< 1 Sama’ila 19 >
1 Shawulu ya gaya wa ɗansa Yonatan da ma’aikatansa su kashe Dawuda. Amma Yonatan yana son Dawuda sosai.
Saaʼol ilma isaa Yoonaataanii fi tajaajiltoota hunda akka isaan Daawitin ajjeesan ajaje. Yoonaataan garuu akka malee Daawitin jaallata ture;
2 Sai ya gargaɗe shi ya ce, “Mahaifina Shawulu yana neman hanyar da zai kashe ka. Ka kula da kanka gobe da safe, ka tafi wani wuri ka ɓuya.
akkana jedhees isa akeekkachiise; “Saaʼol abbaan koo karaa ittiin si ajjeesu barbaadachaa jira. Bori ganama of eeggadhu; dhokadhuutii achuma turi.
3 Zan je in tsaya da mahaifina a fili inda kake, zan yi masa magana game da kai. Zan kuma gaya maka abin da na ji.”
Anis gad baʼee abbaa koo wajjin dirree ati jirtu irra nan dhaabadha. Waaʼee kees isa wajjin haasaʼee waan inni jedhe sitti hima.”
4 Yonatan ya yi magana mai kyau a kan Dawuda a wajen mahaifinsa ya ce, “Kada sarki yă yi wani mummunan abu wa bawansa Dawuda, gama bai yi maka wani abu marar kyau ba. Abin da ya yi ya amfane ka ƙwarai da gaske.
Yoonaataanis akkana jedhee abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit waan gaarii dubbate; “Mootichi tajaajilaa isaa Daawititti yakka hin hojjetin; inni homaa si hin goone; wanni inni hojjetes faayidaa guddaa siif argamsiiseera.
5 Ya yi kasai da ransa sa’ad da ya kashe Bafilistin nan. Ubangiji ya ba wa dukan Isra’ila babban nasara, ka gani, ka kuma yi farin ciki. Don me za ka ci mutuncin amintaccen mutum kamar Dawuda ta wurin kashe shi ba tare da wani dalili ba?”
Daawit lubbuu ofii isaatiif yaaduu dhiisee Filisxeemicha ajjeese. Waaqayyos Israaʼel hundaaf moʼannaa guddaa kenne; atis waan kana argitee gammaddeerta. Yoos ati maaliif sababii malee isa ajjeesuudhaan nama yakka hin qabne kan akka Daawititti yakka hojjetta ree?”
6 Shawulu ya saurari Yonatan sai ya rantse ya ce, “Muddin Ubangiji yana a raye, ba za a kashe Dawuda ba.”
Saaʼolis Yoonaataanin dhaggeeffatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Daawit hin ajjeefamu” jedhee kakate.
7 Ta haka Yonatan ya kira Dawuda ya gaya masa dukan maganarsu. Ya kawo shi wurin Shawulu, Dawuda kuwa ya zauna tare da Shawulu kamar dā.
Kanaafuu Yoonaataan Daawitin waamee waan kana hunda itti hime. Saaʼolittis isa fide; Daawitis akkuma duriitti Saaʼol dura dhaabate.
8 Wani yaƙi ya sāke tashi, Dawuda kuwa ya fita ya yaƙi Filistiyawa, ya kai musu hari mai tsanani, sai da suka gudu a gabansa.
Ammas lolli ni kaʼe; Daawitis dhaqee Filisxeemota lole. Innis humna guddaan isaan dhaʼe; isaanis isa duraa baqatan.
9 Amma mugun ruhu daga Ubangiji ya sauko wa Shawulu yayinda yana zaune a cikin gidansa da māshi a hannunsa. Yayinda Dawuda yake bugan molo,
Garuu utuu Saaʼol eeboo harkatti qabatee mana isaa taaʼuu hafuuri hamaan Waaqayyo biraa isatti dhufe. Utuu Daawit baganaa taphachaa jiruu,
10 Shawulu ya yi ƙoƙari yă kafe shi da bango da māshinsa, amma Dawuda ya goce sa’ad da Shawulu jefa māshin a bango. A daren nan Dawuda ya nemi hanya ya gudu.
Saaʼol eeboodhaan Daawitin keenyanitti hodhuu yaale; Daawit garuu duraa miliqe; Saaʼolis eeboo sana keenyanitti fixe. Daawitis halkan sana baqatee jalaa baʼe.
11 Shawulu ya aiki mutane zuwa gidan Dawuda su yi gadin gidan, su kuma kashe Dawuda. Amma Mikal matar Dawuda ta gargaɗe Dawuda, ta ce, “In ba ka gudu a daren nan ba, kashegari za a kashe ka.”
Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawititti namoota erge. Miikaal niitiin Daawit garuu, “Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta” jettee akeekkachiifte.
