< 2 Sarakuna 5 >

1 Na’aman babban hafsan hafsoshin rundunar sarkin Aram ne, kuma ƙasaitaccen mutum ne mai martaba a idon maigidansa, domin ta wurinsa Ubangiji ya ba Aram nasara. Na’aman jarumi ne ƙwarai, amma yana da kuturta.
Naʼamaan ajajaa loltoota mooticha Sooriyaa ture. Sababii Waaqayyo karaa isaatiin warra Sooriyaatiif mooʼicha kenneef inni fuula gooftaa isaa duratti nama guddaa akka malee ulfina qabu ture. Inni loltuu jagna; garuu lamxii qaba ture.
2 To, daga cikin hare haren da mutanen Aram suke kaiwa, sai suka kama wata yarinya daga ƙasar Isra’ila, aka sa ta zama mai yi wa matar Na’aman aiki.
Bara sana keessa tuunni loltoota Sooriyaa dhaqee intala dargaggeettii gosa Israaʼel tokko boojiʼe; isheenis niitii Naʼamaan tajaajilaa turte.
3 Sai ta ce wa uwargijiyarta, “Da dai shugabana zai ga annabin da yake Samariya, da annabin zai warkar da shi daga kuturtarsa.”
Isheenis giiftii isheetiin, “Gooftaan koo utuu raajicha Samaariyaa jiru sana bira dhaqee silaa inni lamxii sana irraa isa fayyisa ture!” jette.
4 Sai Na’aman ya je wurin maigidansa ya faɗa masa abin da yarinyan nan daga Isra’ila ta faɗa.
Naʼamaan dhaqee waan intalli Israaʼel jetteen sana gooftaa isaatti ni hime.
5 Sarkin Aram ya ce, “Ko ta ƙaƙa, ka tafi, zan aika da wasiƙa ga sarkin Isra’ila.” Sai Na’aman ya tashi, ɗauke da talenti goma na azurfa, shekel dubu shida na zinariya, da tufafi kashi goma.
Mootiin Sooriyaas, “Waan fedhe illee taanaan ati dhaqi; ani mootii Israaʼelitti xalayaa nan barreessaatii” jedhee deebiseef. Kanaafuu Naʼamaan meetii taalaantii kudhan, warqee saqilii kuma jaʼaa fi uffata irraa jalaa kudhan fudhatee qajeele.
6 Wasiƙar da ya kai wa sarkin Isra’ila ta ce, “Da wannan wasiƙa ina aika Na’aman gare ka don ka warkar da kuturtarsa.”
Xalayaan inni mootii Israaʼelitti geesse sun akkana jedha; “Ani akka ati lamxii irraa isa fayyiftuuf xalayaa kana wajjin tajaajilaa koo Naʼamaanin sitti ergeera.”
7 Da sarkin Isra’ila ya karanta wasiƙar, sai ya yayyage tufafinsa, ya ce, “Ni Allah ne? Zan iya ɗauke rai ko in mai da shi? Me ya sa wannan mutum ya turo mini wannan mutum in warkar da kuturtarsa? Dubi fa yadda yake nemana da faɗa!”
Mootiin Israaʼelis akkuma xalayaa sana dubbiseen uffata ofii tarsaasee akkana jedhe; “Ani Waaqaa? Ani nama ajjeesuu fi deebisee jiraachisuu nan dandaʼaa? Namichi kun maaliif akka lamxiin isaa fayyuuf nama natti erga? Mee akka inni lola natti kaasuu barbaadu ilaalaa!”
8 Da Elisha mutumin Allah ya ji cewa sarkin Isra’ila ya yayyage tufafinsa, sai ya aika masa da wannan saƙo, “Don me za ka yayyage tufafinka? Ka sa mutumin yă zo wurina, zai kuwa san cewa akwai annabi a Isra’ila.”
Elsaaʼi namni Waaqaa sun akka mootiin Israaʼel uffata isaa tarsaase dhageenyaan ergaa itti ergee, “Ati maaliif uffata kee tarsaafte? Namicha sana natti ergi; innis akka Israaʼel keessa raajiin jiru ni beekaatii” jedheen.
9 Saboda haka Na’aman ya tafi da dawakansa da keken yaƙinsa, ya tsaya a ƙofar gidan Elisha.
Kanaafuu Naʼamaan fardeen isaatii fi gaariiwwan isaa fudhatee dhaqee balbala mana Elsaaʼi dura dhaabate.
10 Sai Elisha ya aika’yan saƙo su ce masa, “Je, ka nutse sau bakwai a Urdun, fatar jikinka za tă koma daidai, ka kuma tsarkaka.”
Elsaaʼi immoo, “Dhaqii Yordaanos keessatti yeroo torba dhiqadhu; foon kee fayyee akka duraatti siif deebiʼa; atis ni qulqullooftaa” jedhee nama itti erge.
