< 2 Sama’ila 21 >

1 Lokacin da Dawuda yake mulki, an yi yunwa shekara uku a jere; saboda haka Dawuda ya nemi nufin Ubangiji. Ubangiji ya ce, “Saboda Shawulu ne da alhakin jinin gidansa; domin ya kashe Gibeyonawa.”
Jabana Daawit keessa beelli waggaa sadii walitti aansee buʼe; kanaafuu Daawit fuula Waaqayyoo barbaade. Waaqayyos, “Sababii Saaʼol Gibeʼoonota ajjeeseef isaa fi mana isaa irra yakka dhiigaatu jira” jedhe.
2 Sai sarki ya tattara Gibeyonawa ya yi musu magana. (To, Gibeyonawa ba sashen Isra’ilawa ba ne, amma mutanen Amoriyawa ne da suka ragu, waɗanda Isra’ila ta rantse za tă bari da rai, amma Shawulu cikin kishinsa don Isra’ila da Yahuda ya yi ƙoƙari yă hallaka su duka.)
Mootichis Gibeʼoonota walitti qabee isaan wajjin haasaʼe. Gibeʼoononni hambaa Amoorotaa turan malee ilmaan Israaʼelootaa miti; Israaʼeloonni akka isaan eegan kakuu seenaniif; Saaʼol garuu hinaaffaa Israaʼelii fi Yihuudaaf qabuun Gibeʼoonota balleessuu barbaadee ture.
3 Dawuda ya ce wa Gibeyonawa, “Me zan yi muku? Yaya zan yi kafara domin ku sa wa masu gādon Ubangiji albarka?”
Daawitis, “Ani maalin isiniif godha? Akka isin dhaala Waaqayyoo eebbiftaniif ani akkamittin araara buusuu dandaʼa?” jedhee Gibeʼoonota gaafate.
4 Gibeyonawa suka ce, “Ba mu da’yanci mu nemi zinariya ko azurfa daga wurin Shawulu ko gidansa, ba mu kuwa da wani’yanci mu sa a kashe wani a Isra’ila.” Dawuda ya ce, “To, me kuke so in yi muku?”
Gibeʼoononni immoo, “Nu Saaʼol irraa meetii yookaan warqee gaafachuuf mirga hin qabnu; yookaan akka namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti duʼu gochuuf nu mirga qabnaa?” jedhanii deebisaniif. Daawitis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedhee gaafate.
5 Suka ce wa sarki, “Mutumin da ya hallaka mu ya kuma yi mana makirci don kada mu kasance tare da Isra’ilawa ko’ina a cikin ƙauyukansu,
Isaanis akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan; “Nama akka nu diigamnuu fi akka nu Israaʼel keessattis iddoo tokko illee hin arganne nu godhe sana,
6 a ba mu zuriyarsa maza bakwai, mu kashe su, mu kuma rataye jikunansu a gaban Ubangiji a Gibeya na Shawulu wannan zaɓaɓɓen Ubangiji.” Sai sarki ya ce, “Zan ba ku su.”
sanyii isaa keessaa dhiirri torba nuuf haa kennaman; nus dhaqnee biyya Saaʼol namicha Waaqayyo filate sanaa, Gibeʼaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannifnaa.” Kanaafuu mootichi, “Tole isiniifin kenna” jedhe.
7 Sarki ya ware Mefiboshet ɗan Yonatan jikan Shawulu, saboda rantsuwar da take tsakanin Dawuda da Yonatan, ɗan Shawulu a gaban Ubangiji.
Mootichi garuu sababii kakuu Waaqayyoo kan Daawitii fi Yoonaataan ilma Saaʼol gidduutti godhame sanaatiif jedhee Mefiibooshet ilma Yoonaataan ilma Saaʼol duʼa jalaa baase.
8 Amma sarki ya ɗauki Armoni da Mefiboshet,’ya’ya biyu maza waɗanda Rizfa’yar Aiya ta haifa wa Shawulu, tare da’ya’ya maza biyar na Merab’yar Shawulu, waɗanda ta haifa wa Adriyel ɗan Barzillai, mutumin Mehola.
Mootichis Armoonii fi Mefiibooshet ilmaan Riixiphaan intalli Ayyaa Saaʼoliif deesse lamaanii fi ilmaan Meerob intalli Saaʼol Adriiʼeel ilma Barzilaay namicha gosa Mehoolaatiif deesse shanan geesse.
9 Ya ba da su ga Gibeyonawa, waɗanda suka kashe su, suka kuma rataye jikunansu a gaban Ubangiji. Dukan bakwai ɗin an kashe su gaba ɗaya; an kashe su a farkon kwanankin girbi, daidai lokacin fara girbin sha’ir.
Innis dabarsee Gibeʼoonotatti isaan kenne. Jarris isaan ajjeesanii gaara gubbaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannisan. Torbaan isaanii iyyuu walumaan dhuman; isaanis akkuma garbuun haamamuu jalqabeen yeroo midhaan haamamutti guyyoota jalqabaatti ajjeefaman.
10 Rizfa’yar Aiya ta ɗauki tsumma ta yi wa kanta shimfiɗa a kan dutse. Tun daga farkon girbi har ruwa damina ya sauko a kan gawawwakin, ba tă yarda tsuntsayen sama su taɓa su da rana ko mugayen namun jeji da dare ba.
