< 1 Sama’ila 17 >
1 To, fa, Filistiyawa suka tattara mayaƙansu suka haɗu a Soko cikin Yahuda domin yaƙi. Suka yi sansani a Efes-Dammim, tsakanin Soko da Azeka.
Yeroo sana Filisxeemonni lolaaf humna isaanii walitti qabatanii Yihuudaa keessatti Sookootitti wal gaʼan. Isaanis Sakootii fi Azeeqaa gidduu Efes Damiim keessa qubatan.
2 Shawulu da Isra’ilawa suka taru suka yi sansani a Kwarin Ela suka ja dāgā don su yi yaƙi da Filistiyawa.
Saaʼolii fi namoonni Israaʼel immoo wal gaʼanii Sulula Elaa keessa qubatan; Filisxeemota waraanuufis hiriiran.
3 Filistiyawa suka zauna a tudu guda, Isra’ilawa kuma suka zauna a ɗaya tudun. Kwari yana a tsakaninsu.
Filisxeemonni gaara tokko qabatan; Israaʼeloonni immoo tulluu kaan qabatan; gidduu isaanii immoo sululatu ture.
4 Wani jarumin da ake kira Goliyat wanda ya fito daga Gat, ya fita daga sansanin Filistiyawa. Tsawonsa ya fi ƙafa tara.
Namichi beekamaan Gaatii dhufe kan maqaan isaa Gooliyaad jedhamu tokko qubata Filisxeemotaa keessaa gad baʼe. Hojjaan isaas dhundhuma jaʼaa fi taakkuu tokko ture.
5 Ya sa hular kwanon da aka yi da tagulla, da rigar ƙarfe mai sulke, nauyin rigar ya kai shekel dubu biyar.
Innis gonfoo naasii mataatti kaaʼatee qomee naasii kan saqilii kuma shan ulfaatu uffata ture;
6 A ƙafafunsa kuwa ya sa ƙarafar tagulla, rataye a bayansa kuma māshi ne na tagulla.
miilla isaattis gambaallee naasii hidhatee gatiittii isaatti eeboo baadhata ture.
7 Ƙotar kibiyarsa kuwa kamar sandar saƙar igiya take, ƙarfen kibiyar kuma nauyinsa ya kai shekel ɗari shida. Mai riƙe masa garkuwa yana tafe a gabansa.
Somaan eeboo isaa furdaa akka muka wayya dhooftuun wayyaa itti martuu ture; sibiilli eeboo isaas saqilii dhibba jaʼa ulfaata ture. Baattuun gaachana isaas fuula isaa dura deema ture.
8 Goliyat ya tsaya ya tā da murya wa hafsoshin Isra’ila ya ce, “Me ya sa kuka fito kuna layi don yaƙi? Ni ba Bafilistin ba ne? Ku kuma ba bayin Shawulu ba ne? Ku zaɓi waninku yă zo nan.
Gooliyaadis loltoota Israaʼel kanneen waraanaaf hiriiranitti iyyee akkana jedhe; “Isin waraanaaf hiriirtanii baʼuun keessan maaliif? Ani nama Filisxeem, isin immoo tajaajiltoota Saaʼol mitii? Ofii keessanii nama tokko filadhaatii inni gara kootti gad haa buʼu.
9 In zai iya yin faɗa har yă kashe ni, to, za mu zama bayinku. Amma in na fi ƙarfinsa na kashe shi, to, sai ku zama bayinmu, ku kuma yi mana bauta.”
Yoo inni na lolee na ajjeesuu dandaʼe, nu isin jalatti bulla; yoo ani isa moʼadhee isa ajjeese garuu isin nu jalatti bultanii tajaajiltoota keenya taatu.”
10 Sai Bafilistin ya ce, “A wannan rana, na kalubalanci sojojin Isra’ila, ku ba ni mutum ɗaya mu yi faɗa.”
Filisxeemichis, “Ani harʼa Israaʼeliin nan morkadha! Akka wal lolluuf nama tokko naa kennaa” jedhe.
