< 1 Sarakuna 11 >

1 Sarki Solomon ya ƙaunaci baƙin mata. Ban da’yar Fir’auna, ya auri Mowabawa, Ammonawa, mutanen Edom, Sidoniyawa da Hittiyawa.
Solomoon Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan.
2 Sun fito daga al’ummai da Ubangiji ya ce wa Isra’ilawa, “Kada ku yi aurayya da su, domin tabbatacce za su juye zukatanku zuwa ga waɗansu alloli.” Duk da haka Solomon ya manne musu, ya nace, yana ƙaunarsu.
Jarri kunneen saboota Waaqayyo, “Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa” jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Solomoon jaalalaan isaanitti hidhame.
3 Ya auri mata ɗari bakwai, haifaffun gidan sarauta, da kuma ƙwarƙwarai ɗari uku. Matan nan nasa suka karkatar da shi.
Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan.
4 Yayinda Solomon yake tsufa, matansa suka juye zuciyarsa ga bin waɗansu alloli, zuciyarsa kuwa ba tă bi Ubangiji Allahnsa ɗungum kamar yadda zuciyar Dawuda mahaifinsa ta kasance ba.
Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
5 Ya bi Ashtarot, alliyar Sidoniyawa, da Molek, allahn da aka hana na Ammonawa.
Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe.
6 Saboda haka Solomon ya yi abin da yake mugu a gaban Ubangiji. Bai bi Ubangiji gaba ɗaya kamar yadda Dawuda mahaifinsa ya yi ba.
Solomoonis akkasiin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti Waaqayyo duukaa hin buune.
7 A kan tudu, gabas da Urushalima, Solomon ya gina masujada a can domin Kemosh, allahn da aka hana na Mowab, da Molek, allahn da aka hana na Ammonawa.
Solomoonis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Waaqa Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Waaqa Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare.
8 Ya yi haka domin dukan baƙin matansa, waɗanda suka ƙone turare suka kuma miƙa hadayu ga allolinsu.
Inni akka isaan ixaana aarsanii waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessaniifis niitota isaa kanneen biyya ormaatii fuudhe hundumaaf iyyuu akkasuma godhe.
9 Ubangiji ya yi fushi da Solomon domin zuciyarsa ya juye daga Ubangiji, Allah na Isra’ila, wanda ya bayyana masa sau biyu.
Waaqayyos sababii garaan Solomoon Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan yeroo lama isatti mulʼate sana irraa goreef isatti aare.
10 Ko da yake ya hana Solomon bin waɗansu alloli, Solomon bai kiyaye umarnin Ubangiji ba.
Waaqni akka Solomoon waaqota biraa duukaa hin buune isa dhowwu iyyuu, Solomoon ajaja Waaqayyoo hin eegne.
11 Saboda haka Ubangiji ya ce wa Solomon, “Da yake halinka ke nan, ba ka kuma kiyaye alkawarina, da ƙa’idodina da na umarce ka ba, tabbatacce zan yage masarautar daga gare ka, in ba da ita ga ɗaya daga cikin bayinka.
Kanaafuu Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe; “Sababii yaadni kee akkana taʼee, atis kakuu fi seera ani siif kenne sana hin eeginiif, ani dhugumaan mootummaa sirraa baqaqsee tajaajilaa keetiif nan kenna.
12 Amma saboda Dawuda mahaifinka, ba zan yi haka a zamaninka ba. Zan yage ta daga hannun ɗanka.
Taʼus ani sababii abbaa kee Daawitiif jedhee waan kana bara jireenya keetii keessa hin godhu. Harka ilma keetii keessaa mootummaa kana nan baqaqsa.
13 Amma ba zan yage dukan masarautar daga gare shi ba, zan ba shi kabila ɗaya saboda Dawuda bawana, da kuma saboda Urushalima, wadda na zaɓa.”
Taʼus ani mootummaa sana guutumaan guutuutti isa irraa hin baqaqsu; garuu ani sababii garbicha koo Daawitii fi sababii Yerusaalem ishee ani filadhe sanaatiif jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna.”
14 Sai Ubangiji ya tayar wa Solomon wani abokin gāba, mai suna Hadad, mutumin Edom daga gidan sarautar Edom.
Waaqayyo diina tokko namicha Hadaad jedhamu kan gosa Edoom namicha sanyii moototaa tokko Solomoonitti kaase.
