< 2 Tarihi 28 >
1 Ahaz yana da shekara ashirin sa’ad da ya zama sarki, ya kuma yi mulki a Urushalima shekara goma sha shida. Ba kamar Dawuda kakansa ba, bai yi abin da yake daidai a gaban Ubangiji ba.
Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hin hojjenne.
2 Ya yi tafiya a hanyoyin sarakunan Isra’ila ya kuma yi zubin gumaka domin a bauta wa Ba’al.
Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee Baʼaalin waaqeffachuuf jedhees waaqota tolfamoo baqsee ni tolche.
3 Ya ƙone hadayu a Kwarin Ben Hinnom, ya kuma miƙa’ya’yansa maza a cikin wuta, yana bin hanyoyi banƙyama na al’umman da Ubangiji ya kora a gaban Isra’ilawa.
Inni gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
4 Ya miƙa hadayu, ya kuma ƙone turare a masujadan kan tudu, a bisa tuddai da kuma ƙarƙashin kowane itace mai inuwa.
Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
5 Saboda haka Ubangiji Allahnsa ya miƙa shi ga sarkin Aram. Arameyawa suka ci shi a yaƙi, suka kuma kwashe mutanensa da yawa a matsayin’yan kurkuku, suka kawo Damaskus. Ya kuma ba da shi ga sarkin Isra’ila, wanda ya jijji masa a yaƙi.
Kanaafuu Waaqayyo Waaqni isaa dabarsee harka mootii Sooriyaatti isa kenne. Warri Sooriyaas isa moʼatanii namoota isaa hedduus boojiʼanii Damaasqootti geessan. Achii immoo inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; mootichis miidhaa guddaa isa irraan ni gaʼe.
6 A rana ɗaya Feka ɗan Remaliya ya kashe sojoji dubu ɗari da dubu ashirin a Yahuda, domin Yahuda sun yashe Ubangiji Allah na kakanninsu.
Sababii sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiiseef Pheqaan ilmi Remaaliyaa guyyaa tokkotti loltoota Yihuudaa kuma dhibba tokkoo fi digdama ni fixe.
7 Zikri, wani jarumin Efraim, ya kashe Ma’asehiya ɗan sarki, Azrikam hafsa mai lura da fada, da kuma Elkana, mataimakin sarki.
Zikriin loltuun jabaan gosa Efreem sun immoo Maʼaseyaa ilma mootichaa, Azriiqaam ajajaa masaraa mootummaa fi Elqaanaa itti aanaa mootichaa ni ajjeese.
8 Isra’ilawa suka kame kamammu daga’yan’uwansu mata,’ya’ya maza da kuma’ya’ya mata dubu ɗari biyu. Suka kuma kwashe ganima mai yawan gaske, waɗanda suka kwasa zuwa Samariya.
Israaʼeloonni firootuma isaanii irraa niitota, ilmaanii fi intallan kuma dhibba lama ni boojiʼan. Akkasumas boojuu akka malee baayʼee fudhatanii Samaariyaatti ni deebiʼan.
9 Amma wani annabin Ubangiji mai suna Oded yana a can, sai ya fito don yă sadu da mayaƙa sa’ad da suke komowa zuwa Samariya. Ya ce musu, “Domin Ubangiji Allah na kakanninku yana fushi da Yahuda, ya ba da su cikin hannunku. Sai kuka kashe su cikin fushin da ya kai sama.
Garuu raajiin Waaqayyoo kan Oodeed jedhamu tokko achi ture; innis yeroo loltoonni Samaariyaadhaa deebiʼanitti isaan simachuuf ni baʼe. Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii waan Yihuudaatti aareef dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Isin garuu dheekkamsa hamma samiitti ol fagaatuun isaan ni fixxan.
10 Yanzu kuma kuna niyya ku mai da maza da matan Yahuda da Urushalima bayinku. Amma ku ɗin ba ku da laifin zunubi ga Ubangiji Allahnku ne?
Ammas dhiirotaa fi dubartoota Yihuudaa fi Yerusaalem garboota keessan gochuu ni yaaddan. Isin mataan keessan iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti cubbuu hin hojjennee ree?
11 To, ku saurare ni! Ku mai da’yan’uwanku da kuka kama a matsayin’yan kurkuku, gama fushin Ubangiji yana a kanku.”
Mee na dhagaʼaa! Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼeef namoota biyya keessanii kanneen boojitanii fiddan sana deebisaa.”
12 Sai waɗansu shugabanni a Efraim, Azariya ɗan Yehohanan, Berekiya ɗan Meshillemot, Hezekiya ɗan Shallum da Amasa ɗan Hadlai, suka tasar wa waɗanda suke isowa daga yaƙi.
Ergasiis hangafoota namoota Efreem keessaa tokko tokko jechuunis Azaariyaa ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshileemoot, Yehiizqiiyaa ilmi Shaluumii fi Amaasaayi ilmi Hadilaay warra duulaa galaa jiran mormuudhaan
13 Suka ce, “Dole ku kawo waɗannan’yan kurkukun a nan, ko kuwa za ku yi laifi a gaban Ubangiji. Kuna niyya ku ƙara ga zunubinmu da kuma laifinmu? Gama laifinmu ya riga ya yi yawa, kuma fushinsa mai tsanani yana a kan Isra’ila.”
akkana jedhan; “Isin boojiʼamtoota kanneen as fiduu hin qabdan; yoo kanaa achii nu fuula Waaqayyoo duratti cubbamoota ni taana. Isin amma illee cubbuu fi balleessaa keenya ittuma dabaluu feetuu? Yakki keenya duraanuu baayʼateera; dheekkamsi isaa Israaʼelitti bobaʼeeraatii.”
