< Amos 1 >

1 Kalmomin Amos, ɗaya daga cikin makiyayan Tekowa, abubuwan da ya gani game da Isra’ila shekaru biyu kafin a yi girgizar ƙasa, a lokacin da Uzziya yake sarkin Yahuda, Yerobowam ɗan Yowash kuma yake sarkin Isra’ila.
Kun mulʼata Amoos inni tikseewwan Teqooʼaa keessaa tokko ture sun bara Uziyaan mootii Yihuudaa, Yerobiʼaam ilmi Yooʼaash immoo mootii Israaʼel turetti, utuu sochiin lafaa hin taʼin waggaa lama dura waaʼee Israaʼel argee dha.
2 Ya ce, “Ubangiji ya yi ruri daga Sihiyona ya kuma yi tsawa daga Urushalima; wuraren kiwo duk sun bushe, dutsen Karmel kuma ya yi yaushi.”
Innis akkana jedhe: “Waaqayyo Xiyoon keessaa iyya; Yerusaalem keessaa sagalee dhageessisa; dirreen tiksoonni itti bobbaasan ni goga; fiixeen gaara Qarmeloosis ni coollaga.”
3 Ga abin da Ubangiji ya ce, “Saboda zunubai uku na Damaskus, har guda huɗu ma, ba zan fasa hukunta su ba. Domin sun ci zalunci Gileyad zalunci mai tsanani,
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Damaasqoo sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isaan meeshaa ittiin midhaan dhaʼan kan ilkaan sibiilaa qabuun Giliʼaadin tumaniif,
4 zan sa wuta a gidan Hazayel, da za tă ƙona kagarun Ben-Hadad.
ani ibidda daʼannoo Ben-Hadaad barbadeessu tokko, mana Hazaaʼeelitti nan erga.
5 Zan kakkarye ƙofofin Bet-Damaskus; zan hallaka sarkin da yake cikin Kwarin Awen da kuma mai riƙe da sandar mulkin Bet-Eden. Mutanen Aram za su je bauta a ƙasar Kir,” in ji Ubangiji.
Ani karra Damaasqoo nan cabsa; mootii Sulula Aawwen keessa jiruu fi isa Beet Eden keessatti bokkuu qabatu nan balleessa. Uummanni Sooriyaa boojiʼamee Qiiritti ni geeffama” jedha Waaqayyo.
6 Ga abin da Ubangiji ya ce, “Saboda zunubai uku na Gaza, har guda huɗu ma, ba zan fasa hukunta su ba. Don sun kwashe al’umma gaba ɗaya sun sayar wa Edom,
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Gaazaa sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isheen hawaasa hunda boojitee Edoomitti gurguratteef,
7 Zan aika da wuta a katangar Gaza ta ƙone duk kagarunta.
ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Gaazaatti nan erga.
8 Zan hallaka sarkin Ashdod da kuma mai riƙe da sandar mulki na Ashkelon. Zan hukunta Ekron, har sai dukan Filistiyawa sun mutu,” in ji Ubangiji Mai Iko Duka.
Ani mootii Ashdoodii fi isa Ashqaloon keessatti bokkuu qabatu sana nan balleessa. Ani hamma hambaan Filisxeemotaa duʼuutti harka koo Eqroonitti nan deebifadha” jedha Waaqayyo Gooftaan.
9 Ga abin da Ubangiji ya ce, “Saboda zunubai uku na Taya, har guda huɗu ma, ba zan fasa hukunta su ba. Don sun kwashe al’umma gaba ɗaya sun kai su bauta a Edom, ba su kula da yarjejjeniyar da aka yi ta zama kamar’yan’uwa ba,
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Xiiroos sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isheen walii galtee obbolummaa cabsitee hawaasa boojiʼame guutuu Edoomitti gurguratteef
10 zan aika da wuta a Taya, da za tă ƙone kagarunta.”
ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Xiiroositti nan erga.”
11 Ga abin da Ubangiji ya ce, “Saboda zunubai uku na Edom, har guda huɗu ma, ba zan fasa hukunta shi ba. Don ya fafari ɗan’uwansa da takobi, babu tausayi, domin ya ci gaba da fusata bai yarda yă huce daga fushinsa ba.
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Edoom sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni gara laafina hunda gatee obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeef, sababii aariin isaa ittuma fufee hoʼee dheekkamsi isaas utuu hin dhowwamin bobaʼeef,
12 Zan aika wuta a Teman da za tă ƙone kagarun Bozra.”
ani ibidda daʼannoo Bozraa barbadeessu tokko Teemaanitti nan erga.”
13 Ga abin da Ubangiji ya ce, “Saboda zunubai uku na Ammon, har guda huɗu ma, ba zan fasa hukunta shi ba. Don ya tsaga cikin matan Gileyad masu juna biyu don kawai yă ƙwace ƙasar.
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Amoon sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedhee dubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef
14 Zan sa wuta a katangar Rabba da za tă ƙone kagarunta za a yi kururuwa a ranar yaƙi, faɗan kuwa zai yi rugugi kamar hadiri.
ani guyyaa lolaatti wacaan, guyyaa qilleensa hamaatti immoo bubbee jabaadhaan ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Rabbaatti nan erga.
15 Sarkinta zai je bauta, shi da ma’aikatansa,” in ji Ubangiji.
Mootiin ishee boojiʼamee innii fi qondaaltonni isaa wajjin ni boojiʼamu” jedha Waaqayyo.

< Amos 1 >