< 1 Sama’ila 18 >
1 Bayan da Dawuda ya gama magana da Shawulu, sai Yonatan ɗan Shawulu ya ji zuciyarsa tana son Dawuda sosai. Yonatan kuwa yana ƙaunar Dawuda kamar ransa.
Erga Daawit Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawititti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate.
2 Tun daga wannan rana Shawulu ya zaunar da Dawuda tare da shi, bai bar shi ya koma gidan mahaifinsa ba.
Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawitin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef.
3 Yonatan kuma ya yi yarjejjeniya da Dawuda saboda yana ƙaunarsa kamar ransa.
Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawit wajjin kakuu seene.
4 Yonatan ya tuɓe doguwar taguwarsa da ya sa, ya ba wa Dawuda, tare da sulkensa, har ma da māshi da kibiyarsa, da kuma bel nasa.
Yoonaataanis qoloo uffatee ture of irraa baasee kittaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaatii fi sabbata isaa dabalee Daawitiif kenne.
5 Duk abin da Shawulu ya aiki Dawuda yă yi yakan yi shi cikin aminci, har Shawulu ya ba shi babban makami a rundunarsa. Wannan ya faranta wa dukan mutane zuciya har ma da ma’aikatan Shawulu.
Daawit iddoo Saaʼol itti isa erge hunda dhaqee ni milkaaʼa ture. Saaʼolis namoota waraanaa irratti isa sadarkaa ol aanaa kenneef. Wanni kunis saba hundaa fi tajaajiltoota Saaʼol hunda gammachiise.
6 Yayinda mutane suke dawowa gida bayan da Dawuda ya kashe Bafilistin, mata suka fito daga dukan biranen Isra’ila don su sadu da Sarki Shawulu, suna waƙoƙi da raye-raye masu farin ciki, da ganguna da sarewa.
Dubartoonnis erga Daawit Filisxeemicha ajjeesee booddee yommuu namoonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼanitti magaalaawwan Israaʼel hunda keessaa masiinqoo fi dibbee qabatanii faarfannaa gammachuutiin faarfachaa fi shuubbisaa Saaʼol mooticha simachuuf baʼan.
7 Suna rawa suna cewa, “Shawulu ya kashe dubbansa, Dawuda kuwa ya kashe dubun dubbai.”
Dubartoonni sunis wal jalaa qabanii: “Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatamaa ajjeese” jedhanii faarfatan.
8 Shawulu kuwa ya ji fushi, wannan magana ba tă yi masa daɗi ba, ya yi tunani ya ce, “Suna yabon Dawuda cewa ya kashe dubun dubbai amma ni dubbai kawai. Me ya rage masa yanzu, in ba mulki ba?”
Saaʼol akka malee aare; jechi kunis isa hin gammachiifne. Innis, “Isaan Daawitiif kuma kumaatama kennan; anaaf garuu kumaatama qofa kennan. Mootummaa fudhachuu malee maaltu isa hafe?” jedhee yaade.
9 Tun daga wannan lokaci zuwa gaba, Shawulu ya dinga kishin Dawuda.
Gaafasii jalqabee Saaʼol ija hinaaffaatiin Daawitin ilaala ture.
10 Kashegari, mugun ruhu daga Allah ya fāɗo wa Shawulu da tsanani. Yana annabci a gidansa, Dawuda kuwa yana bugan molo kamar yadda ya saba. Shawulu yana riƙe da māshi a hannunsa.
Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Waaqa biraa humnaan Saaʼolitti dhufe. Innis mana isaa keessatti raajii dubbachaa ture; Daawit immoo akkuma duraan godhu sana baganaa taphachaa ture. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee ture;
11 Da ƙarfi yana magana da kansa yana cewa, “Zan kafe Dawuda da bango.” Amma Dawuda ya bauɗe masa sau biyu.
innis, “Ani Daawitin keenyanittan hodha” jedhee waan yaadeef eeboo itti darbate. Daawit garuu yeroo lama isa duraa miliqe.
12 Shawulu ya ji tsoron Dawuda don Ubangiji yana tare da shi, amma Ubangiji ya riga ya bar Shawulu.
Saaʼolis Daawitin sodaate; Waaqayyo Saaʼolin dhiisee Daawit wajjin tureetii.
13 Saboda haka Shawulu bai yarda Dawuda yă zauna tare da shi ba, amma ya maishe shi shugaban sojoji dubu. Dawuda kuwa ya riƙa bi da su yana kaiwa yana kuma da tare da su.
Kanaafuu Saaʼol Daawitin fuula ofii isaa duraa fageessee ajajaa kumaa isa godhe; Daawitis loltoota hoogganee ni baʼa; ni galas ture.
14 A kome da Dawuda ya yi yakan yi nasara gama Ubangiji yana tare da shi.
Sababii Waaqayyo isa wajjin tureef inni waan hojjetu hundumaan ni milkaaʼa ture.
15 Da Shawulu ya ga yadda yake cin nasara, sai ya ji tsoronsa.
Saaʼolis yeroo akka inni milkaaʼe argetti isa ni sodaate.
16 Amma dukan Isra’ila da Yahuda suka ƙaunaci Dawuda gama yana bin da su a yaƙe-yaƙensu.
Israaʼelii fi Yihuudaan hundi garuu Daawitin ni jaallatan; inni fuula isaanii dura ni baʼa; ni galas tureetii.
17 Shawulu ya ce wa Dawuda, “Ga diyata Merab zan ba ka ka aura, kai dai ka yi mini aiki da himma, ka kuma yi yaƙe-yaƙen Ubangiji.” Saboda Shawulu ya ce wa kansa, “Ba zan ɗaga hannuna a kansa ba, Filistiyawa ne za su yi wannan.”
