< 1 Sarakuna 2 >

1 Da lokacin mutuwar Dawuda ya yi kusa, sai ya gargaɗe Solomon ɗansa, ya ce,
Daawit Yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Solomoonin ajaje.
2 “Ina gab da bin hanyar da kowa a duniya zai bi. Saboda haka ka yi ƙarfin hali, ka nuna kanka namiji,
Innis akkana jedhe; “Ani karaa lafa hundumaa deemuufan jira. Kanaafuu ati jabaadhu; namas taʼi;
3 ka kiyaye abin da Ubangiji Allahnka yake bukata. Yi tafiya a hanyoyinsa, ka kiyaye ƙa’idodi, da umarnai, da dokoki, da kuma farillansa, kamar yadda suke a rubuce a Dokar Musa, don ka yi nasara a cikin kome da za ka yi, da kuma inda za ka tafi.
waan Waaqayyo Waaqni kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Musee keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi;
4 Ubangiji kuwa zai kiyaye alkawarinsa gare ni da ya ce, ‘In zuriyarka suka lura da yadda suke rayuwa, in kuma suka yi tafiya da aminci a gabana da dukan zuciyarsu, da kuma dukan ransu, ba za ka kāsa samun mutum a kujerar sarautar Isra’ila ba.’
yoo ati akkas goote, Waaqayyo waan, ‘Yoo ilmaan kee karaa isaanii eeggatan, yoo isaan garaa isaanii guutuu fi lubbuu isaanii guutuudhaan amanamummaadhaan fuula koo dura jiraatan, ati teessoo Israaʼel irraa nama hin dhabdu’ jedhee na abdachiise sana fiixaan naa baasa.
5 “Yanzu fa, kai kanka ka san abin da Yowab ɗan Zeruhiya ya yi mini. Abin da ya yi wa shugabanni biyun nan na mayaƙan Isra’ila, wato, Abner ɗan Ner, da Amasa ɗan Yeter. Ya kashe su, ya kuma zub da jininsu a lokacin salama sai ka ce a fage yaƙi, da wannan jini ya yi ɗamara a gindinsa, ya kuma sa takalma a ƙafafunsa.
“Ati mataan kee iyyuu waan Yooʼaab ilmi Zeruuyaa natti hojjete, waan inni ajajjoota loltoota Israaʼel lamaan jechuunis Abneer ilma Neerii fi Amaasaa ilma Yeteer godhe ni beekta. Inni bara nagaa keessa akka waan waraana keessatti taʼeetti isaan ajjeesee dhiiga isaanii dhangalaase; dhiiga sanas sabbata mudhii isaatii fi kophee faana isaatti faale.
6 Ka yi da shi gwargwadon hikimarka, amma kada ka bari yă gangara kabari da furfura cikin salama. (Sheol h7585)
Ogummaa keetiin isa adabi malee akka inni arrii isaatiin nagaan awwaalamu hin godhin. (Sheol h7585)
7 “Amma ka yi alheri ga’ya’yan Barzillai mutumin Gileyad, ka sa su kasance a cikin waɗanda suke ci a teburinka. Sun goyi bayana sa’ad da nake gudu daga ɗan’uwanka Absalom.
“Garuu sababii isaan yeroo ani obboleessa kee Abesaaloom duraa baqadhetti na gargaaraniif ilmaan Barzilaayii namicha gosa Giliʼaad sanaatiif arjoomi; isaanis warra maaddii kee irraa nyaatan gidduu haa jiraatan.
8 “Ka tuna, akwai kuma Shimeyi ɗan Gera, mutumin Benyamin daga Bahurim, wanda ya yi ta yin mini muguwar la’ana a ranar da na tafi Mahanayim. Sa’ad da ya gangara ya same ni a Urdun, na rantse masa da sunan Ubangiji na ce, ‘Ba zan kashe ka da takobi ba.’
“Shimeʼiin ilmi Geeraa namichi gosa Beniyaam kan biyya Bahuuriim inni gaafa ani Mahanayiim dhaqetti akka malee na abaare sun kunoo si wajjin jira. Ani garuu yeroo inni na simachuuf Yordaanos dhufetti, ‘Ani goraadeedhaan si hin ajjeesu’ jedhee maqaa Waaqayyootiin nan kakadheef.