11 Da jin maganganun Bafilistin, sai Shawulu da dukan Isra’ila suka damu suka kuma ji tsoro.
Saaʼolii fi Israaʼeloonni hundi yommuu dubbii kana dhagaʼanitti akka malee raafaman; ni sodaatanis.
12 To, Dawuda dai ɗan wani mutumin Efratawa ne mai suna Yesse, shi mutumin Betlehem ne a cikin Yahudiya. Yesse yana da yara maza takwas, a zamanin Shawulu kuwa, Yesse ya riga ya tsufa.
Daawit ilma Isseeyi namicha Efraataa kan Beetlihem Yihuudaa sanaa ti. Isseeyis ilmaan saddeeti qaba ture; innis bara Saaʼol keessa nama dulloomee jaare ture.
13 Manyan’ya’yansa maza uku, sun bi Shawulu wajen yaƙi. Ɗansa na fari shi ne Eliyab, na biyu shi ne Abinadab, na uku kuwa shi ne Shamma.
Ilmaan Isseey hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii lafa waraanaa dhaqanii turan; maqaan isaaniis inni hangafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abiinaadaab, inni sadaffaan immoo Shamaa jedhama ture.
14 Dawuda shi ne ɗan autansu. Manyan’yan mazan nan uku suka bi Shawulu.
Daawit quxisuu hunda isaanii ture. Isaan hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii deeman;
15 Amma Dawuda yakan tafi sansanin Shawulu lokaci-lokaci yă kuma koma Betlehem don yă yi kiwon tumakin mahaifinsa.
Daawit garuu hoolota abbaa isaa tiksuuf jedhee Saaʼol biraa Beetlihemitti deddeebiʼaa ture.
16 Kwana arba’in cif, Bafilistin nan ya yi ta fitowa kowane safe da kuma kowace yamma.
Namichi Filisxeem sunis guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala dhufee isaanitti of mulʼisa ture.
17 Yesse ya ce wa ɗansa Dawuda, “Ka ɗauki wannan gasasshen hatsi da waɗannan curin burodi goma, ka kai wa’yan’uwanka a sansani da sauri.
Isseey immoo ilma isaa Daawitiin akkana jedhe; “Akaayii kana irraa iifii tokkoo fi buddeena kurnan kana fuudhiitii ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo qubata isaaniitti geessi.
18 Ka haɗa da waɗannan cuku guda goma, ka kai wa komandan rundunarsu. Ka ga lafiyar’yan’uwanka, ka kawo mini labari daga wurinsu.
Baaduu kurnan kana immoo ajajaa kumaa isaaniitiif geessi. Haala obboloonni kee keessa jiran ilaaliitii oduu isaanii fidii kottu.
19 Suna tare da Shawulu da kuma dukan mutanen Isra’ila a Kwarin Ela, suna can suna yaƙi da Filistiyawa.”
Isaan Saaʼolii fi namoota Israaʼel wajjin Sulula Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru.”
20 Kashegari da sassafe, Dawuda ya tashi ya bar tumakinsa wa wani yă lura da su, sai ya ɗauki kayansa, ya kama hanya kamar yadda Yesse ya umarce shi. Ya isa sansanin daidai sa’ad da rundunar tana fitowa zuwa bakin dāgā, suna kirarin yaƙi.
Daawitis tiksee biratti bushaayee dhiisee ganama barii kaʼee nyaata sana qabatee akkuma Isseey isa ajajetti kaʼee qajeele. Innis utuu loltoonni dhaadachaa hiriiraan adda waraanaatti yaaʼaa jiranuu lafa qubataa gaʼe.
21 Isra’ila da Filistiyawa suka ja dāgā suna fuskantar junansu.
Israaʼelii fi Filisxeemonni tarree tarreedhaan fuula walitti garagalfatan.
22 Dawuda ya bar kayansa a wajen wani mai lura da kaya, sai ya ruga zuwa bakin dāgā yă gai da’yan’uwansa.
Daawitis miʼa isaa eegduu miʼaa biratti dhiisee gara adda waraanaatti fiigee obboloota isaa nagaa gaafate.