Riixiphaan intalli Ayyaa sun wayyaa gaddaa fudhattee kattaa irra afatte. Isheenis yeroo midhaan itti haamamuu jalqabdee hamma bokkaan reeffa jara ajjeefamanii sanatti samiidhaa roobutti akka guyyaa guyyaa allaattiin samii halkan immoo bineensonni bosonaa reeffa sana tuqan hin eeyyamne.
11 Da aka gaya wa Dawuda abin da Rizfa’yar Aiya ƙwarƙwaran Shawulu ta yi,
Wanni Riixiphaan intalli Ayyaa saajjatoon Saaʼol sun hojjette Daawititti himame;
12 sai ya je ya kwashe ƙasusuwan Shawulu da na ɗansa Yonatan daga mutanen Yabesh Gileyad (Gama mutanen sun saci gawawwakin Shawulu da Yonatan daga inda Filistiyawa suka kakkafa su a kan itace a filin Bet-Shan, bayan da Filistiyawa suka kashe su a Gilbowa.)
innis dhaqee lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan namoota Yaabeesh Giliʼaad biraa fide. Isaan oobdii Beet Shaan iddoo Filisxeemonni gaafa Gilboʼaatti Saaʼolin ajjeesan itti jara fannisan sanaa isaan hatanii turaniitii.
13 Dawuda ya kawo ƙasusuwan Shawulu da na ɗansa Yonatan daga can, a kuma aka tattara dukan ƙasusuwan waɗanda Gibeyonawan suka kashe, suka kuma rataye.
Daawitis lafee Saaʼolii fi lafee Yoonaataan ilma Saaʼol achii fide; lafeen warra ajjeefamanii fannifamaniis walitti qabame.
14 Suka binne ƙasusuwan Shawulu da na ɗansa Yonatan a kabarin Kish, mahaifin Shawulu, a Zela a Benyamin. Suka kuma yi kome da sarki ya umarta. Bayan wannan Allah ya ji addu’arsu a madadin ƙasar.
Isaanis lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan biyya Beniyaam keessatti, iddoo Zeelaa jedhamutti awwaala Qiish abbaa Saaʼol keessatti awwaalanii waan mootichi ajaje hunda godhan. Sana booddee Waaqni kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaate ni dhagaʼe.
15 Har yanzu yaƙi ya sāke ɓarke tsakanin Filistiyawa da Isra’ila. Sai Dawuda ya gangara tare da mutanensa don su yaƙi Filistiyawa, gajiya ta kama shi.
Ammas Filisxeemotaa fi Israaʼel gidduutti waraanni ni kaʼe. Daawitis namoota isaa wajjin Filisxeemota waraanuuf duule; innis akka malee dadhabe.
16 Ishbi-Benob kuwa, wani daga zuriyar Rafa, wanda nauyin kan māshinsa na tagulla ya yi shekel ɗari uku, wanda yake kuma da sabon māshi, ya ce zai kashe Dawuda.
Namichi gosa Raafaa kan Yishbii-Benoob jedhamu tokko eeboo naasii kan kiiloo giraamii sadii fi walakkaa ulfaatuu fi goraadee haaraa hidhatee ture; innis Daawitin ajjeesuu barbaade.
17 Amma Abishai ɗan Zeruhiya ya kawo wa Dawuda gudummawa; ya bugi Bafilistin, ya kashe shi. Sa’an nan mutanen Dawuda suka rantse masa suka ce, “Ba za ka ƙara fita tare da mu wurin yaƙi ba, don kada fitilar Isra’ila tă mutu.”
Abiishaayi ilmi Zeruuyaa garuu Daawitin baraaruu dhufe; namicha Filisxeem sanas dhaʼee ajjeese. Namoonni Daawitis, “Akka ibsaan Israaʼel hin dhaamneef ati siʼachi nu wajjin waraana hin dhaqxu” jedhanii kakataniif.
18 Ana nan, sai aka sāke yin wani yaƙin da Filistiyawa, a Gob. A lokacin Sibbekai mutumin Husha ya kashe Saf, wani daga zuriyar Rafa.
Ergasii immoo lafa Goob jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni biraa kaʼe. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa namicha Saaf jedhamu tokko sanyii Raafaa keessaa ajjeese.
19 Sai aka sāke yin wani yaƙin da Filistiyawa a Gob, Elhanan ɗan Ya’are-Oregim mutumin Betlehem ya kashe Goliyat mutumin Gat, wanda girmar sandan māshinsa ta yi kama da taɓarya.
Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin Goobitti godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaʼiree Oregiim namichi biyya Beetlihem Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu sana ni ajjeese.
20 Har wa yau a wani yaƙin da aka yi a Gat, akwai wani ƙaton mutum mai yatsotsi shida a kowane hannu, da kuma yatsotsi shida a kowane ƙafa, yatsotsi ashirin da huɗu ke nan. Shi ma daga zuriya Rafa ne.
Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture; innis sanyii Raafaa keessaa dhalate.
21 Da ya yi wa Isra’ila reni, sai Yonatan ɗan Shimeya, ɗan’uwa Dawuda, ya kashe shi.
Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis, Yoonaataan ilmi Shimeʼii obboleessi Daawit isa ajjeese.
22 Waɗannan huɗu zuriyar Rafa ne a Gat, suka kuwa mutu ta hannu Dawuda da mutanensa.
Jarri afran kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha. Isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.

< 2 Sama’ila 21 >