12 Haka kuwa Mikal ta sauko da Dawuda ta taga ya gudu, ya tsere.
Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawitin gad buufte; innis baqatee miliqe.
13 Sai Mikal ta ɗauki gunki ta kwantar da shi a gādo, ta sa masa gashin akuya a kansa, sai ta rufe da mayafi.
Ergasii Miikaal fakkii Waaqa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef.
14 Da Shawulu ya aiki mutane su kama Dawuda. Mikal ta ce, “Ba shi da lafiya.”
Yeroo Saaʼol Daawitin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, “Inni dhukkubsateera” jette.
15 Sai Shawulu ya sāke aiki mutanen su ga Dawuda, ya ce musu, “Ku kawo shi a gādonsa domin in kashe shi.”
Saaʼol akka isaan Daawitin ilaalaniif deebisee namoota ergee, “Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa” isaaniin jedhe.
16 Amma da mutanen suka shiga sai suka ga gunkin a gadon, a wajen kan kuwa akwai gashin akuya.
Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin Waaqa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame.
17 Shawulu ya ce wa Mikal, “Don me kika ruɗe ni har kika bar maƙiyina ya gudu ya tsere?” Mikal ta ce masa, “Ya ce mini, ‘Idan ban bar shi ya tafi ba, zai kashe ni?’”
Saaʼolis Miikaaliin, “Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?” jedhe. Miikaalis, “Isatu, ‘Jalaa na miliqsi; yoo kanaa achii ani sin ajjeesaa’ naan jedhe” jetteen.
18 Da Dawuda ya gudu ya tsere, sai ya tafi wurin Sama’ila a Rama ya gaya masa dukan abin da Shawulu ya yi masa. Da shi da Sama’ila suka tafi Nayiwot suka zauna a can.
Daawitis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan.
19 Shawulu ya sami labari cewa, “Dawuda yana Nayiwot a Rama.”
Saaʼolittis, “Kunoo Daawit Naayot ishee Raamaa keessatti argamtu keessa jira” jedhanii himan.
20 Sai ya aiki mutane su je su kamo Dawuda, amma da suka ga ƙungiyar annabawa suna annabci tare da Sama’ila shugabansu a tsaye, sai Ruhun Allah ya sauko wa mutanen Shawulu, su ma suka fara yin annabci.
Kanaafuu inni akka isa qabaniif namoota itti erge. Isaan garuu yeroo garee raajota raajii dubbatanii kan Saamuʼeel hoogganaa isaanii taʼee achi dhaabachaa ture tokko arganitti Hafuurri Waaqaa namoota Saaʼol irra buʼee isaanis akkasuma raajii dubbatan.
21 Shawulu ya sami labari game da wannan, sai ya sāke aiken waɗansu da yawa. Su ma suka shiga yin annabci. Shawulu ya sāke aiken mutane sau na uku, su kuma suka shiga yin annabci.
Saaʼol yommuu waan kana dhagaʼetti namoota biraa erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. Saaʼol ammas yeroo sadaffaaf namoota erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan.
22 A ƙarshe, shi da kansa ya tashi ya tafi Rama. Ya bi ta babban rijiyar ruwan Seku. A can ya yi tambaya ya ce, “Ina Sama’ila da Dawuda suke?” Suka ce, “Suna cikin Nayiwot a Rama.”
Dhuma irratti inni ofuma isaatii kaʼee Raamaa dhaqe; boolla bishaanii guddaa Seekuutti argamu bira gaʼee, “Saamuʼeelii fi Daawit eessa jiru?” jedhee gaafate. Namni tokkos, “Isaan Naayot ishee Raamaa keessa jirtu keessa jiru” jedheen.
23 Saboda haka Shawulu ya tafi Nayiwot a Rama, amma Ruhun Allah ya sauko masa, shi ma ya yi tafiya yana annabci har sai da ya isa Nayiwot.
Kanaafuu Saaʼol gara Naayot ishee Raamaa keessa jirtu sanaa dhaqe. Garuu Hafuurri Waaqaa isaa irra buʼe; innis hamma Nawaat gaʼutti raajii dubbachaa deeme.
24 Ya tuttuɓe rigunarsa, ya kuma yi annabci a gaban Sama’ila. Ya kwanta tsirara dukan yini da dukan dare. Abin da ya sa ke nan mutane suke cewa, “Shawulu ma yana cikin annabawa ne?”
Wayyaa isaas of irraa baasee fuula Saamuʼeel duratti raajii dubbate. Innis halkanii fi guyyaa sana guutuu qullaa isaa ciise. Sababiin namoonni, “Saaʼolis raajota keessaa tokkoodhaa?” jedhaniif kanuma.