11 Amma Na’aman ya tashi daga can da fushi yana cewa, “Na yi tsammani zai fito ne wurina yă tsaya, yă yi kira bisa ga sunan Ubangiji Allahnsa, yă kaɗa hannunsa inda kuturtar take, yă warkar da ni.
Naʼamaan garuu aariidhaan kaʼee biraa deemee akkana jedhe; “Ani waan inni dhugumaan gara koo dhufee dhaabatee maqaa Waaqayyo Waaqa isaa waamee iddoo sana irra harka isaa qabee lamxii koo fayyisun seʼe.
12 Ashe, Amana da Farfa, kogunan da suke Damaskus, ba su fi dukan ruwan da suke Isra’ila ba? Me zai sa ba zan nutse cikinsu in tsarkaka ba?” Sai ya juya ya yi tafiyarsa da fushi.
Abaanaa fi Faarfaan lageen Damaasqoo sun bishaanota Israaʼel keessaa kam iyyuu hin caalanii? Ani isaan keessatti dhiqadhee fayyuu hin dandaʼu turee?” Kanaafuu inni akka malee aaree of irra garagalee deeme.
13 Sai bayin Na’aman suka je kusa da shi suka ce, “Baba, da a ce annabin ya ce ka yi wani abu mai wuya, da ba za ka yi ba? Balle fa cewa kawai ya yi, ‘Ka yi wanka ka kuma tsarkaka’!”
Tajaajiltoonni Naʼamaanis gara isaa dhaqanii, “Yaa abbaa ko, ati utuu raajiin kun waan guddaa tokko hojjedhu siin jedhee ni hojjetta mitii? Yoo inni, ‘Dhiqadhuutii qulqullaaʼi’ siin jedhe immoo hammam caalchiftee hin hojjettu ree?” jedhaniin.
14 Saboda haka Na’aman ya je ya nutse sau bakwai a Urdun, yadda mutumin Allah ya ce masa, sai fatarsa ta koma kamar ta ɗan yaro.
Kanaafuu inni dhaqee akkuma namni Waaqaa sun jedheenitti yeroo torba Yordaanos keessa seenee baʼe; dhagni isaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeefii akkuma dhagna mucaa xinnaa tokkootti qulqullaaʼeef.
15 Sai Na’aman da dukan masu hidimarsa suka koma wurin mutumin Allah. Na’aman ya tsaya a gaban mutumin Allah ya ce, “Yanzu na san cewa babu wani Allah a duk duniya sai a Isra’ila. Ina roƙonka ka karɓi kyauta daga hannun bawanka.”
Ergasii Naʼamaanii fi tajaajiltoonni isaa hundi gara nama Waaqaa sanaatti deebiʼan. Niʼimaanis fuula isaa dura dhaabatee, “Ani akka Israaʼel keessa malee addunyaa guutuu keessa Waaqni hin jirre amma beekeera. Kanaafuu maaloo garbicha kee irraa kennaa tokko fudhadhu” jedhe.
16 Annabin ya amsa ya ce, “Muddin Ubangiji wanda nake bauta masa yana a raye, ba zan karɓi kome ba.” Ko da yake Na’aman ya yi ta roƙonsa, amma ya ƙi.
Raajiin sun immoo, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa ani isa tajaajiluu sanaa, ani waan tokko illee sirraa hin fudhadhu” jedhee deebise. Yoo Naʼamaan cimsee isa kadhate iyyuu inni fudhachuu dide.
17 Sai Na’aman ya ce, “In ba za ka karɓa ba, ina roƙonka, bari a ba wa bawanka ƙasa gwargwadon abin da jakuna biyu za su iya ɗauka, gama bawanka ba zai sāke yin hadaya ta ƙonawa, ko wata hadaya ga wani allah ba, sai ga Ubangiji.
Kana irratti Naʼamaan akkana jedheen; “Yoo fudhachuu baatte immoo, maaloo akka biyyoon gaangoo lamaa ana garbicha keetiif kennamu ajaji; garbichi kee siʼachi deebiʼee Waaqayyoof malee waaqota tolfamoo biraatiif aarsaa gubamuu fi qalma hin dhiʼeessuutii.
18 Amma ina fata Ubangiji zai gafarta wa bawanka saboda abu guda. Bari yă gafarta mini sa’ad da na raka sarkina zuwa haikalin Rimmon domin yă yi sujada, bari Ubangiji yă yi wa bawanka gafara saboda wannan.”
Garuu Waaqayyo waan tokkicha kana garbicha keetiif haa dhiisu: Gooftaan koo yommuu achitti sagaduuf mana qulqullummaa Rimoon seenutti natti irkata; anis yommuu inni sagadutti nan sagada; Waaqayyo waan kana ana garbicha keetiif haa dhiisu.”
