< 1 Sarakuna 21 >

1 Ana nan bayan haka sai waɗannan abubuwa suka faru. Nabot mutumin Yezireyel yana da gonar inabi a Yezireyel, a yankin Samariya, kusa da gidan Sarki Ahab.
Naabot namichi Yizriʼeel tokko Yizriʼeel keessaa, masaraa mootummaa Ahaab mooticha Samaariyaa biraa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture.
2 Sai Ahab ya ce wa Nabot, “Ka ba ni gonar inabinka in yi amfani da ita don kayan lambu, da yake tana kusa da fadana. Zan ba ka wata gonar inabin da ta fi wannan, ko kuma in ka gwammace, sai in biya ka duk abin da ya dace da ita.”
Ahaabis Naabotiin akkana jedhe; “Sababii inni masaraa mootummaa kootti dhiʼaatuuf akka ani achi irra biqiltuu dhaabbadhuuf iddoo dhaabaa wayinii keetii naaf kenni. Qooda isaa ani iddoo dhaabaa wayinii kan isa caalu yookaan yoo ati feete gatii isaa maallaqa siifin kennaa.”
3 Amma Nabot ya amsa wa Ahab ya ce, “Ubangiji yă sawwaƙe in ba ka gādon kakannina.”
Naabot garuu, “Dhaala abbootii koo siif kennuu irraa Waaqayyo na haa eegu” jedhee deebise.
4 Ahab ya cika da fushi saboda Nabot, mutumin Yezireyel ya ce, “Ba zan ba ka gādon kakannina ba.” Ya kwanta a gadonsa yana zub da hawaye, ya kuma ƙi cin abinci.
Kanaafuu sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun “Ani dhaala abbootii koo siif hin kennu” jedheef Ahaab akka malee aaree dheekkamaa gara mana isaatti gale. Innis fuula isaa garagalfatee siree isaa irra ciise; waa nyaachuus ni dide.
5 Matarsa Yezebel ta shiga ciki ta tambaye shi, ta ce, “Me ya sa ka kumbura? Me ya sa ba za ka ci abinci ba?”
Iizaabel niitiin isaas ol seentee, “Ati maaliif akkana aarta? Maaliif waa hin nyaanne?” jettee isa gaafatte.
6 Sai ya amsa mata, ya ce, “Domin na ce wa Nabot mutumin Yezireyel, ‘Ka sayar mini gonar inabinka; ko kuwa in ka gwammace, zan ba ka wata gonar inabi a maimakonta.’ Amma ya ce, ‘Ba zan ba ka gonar inabina ba.’”
Innis akkana jedhee deebiseef; “Sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun, ani, ‘Iddoo dhaabaa wayinii keetii natti gurguri, yookaan yoo ati feete qooda isaa iddoo dhaabaa wayinii biraa siifin kenna’ jennaaniin inni immoo, ‘Ani iddoo dhaabaa wayinii koo siif hin kennu’ naan jedheef.”
7 Yezebel matarsa ta ce, “Yaya kake yi kamar ba kai ne sarki Isra’ila ba? Tashi ka ci abinci! Ka yi farin ciki. Zan ba ka gonar inabin Nabot mutumin Yezireyel.”
Niitiin isaa Iizaabelis, “Ati amma mootii Israaʼelii? Kaʼii buddeena nyaadhu! Gammadis. Ani iddoo dhaabaa wayinii Naabot namicha Yizriʼeel sanaa siifin kennaa” jetteen.
8 Sai ta rubuta wasiƙu a sunan Ahab, ta buga hatiminsa a kansu, sa’an nan ta aika su ga dattawa da manyan gari waɗanda suke zama a birnin da Nabot yake.
Kanaafuu isheen maqaa Ahaabiin xalayoota barreessitee chaappaa isaatiin chaappeessitee maanguddootaa fi namoota bebeekamoo magaalaa Naabot keessa isa wajjin jiraatanitti ergite.
