< 1 Sama’ila 13 >
1 Shawulu yana da shekara talatin sa’ad da ya zama sarki, ya kuma yi sarautar Isra’ila shekara arba’in da biyu.
Saaʼol yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtamii lama Israaʼelin bulche.
2 Sai ya zaɓi sojoji dubu uku daga jama’ar Isra’ila. Ya keɓe dubu biyu su kasance tare da shi a Mikmash da kuma a tuddan yankin Betel. Ya kuma bar dubu ɗaya tare da ɗansa Yonatan a Gibeya a yankin zuriyar Benyamin. Sauran sojojin kuwa Shawulu ya sallame su su koma gidajensu.
Saaʼol namoota kuma sadii Israaʼel keessaa filate; kumni lama Mikmaasii fi biyya gaaraa Beetʼeelitti Saaʼol wajjin, kumni tokko immoo biyya Beniyaam keessatti Gibeʼaatti Yoonaataan wajjin turan. Namoota kaan garuu gara mana mana isaaniitti deebise.
3 Yonatan ya kai wa Filistiyawa hari a Geba, sai Filistiyawa suka sami labarin. Sai Shawulu ya sa aka busa ƙaho ko’ina a ƙasar ya ce, “Bari Ibraniyawa su ji!”
Yoonaataan qubata waraana Filisxeemotaa kan Gibeʼaa keessa ture sana dhaʼe; Filisxeemonnis waaʼee kanaa dhagaʼan. Kana irratti Saaʼol, “Ibroonni hundinuu haa dhagaʼani!” jedhee biyyattii guutuu keessatti malakata afuufsise.
4 Haka kuwa dukan Isra’ila suka ji labari cewa, “Shawulu ya kai hari a ƙasar Filistiyawa, yanzu Isra’ila ta zama abin ƙi ga Filistiyawa.” Aka kira mutane su haɗu da Shawulu a Gilgal.
Israaʼel hundinuus oduu, “Saaʼol qubata waraana Filisxeemotaa dhaʼeera; Israaʼelis Filisxeemota biratti balfameera” jedhu dhagaʼan. Namoonnis Saaʼol duukaa buʼuuf Gilgaalitti walitti qabaman.
5 Sai Filistiyawa suka taru don su yi yaƙi da Isra’ilawa. Suka fito da kekunan-dawakan yaƙi dubu talatin, da masu hawan dawakai dubu shida, da sojoji masu yawa kamar yashi a bakin teku. Suka tafi Mikmash a gabashin Bet-Awen, suka kafa sansani a can.
Filisxeemonnis Israaʼeloota waraanuuf gaariiwwan kuma soddoma, namoota gaarii oofan kuma jaʼaa fi loltoota akka cirracha galaanaa baayʼataniin hiriiran. Ol baʼaniis karaa baʼa Beet Aawwen iddoo Mikmaas jedhamu qubatan.
6 Sa’ad da Filistiyawa suka fāɗa wa Isra’ilawa da yaƙi mai tsanani, suka sa su cikin wani hali mai wuya, sai Isra’ilawa suka ɓuya a kogwanni, da ciyayi, da duwatsu, da ramummuka, da rijiyoyi.
Namoonni Israaʼel yommuu akka haalli isaan keessa jiran sodaachisaa taʼee fi akka loltoonni isaanii sardamaa jiran arganitti holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessaa fi boolla keessa dhokatan.
7 Waɗansunsu ma suka haye Urdun zuwa ƙasar Gad da Gileyad. Shawulu ya zauna Gilgal, dukan ƙungiyoyi sojojin da suke tare da shi suka yi rawan jiki don tsoro.
Ibroonni tokko tokko immoo Yordaanos ceʼanii biyya Gaadii fi Giliʼaad dhaqan. Saaʼol garuu Gilgaalitti hafe; loltoonni isa wajjin turan hundinuus sodaadhaan hollachaa turan.
8 Ya jira har kwana bakwai bisa ga lokacin da Sama’ila ya bayar. Amma Sama’ila bai zo Gilgal ba, mutanen Shawulu suka fara watsewa.
Innis akkuma yeroo Saamuʼeel murteesse sanaatti bultii torba eege; Saamuʼeel garuu gara Gilgaal hin dhufne; namoonni Saaʼolis bibittinnaaʼuu jalqaban.
9 Sai ya ce, “Ku kawo mini hadaya ta ƙonawa da hadaya ta salama.” Sai Shawulu ya miƙa hadaya ta ƙonawa.
Saaʼolis, “Aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa as naa fidaa” jedhe. Innis aarsaa gubamu ni dhiʼeesse.
10 Daidai yana gama miƙa hadaya ke nan sai Sama’ila ya iso. Shawulu kuma ya fito domin yă yi masa maraba.
Akkuma Saaʼol aarsaa dhiʼeessee xumureen Saamuʼeel dhufe. Saaʼolis isa simachuuf gad baʼe.