9 Amma yanzu, kada ka ɗauke shi marar laifi. Kai mutum ne mai hikima; za ka san abin da za ka yi da shi. Ka kawo furfuransa zuwa kabari da jini.” (Sheol h7585)
Ati garuu sababii nama ogeessa taateef amma akka waan inni balleessaa hin qabaatiniitti isa hin ilaalin. Atuu waan isa gootu ni beekta. Ati mataa isaa kan arraaʼe sana dhiigaan awwaala keessa buusi.” (Sheol h7585)
10 Sa’an nan Dawuda ya huta tare da kakanninsa. Sai aka binne shi a Birnin Dawuda.
Daawitis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame.
11 Ya yi sarauta shekaru arba’in a bisa Isra’ila. Wato, shekaru bakwai a Hebron da kuma talatin da uku a Urushalima.
Innis waggaa afurtama Israaʼel irratti jechuunis waggaa torba Kebroonitti, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalemitti mootii taʼe.
12 Solomon kuwa ya zauna a kan kujerar sarautar mahaifinsa Dawuda, mulkinsa kuwa ya kahu sosai.
Kanaafuu Solomoon teessoo abbaa isaa Daawit irra ni taaʼe; mootummaan isaas jabaatee dhaabate.
13 To, sai Adoniya, ɗan Haggit ya tafi wurin Batsheba mahaifiyar Solomon. Ita kuwa ta tambaye shi ta ce, “Lafiya?” Ya amsa ya ce, “I, lafiya.”
Yeroo kanatti Adooniyaan ilmi Hagiit gara Batisheebaa gara haadha Solomoon dhaqe. Batisheebaanis, “Ati nagumaaf dhuftee?” jettee isa gaafatte. Innis, “Eeyyee ani nagumaafan dhufe” jedhee deebiseef;
14 Sa’an nan ya ƙara da cewa, “Ina da ɗan wani abin da zan faɗa miki.” Ta ce, “Faɗa.”
itti dabalees, “Ani waanan siin jechuu fedhu tokkon qaba” jedheen. Isheenis, “Mee jedhi” jettee deebifteef.
15 Sai ya ce, “Kamar yadda kika sani, mulkin nan nawa ne. Dukan Isra’ila suna ɗaukana a matsayin sarki. Amma abubuwa suka canja, sai mulkin ya koma ga ɗan’uwana; gama ya zo masa daga Ubangiji ne.
Innis akkana jedheen; “Akkuma ati beektu mootummaan kan koo ture. Warri Israaʼel hundinuus akka ani mootii isaanii taʼu na abdatan. Garuu wanni sun geeddaramee mootummaan gara obboleessa kootiitti deebiʼeera; wanni kun Waaqayyo biraa isaaf dhufeeraatii.
16 Yanzu ina da roƙo guda da zan yi gare ki. Kada ki hana mini.” Ta ce, “Sai ka faɗa.”
Ani amma waanan si kadhadhu tokkon qaba; maaloo na hin didin.” Isheenis, “Kadhadhu” jetteen.
17 Sai ya ci gaba, “In kin yarda, ki yi magana da Sarki Solomon, gama ba zai ƙi jinki ba, ki ce yă ba ni yarinyan nan, Abishag, mutuniyar Shunam, tă zama matata.”
Innis itti fufee, “Akka inni Abiishagi intala gosa Suunam sana akka niitiitti naaf kennuuf maaloo Solomoon mooticha naa kadhadhu; inni si hin diduutii” jedheen.
18 Batsheba ta ce, “Da kyau, zan yi magana da sarki dominka.”
Batisheebaanis, “Kun waan gaarii dha! Ani dhaqeen mootichatti siif dubbadha” jettee deebifteef.
19 Sai Batsheba ta tafi wurin Sarki Solomon don tă yi masa magana a kan Adoniya. Sarki ya miƙe tsaye don yă sadu da ita, ya rusuna mata, ya kuma zauna a kujerar sarautarsa. Ya sa aka kawo wa mahaifiyar sarki kujerar sarauta, ta kuwa zauna a gefen damansa.
Kanaafuu Batisheebaan Adooniyaaf jettee isatti dubbachuuf gara Solomoon Mootichaa dhaqxe; Mootichis ishee simachuuf ol kaʼee harka ishee fuudhee teessoo isaa irra taaʼe. Inni teessoo haadha mootiitiif fidame tokko of biraa qaba ture; isheenis gama mirga isaatiin teesse.