23 Da yana magana da su sai Goliyat, jarumin nan Bafilistin daga Gat ya fito daga rundunar Filistiyawa, ya tā da murya kamar yadda ya saba. Dawuda kuwa ya ji shi.
Utuma inni isaan wajjin haasaʼaa jiruu, Gooliyaad jagnichi Filisxeem namichi Gaati sun hiriira Filisxeemotaa keessaa dubbiidhuma kanaan dura dubbachaa ture sana dubbate; Daawitis isa dhagaʼe.
24 Da Isra’ilawa suka ga mutumin, sai dukansu suka gudu saboda tsananin tsoro.
Israaʼeloonni hundinuu yommuu namicha arganitti sodaa guddaadhaan isa biraa baqatan.
25 Isra’ilawa suka yi ta cewa, “Kun ga yadda wannan mutum yana ta fitowa? Yana fitowa ne don yă kalubalanci Isra’ila. Sarki zai sāka wa mutumin da ya kashe wannan da dukiya mai yawa. Zai kuma ba shi’yarsa yă aura, yă cire suna mahaifinsa daga biyan kuɗin haraji cikin Isra’ila.”
Israaʼeloonnis, “Isin akka namichi kun as deddeebiʼaa jiru argituu? Inni dhugumaan Israaʼeliin morkachuuf dhufe. Mootiin nama isa ajjeesuuf qabeenya guddaa kenna. Intala isaa illee itti heerumsiisa; maatii abbaa isaas akka Israaʼel keessatti gibira hin gabbarre godha” waliin jechaa turan.
26 Dawuda ya tambayi mutanen da suke tsaye kusa da shi ya ce, “Me za a yi wa wanda ya kashe Bafilistin nan, ya kuma cire wannan kunya daga Isra’ila? Wane ne wannan bafilistin marar kaciya da yake kalubalantar rundunar yaƙi na Allah mai rai?”
Daawit namoota isa bira dhadhaabachaa turaniin, “Nama namicha Filisxeem kana ajjeesee Israaʼel irraa salphina kana fuudhuuf maaltu godhama? Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun akka loltoota Waaqa jiraataa doorsisuuf inni eenyuu?” jedhee gaafate.
27 Sai suka sāke gaya masa abin da suka faɗa cewa, “Ga abin da zai faru da wanda ya kashe shi.”
Namoonnis, “Wanni nama isa ajjeesuuf godhamu kanuma” jedhanii dubbiidhuma duraan dubbachaa turan sana irra deebiʼanii itti himan.
28 Da wansa Eliyab, ya ji yana magana da mutanen, sai ransa ya ɓace ƙwarai saboda fushi, sai ya ce wa Dawuda, “Me ka zo yi a nan? Wa kuma ka bar wa’yan tumakin a jeji? Na san ka da taurinkai, da kuma mugun hali. Ka zo nan ne don ka yi kallon yaƙi kawai.”
Eliiyaab hangafni Daawit inni jalqabaa Daawit namoota wajjin dubbachaa akka jiru yommuu argetti aaree gubatee akkana jedhe; “Ati maal gochuu as gad buute? Hoolota muraasa sana gammoojjii keessatti eenyutti dhiiftee dhufte? Ani of tuulummaa keetii fi hammina garaa keetii nan beeka; ati waraana ilaaluu dhufteetii.”
29 Dawuda ya ce, “To, yanzu me na yi? Ba zan ma yi magana ba?”
Daawit immoo, “Ani amma maalin godhe? Ani dubbachuu illee hin dandaʼuu?” jedhe.
30 Sai ya juya wajen wani kuma ya sāke kawo zancen, mutanen kuwa suka amsa masa kamar dā.
Ergasiis gara nama biraatti garagalee waanuma duraa sana gaafate; namoonnis akkuma jalqabaatti deebisaniif.