15 A shekarun baya Dawuda ya ci Edom da yaƙi. Yowab, shugaban sojojinsa ya tafi can domin yă binne Isra’ilawa waɗanda suka mutu a yaƙi. Sa’ad da suke a can, sojojin Isra’ila suka kashe kowane ɗa namiji a Edom.
Duraan yeroo Daawit Edoomiin wal lolaa turetti, Yooʼaab ajajaan loltootaa kan warra duʼe awwaaluu dhaqe sun namoota Edoom hunda barbadeesse.
16 Yowab da dukan Isra’ilawa suka zauna a can, wata shida, sai da suka hallaka dukan mutane a Edom.
Yooʼaabii fi Israaʼeloonni hundinuu hamma namoota Edoom keessa jiraatan hunda fixanitti jiʼa jaʼa achi turan.
17 Amma Hadad yana ɗan yaro a lokaci, wanda ya gudu zuwa Masar tare da shugabannin mutanen Edom waɗanda suka yi wa mahaifinsa hidima.
Hadaad garuu yeroo sana mucaa xinnaa ture; innis qondaaltota Edoom kanneen abbaa isaa tajaajilaa turan wajjin Gibxitti baqate.
18 Suka taso daga Midiyan suka tafi Faran. Sa’an nan suka ɗauki mutane daga Faran suka tafi Masar, zuwa wurin Fir’auna wanda ya ba wa Hadad gida da ƙasa, ya kuma tanada masa da abinci.
Isaanis Midiyaanii kaʼanii Phaaraan dhaqan. Phaaraan keessaas namoota fudhatanii gara mooticha Gibxi, gara Faraʼoon dhaqan; Faraʼoonis mana, lafa inni qubatuu fi nyaata Hadaadiif kenne.
19 Fir’auna ya ji daɗin Hadad har ya ba shi’yar’uwar matarsa, Sarauniya Tafenes, aure.
Faraʼoon akka malee Hadaaditti gammadee obboleettii niitii isaa, obboleettii Tahifenees Mootittii isatti heerumsiise.
20 ’Yar’uwar Tafenes ta haifi masa ɗa wanda ya kira Genubat, wanda Tafenes ta yi renonsa a fadan sarki. A can, Genubat ya yi zama da’ya’yan Fir’auna.
Obboleettiin Tahifenees sunis ilma Geenbaat jedhamu tokko deesseef; Taahefenee mucaa sana fuutee masaraa mootummaa keessatti guddifte. Genubatis ijoollee Faraʼoon wajjin achi jiraate.
21 Yayinda yake a Masar, Hadad ya ji Dawuda ya huta tare da kakanninsa, ya kuma ji cewa Yowab shugaban mayaƙa ya mutu. Sai Hadad ya ce wa Fir’auna, “Bari in tafi, don in koma ƙasata.”
Hadaad utuu biyya Gibxi keessa jiruu akka Daawit abbootii ofii isaa wajjin boqotee fi akka Yooʼaab ajajaan loltootaa sunis duʼe ni dhagaʼe. Hadaadis Faraʼooniin, “Akka ani biyya kootti deebiʼuuf naa eeyyami” jedhe.
22 Fir’auna ya tambaye shi, ya ce, “Me ka rasa a nan da kake so ka koma garinka?” Ya ce, “Ba kome, amma ka dai bar ni in tafi!”
Faraʼoon immoo, “Ati maal asii dhabdee biyya keetti deebiʼuu feeta?” jedhee isa gaafate. Hadaadis deebisee, “Homaa hin dhabne; garuu akka ani dhaqu naa eeyyami!” jedheen.
23 Allah kuwa ya tayar wa Solomon wani abokin gāba, mai suna Rezon, ɗan Eliyada, wanda ya gudu daga maigidansa, Hadadezer sarkin Zoba.
Waaqni amma illee diina biraa Rezoon ilma Eliyaadaa namicha gooftaa isaa Hadaadezer mootichaa Zoobaa jalaa baqate sana Solomoonitti kaase.
24 Rezon ya tattara mutane kewaye da shi, ya zama kuma shugaban’yan tawaye sa’ad da Dawuda ya hallaka mayaƙan Zoba;’yan tawayen suka tafi Damaskus, inda suka zauna, suka kuma yi mulki.
