< 2 Sama’ila 15 >
1 Ana nan sai Absalom ya samo wa kansa wata keken yaƙi da dawakai tare da mutum hamsin da za su sha gabansa.
Kana irratti Abesaaloom gaarii lolaatii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama ofii isaatiif qopheeffate.
2 Absalom yakan tashi da sassafe yă tsaya a gefen hanyar shigar ƙofar birni. Duk sa’ad da wani ya zo da ƙara don a kai gaban sarki yă yi shari’a, Absalom yakan kira shi yă ce, “Daga wane gari ka fito?” Sai mutumin yă amsa yă ce, “Bawanka ya fito a ɗaya daga cikin kabilan Isra’ila.”
Innis ganamaan kaʼee daandii gara karra magaalaatti nama geessu irra dhaabata ture. Yeroo namni kam iyyuu iyyata isaa mootii duratti dhiʼeeffatee murtii argachuuf dhufutti, Abesaaloom ofitti isa waamee, “Ati magaalaa kamii dhufte?” jedhee gaafata. Namni sunis, “Garbichi kee gosoota Israaʼel keessaa gosa tokko keessaa dhufa” jedhee deebisaaf.
3 Sai Absalom yă ce masa, “Ga shi, ƙararka daidai ne, tana kuma da gaskiya, sai dai ba wakilin sarkin da zai ji ka.”
Ergasiis Abesaaloom, “Kunoo iyyanni kee dhugaa fi qajeelaa dha; garuu akka inni si dhagaʼuuf namni mootiin iddoo buufate tokko iyyuu hin jiru” jedhaan.
4 Absalom kuwa yakan ƙara da cewa, “Da a ce an naɗa ni alƙali a ƙasar mana! Da duk mai ƙara, ko kuka wanda zai zo wurina, zan in tabbatar an yi masa adalci.”
Abesaaloomis itti dabalee, “Maal qaba, utuu ani biyya kanatti abbaa murtii taʼee! Silaa namni iyyata yookaan himata qabu kam iyyuu na bira dhufee anis murtii qajeelaa isaaf nan kennan ture” jedha.
5 Kuma duk sa’ad da wani ya zo wurin Absalom ya rusuna don yă gaishe shi, sai Absalom yă sa hannunsa yă ta da shi, yă kuma rungume shi.
Akkasumas yeroo namni tokko fuula isaa duratti jilbeenfachuuf gara isaa dhufutti Abesaaloom harka diriirfatee ol isa qabuudhaan isa dhungata.
6 Absalom ya yi ta yin haka ga dukan Isra’ilawan da suka zo wurin sarki don neman adalci, ta haka kuwa ya saci zukatan mutanen Isra’ila.
Abesaaloom akkasiin Israaʼeloota murtii qajeelaa argachuuf gara mootii dhufan hunda simachuudhaan garaa namoota Israaʼel hate.
7 A ƙarshen shekara huɗu, Absalom ya ce wa sarki, “Bari in tafi Hebron in cika alkawarin da na yi wa Ubangiji.
Abesaaloomis gara dhuma waggaa afuraffaatti mootichaan akkana jedhe; “Akka ani Kebroon dhaqee wareega Waaqayyoof wareegee ture tokko dhiʼeessuuf naaf eeyyami.
8 Yayinda bawanka yake zama a Geshur, a Aram, na yi wannan alkawari, na ce, ‘In Ubangiji ya komo da ni Urushalima, zan yi wa Ubangiji sujada a Hebron.’”
Ani garbichi kee yeroon biyya Sooriyaa keessa Geshuur jiraachaa turetti, ‘Yoo Waaqayyo gara Yerusaalemitti na deebise, ani Kebroonitti Waaqayyoof nan sagada’ jedhee wareega kana wareegeen ture.”
9 Sarki ya ce, “Ka sauka lafiya.” Sai ya tafi Hebron.
Mootichis, “Nagaan deemi” jedheen. Kanaafuu Abesaaloom gara Kebroon deeme.
10 Sai Absalom ya aiki manzanni a asirce cikin dukan kabilan Isra’ila, ya ce musu su ce, “Da zarar kuka ji an busa ƙaho, sai ku ce, ‘Absalom sarki ne a Hebron.’”
