kaɗan.
Inni erga isa wajjin walii galtee godhatee booddee hojii gowwoomsaa hojjeta; namoota muraasa wajjinis aangoo qabata.
24 Sa’ad da yankuna mafi arziki suke ji kome lafiya yake, zai kai musu hari kuma Zai aikata abin da kakanninsa ba su taɓa yi ba. Zai rarraba abin da aka kwaso daga yaƙi, da ganima, da dukiya ga dukan mabiyansa. Zai kuma yi shiri yă kai wa mafaka hari, amma na ɗan lokaci ne kawai.
Yeroo kutaawwan biyya sooreyyiin nagaadhaan jiraatanitti isaanitti duulee waan abbootiin isaa yookaan akaakileen isaa hin hojjetin hojjeta. Innis waan boojiʼame, waan saamamee fi qabeenya duuka buʼoota isaatiif ni qoqqooda. Inni daʼannoowwan jigsuuf ni malata; garuu yeroo muraasaaf waan kana godha.
25 “Tare da babbar rundunar mayaƙa zai yi ƙarfin hali yă far wa sarkin Kudu da yaƙi. Sarkin kudu zai haɗa babbar rundunar soja mai ƙarfi don yaƙin, amma ba zai iya karo da shi ba, domin za a shirya masa maƙarƙashiya.
“Inni raayyaa loltootaa guddaadhaan ciminaa fi jabina isaa mootii Kibbaa irratti ni kakaasa. Mootiin Kibbaas loltoota akka malee baayʼee fi humna qabaniin waraana labsa; garuu sababii mariin isa irratti mariʼatamuuf of irraa ittisuu hin dandaʼu.
26 Waɗanda suke ci daga tanadin sarki za su yi ƙoƙari su hallaka shi; za a share mayaƙansa, kuma za a kashe mutane masu yawa a yaƙin.
Warri maaddii mootichaa irraa nyaachaa turan isa balleessuu yaalu; loltoonni isaa ni barbadaaʼu; baayʼeen isaaniis waraana keessatti dhumu.
27 Sarakunan nan biyu sun sa mugunta a ransu. Za su zauna a tebur guda su yi ta shara wa juna ƙarya, amma a banza, gama lokacin da aka ƙayyade bai yi ba tukuna.
Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu.
28 “Sarkin Arewa zai koma ƙasarsa da dukiya mai girma, amma zuciyarsa za tă yi gāba da tsattsarkan alkawari. Zai ɗauki mataki a kan wannan abu sa’an nan yă koma ƙasarsa.
Mootiin Kaabaa qabeenya guddaadhaan gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaa garuu kakuu qulqulluu morma. Waanuma fedhe itti hojjetee gara biyya isaatti deebiʼa.
29 “A ƙayyadadden lokaci zai sāke kai wa Kudu hari, amma a wannan karo abin da zai faru zai sha bamban daga abin da ya faru can baya.
“Yeroo murteeffamettis deebiʼee Kibba weerara; yeroo kanatti garuu haalli isaa kan duraa sanaan adda taʼa.
30 Jiragen ruwa yammancin bakin teku za su yi gāba da shi, zuciyarsa kuwa za tă yi sanyi. Sa’an nan zai juya ya huce haushinsa a kan tsattsarkan alkawari. Zai komo yă nuna jinƙai ga waɗanda suka juya wa tsattsarkan alkawari baya.
Dooniiwwan Kitiim isa mormu; innis abdii kutata. Ergasii duubatti deebiʼee kakuu qulqulluutti dheekkamsa isaa buusa. Deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan jaallata.
31 “Mayaƙansa za su taso su ƙazantar da kagarar haikali za su kuma kawar da hadaya ta kullum. Sa’an nan za su kafa abin banƙyama da yake lalatarwa.
“Humni loltoota isaas dallaa mana qulqullummaa jabaa sana xureessuuf ni kaʼa; aarsaa guyyaa guyyaas ni hambisa. Ergasiis isaan xuraaʼummaa badiisa fidu tokko dhaabu.
32 Ta wurin daɗin baki zai gurɓata waɗannan da suka karya alkawari, amma mutanen da suka san Allahnsu za su yi tsayin daka su yi jayayya da shi.
Inni warra kakuu sana dhiisan gowwoomsee ni dogoggorsa; warri Waaqa isaanii beekan garuu jabaatanii dhaabachuudhaan isa mormu.
33 “Waɗanda suke da hikima za su wayar da kan mutane da yawa, duk da haka za a kashe su da takobi, waɗansu da wuta, a washe waɗansu a kai su bauta.
“Ogeeyyiin yoo yeroodhaaf goraadeedhaan dhuman illee yookaan gubaman illee yookaan boojiʼaman illee yookaan saamaman illee namoota hedduu ni barsiisu.