31 Aka ji abin da Dawuda ya ce, aka kuwa gaya wa Shawulu, Shawulu kuma ya aika a kawo shi.
Wanni Daawit jechaa tures dhagaʼamee Saaʼol qaqqabe; Saaʼolis isa waamsise.
32 Da Shawulu ya tambayi Dawuda, sai Dawuda ya ce masa, “Kada kowa yă damu saboda wannan Bafilistin. Bawanka zai je yă yi faɗa da shi.”
Daawitis Saaʼoliin, “Sababii namicha Filisxeem kanaatiif namni tokko iyyuu abdii hin kutatin; ani garbichi kee dhaqee isa nan waraana” jedhe.
33 Shawulu ya ce, “Ba za ka iya yin faɗa da wannan Bafilistin ba, ya daɗe yana yaƙi, ya yi yaƙi tun yana saurayi. Ga shi kuwa kai ɗan yaro ne kawai.”
Saaʼolis Daawitiin, “Ati dhaqxee Filisxeemicha kana waraanuu hin dandeessu; ati ijoollee dha; inni immoo ijoollummaa isaatii jalqabee loltuu ture” jedhe.
34 Amma Dawuda ya ce wa Shawulu, “Bawanka yana kiwon tumakin mahaifinsa. Sa’ad da zaki ko beyar ta zo ta kama tunkiya, ta tafi da ita.
Daawit garuu Saaʼoliin akkana jedhe; “Garbichi kee hoolota abbaa isaa tiksaa ture. Yeroo leenci yookaan amaakenni dhufee bushaayee keessaa tokko fudhatutti,
35 Nakan bi ta a baya in buga ta in kuma ƙwato tunkiyar daga bakinta. In kuma ta taso mini, nakan cafke ta a gashinta in buga ta in kashe.
ani isa faana fiigee dhaʼee hoolaa sana afaan isaatii nan buusisan ture. Yoo inni natti gara gale immoo kokkee isaa qabee dhaʼee isa ajjeesa ture.
36 Bawanka ya kashe zaki da beyar, wannan Bafilistin marar kaciya zai zama kamar ɗaya daga cikinsu, domin ya rena rundunar Allah mai rai.
Ani garbichi kee leencaa fi amaaketa ajjeeseera; Filisxeemichi dhagna hin qabatin kunis akkuma tokkoo isaanii taʼa; inni loltoota Waaqa jiraataa doorsiseeraatii.
37 Ubangiji wanda ya cece ni daga kumbar zaki da kuma kumbar beyar, zai cece ni daga hannun wannan Bafilistin.” Shawulu ya ce wa Dawuda, “Je ka, Ubangiji yă kasance tare da kai.”
Waaqayyo inni irree leencaatii fi irree amaaketaa jalaa na baase sun harka Filisxeemicha kanaa jalaas na baasa.” Saaʼolis Daawitiin, “Dhaqi, Waaqayyo si wajjin haa taʼu” jedhe.
38 Sai Shawulu ya kawo kayan yaƙinsa ya sa wa Dawuda. Ya sa masa hular kwanon da aka yi da tagulla a kansa, ya kuma sa masa rigar ƙarfensa.
Ergasiis Saaʼol uffata lolaa kan ofii isaa Daawititti uffise. Qomee sibiilaa itti uffisee gonfoo naasii mataa isaatti kaaʼeef.
39 Dawuda ya ɗaura māshin Shawulu a sulken, ya yi ƙoƙari yă zaga, sai ya ji ba zai iya ba saboda bai saba ba. Ya cewa Shawulu, “Ba zan iya tafiya da waɗannan ba, domin ban saba ba.” Don haka ya tuɓe su.
Daawitis sababii duraan itti fayyadamee hin beekneef uffata Saaʼol irratti goraadee hidhatee asii fi achi deemuu yaale. Innis Saaʼoliin, “Ani waanan duraan itti fayyadamee hin beekneef hidhadhee deemuu hin dandaʼu” jedhe. Kanaafuu of irraa baase.