Abesaaloom garuu akka isaan, “Isin akkuma sagalee malakataa dhageessaniin, ‘Abesaaloom Kebroonitti mootii taʼeera’ jedhaa” jedhaniif guutummaa gosoota Israaʼel keessa dhoksaadhaan ergamoota bobbaase.
11 Mutum ɗari biyu daga Urushalima suka raka Absalom. An gayyace su a matsayin baƙi, suka kuwa tafi cikin rashin sani, ba su san wani abu game da al’amarin ba.
Namoonni dhibbi lama Yerusaalemii baʼanii Abesaaloom faana buʼan. Isaan akka keessummaatti affeeramanii calʼisaniituma deeman malee waaʼee dhimma sanaa waan tokko illee quba hin qaban ture.
12 Yayinda Absalom yake miƙa hadaya, ya aika a kira Ahitofel mutumin Gilo, mai ba wa Dawuda shawara, yă zo daga Gilo garinsa. Ta haka makircin ya ƙara ƙarfi, masu bin Absalom kuma suka yi ta ƙaruwa.
Abesaaloom yeroo aarsaa dhiʼeessutti namichi gosa Giiloo kan Ahiitofel jedhamu, gorsaan Daawit akka magaalaa isaa Giiloodhaa dhufuuf waamsise. Kanaafuu fincilli sun jabaatee duukaa buutonni Abesaaloomis baayʼachaa dhufan.
13 Wani manzo ya zo wurin Dawuda ya ce masa, “Zukatan mutanen Isra’ila sun koma wajen Absalom.”
Ergamaan tokkos Daawit bira dhufee, “Garaan namoota Israaʼel gara Abesaaloom itti deebiʼee jira” jedhee itti hime.
14 Sai Dawuda ya ce wa dukan fadawansa da suke tare da shi a Urushalima, “Ku zo! Mu gudu, in ba haka ba, babu wanda zai tsira daga hannun Absalom. Dole mu bar nan, nan da nan, in ba haka ba zai tashi da sauri yă fāɗa mana, yă kuma hallaka garin da takobi.”
Ergasiis Daawit qondaaltota isaa warra isa wajjin Yerusaalem keessa turaniin akkana jedhe; “Kaʼaa ni baqannaa! Yoo kanaa achii tokkoon keenya iyyuu Abesaaloom jalaa hin baanu. Dafnee asii deemuu qabna; yoo kanaa achii inni ariitiidhaan dhufee nu qaqqabee nu balleessaatii; magaalattii illee goraadeedhaan dhaʼa.”
15 Sai fadawan sarki suka ce masa, “Barorinka suna a shirye su yi duk abin da ranka yă daɗe, ya zaɓa.”
Qondaaltonni mootichaas, “Nu tajaajiltoonni kee waan gooftaan keenya mootichi murteesse kam iyyuu gochuuf qophaaʼoo dha” isaan jedhan.
16 Sarki ya kama hanya, dukan gidansa kuwa suna biye da shi; amma ya bar ƙwarƙwarai goma su lura da fada.
Kanaafuu mootichi warra mana isaa jiraatan hunda of faana fudhatee qajeele; saajjatoowwan isaa kudha garuu akka isaan masaraa mootii eeganiif achumatti dhiise.
17 Ta haka sarki ya kama hanya da dukan mutane suna biye da shi, suka yi sansani a wani wuri mai ɗan nisa da Urushalima.
Mootichis akkasiin namoota hunda of faana fudhatee baʼe; isaanis xinnoo achi fagaatanii iddoo tokko dhadhaabatan.
18 Dukan mutanensa suka wuce gabansa, tare da dukan Keretawa da Feletiyawa; da dukan mutane ɗari shida na Gittiyawan da suka raka shi daga Gat, suka wuce gaban sarki.
Namoonni isaa hundinuu Kereetotaa fi Pheletota hunda wajjin mooticha dura qajeelan; akkasumas Gaatonni dhibba jaʼa kanneen Gitii isa faana baʼanis fuula mootichaa dura darban.
19 Sarki ya ce wa Ittai mutumin Gat, “Don me za ka zo tare da mu? Ka koma ka zauna tare da Sarki Absalom. Kai baƙo ne, ɗan gudun hijira daga garinka.