34 Sa’ad da suka fāɗi, za su sami ɗan taimako, mutane da yawa za su haɗa kai da su, amma da munafunci.
Isaan yeroo dhumuu gaʼanitti gargaarsa xinnaa argatu; fakkeessitoonni hedduunis isaan deeggaru.
35 Waɗansu masu hikima za su yi tuntuɓe, don a tsabtacce su, a tsarkake su, su yi tsab, har matuƙar da aka ƙayyade ta yi.
Ogeeyyii keessaa tokko tokko akka hamma dhumaatti calalamaniif, akka qulqulleeffamanii warra hirʼina hin qabne taʼaniif ni gufatu; wanni kun amma iyyuu yeroo murteeffametti ni dhufaatii.
36 “Sarkin zai yi abin da ya ga dama. Zai ɗaukaka yă kuma girmama kansa gaba da kowane allah zai kuma faɗa munanan abubuwa a kan Allahn alloli. Zai yi nasara har sai lokacin hukunci ya cika, gama abin da aka ƙaddara zai cika.
“Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Waaqa kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Waaqa waaqotaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii.
37 Ba zai kula da alloli iyayensa ba ko wanda mata suke sha’awa, balle ma yă ga darajar wani allah, amma zai ɗaukaka kansa gaba da su duka.
Inni waaqota abbootii isaatiif yookaan kan dubartoonni isa jaallataniif yookaan Waaqa kamiif iyyuu ulfina hin kennu; garuu hunda isaanii caalaa ol ol of qaba.
38 A maimakonsu, zai ɗaukaka allahn kagarai; allahn da kakanninsa ba su ko sani ba, shi ne zai miƙa masa zinariya, da azurfa, da duwatsu masu daraja, da abubuwa masu tsada.
Qooda isaanii waaqa daʼannoowwaniitiif ulfina kenna; inni waaqa abbootiin isaa hin beekin warqee fi meetiidhaan, dhagaawwan gati jabeeyyii fi kennaawwan gati jabeeyyiidhaan ulfeessa.
39 Zai kai wa kagarai mafi ƙarfi hari da taimakon baƙon allah zai kuma girmama waɗanda suka yarda da shi zai ba su girma, ya kuma shugabantar da su a kan mutane da yawa, zai raba musu ƙasa ta zama ladansu.
Inni gargaarsa waaqa ormaatiin daʼannoowwan jajjaboo waraana; warra isa jalatti bulanis akka malee kabaja. Namoota baayʼee irrattis bulchitoota isaan godhee gatiidhaan lafa qoodaaf.
40 “A lokaci ƙarshe sarkin Kudu zai tasar masa da yaƙi, sarkin Arewa kuwa zai tunzura, yă tasar masa da kekunan yaƙi da mahayan dawakai, da jiragen ruwa da yawa. Zai ratsa ƙasashe, yă ci su da yaƙi, yă wuce.
“Bara dhumaa keessa mootiin Kibbaa waraana itti bana; mootiin Kaabaas fardeen, gaariiwwanii fi dooniiwwan hedduudhaan akkuma dambalii isa irra garagala. Biyyoota baayʼee weeraree akkuma lolaa isaan keessa baʼee darba.
41 Zai kuma mamaye Kyakkyawa Ƙasa. Ƙasashe masu yawa za su fāɗi, amma Edom, Mowab da kuma shugabannin Ammon za su kuɓuta daga hannunsa.
Akkasumas Biyya Bareedduu weerara. Biyyoonni baayʼeen harka isaa jala galu; Edoom, Moʼaabii fi hooggantoonni Amoon garuu isa jalaa ni baʼu.
42 Zai fadada mulkinsa har zuwa ƙasashe masu yawa; Masar ma ba za tă tsira ba.
Innis biyyoota baayʼee irratti aangoo isaa ni babalʼifata; Gibxis hin miliqxu.
43 Zai mallaki dukiyoyi na zinariya, da na azurfa, da dukan abubuwa masu tsada na Masar. Zai kuma ci Libiyawa da Kush da yaƙi.
Qabeenya warqeetii fi meetii, akkasumas badhaadhummaa Gibxi hunda toʼannaa ofii isaa jala galfata; namoonni Liibiyaatii fi Itoophiyaas isa jalatti bulu.
44 Amma labari daga gabas da arewa za su firgita shi, shi kuwa zai ci gaba da yin yaƙi da zafi, yă karkashe mutane da yawa, yă shafe su.
Garuu oduun baʼaa fi kaabaa dhufu isa sodaachisa; inni namoota baayʼee balleessuu fi fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa.
45 Zai kafa tentin mulkinsa tsakanin tekunan da suke a kyakkyawan tsauni mai tsarki. Duk da haka zai zo ga ƙarshensa, kuma babu wanda zai taimake shi.
Dunkaana mootummaa isaas galaanotaa fi tulluu bareedaa qulqulluu gidduu ni dhaabbata. Taʼu illee inni dhuma ofii isaatti ni dhufa; namni tokko iyyuu isa hin gargaaru.