40 Sai ya ɗauki sandansa, ya zaɓi duwatsu guda biyar masu sulɓi daga cikin rafi, ya sa su a’yar jakarsa ta makiyaya; ya kuma ɗauki majajjawarsa, ya tafi, yă fuskanci Bafilistin.
Ergasii ulee isaa harkatti qabatee dhagaa soofamaa shan lagaa filatee kiisii korojoo tikseetti naqate; furrisa isaas harkatti qabatee gara Filisxeemichaatti dhiʼaate.
41 Ana ciki haka, sai Bafilistin nan shi ma ya fita yana gusowa zuwa wurin Dawuda. Mai riƙe masa garkuwar yaƙi kuwa yana tafe a gabansa.
Namichi Filisxeem sunis namicha miʼa lolaa isaaf baatu of dura qajeelchee Daawititti dhiʼaate.
42 Bafilistin ya dubi Dawuda daga sama har ƙasa, ya gan dai ɗan yaro ne kawai, kyakkyawa kuma mai ƙoshin lafiya, sai ya rena shi.
Innis Daawitin ilaalee akka inni mucaa diimaa miidhagaa taʼe hubatee isa tuffate.
43 Ya ce masa, “Kana tsammani ni kare ne da za ka zo mini da sanda?” Sai ya la’anci Dawuda da sunayen allolin Filistiyawa.
Filisxeemichis, “Kan ati ulee qabattee natti dhuftu ani sareedhaa?” jedhee waaqota ofii isaatiin Daawitin abaare.
44 Ya ce, “Zo nan, ni kuwa zan ba da naman jikinka ga tsuntsayen sama da namun jeji su ci.”
Akkasumas, “As kottu; ani foon kee allaattii samiitii fi bineensota bosonaatiif nan kennaa!” jedheen.
45 Dawuda ya ce wa Bafilistin, “Kana zuwa ka yaƙe ni da māshi da takobi da kere, amma ni ina zuwa in yaƙe ka a cikin sunan Ubangiji Maɗaukaki, Allah na rundunar Isra’ila, wanda ka rena.
Kana irratti Daawit Filisxeemichaan akkana jedhe; “Ati kunoo goraadee, eeboo fi bodee qabatee natti dhufta; ani garuu maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu, Waaqa loltoota Israaʼel kan ati doorsifte sanaatiin sittin dhufa.
46 Yau nan, Ubangiji zai bashe ka a hannuna, zan kuwa kashe ka, in datse kanka. Yau, zan ba da gawawwakin rundunar Filistiyawa ga tsuntsayen sama da namun jeji, da haka duniya za tă sani lalle akwai Allah a cikin Isra’ila.
Harʼa Waaqayyo dabarsee harka kootti si kenna; anis si ajjeesee mataa kee sirraan kuta. Ani harʼa reeffa Filisxeemotaa allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; addunyaan hundis akka Israaʼel keessa Waaqni jiru ni beeka.
47 Duk waɗanda suka taru a nan za su san cewa ba da māshi ko takobi ne Ubangiji yake ceto ba, gama yaƙin nan na Ubangiji ne, shi kuwa zai bashe ku duka a hannuwanmu.”
Namoonni asitti walitti qabaman hundi akka Waaqayyo goraadee fi eeboodhaan nama hin baafne ni baru; sababii lolli kun kan Waaqayyoo taʼeef inni dabarsee harka keenyatti isin kenna.”
48 Yayinda Bafilistin yana matsowa kusa domin yă fāɗa wa Dawuda, sai Dawuda ya ruga a guje zuwa bakin dāgā don yă same shi.
Yommuu Filisxeemichi isa dhaʼuuf dhufettis Daawit isa loluuf fiigee adda waraanaa seene.
49 Ya sa hannu a jakarsa ya ɗauki dutse, ya sa cikin majajjawa ya wurga, dutsen kuwa ya bugi Bafilistin a goshi, dutsen ya shiga cikin goshinsa, sai Bafilistin ya fāɗi rubda ciki.
