< 2 Sarakuna 7 >
1 Sai Elisha ya ce, “Ku ji maganar Ubangiji. Ga abin da Ubangiji ya ce, gobe war haka, za a sayar da mudun gari mai laushi a farashin shekel guda, mudu biyu na sha’ir kuma a shekel ɗaya a ƙofar birnin Samariya.”
Elsaaʼi, “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo akkana jedha: Bor yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurama” jedhe.
2 Sai wani hafsa mataimakin sarki ya ce wa mutumin Allah, “Kai, ko da Ubangiji zai buɗe tagogin sama, wannan abu ba zai yiwu ba!” Sai Elisha ya ce, “Za ka gani da idanunka, zai faru, amma ba za ka ci ba!”
Ajajaan loltootaa kan mootichi irree isaatti irkate sun nama Waaqaa sanaan, “Utuma Waaqayyo karra burqaa Samiiwwanii banee iyyuu wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkoo isaa illee hin nyaattu!” jedhe.
3 To, akwai waɗansu kutare huɗu a ƙofar gari. Suka ce wa junansu, “Don me za mu zauna a nan sai mun mutu?
Yeroo kanatti namoota lamxii qaban afurtu balbala ittiin magaalattii seenan dura ture. Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu maaliif hamma duunutti as teenya?
4 In muka ce, ‘Za mu shiga cikin birni’ yunwa tana can, za mu kuwa mutu. Idan kuwa muka zauna a nan, za mu mutu. Saboda haka, bari mu ƙetare zuwa sansanin Arameyawa mu miƙa kai. Idan suka bar mu da rai, to; idan kuwa suka kashe mu, shi ke nan.”
Yoo nu, ‘Kottaa magaalaa seennaa’ jenne, beelli achi jira; nus ni duuna. Yoo as turre ni duuna. Kanaafuu kottaa gara qubata warra Sooriyaa dhaqnaa. Yoo isaan nu maaran ni jiraanna; yoo isaan nu fixan immoo ni dhumna.”
5 Da yamma sai suka tashi suka tafi sansanin Arameyawa. Yayinda suka shiga tsakiyar sansanin Arameyawa kuwa, sai suka tarar ba kowa a can,
Isaan galgala dimimmisaan kaʼanii gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqan. Yommuu isaan qubata sana bira gaʼanitti namni tokko iyyuu achi hin turre;
6 gama Ubangiji ya sa rundunar Arameyawa suka ji motsin kekunan yaƙi, da motsin dawakai, da na babban rundunar sojoji, saboda haka suka ce wa juna; “Duba, sarkin Isra’ila ya ɗauka hayar sarakuna Hittiyawa da sarakunan Masarawa don su yaƙe mu!”
Kunis sababii Gooftaan akka warri Sooriyaa didichuu gaariiwwanii, fardeeniitii fi kan waraana guddaa dhagaʼanii, “Kunoo, mootiin Israaʼel nu dhaʼuuf jedhee mootii Heetotaatii fi mootii warra Gibxi nutti bitateera!” waliin jedhan godheef.
7 Saboda haka suka tashi, suka gudu da yamma, suka bar tentunansu, da dawakansu, da jakunansu. Suka bar sansanin yadda yake, suka gudu don su ceci rayukansu.
Kanaafuu isaan dunkaana isaanii, fardeenii fi harroota isaanii dhiisanii dimimmisaan baqatan. Qubata isaaniis akkuma jirutti dhiisanii lubbuu isaanii oolfachuudhaaf ni baqatan.
8 Da kutaren nan suka kai bakin sansanin, sai suka shiga wani tenti, suka ci, suka sha, suka kwashi azurfa, da zinariya, da riguna, suka tafi, suka ɓoye su. Sa’an nan suka koma, suka shiga wani tenti, sai suka kwashi kaya daga ciki, suka kuma ɓoye su.
Namoonni lamxii qaban sun daarii qubata sanaa bira gaʼanii dunkaana tokko seenan. Isaanis waa nyaatanii dhuganii meetii, warqee fi wayyaa guurratanii dhaqanii dhokfatan. Amma illee deebiʼanii dunkaana biraa seenanii waa keessaa guurratanii akkasuma dhokfatan.
9 Sa’an nan suka ce wa juna, “Ba mu yi abin kirki ba. Wannan rana ce ta albishiri amma muka yi shiru; in kuwa mun bari har gari ya waye, to, fa, wata masifa za tă fāɗo mana. Bari mu tafi nan take mu faɗa a fadan sarki.”
Kana irratti isaan akkana waliin jedhan; “Nu waan qajeelaa hojjechuutti hin jirru; guyyaan kun guyyaa oduu gaarii ti; nu garuu inuma calʼifne. Yoo nu hamma bariʼutti calʼifne adabbiitu nu eeggata. Kanaafuu kottaa dafnee dhaqnee oduu kana mana mootummaatti himnaa.”
10 Saboda haka suka je suka kira masu tsaron ƙofar birni, suka ce musu, “Mun je sansanin Arameyawa, ga shi kuwa ba mu iske kowa a can ba, babu ko motsin wani, sai dai dawakai da jakuna a daure, tentunan kuwa suna nan yadda suke.”