Mootichis Itaayi namicha Gitii sanaan akkana jedhe; “Ati maaliif nu faana dhufta? Deebiʼiitii Abesaaloom mooticha wajjin turi. Ati keessummaa biyya keetii boojiʼamtee dhuftee dha.
20 Jiya-jiya ka zo. Yau kuma in sa ka yi ta yawo tare da mu, ga shi ban ma san inda za ni ba? Koma, ka tafi da’yan’uwanka. Bari alheri da amincin Ubangiji su kasance tare da kai.”
Ati kaleessuma dhufte. Egaa ani utuun ofii kootiifuu garan dhaqu hin beekin akka ati nu faana joortun si godhaa? Amma beenuu namoota biyya keetii fudhadhuutii deebiʼi. Gara laafinnii fi amanamummaan si wajjin haa taʼan.”
21 Amma Ittai ya ce wa sarki, “Muddin Ubangiji yana a raye kuma muddin ranka yă daɗe yana a raye, duk inda ranka yă daɗe sarki zai kasance, ko a yi rai ko a mutu, a can bawanka zai kasance.”
Itaayi garuu deebisee mootichaan, “Dhugaa Waaqayyo jiraataatii fi duʼa gooftaa koo mootichaa, jireenyas taʼu duʼa taanaan ani tajaajilaan kee gara gooftaan koo mootichi deemu kam iyyuu nan deema” jedhe.
22 Dawuda ya ce wa Ittai, “Wuce gaba, taka mu je.” Sai Ittai mutumin Gat ya shiga layi tare da dukan mutanensa da iyalan da suke tare da shi.
Daawit immoo Itaayiin, “Yoos darbii fuula duratti deemi” jedhe. Kanaafuu Itaayi namichi Gitii sun namoota isaatii fi maatii isaa kanneen isa wajjin turan hunda fudhatee deeme.
23 Dukan ƙauyuka suka yi ta kururuwa yayinda mutanen suke wucewa. Sarki shi ma ya haye ta Kwarin Kidron, mutane kuma suka ci gaba da tafiya zuwa wajen hamada.
Yeroo namoonni sun hundi darbanittis warri baadiyyaa jiraatan hundi sagalee ol fudhatanii booʼan. Mootichis Sulula Qeedroon ceʼee deeme; namoonni hundinuus ceʼanii gara gammoojjiitti qajeelan.
24 Zadok yana nan tare da su, kuma dukan Lawiyawan da suke tare da shi kuwa suna ɗauke da akwatin alkawarin Allah. Suka sauke akwatin alkawarin Allah, Abiyatar ya miƙa hadaya sai da mutane suka gama fita daga birnin.
Zaadoqis achi ture; Lewwonni isa wajjin turan hundinuu taabota kakuu Waaqaa baatanii turan; isaanis taabota Waaqaa lafa kaaʼan; Abiyaataar immoo hamma namoonni hundi magaalaa keessaa baʼanitti aarsaa dhiʼeesse.
25 Sa’an nan sarki ya ce wa Zadok, “Ka komar da akwatin alkawarin Allah cikin birnin. Idan na sami tagomashi a idon Ubangiji, zai dawo da ni, yă kuma sa in sāke gan shi a mazauninsa.
Ergasii mootichi Zaadoqiin akkana jedhe; “Ati taabota Waaqaa fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi. Yoo ani fuula Waaqayyoo duratti surraa argadhee jiraadhe, inni deebisee na fidee taabota sanaa fi lafa ofii jiraatu na argisiisa.
26 Amma in ya ce, ‘Ina baƙin ciki da kai,’ to, ina a shirye; bari yă yi abin da ya fi masa.”
Garuu yoo inni, ‘Ani sitti hin gammanne’ naan jedhe, ani qophaaʼaa dha; inni waan fedhe na haa godhu.”
27 Sarki ya kuma ce wa Zadok firist, “Ashe, kai ba mai duba ba ne? Ka koma cikin birnin lafiya, tare da ɗanka Ahimawaz, da kuma Yonatan ɗan Abiyatar. Kai da Abiyatar ku tafi da’ya’yanku biyu.