19 Sai Elisha ya ce, “Ka sauka lafiya.” Bayan Na’aman ya yi ɗan nisa,
Eelisaaʼis, “Nagaan deemi” jedheen. Erga Naʼamaan xinnoo achi fagaatee booddee,
20 sai Gehazi, bawan Elisha mutumin Allah, ya yi tunani a ransa ya ce, “Maigidana ya yi wa Na’aman mutumin Aram nan ƙaramci da bai karɓi duk abin da ya kawo ba. Muddin Ubangiji yana a raye, zan bi shi a guje in karɓi wani abu daga gare shi.”
Gehaaz tajaajilaan Elsaaʼi nama Waaqaa sanaa akkana ofiin jedhe; “Gooftaan koo utuu kennaa inni fide sana irraa hin fudhatin Naʼamaan namicha warra Arraam kana akkasumatti gad lakkise. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani isa faana fiigeen waa irraa fudhadha.”
21 Saboda haka Gehazi ya bi Na’aman a guje. Da Na’aman ya hango shi yana zuwa a guje, sai ya sauka daga keken yaƙinsa ya tarye shi ya ce, “Lafiya?”
Kanaafuu Gehaaz dafee Niʼimaan duukaa buʼe. Naʼamaanis yommuu akka inni gara isaatti fiigaa jiru argetti isa simachuudhaaf gaarii irraa buʼee, “Wanni hundi nagumaa?” jedhee isa gaafate.
22 Gehazi ya amsa ya ce, “Lafiya ƙalau. Maigidana ne ya aiko ni cewa, ‘Samari biyu daga ƙungiyar annabawa sun ziyarce ni daga ƙasa mai duwatsu na yankin Efraim. Ina roƙonka ka ba su talenti na azurfa da tufafi kashi biyu.’”
Gehaazis akkana jedhee deebiseef; “Wanni hundinuu naguma. Gooftaan koo, ‘Kunoo ammuma waldaa raajotaa keessaa dargaggoonni lama biyya gaaraa Efreem irraa natti dhufaniiru. Maaloo meetii taalaantii tokkoo fi uffata irraa jalaa lama kenniif’ akkan siin jedhuuf na erge.”
23 Na’aman ya ce, “Ba damuwa, karɓi talenti biyu.” Ya roƙi Gehazi yă karɓa, sa’an nan ya ƙunsa masa talentin biyu na azurfa ya sa masa a kan jakankuna biyu, ya haɗa da tufafi kashi biyu, ya ba bayinsa biyu suka ɗauka, ya ce su sha gaban Gehazi.
Naʼamaan immoo Gehaaziin, “Akkuma fedhe illee taʼu taalaantii lama fudhadhu” jedhe. Innis akka Gehaaz waan sana fudhatuuf cimsee isa kadhate; ergasiis meetii taalaantii lama borsaa lamatti hidhee uffata irraa jalaa lama wajjin tajaajiltoota isaatti kenne. Isaanis baatanii Gehaaz dura qajeelan.
24 Da Gehazi ya isa wani tudu, sai ya karɓi kayan daga wurin bayin ya shiga da su a ɓoye a cikin gida. Sa’an nan ya sallami mutanen suka tafi.
Gehaazis yommuu gaara bira gaʼetti waan sana hojjettoota sana harkaa fuudhee mana keessa ol kaaʼe. Namoota sanas of irraa geggeesse; isaanis kaʼanii deeman.
25 Sa’an nan ya shiga ya tsaya a gaban maigidansa Elisha. Sai Elisha ya tambaye shi ya ce, “Ina ka je, Gehazi?” Sai Gehazi ya amsa ya ce, “Bawanka bai je ko’ina ba.”
Innis ergasii dhaqee fuula gooftaa isaa Elsaaʼi dura dhaabate. Elsaaʼis, “Gehaaz, ati eessa turte?” jedhee gaafate. Gehaaz immoo, “Ani garbichi kee eessa iyyuu hin deemne” jedhee deebise.
26 Amma Elisha ya ce masa, “Ashe, ba ina tare da kai a ruhu ba sa’ad da mutumin ya sauko daga keken yaƙinsa ya tarye ka. Kana gani wannan lokaci ne da za a karɓi kuɗi, da riguna, da gonar inabi, da tumaki, da bijimai, da bayi maza da mata?
Elsaaʼi garuu akkana jedheen; “Yeroo namichi sun siʼi simachuuf gaarii isaa irraa buʼe sanatti hafuurri koo si wajjin hin turree? Yeroon kun yeroo itti maallaqa yookaan wayyaa, lafa qotiisaa ejersaa, iddoo dhaabaa wayinii, bushaayee, karra loonii yookaan garboota dhiiraa fi garboota nadheenii fudhataniidhaa?
27 Kuturtar Na’aman zai manne maka da zuriyarka har abada.” Sai Gehazi ya fita daga gaban Elisha a kuturce, fari fat kamar dusar ƙanƙara.
Lamxiin Naʼamaan sun hamma bara baraatti siʼii fi sanyii keetiitti qabatee hafa.” Innis lamxaaʼee akkuma cabbii addaatee fuula Elsaaʼi duraa baʼee deeme.

< 2 Sarakuna 5 >