20 Ta ce, “Ina da ɗan roƙon da zan nema ka yi mini. Ina fata ba za ka hana ni ba.” Sai sarki ya amsa ya ce, “Mahaifiyata, sai ki faɗa in ji, ba zan hana miki ba.”
Isheenis, “Ani waanan si kadhadhu xinnoo tokko qaba; maaloo na hin didin” jetteen. Mootichis, “Yaa haadha koo kadhadhu; ani si hin diduutii” jedhee deebiseef.
21 Saboda haka sai ta ce, “Ka sa a ba wa ɗan’uwanka Adoniya, Abishag mutuniyar Shunam tă zama matarsa.”
Isheenis, “Obboleessi kee Adooniyaan intala gosa Suunam kan Abiishagi jedhamtu sana haa fuudhu” jetteen.
22 Sarki Solomon ya amsa wa mahaifiyarsa ya ce, “Me ya sa kika roƙar wa Adoniya Abishag mutuniyar Shunam kawai? Ki ma sa a ba shi mulkin mana. Ai, shi yayana ne. I, ki roƙa dominsa, da domin Abiyatar firist, da kuma domin Yowab ɗan Zeruhiya mana!”
Solomoon mootichis akkana jedhee haadha isaatiif deebii kenne; “Ati maaliif Abiishagi intala gosa Suunam kana Adooniyaaf kadhatta? Ati mootummaa illee akkasuma isaaf kadhadhu; inni obboleessa koo hangafaatii; Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif illee gaafadhu!”
23 Sai Sarki Solomon ya rantse da sunan Ubangiji ya ce, “Bari Allah yă yi mini hukunci mai tsanani, idan ban sa Adoniya ya biya wannan roƙo da ransa ba!
Solomoon mootichis akkana jedhee maqaa Waaqayyootiin kakate; “Yoo Adooniyaan gatii kadhaa kanaa lubbuu ofii isaatiin baasuu baate, Waaqni natti haa muru; waan caalu iyyuu natti haa fidu!
24 Yanzu kuwa, muddin Ubangiji yana a raye, shi wanda ya kafa ni sosai a kan kujerar sarautar mahaifina Dawuda, ya kuma kafa mini mulki kamar yadda ya yi alkawari; za a kashe Adoniya yau!”
Kanaafuu dhugaa Waaqayyo jiraataa isa jabeessee na dhaabee teessoo abbaa koo teessoo Daawit irra na kaaʼee fi isa akkuma waadaa gale sanatti mootummaa naaf hundeesse sanaa Adooniyaan dhugumaan harʼa ni ajjeefama!”
25 Saboda haka Sarki Solomon ya umarci Benahiya ɗan Yehohiyada yă kashe Adoniya; ya kuwa kashe shi.
Solomoon mootichi Benaayaa ilma Yehooyaadaa ajaje; innis dhaqee Adooniyaa dhaʼee ajjeese.
26 Ga Abiyatar firist kuwa sarki ya ce, “Tafi gonarka a Anatot. Ka cancanci ka mutu, amma ba zan kashe ka yanzu ba, domin ka ɗauki akwatin alkawarin Ubangiji Mai Iko Duka a gaban mahaifina Dawuda, ka kuma sha wahala tare mahaifina.”
Mootichis Abiyaataar lubichaan akkana jedhe; “Ati gara lafa qotiisaa kee kan Anaatoot jirtu sanaa deemi. Ati silaa duʼuu qabda turte; ani garuu sababii ati fuula abbaa koo Daawit duratti taabota Waaqayyo Gooftaa baattee rakkina abbaa kootii hunda illee qooddatteef amma si hin ajjeesu.”
27 Saboda haka Solomon ya cire Abiyatar daga aikin firist na Ubangiji, ya cika maganar da Ubangiji ya yi a Shilo game da gidan Eli.
Kanaafuu Solomoon dubbii Waaqayyo Shiilootti waaʼee mana Eelii dubbate sana guutuudhaan Abiyaataarin lubummaa mana Waaqayyoo irraa buuse.
28 Sa’ad da labarin ya kai wurin Yowab, wanda ya haɗa kai da Adoniya, ko da yake bai haɗa kai da Absalom ba, sai ya gudu zuwa tentin Ubangiji, ya kama ƙahonin bagade ya riƙe.
Yommuu oduun kun Yooʼaab namicha Abesaaloomiif tumsuu dhiisee Adooniyaaf tumse sana bira gaʼetti, inni gara dunkaana Waaqayyootti baqatee gaanfa iddoo aarsaa sana qabate.