Saaʼolis Daawitiin, “Meerab intalli koo hangafti kunoo ti; ati jagnummaan lola Waaqayyoo loli malee ani ishee sitti nan heerumsiisa” jedhe. Saaʼol, “Harki Filisxeemotaa isa irratti haa kaʼu malee ani harka koo isa irratti hin kaasu” jedhee yaadaa tureetii.
18 Amma Dawuda ya ce wa Shawulu, “Wane ni, wa ya san iyayena ko kabilar iyayena a Isra’ila da zan zama surukin sarki?”
Daawit garuu Saaʼoliin, “Soddaa mootii taʼuuf ani eenyu? Maatiin koo yookaan gosti abbaa koo Israaʼel keessatti maali?” jedhe.
19 Da lokaci ya kai da Merab’yar Shawulu za tă yi aure da Dawuda, sai aka aurar da ita wa Adriyel na Mehola.
Kanaafuu yommuu yeroon itti Meerab intalli Saaʼol Daawititti heerumtu dhiʼaatetti isheen Adriiʼeel nama biyya Mehoolaatitti heerumte.
20 Mikal’yar Shawulu kuwa tana ƙaunar Dawuda sosai. Da aka gaya wa Shawulu labarin, sai ya yi farin ciki, ya yi tunani ya ce,
Miikaal intalli Saaʼolis Daawitin jaallattee turte; Saaʼolis yeroo waaʼee kanaa dhagaʼetti ni gammade.
21 “Zan ba shi ita tă zama masa tarko, da haka Filistiyawa za su same shi.” Shawulu ya ce wa Dawuda, “Yanzu kana da dama sau na biyu ka zama surukina.”
Innis, “Akka isheen kiyyoo isatti taatuu fi akka harki Filisxeemotaa isa argatuuf ani ishee isatti nan heerumsiisa” jedhee yaade. Kanaafuu Saaʼol Daawitiin, “Ati amma soddaa koo taʼuuf carraa lammaffaa qabda” jedhe.
22 Sai Shawulu ya umarci ma’aikatansa cewa, “Ku yi magana da Dawuda asirce ku ce, ‘Duba, sarki yana farin ciki da kai, dukan ma’aikatansa kuma suna sonka, ka yarda ka zama surukinsa.’”
Ergasiis Saaʼol, “‘Kunoo mootiin sitti gammada; tajaajiltoonni isaa hundinuus si jaallatu; ati amma soddaa isaa taʼi’ jedhaatii dhoksaadhaan Daawititti himaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
23 Suka sāke yi wa Dawuda wannan magana amma Dawuda ya ce, “Kuna tsammani abu mai sauƙi ne mutum yă zama surukin sarki? Ni talaka ne, kuma ba sananne ba.”
Isaanis irra deebiʼanii waan kana Daawititti himan; Daawit garuu, “Soddaa mootii taʼuun waanuma salphaa seetanii? Ani hiyyeessa; nama hamma kanatti beekamus miti” jedhe.
24 Da ma’aikatan Shawulu suka gaya masa abin da Dawuda ya faɗa.
Tajaajiltoonni Saaʼol waan Daawit jedhe isatti himan;
25 Sai Shawulu ya ce, “Ku gaya wa Dawuda, ‘Sarki ba ya bukatan kuɗin auren’yarsa, sai dai loɓar Filistiyawa domin ramako a kan abokan gābansa.’” Shawulu yana shiri ne domin Dawuda yă fāɗa a hannun Filistiyawa.
Saaʼol immoo, “‘Mootichi diinota isaa haaloo baʼuuf misaa Filisxeemotaa dhibba tokko malee gabbara biraa tokko illee sirraa hin barbaadu’ jedhaatii Daawititti himaa” jedhe. Karoorri Saaʼol akka Daawit harka Filisxeemotaatti kufu ture.
26 Da ma’aikatan suka gaya wa Dawuda waɗannan abubuwa, sai ya yi murna don zai zama surukin sarki. Amma kafin lokacin yă cika,
Yommuu tajaajiltoonni sun waan kana Daawititti himanitti, Daawit soddaa mootii taʼuuf ni gammade. Kanaafuu utuu yeroon isaa hin gaʼin,
27 Dawuda da mutanensa suka fita suka kashe Filistiyawa ɗari biyu, suka kawo loɓar suka miƙa wa sarki, domin yă zama surukin sarki. Sai Shawulu ya ba da’yarsa Mikal aure ga Dawuda.
Daawitii fi namoonni isaa dhaqanii Filisxeemota dhibba lama ajjeesan. Daawitis soddaa mootii taʼuuf jedhee misaa Filisxeemota ajjeefamanii hunda fidee mootichatti kenne. Kana irratti Saaʼol intala isaa Miikaalin isatti heerumsiise.
28 Da Shawulu ya gane Ubangiji yana tare da Dawuda,’yarsa Mikal kuma tana ƙaunarsa,
Saaʼol yommuu akka Waaqayyo Daawit wajjin jiruu fi akka Miikaal isa jaallate hubatetti,
29 sai Shawulu ya ƙara jin tsoron Dawuda har ya zama maƙiyinsa a dukan sauran rayuwarsa.
ammas akka malee isa sodaate; bara jireenya isaa kan hafe hundas diina isaa taʼee jiraate.
30 Manyan sojojin Filistiyawa suka yi ta fita suna yaƙi da Isra’ilawa, amma kullum Dawuda yakan sami nasara fiye da sauran manyan sojojin Shawulu. Ta haka ya yi suna ƙwarai.
Ajajjoonni waraana Filisxeemotaas yeroo hedduu waraanaaf ni baʼu turan; yeroo isaan waraanaaf baʼan hundas Daawit qondaaltota Saaʼol kaan caalaa moʼannaa argata ture; maqaan isaas baayʼee beekame.