Innis yeroo Daawit loltoota Suubaa barbadeessetti namoota of biratti walitti qabatee hoogganaa tuuta finciltootaa taʼe; finciltoonni sunis Damaasqoo dhaqanii achi jiraatan; isas achitti mootii godhatan.
25 Rezon ya zama babban abokin gāban Isra’ila cikin dukan kwanakin mulkin Solomon. Ya ƙara rikici a kan rikicin Hadad. Rezon ya ƙi mulkin Isra’ila da dukan ransa. Saboda haka Rezon ya yi mulki a Aram ya kuma ƙi jinin Isra’ila.
Reezoon rakkina Hadaad fide sanatti dabalee bara jireenya Solomoon hunda diina Israaʼel ture. Reezoon bulchaa Sooriyaa ture; Israaʼelinis akka malee jibbaa ture.
26 Haka ma Yerobowam, ɗan Nebat, shi ma ya yi wa sarki tawaye. Shi ɗaya ne daga shugabannin Solomon, shi mutumin Efraim ne daga Zereda, mahaifiyarsa kuwa gwauruwa ce, mai suna Zeruwa.
Yerobiʼaam ilmi Nebaat mootichatti fincile. Innis qondaaltota Solomoon keessaa nama tokko ture; inni nama gosa Efraataa kan Zereedaadhaa dhufe ture; haati isaa immoo niitii dhirsa hin qabne kan Zeruwaa jedhamtu turte.
27 Ga yadda ya tayar wa sarki Solomon. Sarki Solomon ya gina madogaran gini, ya ciccika wurare a katangar birnin Dawuda mahaifinsa da ƙasa.
Sababiin inni ittiin mootichatti kaʼes kanaa dha: Solomoonis Miiloo ijaaree dallaa magaalaa abbaa isaa Daawit deebisee haaromse.
28 To, Yerobowam mutum ne mai fasaha. Sa’ad da Solomon ya ga yadda matashin yake aiki da himma, sai ya sa shi yă lura da dukan aikin gandu na gidan Yusuf.
Yerobiʼaam goota cimaa ture; Solomoonis akka dargaggeessi sun jabaatee hojii isaa hojjetu arginaan itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa kan mana Yoosef hundaa isa godhe.
29 Da Yerobowam ya fita Urushalima, sai annabi Ahiya, mutumin Shilo ya tarar da shi a hanya. Lokacin kuwa Ahiya yana saye da sabuwar riga, ba kowa a filin sai su biyu kaɗai.
Gaaf tokko utuu Yerobiʼaam Yerusaalem keessaa baʼaa jiruu Ahiiyaan raajichi Shiiloo kaabbaa haaraa uffatee isatti dhufe. Isaan lachuu kophuma isaanii ala turan;
30 Sai Ahiya ya kama sabuwar rigar da yake saye da ita ya yage ta gida goma sha biyu.
Ahiiyaan kaabbaa haaraa uffate sana fuudhee iddoo kudha lamatti gargari tarsaase.
31 Sa’an nan ya ce wa Yerobowam, “Ɗauki gida goma wa kanka, gama abin da Ubangiji, Allah na Isra’ila ya ce ke nan, ‘Duba, zan yage masarauta daga hannun Solomon in ba ka kabilu goma.
Ergasiis Yerobiʼaamiin akkana jedhe; “Qooda kudhan ofii keetii fudhadhu; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Kunoo ani harka Solomooniitii mootummaa baqaqsee gosa kudhan siifin kenna.
32 Amma saboda bawana Dawuda da kuma birnin Urushalima, wadda na zaɓa daga dukan kabilan Isra’ila, zai sami kabila guda.
Garuu sababii garbicha koo Daawitii fi sababii magaalaa Yerusaalem kan ani gosa Israaʼel hunda keessaa filadhe sanaatiif inni gosa tokko ni argata.
33 Zan yi wannan domin sun yashe ni, suka kuma yi wa Ashtarot, alliyar Sidoniyawa, da Kemosh, allahn Mowabawa, da kuma Molek, allahn Ammonawa sujada, ba su yi tafiya a hanyoyina ba, ba su kuwa yi abin da yake daidai a idanuna ba, ba su kiyaye farillaina da dokokina kamar yadda Dawuda, mahaifin Solomon ya yi ba.