Isaanis dhaqanii namoota karra magaalaa eegan waamanii, “Nu gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqne; namni tokko illee achi hin turre; sagaleen nama tokkoo iyyuu hin dhagaʼamne. Fardeenii fi harroota hidhamanii fi dunkaana akkuma dhaabametti dhiifame qofatu ture” jedhan.
11 Sai matsaran ƙofar suka sanar da labarin a cikin fada.
Warri karra eegan sunis oduu kana ni labsan; oduun sunis masaraa mootummaa keessatti ni dhagaʼame.
12 Sai sarki ya tashi da daren nan ya ce wa hafsoshinsa, “Na san abin da Arameyawan suke shiri! Sun san game da yunwar da muke ciki a nan, domin haka sun bar sansaninsu suka shiga jeji suka ɓuya, suna nufin sa’ad da muka fita daga birni, sai su kama mu da rai, sa’an nan su shiga birnin.”
Mootichis halkaniin kaʼee ajajjoota loltoota isaatiin akkana jedhe; “Ani waan warri Sooriyaa nutti hojjetan isinittin hima; isaan akka nu beelaan miidhamaa jirru beeku; kanaafuu isaan, ‘Dhugumaan isaan gad ni baʼu; ergasiis nu utuma lubbuun jiranuu isaan qabnee magaalattii seenna’ jedhanii yaaduudhaan baadiyyaa keessa dhokachuudhaaf qubata dhiisanii baʼan.”
13 Ɗaya daga cikin fadawan sarki ya ce, “A sa waɗansu mutane su ɗauki dawakai biyar da suka ragu cikin birni, idan ba su tsira ba, za su zama kamar sauran Isra’ilawan da suka riga suka mutu ne. Bari mu aika, mu gani.”
Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko akkana jedhee deebise; “Namoonni tokko tokko fardeen magaalaa keessatti hafan keessaa shan fudhatanii haa deeman. Rakkinni isaanii akkuma Israaʼeloota asitti hafan hundaa ti; dhugumaan isaan akkuma Israaʼeloota dhuman sana hundaa ni taʼu. Kanaafuu kottaa waan taʼe beekuudhaaf isaan erginaa.”
14 Saboda haka suka zaɓi kekunan yaƙi biyu tare da dawakansu, sarki kuwa ya aike su su bi bayan sojojin Arameyawa. Ya umarci masu tuƙinsu ya ce, “Ku je ku bincika abin da ya faru.”
Kanaafuu isaan gaariiwwan lama fardeen isaanii wajjin ni filan; mootichis, “Dhaqaatii ilaalaa” jedhee loltoota Sooriyaa duubaan isaan erge.
15 Suka bi sawunsu har Urdun, suka ga tufafi da makamai barjat ko’ina a hanya waɗanda Arameyawa suka zubar yayinda suke gudu. Sai’yan aika suka dawo suka ba wa sarki labari.
Isaanis hamma Yordaanositti isaan duukaa buʼan; kunoo karaan hundi uffataa fi miʼa warri Sooriyaa yeroo ariitiidhaan baqatanitti daddarbataniin guutamee ture. Ergamoonni sunis deebiʼanii mootichatti himan.
16 Sa’an nan jama’a suka fita suka kwashi ganima a sansanin Arameyawa. Aka kuwa sayar da gari mai laushi a farashin shekel guda, mudu biyu na sha’ir kuma a shekel guda, yadda Ubangiji ya faɗi.
Ergasiis namoonni gad yaaʼanii qubata warra Sooriyaa ni saaman. Kanaafuu akkuma Waaqayyo dubbate sana daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurame.
17 Sai ya kasance cewa Sarki ya sa dogari wanda ya raka shi wajen Elisha ya tsare ƙofar birnin. Sai mutane suka tattake shi a ƙofar har ya mutu, kamar yadda annabi Elisha ya faɗa sa’ad da sarki ya tafi wurinsa.
Mootichis yeroo kanatti ajajaa loltootaa kan irree isaatti irkatee ture sana itti gaafatamaa karraa godhee muude; namoonnis karra duratti isa irra yaaʼan; innis akkuma namni Waaqaa yeroo mootichi mana isaa dhufetti dubbate sana ni duʼe.
18 Haka kuwa ya kasance kamar yadda mutumin Allah ya ce wa sarki, “Gobe war haka, za a sayar da mudun gari shekel guda, mudun sha’ir biyu ma a shekel guda, a ƙofar Samariya.”
Kunis akkuma namni Waaqaa sun, “Bori yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti ni gurgurama” jedhee mootichatti hime sana taʼe.
19 Hafsan ya riga ya ce wa mutumin Allah, “Kai, ko da Ubangiji zai buɗe tagogin sama, wannan abu ba zai yiwu ba!” Mutumin Allah kuwa ya faɗa masa, “Za ka gani da idanunka sai dai ba za ka ci ba!”
Ajajaan loltootaa sunis nama Waaqaa sanaan “Utuma Waaqayyo karra burqaa samiiwwanii bane illee wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Namni Waaqaa sun immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkicha isaa illee hin nyaattu!” jedhe.
20 Haka kuwa ya kasance, gama mutane sun tattake shi a hanyar shiga, har ya mutu.
Wanni isa irra gaʼes dhugumaan kanaa dha; inni waan namoonni karra duratti isa irra yaaʼaniif duʼeetii.