9 Cikin waɗannan wasiƙu ta rubuta, “Ku yi shelar ranar azumi, ku zaunar da Nabot a wuri mai martaba a cikin mutane.
Xalayoota sana keessattis akkana jettee barreessite: “Guyyaa soomaa tokko labsaatii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhaa.
10 Amma ku zaunar da waɗansu’yan iska biyu ɗaura da shi, ku sa su ba da shaida cewa ya zagi Allah da sarki. Sa’an nan ku ɗauke shi ku jajjefe shi da dutse sai ya mutu.”
Namoota kashlabboota lama fuula isaa dura teessisaatii akka isaan akka inni Waaqaa fi mooticha abaare itti rageessan godhaa. Ergasiis gad baasaatii dhagaadhaan tumaa isa ajjeesaa.”
11 Sai dattawa da manyan gari, waɗanda suke zama a birnin da Nabot yake, suka yi kamar yadda Yezebel ta umarta a cikin wasiƙun da ta rubuta.
Kanaafuu maanguddoonnii fi namoonni bebbeekamoon magaalaa Naabot keessa jiraatan akkuma Iizaabel xalayoota barreessiteef keessatti isaan ajajje sana godhan.
12 Suka yi shelar azumi, suka kuma zaunar da Nabot a wuri mai martaba a cikin mutane.
Isaanis sooma labsanii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhan.
13 Sa’an nan’yan iska biyu suka zo, suka zauna ɗaura da shi, suka kawo zarge a kan Nabot a gaban mutane, suna cewa, “Nabot ya zagi Allah da sarki.” Saboda haka aka ɗauke shi waje da birnin, aka jajjefe shi da dutse har ya mutu.
Ergasii Kashlabboonni lama dhufanii fuula isaa dura tataaʼanii, “Naabot Waaqaa fi mooticha abaareera” jedhanii namoota duratti itti rageessan. Kanaafis magaalaa keessaa gad baasanii dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan.
14 Sa’an nan suka aika wa Yezebel. “An jajjefe Nabot, ya kuma mutu.”
Ergasii isaan, “Naabot dhagaan tumamee duʼeera” jedhanii Iizaabelitti ergaa ergan.
15 Nan da nan sa’ad da Yezebel ta ji cewa an jajjefe Nabot da dutse ya kuma mutu, sai ta ce wa Ahab, “Tashi ka mallaki gonar inabin Nabot mutumin Yezireyel wanda ya ƙi ya sayar maka. Ba shi da rai, ya mutu.”
Iizaabelis akkuma akka Naabot dhagaan tumamee duʼe dhageesseen Ahaabiin, “Kaʼiitii iddoo dhaabaa wayinii Naabot namichi Yizriʼeel sitti gurguruu dide sana dhaali. Inni lubbuun hin jiru; duʼeeraa” jette.
16 Da Ahab ya ji cewa Nabot ya mutu, sai ya tashi ya gangara don yă mallaki gonar inabin Nabot.
Ahaabis akka Naabot duʼe dhageenyaan iddoo dhaabaa wayinii Naabot sana dhaaluuf kaʼee gad buʼe.
17 Sai maganar Ubangiji ta zo wa Iliya mutumin Tishbe.
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe;
18 Ta ce, “Gangara don ka sadu da Ahab sarkin Isra’ila, wanda yake mulki a Samariya. Yanzu yana a gonar inabin Nabot, inda ya tafi yă mallake ta.
“Ahaab mooticha Israaʼel kan Samaariyaa keessa taaʼee bulchu sana arguuf gad buʼi. Inni amma lafa qotiisaa sana dhaaluuf gad buʼee iddoo dhaabaa wayinii Naabot keessa jira.
19 Ka ce masa, Ga abin da Ubangiji ya ce, ‘Ba ka kashe mutum ka kuma ƙwace kayansa ba?’ Sa’an nan ka ce masa ga abin da Ubangiji ya ce, ‘A inda karnuka suka lashe jinin Nabot, karnuka za su lashe jininka, I, naka!’”
