< 1 Timoti 1 >
1 Bulus, manzon Kiristi Yesu ta wurin umarnin Allah Mai Cetonmu da kuma na Yesu Kiristi begenmu,
Phaawulos isa ajaja fayyisaa keenya Waaqaatii fi abdii keenya Kiristoos Yesuusiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
2 Zuwa ga Timoti ɗana na gaske cikin bangaskiya. Alheri, jinƙai da kuma salama daga Allah Uba da Kiristi Yesu Ubangijinmu, su kasance tare da kai.
Gara Xiimotewos isa amantiidhaan ilma koo dhugaa taʼeetti: Waaqa Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.
3 Kamar yadda na gargaɗe ka sa’ad da zan je Makidoniya, ka zauna can Afisa domin ka umarci waɗansu mutane kada su koyar da ƙa’idodin ƙarya nan gaba
Akkuma ani yeroo Maqedooniyaa dhaqetti si gorse sana ati akka namoonni tokko tokko barsiisa addaa hin barsiifne akka ajajjuuf achuma Efesoon turi;
4 ko su ba da kansu ga tatsuniyoyi da ƙididdigar asali marar iyaka. Waɗannan suna kawo faɗa a maimakon aikin Allah wanda yake ta wurin bangaskiya.
akkasumas akka isaan oduu hundee hin qabnee fi hidda dhalootaa kan dhuma hin qabne sanaan hin fudhatamne isaan ajaji. Wanni kun hojii Waaqaa kan amantiin taʼu guddisuu irra mormii kakaasaatii.
5 Maƙasudin wannan umarnin dai ƙauna ce, wadda take zuwa daga zuciya mai tsabta da lamiri mai kyau da kuma sahihiyar bangaskiya.
Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha.
6 Waɗansu sun bauɗe daga waɗannan al’amura, suka koma ga maganganu marasa ma’ana.
Namoonni tokko tokko karaa kana irraa badanii gara dubbii faayidaa hin qabneetti gara galaniiru.
7 So suke su zama malaman doka, ba tare da fahimtar abin da suke faɗa ba, balle abubuwan da suke ta nacewa a kai.
Isaanis maal akka jedhan yookaan akka waaʼee maalii cimsanii dubbatan utuu hin hubatin barsiistota seeraa taʼuu barbaadu.
8 Mun san cewa doka tana da kyau in an yi amfani da ita yadda ya kamata.
Yoo namni sirriitti itti fayyadame seerri gaarii akka taʼe ni beekna.
9 Mun kuma san cewa an yi doka ba domin masu adalci ba sai dai masu tawaye, da marasa biyayya, da marasa bin Allah, da masu zunubi, da marasa tsarkaka, da masu saɓon Allah, da masu kashe iyaye maza da mata, da masu kisankai,
Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna;
10 da masu zina da kuma da maza masu kwana da maza, ko mata masu kwana da mata, da masu cinikin bayi da masu ƙarya da kuma masu shaidar ƙarya, da kuma duk wani abin da ya saɓa wa sahihiyar koyarwa,
akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna;
11 da take bisa ga bishara mai ɗaukaka ta Allah mai albarka, wadda ya danƙa mini.
kunis wangeela ulfina qabeessa kan Waaqa eebbifamaa irraa imaanaa natti kenname sana wajjin walii gala.
12 Na gode wa Kiristi Yesu Ubangijinmu, wanda ya ba ni ƙarfi, saboda ya amince da ni, har ya sa ni aikinsa.
Waan inni tajaajila isaatiif na filatee akka nama amanamaatti na lakkaaʼeef, ani Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa jabina naa kenne sana nan galateeffadha.
13 Ko da yake a dā ni mai saɓo da mai tsanantawa da kuma mai rikici ne, aka nuna mini jinƙai saboda na yi haka cikin jahilci ne da kuma rashin bangaskiya.
Ani kanaan dura nama nama arrabsu, kan nama ariʼatuu fi kan nama miidhu taʼu iyyuu sababii ani wallaalummaa fi amantii dhabuun waan kana hojjedheef araara argadhe.
14 An zubo mini alherin Ubangijinmu a yalwace, tare da bangaskiya da ƙaunar da take cikin Kiristi Yesu.
Ayyaanni Gooftaa keenyaas amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin argamu wajjin baayʼinaan narratti dhangalaafame.
15 Ga wata magana tabbatacciya wadda ta cancanci cikakkiyar karɓa. Kiristi Yesu ya zo duniya domin ceton masu zunubi, wanda nake mafi muni a cikinsu.
Dubbiin, “Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara addunyaa dhufe” jedhu sun amanamaa dha; namni hundinuus kana fudhachuu qaba; cubbamoota sana keessaas cubbamaan cubbamoota hunda caalu ana.
16 Amma saboda wannan dalilin ne aka nuna mini jinƙai domin ta wurina, mafi zunubi duka, Kiristi Yesu yă iya bayyana matuƙar haƙurinsa a matsayin misali ga waɗanda za su gaskata shi su kuma sami rai madawwami. (aiōnios )
Taʼus sababuma kanaaf Yesuus Kiristoos akka ani warra jireenya bara baraa argachuuf isatti amananiif fakkeenya taʼuuf ana nama cubbamoota hunda caalaa cubbamaa taʼeen obsa isaa kan dhuma hin qabne sana mulʼisuuf jedhee naa araarame. (aiōnios )
17 Bari girma da ɗaukaka su tabbata har abada abadin ga Sarki madawwami, wanda ba ya mutuwa, wanda ba a ganinsa, wanda kuma shi ne kaɗai Allah! Amin. (aiōn )
Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen. (aiōn )
18 Timoti, ɗana, na ba ka wannan umarni bisa ga annabce-annabcen da aka yi a dā game da kai, domin ta wurin binsu ka iya yin yaƙi mai kyau,
Yaa ilma koo Xiimotewos, akkuma raajii kanaan dura waaʼee kee dubbatame sanaatti, akka ati lola gaarii loltuuf ani ajaja kana siifin kenna;
19 kana riƙe da bangaskiya da kuma lamiri mai kyau. Gama waɗansu mutane, saboda ƙin kasa kunne ga lamirinsu, suka lalatar da bangaskiyarsu.
waan kanas amantii fi qalbii qajeelaa qabaachuudhaan godhi. Namoonni tokko tokko waan kana gochuu didanii amantii isaanii balleessaniiru.
20 Cikinsu kuwa akwai Himenayus da Alekzanda, waɗanda na miƙa ga Shaiɗan don su horo su bar yin saɓo.
Himenewoosii fi Iskindiroos warri ani akka isaan Waaqa arrabsuu dhiisuu barataniif dabarsee Seexanatti kenne sun isaan keessatti argamu.