29 Aka faɗa wa Sarki Solomon cewa Yowab ya gudu zuwa tentin Ubangiji, yana kuma kusa da bagade. Sai Solomon ya umarci Benahiya ɗan Yehohiyada ya ce, “Je ka kashe shi!”
Akka Yooʼaab gara dunkaana Waaqayyootti baqatee iddoo aarsaa bira jiru Solomoon Mootichatti ni himame. Solomoonis, “Dhaqiitii isa ajjeesi!” jedhee Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajaje.
30 Sai Benahiya ya shiga tentin Ubangiji ya ce wa Yowab, “Sarki ya ce, ‘Ka fita!’” Amma Yowab ya amsa ya ce, “A’a, a nan zan mutu.” Sai Benahiya ya ce wa sarki, “Ga yadda Yowab ya amsa mini.”
Kanaafuu Benaayaa dunkaana Waaqayyoo ol seenee Yooʼaabiin, “Mootichi, ‘Kottu baʼi!’ siin jedha” jedhe. Inni garuu, “Ani asumattin duʼa malee hin baʼu” jedhee deebise. Benaayaa immoo, “Yoʼaab akkana jedhee naaf deebise” jedhee mootichatti hime.
31 Sai sarki ya umarci Benahiya ya ce, “Yi kamar yadda ya faɗa. Ka kashe shi, ka kuma binne shi, ka wanke ni da gidan mahaifina daga laifin jini marasa laifin da Yowab ya zubar.
Mootichi akkana jedhee Benaayaa ajaje; “Akkuma inni jedhe sana godhi; ajjeesiitii isa awwaali; kanaanis yakka dhiiga nama qulqulluu kan Yooʼaab dhangalaase sanaa irraa anaa fi mana abbaa koo qulqulleessi.
32 Ubangiji zai sāka masa saboda jinin da ya zubar, domin ba da sanin mahaifina Dawuda ne ya fāɗa wa mutum biyun nan da takobi ba. Dukansu biyu, Abner ɗan Ner, shugaban mayaƙan Isra’ila, da Amasa ɗan Yeter, shugaban mayaƙan Yahuda, mutane ne mafi kyau da kuma mafi adalci fiye da shi.
Sababii inni utuu abbaan koo Daawit hin beekin namoota lama goraadeen ajjeeseef Waaqayyo gatii dhiiga inni dhangalaase sanaa isa baasisa. Namoonni inni ajjeese sun lamaan jechuunis Abneer ilmi Neer ajajaan loltoota Israaʼelii fi Amaasaan ilmi Yeteer ajajaan loltoota Yihuudaa namoota isa caalaa jajjaboo fi qajeeltota turan.
33 Bari alhakin jininsu yă koma a kan Yowab da kuma zuriyarsa har abada. Amma bari salamar Ubangiji tă kasance a kan Dawuda da zuriyarsa, da gidansa, da kuma mulkinsa, har abada.”
Yakki dhiiga isaanii mataa Yooʼaabii fi sanyii isaa irra bara baraan haa jiraatu. Garuu Daawitii fi sanyii isaa irra, mana isaatii fi teessoo isaa irra nagaan Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu.”
34 Sai Benahiya ɗan Yehohiyada ya haura ya bugi Yowab, ya kashe shi, ya kuwa binne shi a gidansa a ƙauye.
Kanaafuu Benaayaa ilmi Yehooyaadaa achi dhaqee Yooʼaabin ajjeese; innis biyya ofii isaatti gammoojjii keessatti awwaalame.
35 Sai sarki ya sa Benahiya ɗan Yehohiyada ya zama shugaba a bisa mayaƙa a matsayin Yowab, ya kuma sa Zadok firist a wurin Abiyatar.
Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajajaa loltootaa godhee iddoo Yooʼaab buuse; Zaadoq lubicha immoo iddoo Abiyaataar buuse.
36 Sa’an nan sarki ya aika aka kawo Shimeyi, ya kuma ce masa, “Ka gina wa kanka gida a nan a Urushalima, ka zauna a ciki, kada ka kuskura ka tafi wani wuri.
Ergasiis mootichi gara Shimeʼiitti nama ergee akkana jedheen; “Ati Yerusaalem keessatti mana ijaarradhuutii achuma jiraadhu; achii baatee gara tokko illee hin deemin.