Atis akkana jedhiin: ‘Waaqayyo akkana jedha; ati nama tokko ajjeeftee qabeenya isaa hin dhaallee?’ Ergasiis akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Iddoo sareen dhiiga Naabot arraabde sanatti sareen dhiiga kees ni arraabdi; eeyyee dhugumaan dhiiga kees ni arraabdi!’”
20 Ahab ya ce wa Iliya, “Wato, ka same ni kuma, abokin gābana!” Sai ya amsa ya ce, “Na same ka, domin ka sayar da kanka ga yin mugunta a gaban Ubangiji.
Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina ko, ati na argatteerta!” jedhe. Innis deebisee akkana jedheen; “Sababii ati fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuuf of gurgurteef ani si argadheera.
21 ‘Zan kawo masifa a kanka. Zan kawar da zuriyarka, in kuma yanke daga Ahab kowane ɗa namiji na ƙarshe cikin Isra’ila, bawa ko’yantacce.
‘Ani badiisa sitti nan fida. Sanyii kee illee nan balleessa; dhiira mana Ahaab, garbas taʼu birmaduu hunda Israaʼel keessaa nan balleessa.
22 Zan mai da gidanka kamar gida Yerobowam ɗan Nebat, da na Ba’asha ɗan Ahiya, domin ka tsokane ni har na yi fushi, ka kuma sa Isra’ila ya yi zunubi.’
Sababii ati aariif na kakaaftee fi akka Israaʼel cubbuu hojjetu gooteef ani mana kee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.’
23 “Game da Yezebel kuwa Ubangiji ya ce, ‘Karnuka za su cinye Yezebel a katangar Yezireyel.’
“Waaʼee Iizaabelis Waaqayyo akkana jedha: ‘Dallaa dhagaa Yizriʼeel biratti saroonni Iizaabelin ni nyaatu.’
24 “Karnuka za su cinye waɗanda suke na Ahab waɗanda suka mutu a cikin birni, tsuntsayen sararin sama kuma za su cinye waɗanda suka mutu a jeji.”
“Nama Ahaab kan magaalaa keessatti duʼu kam iyyuu sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼu immoo allaattii samiitu nyaata.”
25 (Babu wani mutum kamar Ahab, wanda ya ba da kansa ga aikata mugunta a gaban Ubangiji. Yezebel matarsa ce ta zuga shi.
Namni akka Ahaab isa niitii ofii isaa Iizaabeliin kakaafamee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuudhaaf of gurgure sanaa gonkumaa hin jiru.
26 Ya yi abar ƙyama ƙwarai ta wurin bin gumaka, kamar Amoriyawan da Ubangiji ya kora a gaban Isra’ila.)
Inni akkuma Amoorota kanneen Waaqayyo saba Israaʼel duraa ariʼee baase sanaa waaqota tolfamoo duukaa buʼuudhaan waan akka malee jibbisiisaa taʼe hojjete.
27 Sa’ad da Ahab ya ji waɗannan kalmomi, sai ya yage rigarsa, ya sa rigunan makoki, ya kuma yi azumi. Ya kwanta a kayan makoki, ya kuma yi tafiya cikin sauƙinkai.
Ahaab yommuu dubbii kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee soome. Innis wayyaa gaddaatiin ciisaa, mataa buusees deemaa ture.
28 Sai maganar Ubangiji ta zo wa Iliya mutumin Tishbe, ta ce,
Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe:
29 “Ka lura da yadda Ahab ya ƙasƙantar da kansa a gabana kuwa? Domin ya ƙasƙantar da kansa, ba zan kawo wannan masifa a kwanakinsa ba, amma zan kawo ta a kan gidansa a kwanakin ɗansa.”
“Ati akka Ahaab fuula koo duratti gad of qabe argitee? Sababii inni gad of qabeef ani balaa kana bara isaa keessa hin fidu; garuu bara ilma isaa keessa mana isaatti nan fida.”

< 1 Sarakuna 21 >