11 Sama’ila ya ce, “Me ke nan ka yi?” Shawulu ya ce, “Sa’ad da na ga mutane suna watsewa, kai kuwa ba ka zo cikin lokaci ba, ga Filistiyawa kuma suna taruwa a Mikmash,
Saamuʼeel, “Ati maal gochuu kee ti?” jedhee gaafate. Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Ani yeroon akka sabni bibittinnaaʼe, akka ati yeroo murteeffametti hin dhufinii fi akka Filisxeemonni Mikmaasitti walitti qabaman argetti,
12 sai na yi tunani cewa, ‘Yanzu Filistiyawa za su gangaro su fāɗa mini a Gilgal, ga ni kuma ban riga na nemi nufin Ubangiji ba.’ Shi ya sa ya zama mini tilas in miƙa hadaya ta ƙonawa.”
‘Filisxeemonni Gilgaalitti natti dhufan; anis surraa Waaqayyoo hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaafuu aarsaa gubamu dhiʼeessuun dirqama natti taʼe.”
13 Sama’ila ya ce, “Ka yi wauta da ba ka bi umarnin da Ubangiji Allahnka ya ba ka ba. Da ka yi haka da Ubangiji ya tabbatar maka da sarautar Isra’ila har abada.
Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati waan siif hin malle hojjete; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kenne hin eegne; utuu ajaja isaa eegdee jiraattee inni mootummaa kee Israaʼel irratti jabeessee bara baraan ni dhaaba ture.
14 Amma yanzu, masarautarka ba za tă dawwama ba, Ubangiji ya riga ya sami wani wanda zuciyarsa ke ƙauna, ya naɗa shi shugaban mutanensa gama ba ka bi umarnin Ubangiji ba.”
Amma garuu mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka fedhii garaa isaa taʼe argateera; sababii ati ajaja Waaqayyoo hin eeginiif inni dura deemaa saba isaa godhatee isa muudateera.”
15 Sama’ila ya tashi daga Gilgal ya tafi Gibeya a ƙasar Benyamin. Shawulu kuma ya ƙidaya mutanen da suke tare da shi, yawansu ya kai wajen mutum ɗari shida.
Ergasii Saamuʼeel Gilgaal dhiisee gara Gibeʼaa ishee biyya Beniyaam keessatti argamtuutti ol baʼe; Saaʼolis namoota isa wajjin turan ni lakkaaʼe. Baayʼinni isaaniis gara nama dhibba jaʼa ture.
16 Shawulu da ɗansa Yonatan da mutanen da suke tare da shi suka zauna a Geba ta Benyamin. Sa’an nan Filistiyawa suka yi sansani a Mikmash.
Yeroo Filisxeemonni Mikmaas keessa qubatanii turanitti Saaʼol, ilmi isaa Yoonaataanii fi namoonni isaan wajjin turan biyya Beniyaam Gibeʼaa keessa turan.
17 Rundunar mayaƙa uku suka fito daga sansani Filistiyawa. Ɗaya ta nufi Ofra, zuwa ƙasar Shuwal.
Gareen weerartootaa iddoo sadiitti qoodamanii qubata Filisxeemotaatii baʼan. Gareen tokko gara Ofraa kan biyya Shuuʼaali keessa jiru sanaatti qajeele;
18 Runduna guda kuma ta nufi Bet-Horon, ɗayan kuwa ta nufi iyakar da take fuskantar Kwarin Ziboyim wajen jeji.
gareen lammaffaan karaa Beet Horoonitti, gareen sadaffaan immoo karaa daarii irraangadee Sulula Zebooʼiim kan fuullee gammoojjiitti geessu irra buʼe.
19 Ba a sami maƙeri ɗaya a dukan ƙasar Isra’ila ba domin Filistiyawa sun ce, “In ba haka ba Ibraniyawa za su ƙera wa kansu takuba ko māsu.”
Sababii Filisxeemonni, “Ibroonni goraadee yookaan eeboo ofii isaaniitiif hin tumsiifatin!” jedhanii turaniif Israaʼel hunda keessatti namni sibiila tumu tokko iyyuu hin argamne.
20 Saboda haka dukan Isra’ila sukan gangara zuwa wajen Filistiyawa domin su gyara bakin garemaninsu, da fartanansu, da gaturansu, da kuma laujunansu.
Kanaafuu Israaʼeloonni hundi maarashaa isaanii, gasoo isaanii, dhagaraa fi haamtuu isaanii qarsiifachuuf gara Filisxeemotaatti gad buʼan.
21 Duk lokacin da za su gyara bakin garmansu da fartanyarsu sai sun biya tsabar azurfa biyu. Haka ma idan za su gyara gatari ko bakunan abin korar shanun noma sai sun biya tsabar azurfa ɗaya.
Gatiin ittiin maarashaa fi gasoo qarsiifatan saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka lama; qorbii, dhagaraa fi meeshaa ittiin qotiyyoo tuttuqan qarsiifachuuf immoo saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko kaffalu turan.
22 A ranar da yaƙi ya tashi, ba a sami wanda yake da takobi ko māshi ba a cikin mutanen da suke tare da Shawulu da Yonatan. Sai dai Shawulu da ɗansa Yonatan kaɗai.
Kanaafuu guyyaa waraanaa Saaʼolii fi Yoonaataan malee loltuun tokko iyyuu goraadee yookaan eeboo hin qabu ture.
23 Ana nan sai sojojin Filistiyawa suka fita zuwa mashigin Mikmash.
Gaafuma sana gareen Filisxeemotaa tokko gara malkaa Mikmaasitti gad buʼe.