37 Gama ran da ka fita, ka haye Kwarin Kidron, ka tabbata za ka mutu, alhakin jininka kuwa zai koma kanka.”
Gaafa achii baatee Sulula Qeedroon ceetutti akka duutu dhugumaan beeki; dhiigni kees matuma keetti deebiʼa.”
38 Shimeyi ya amsa wa sarki ya ce, “Abin da ka faɗa yana da kyau. Bawanka zai yi kamar yadda ranka yă daɗe sarki, ya faɗa.” Shimeyi kuwa ya yi zama a Urushalima na dogon lokaci.
Shimeʼiinis, “Wanni ati jette gaarii dha. Garbichi kee akkuma gooftaan koo mootichi jedhe sana ni godha” jedhee mootichaaf deebise. Shimeʼiinis bara dheeraa Yerusaalem keessa jiraate.
39 Amma bayan shekaru uku, biyu daga cikin bayin Shimeyi suka gudu zuwa wurin Akish ɗan Ma’aka, sarkin Gat. Aka faɗa wa Shimeyi cewa, “Bayinka suna a Gat.”
Garuu waggoota sadii booddee garboota Saamii keessaa namoonni lama gara Aakiish ilma Maʼakaa mooticha Gaatitti baqatan; Shimeʼiittis, “Garboonni kee Gaati keessa jiru” jedhamee himame.
40 Da jin haka, sai ya tashi ya shimfiɗa wa jakinsa abin zama, ya hau, ya tafi Gat wurin Akish domin neman bayinsa. Shimeyi kuwa ya dawo da su gida daga Gat.
Innis waan kana dhageenyaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee garboota isaa barbaadachuu Aakiish bira Gaati dhaqe. Kanaafuu Shimeʼiin dhaqee Gaatii garboota isaa fidate.
41 Da aka faɗa wa Solomon cewa Shimeyi ya bar Urushalima zuwa Gat, har ya dawo.
Yommuu akka Shimeʼiin Yerusaalemii baʼee Gaati dhaqee deebiʼe Solomoonitti himametti,
42 Sai sarki ya aika a kawo Shimeyi, ya ce masa, “Ban sa ka rantse da sunan Ubangiji, na kuma ja maka kunne cewa, ‘A ranar da ka kuskura ka bar nan ka tafi wani wuri, ka tabbata za ka mutu ba’? A lokacin ka ce mini, ‘Abin da ka faɗa yana da kyau. Zan kuwa kiyaye.’
mootichi Shimeʼii waamsisee akkana jedheen; “Ani maqaa Waaqayyootiin si kakachiisee, ‘Ati guyyaa kaatee iddoo biraa dhaquuf baate akka duutu beekkadhu’ jedhee si hin seerree? Atis gaafas, ‘Wanni ati jettu gaarii dha. Ani nan ajajama’ naan jette.
43 To, me ya sa ba ka kiyaye rantsuwar da ka yi ga Ubangiji, ka kuma yi biyayya da umarnin da na ba ka ba?”
Yoos ati Maaliif kakuu Waaqayyoon kakatte sana eeguu diddee ajaja ani siif kenneefis ajajamuu didde ree?”
44 Sarki ya ce wa Shimeyi, “Ka sani a zuciyarka dukan muguntar da ka yi wa mahaifina Dawuda. Yanzu Ubangiji zai sāka maka saboda muguntarka.
Mootichi amma illee Shimeʼiidhaan akkana jedhe; “Ati cubbuu abbaa koo Daawititti hojjette hunda garaa kee keessatti ni beekta. Waaqayyo amma jalʼina kee sana matuma keetti deebisa.
45 Amma za a yi wa Sarki Solomon albarka, sarautar Dawuda kuma za tă kasance a tsare a gaban Ubangiji har abada.”
Solomoon mootichi garuu ni eebbifama; teessoon Daawitis bara baraan jabaatee fuula Waaqayyoo dura ni jiraata.”
46 Sai sarki ya umarci Benahiya ɗan Yehohiyada, yă fita, yă bugi Shimeyi, yă kashe shi. Ya kuwa kashe shi. Mulki kuwa ya kahu sosai a hannun Solomon.
Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa ni ajaje; innis dhaqee Saamii dhaʼee ajjeese. Mootummaanis yeroo kanatti harka Solomoonitti jabaatee dhaabate.

< 1 Sarakuna 2 >