14 Saboda haka sojoji suka ba da’yan kurkukun da ganima a gaban hafsoshi da dukan taron.
Kanaafuu loltoonni fuula qondaaltotaatii fi yaaʼii guutuu duratti boojiʼamtootaa fi boojuu gad dhiisan.
15 Sai mutanen da aka kira sunansu suka tashi, suka ɗauki kamammun, da ganimar, suka sa wa dukan waɗanda suke tsirara sutura. Suka sa musu sutura, suka ba su takalma, suka ba su abinci da abin sha, suka shafa musu mai. Suka hawar da dukan raunana a kan jakuna, suka kai su wurin’yan’uwansu a Yeriko, wato, Birnin Itatuwan Dabino, sa’an nan suka koma Samariya.
Namoonni maqaan isaanii eerames loltoota harka boojiʼamtoota ni fuudhan; waan boojiʼame irraas warra qullaa jiran hundatti wayyaa ni uffisan. Isaanis uffataa fi kophee, waan nyaatamuu fi waan dhugamu illee ni kennaniif; dibatas isaan diban. Warra dadhaban hunda immoo harree irra teessisanii biyya firoonni isaanii jiran Magaalaa Meexxii sanatti gara Yerikootti isaan deebisanii ofii immoo Samaariyaatti ni dachaʼan.
16 A lokacin nan Sarki Ahaz ya aika wurin sarkin Assuriya neman taimako.
Yeroo sanatti Aahaaz Mootichi gargaaraa argachuuf gara mootii Asooritti nama ergate.
17 Mutanen Edom sun sāke zuwa suka yaƙi Yahuda suka kuma kwashe’yan kurkuku,
Edoomonni ammas dhufanii Yihuudaatti balaa buusanii boojiʼamtoota fudhatanii deemanii turaniitii;
18 yayinda Filistiyawa suka kai hari wa garuruwa a gindin tuddai da kuma a Negeb na Yahuda. Suka kame su suka kuma zauna a Bet-Shemesh, Aiyalon da Gederot, haka ma Soko, Timna da Gimzo tare da ƙauyuka kewayensu.
Filisxeemonni immoo magaalaawwan gaarran jalaa fi kanneen gama kibba Yihuudaatti argaman weeraranii Beet Shemeshi, Ayaaloon, Gedeerooti, Sookoo, Tiimnaahi, Gimzoo fi gandoota naannoo isaanitti argaman qabatanii keessa ni qubatan.
19 Ubangiji ya ƙasƙantar da Yahuda saboda Ahaz sarkin Isra’ila, gama ya hadasa mugunta a Yahuda kuma ya kasance marar aminci ga Ubangiji.
Sababii Aahaaz mootichi Israaʼel saba Yihuudaa cubbuuf kakaasee ofii immoo Waaqayyoof amanamuu dideef Waaqayyo Yihuudaa ni salphise.
20 Tiglat-Fileser sarkin Assuriya ya zo wurinsa, sai ya wahalar da sarki Ahaz maimakon taimakonsa.
Tiiglaat-Philneeser mootichi Asoor gara isaa dhufee ture; taʼus inni qooda isa gargaaru rakkina isatti fide.
21 Ahaz ya ɗauki waɗansu abubuwa daga haikalin Ubangiji da kuma daga fadan sarki da kuma daga sarakuna, ya ba da su ga sarkin Assuriya, amma wannan bai taimake shi ba.
Aahaaz mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa, masaraa mootii fi mana ilmaan mootiitii waan tokko tokko fuudhee mootii Asooriif kennaa godhee ni dhiʼeesse; taʼus kunis isa hin gargaarre.
22 Cikin lokacin wahalarsa Sarki Ahaz ya ƙara zama marar aminci ga Ubangiji.
Aahaaz Mootichi yeroo rakkina isaa keessa illee ittuma caalchisee Waaqayyoof amanamuu ni dide.
23 Ya miƙa hadayu ga allolin Damaskus, waɗanda suka ci shi a yaƙi; gama ya yi tunani, “Da yake allolin sarakunan Aram sun taimake su, zan miƙa hadayu domin su taimake ni.” Amma suka zama sanadin fāɗuwarsa da kuma fāɗuwar dukan Isra’ila.
Innis waaqota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; “Waaqonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf” jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan.
24 Ahaz ya tattara kayayyaki daga haikalin Allah ya kwashe su. Ya kulle ƙofofin haikalin Ubangiji ya kakkafa bagadai a kowace kusurwa a titin Urushalima.
Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoos cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe.
25 A kowane gari a Yahuda, ya gina masujadan kan tudu don ƙone hadayu ga waɗansu alloli, ya kuma tsokane Ubangiji Allah na kakanninsa ya yi fushi.
Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase.
26 Sauran ayyukan mulkinsa da dukan hanyoyinsa, daga farko zuwa ƙarshe, suna a rubuce a littafin sarakunan Yahuda da Isra’ila.
Wantoonni bara mootummaa isaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa fi akki inni itti jiraate hundi kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
27 Ahaz ya huta tare da kakanninsa, aka kuma binne shi a birnin Urushalima, amma ba a sa shi a makabartan sarakunan Isra’ila ba. Sai Hezekiya ɗansa ya gāje shi a matsayin sarki.
Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa Yerusaalem keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala mootota Israaʼel keessa hin kaaʼamne. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.