< 1 Sama’ila 31 >
1 Filistiyawa suka yi yaƙi da Isra’ilawa, sai Isra’ilawa suka gudu a gaban Filistiyawa, aka kuma karkashe da yawa a dutsen Gilbowa.
Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
2 Filistiyawa suka abka wa Shawulu da’ya’yansa maza, suka kashe’ya’yan Shawulu. Yonatan da Abinadab da Malki-Shuwa.
Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
3 Yaƙin ya yi zafi ƙwarai kewaye da Shawulu, har maharba suka ji masa ciwo sosai bayan sun sha ƙarfinsa.
Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii akka malee isa madeessan.
4 Sai Shawulu ya ce wa mai ɗauka masa makami, “Ka zare takobinka ka soke ni, kada waɗannan marasa kaciya su zo su ci mini mutunci, su kashe ni.” Amma mai ɗaukan makaman bai yarda ba don ya ji tsoro sosai. Sai Shawulu ya zāre takobinsa ya soki kansa.
Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii na waraananii natti taphatuu” jedhe. Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe.
5 Da mai ɗaukar makamai ya ga Shawulu ya mutu, sai shi ma ya zāre takobinsa ya soki kansa ya mutu.
Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee Saaʼol wajjin duʼe.
6 Shawulu da yaransa uku da mai ɗaukar makamansa da dukan mutanensa suka mutu a rana ɗaya.
Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan, namichi miʼa lolaa baatuu fi namoonni isaa hundinuu gaafasuma walumaan dhuman.
7 Sa’ad da Isra’ilawa na bakin kwari da waɗanda suke hayin Urdun suka ga sojojin Isra’ila suna gudu, Shawulu da yaransa uku kuma duk sun mutu, sai suka bar mallakansu suka sheƙa da gudu. Filistiyawa kuwa suka zo suka mamaye wuraren.
Israaʼeloonni qarqara sululaatii fi gama Yordaanos jiran yommuu akka loltoonni Israaʼel baqatanii fi akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
8 Kashegari, da Filistiyawa suka zo domin su washe kayan matattun, sai suka tarar Shawulu da’ya’yansa uku duk sun mutu, a dutsen Gilbowa.
Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti, akka Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
9 Suka sare kansa suka tuɓe makamansa, suka aika manzanni a dukan ƙasar Filistiyawa, su ba da labarin a haikalin allolinsu da cikin mutanensu.
Isaanis mataa Saaʼol irraa kutanii, miʼa lolaa isa irraa fudhatanii akka isaan mana waaqota tolfamoo isaanii keessattii fi saba isaaniitiif oduu kana labsaniif guutummaa biyya Filisxeemotaa keessa ergamoota ergan.
10 Suka ajiye makaman Shawulu a cikin haikalin gumakan Ashtarot. Suka kafa gawarsa a kan katanga Bet-Shan.
Isaanis miʼa lolaa isaa mana Ashtooreti waaqicha tolfamaa keessa kaaʼan; reeffa isaa immoo dallaa Beet Shaanitti hodhan.
11 Sa’ad da mutanen Yabesh Gileyad suka sami labarin abin da Filistiyawa suka yi wa Shawulu.
Namoonni Yaabeesh Giliʼaad yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
12 Sai dukan jarumawansu suka tashi cikin dare suka tafi Bet-Shan suka saukar da gawar Shawulu da na’ya’yansa daga kan katangan Bet-Shan suka tafi Yabesh inda suka ƙone su.
namoonni jajjaboon isaanii hundi halkaniin kaʼanii dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa dallaa Beet Shaan irraa buusanii gara Yaabeeshitti fidanii achitti guban.
13 Sai suka kwashi ƙasusuwansu suka binne a gindin itace tsamiya a Yabesh, suka kuma yi azumi kwana bakwai.
Ergasii lafee isaanii fuudhanii Yaabeeshitti muka tamirii jalatti awwaalan; bultii torbas ni sooman.