Harka isaas korojoo isaa keessa kaaʼee dhagaa tokko fudhatee furrisaan darbatee adda Filisxeemichaa dhaʼe. Dhagaan sunis adda isaa keessa bade; Filisxeemichis addaan lafatti gombifame.
50 Da majajjawa da dutse kawai Dawuda ya ci nasara a kan Bafilistin. Ya buge shi, ya kashe shi ba tare da takobi a hannunsa ba.
Daawit akkasiin furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha moʼate; Daawit utuma goraadee of harkaa hin qabaatin Filisxeemicha dhaʼee ajjeese.
51 Dawuda ya ruga ya tsaya a bisan Bafilistin, ya zare takobin Bafilistin daga kubensa, ya datse masa kai da shi. Da Filistiyawa suka ga jaruminsu ya mutu, sai suka juya suka gudu.
Daawit fiigee Filisxeemicha irra ejjete. Goraadee Filisxeemichaas manʼee keessaa luqqisee baafate. Erga isa ajjeesee booddees goraadee sanaan mataa isaa irraa kute. Filisxeemonni yommuu akka goonni isaanii duʼe arganitti of irra garagalanii baqatan.
52 Mutanen Isra’ila da na Yahuda suka rugo gaba da babbar murya, suka fafari Filistiyawa har zuwa mashigin Gat da kuma ƙofofin Ekron. Gawawwakin Filistiyawa suka bazu a hanyar Sha’arayim zuwa Gat da kuma Ekron.
Ergasii namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihuudaa kaʼanii dhaadachaa hamma balbala Gaatii fi karra Eqroonitti Filisxeemota ariʼan. Reeffi Filisxeemotaas karaa Shaʼarayiimitti geessu irratti hamma Gaatii fi Eqroonitti harcaʼe.
53 Da Isra’ilawa suka komo daga bin Filistiyawa sai suka washe sansanin Filistiyawa.
Israaʼeloonni yommuu Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼanitti qubata isaanii saaman.
54 Dawuda ya ɗauki kan Bafilistin zuwa Urushalima. Sai Dawuda ya ajiye kayan yaƙin Bafilistin a tentinsa.
Daawitis mataa Filisxeemichaa fudhatee gara Yerusaalemitti fide; miʼa lolaa Filisxeemichaas dunkaana ofii isaatti galfate.
55 Yayinda Shawulu yake kallon Dawuda sa’ad da za shi yă yaƙi Bafilistin, sai ya tambayi Abner, komandan rundunarsa ya ce, “Abner, ɗan wane ne wannan saurayi?” Abner ya ce ran sarki yă daɗe, “Ban sani ba.”
Saaʼol yommuu akka Daawit Filisxeemicha loluuf deemu argetti, Abneer ajajaa waraana Israaʼeliin, “Abneer, gurbaan kun ilma eenyuu ti?” jedhe. Abneeris, “Yaa Mootii, duʼa kee ti ani hin beeku” jedhee deebise.
56 Sarki ya ce, “Ka tambaya mini ko yaron wane ne wannan saurayi.”
Mootichis, “Egaa akka gurbaan kun ilma eenyuu taʼe iyyaafadhuuttii bira gaʼi” jedheen.
57 Dawuda yana dawowa daga karkashe Filistiyawa ke nan, sai Abner ya kai shi gaban Shawulu, riƙe da kan Bafilistin.
Akkuma Daawit Filisxeemicha ajjeesee deebiʼeen, Abneer Daawitii mataa Filisxeemichaa harkatti qabatee jiru fuula Saaʼol duratti dhiʼeesse.
58 Sai Shawulu ya ce, “Kai ɗan wane ne, saurayi?” Dawuda ya ce, “Ni ɗan bawanka Yesse ne, na Betlehem.”
Saaʼolis, “Gurbayyoo ati ilma eenyuu ti?” jedhee gaafate. Daawit immoo, “Ani ilma garbicha keetii ilma Isseeyi namicha Beetlihem sanaa ti” jedhee deebise.