Ani sababii isaan na dhiisanii Ashtooreti waaqittii Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha Moʼaabotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa waaqeffatanii fi sababii isaan karaa koo irra hin deeminiif yookaan sababii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hin hojjetiniif yookaan sababii isaan akka Daawit abbaan Solomoon hojjete sana sirnaa fi seera koo hin eeginiif waan kana hojjedhe.
34 “‘Amma ba zan ɗauki dukan masarautar daga hannun Solomon ba; na naɗa shi sarki, dukan kwanaki ransa saboda Dawuda bawana, wanda na zaɓa, wanda kuma ya kiyaye umarnai da farillaina.
“‘Ani garuu mootummaa sana guutumaan guutuutti harka Solomoonii hin fuudhu; ani sababii Daawit garbicha koo kan ani filadhe, kan ajaja koo fi sirna koo eege sanaatiif jedhee Solomoonin bara jireenya isaa guutuu bulchaa godheera.
35 Zan ɗauke masarautar daga hannuwan ɗansa ne, in ba ka kabilu goma.
Ani harka ilma isaatii mootummaa sana fuudhee gosa kudhan siifin kenna.
36 Zan ba da ɗaya ga ɗansa don kullum Dawuda bawana yă kasance da fitila a gabana a Urushalima, birnin da na zaɓa in sa Sunana.
Ani akka garbichi koo Daawit yeroo hunda Yerusaalem magaalaa ani Maqaa koo achi kaaʼachuuf filadhe sana keessatti fuula koo duratti ibsaa qabaatuuf jedhee gosa tokko ilma isaatiif nan kenna.
37 Amma fa, ga kai, zan ɗauke ka, za ka kuwa yi mulki bisa dukan abin da zuciyarka take so; za ka zama sarki a bisa Isra’ila.
Siʼi garuu ani nan fudhadha; atis waan garaan kee fedhu hunda ni bulchita; Israaʼel irratti mootii ni taata.
38 In ka aikata dukan abin da na umarce ka, ka yi tafiya a hanyoyina, ka kuma yi abin da yake daidai a idanuna ta wurin kiyaye farillaina da umarnaina, kamar yadda Dawuda bawana ya yi, zan kasance tare da kai. Zan gina maka masarauta mai dawwama kamar wadda na gina wa Dawuda, zan kuma ba da Isra’ila gare ka.
Yoo ati akkuma garbichi koo Daawit hojjete sana, waan ani si ajaju hunda hojjettee karaa koo irra deemte, yoo ati sirnaa fi ajaja koo eeguudhaan waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hojjete, ani si wajjin nan taʼa. Anis mootummaa bulu kan akkan Daawitiif dhaabe sanaa siifis nan dhaaba; akkasumas Israaʼelin sitti nan kenna.
39 Zan ƙasƙantar da zuriyar Dawuda saboda wannan, amma ba har abada ba.’”
Ani waan kanaaf jedhee sanyii Daawit nan dhiphisa; garuu bara baraanii miti.’”
40 Solomon ya yi ƙoƙari yă kashe Yerobowam, amma Yerobowam ya tsere zuwa Masar, zuwa wurin sarki Shishak, ya zauna a can sai bayan mutuwar Solomon.
Solomoonis Yerobiʼaamin ajjeesuu yaale; Yerobiʼaam garuu gara Shiishaaq mooticha Gibxitti baqatee hamma Solomoon duʼutti achuma ture.
41 Game da sauran ayyukan mulkin Solomon, da dukan abubuwan da ya yi, da hikimar da ya nuna, an rubuta su a littafin tarihin Solomon.
Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, wanni inni hojjetee fi ogummaan isaa hundi kitaaba seenaa Solomoon keessatti barreeffamanii jiru mitii?
42 Solomon ya yi mulki a Urushalima, a bisa dukan Isra’ila, shekaru arba’in.
Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche.
43 Sa’an nan ya huta tare da kakanninsa, aka kuma binne shi a birnin Dawuda mahaifinsa. Sai Rehobowam ɗansa ya gāje shi a matsayin sarki.
Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.

< 1 Sarakuna 11 >