Mootichis Zaadoq lubichaan, “Ati nama mulʼataan waa argu mitii? Egaa ilma kee Ahiimaʼazin akkasumas Yoonaataan ilma Abiyaataar fudhadhuutii nagaan gara magaalaatti deebiʼi. Atii fi Abiyaataar ilmaan keessan lamaan fudhadhaatii deemaa.
28 Zan kuwa jira a mashigai a hamada, sai na ji daga gare ku.”
Ani immoo hamman dhaamsa kee dhagaʼutti malkaa gammoojjii keessaa bira nan tura.”
29 Saboda haka Zadok da Abiyatar suka ɗauki akwatin alkawarin Allah suka komar da shi Urushalima, suka zauna a can.
Kanaafuu Zaadoqii fi Abiyaataar taabota Waaqaa sana fuudhanii Yerusaalemitti deebiʼanii achuma turan.
30 Amma Dawuda ya ci gaba yana hawan Dutsen Zaitun, yana kuka yayinda yake tafiya; kansa a rufe, kuma babu takalma a ƙafafunsa. Dukan mutanen da suke tare da shi suka rufe kawunansu suna ta kuka yayinda suke haurawa.
Daawit garuu Gaara Ejersaatti ol baʼe; yeroo ol baʼuttis booʼaa deemaa ture; innis mataa isaa haguuggatee kophee malee deema ture. Namoonni isa wajjin turan hundinuus mataa isaanii haguuggatanii booʼaa deemu turan.
31 To, an gaya wa Dawuda cewa, “Ahitofel yana cikin waɗanda suka hadasa maƙarƙashiya tare da Absalom.” Saboda haka Dawuda ya yi addu’a ya ce, “Ya Ubangiji ka mai da shawarar Ahitofel ta zama shiririta.”
Yeroo kanatti, “Ahiitofelis warra Abesaaloom wajjin fincilan keessaa tokkoo dha” jedhamee Daawititti himame. Kanaafuu Daawit, “Yaa Waaqayyo, gorsa Ahiitofel sana jalaa busheessi” jedhee Waaqa kadhate.
32 Da Dawuda ya isa ƙwanƙoli, inda mutane sun saba yi wa Allah sujada, Hushai, mutumin Arkitawa kuwa yana can don yă tarye shi, taguwarsa a yage, ga kuma ƙura a kansa.
Yeroo Daawit iddoo wal gaʼii iddoo itti namoonni Waaqa waaqeffatan gaʼettis Huushaayi namichi gosa Arkii sun wandaboo ofii tarsaasee daaraa mataatti firfirfatee isa simachuuf baʼe.
33 Sai Dawuda ya ce masa, “In ka tafi tare da ni, za ka zama mini kaya.
Daawitis akkana jedheen, “Ati yoo na wajjin deemte baʼaa natti taata.
34 Amma in ka koma birni, ka gaya wa Absalom, ‘Zan zama bawanka, ya sarki; dā ni bawan mahaifinka ne, amma yanzu zan zama bawanka,’ ta haka za ka watsar da shawarar Ahitofel.
Garuu yoo gara magaalaatti deebitee Abesaaloomiin, ‘Yaa mootii, ani duraan garbicha abbaa keetiin ture; amma garuu garbicha kee nan taʼa’ jettee gorsa Ahiitofel busheessite na gargaaruu dandeessa.
35 Ba Zadok da Abiyatar firistocin nan suna nan tare da kai ba? Ka gaya musu duk abin da ka ji a fadan sarki.
Zaadoqii fi Abiyaataar luboonni suma wajjin achi jiraatu mitii? Ati waan masaraa mootiitii dhageessu hunda isaanitti himi.
36 ’Ya’yansu biyu maza, Ahimawaz ɗan Zadok, da kuma Yonatan ɗan Abiyatar, suna can tare da su. Ka aike su wurina da duk abin da ka ji.”
Ilmaan isaanii lamaan Ahiimaʼaz ilmi Zaadoqii fi Yoonaataan ilmi Abiyaataar isaanuma wajjin achi jiraatan. Ati waan dhageessu hunda harka isaaniitiin naa ergi.”
37 Saboda haka Hushai abokin Dawuda ya isa Urushalima yayinda Absalom yake shigowa birnin.
Kanaafuu Huushaayi michuun Daawit utuma Abesaaloom Yerusaalem seenaa jiruu achi gaʼe.