< 1 Korintiyawa 2 >

1 Da na zo wurinku’yan’uwa, ban zo da iya magana ko wani mafificin hikima yayinda na yi muku shelar shaida game da Allah ba.
Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne.
2 Don na ƙudura a raina sa’ad da nake tare da ku cewa ba zan mai da hankali ga kome ba sai dai Yesu Kiristi wanda aka gicciye.
Ani yeroon isin bira turetti Yesuus Kiristoos isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii.
3 Na zo wurinku cikin rashin ƙarfi da tsoro, da rawan jiki ƙwarai.
Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe.
4 Saƙona da wa’azina ba su zo cikin hikima da kalmomin lallashi ba, sai dai da nuna ikon Ruhu,
Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre;
5 domin kada bangaskiyarku ta dogara a kan hikimar mutane, sai dai a kan ikon Allah.
kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef.
6 Duk da haka, muna sanar da saƙon hikima cikin waɗanda suka balaga, amma ba hikima irin ta wannan zamani ba ne, ko kuwa irin ta masu mulkin zamanin nan, waɗanda za su shuɗe ba. (aiōn g165)
Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. (aiōn g165)
7 A’a, muna magana ne a kan asirin hikimar Allah, hikimar da tun dā, take a ɓoye, wadda Allah ya ƙaddara domin ɗaukakarmu, tun kafin farkon zamanai. (aiōn g165)
Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. (aiōn g165)
8 Ba ko ɗaya daga cikin masu mulkin wannan zamani da ya fahimce ta, gama da a ce sun fahimce ta, da ba su gicciye Ubangiji mai ɗaukaka ba. (aiōn g165)
Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii. (aiōn g165)
9 Duk da haka, kamar yadda yake a rubuce cewa, “Ba idon da ya taɓa gani, ba kunnen da ya taɓa ji, ba kuma zuciyar da ta taɓa tunanin abin da Allah ya shirya wa masu ƙaunarsa.”
Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana,
10 Amma Allah ya bayyana mana shi ta wurin Ruhunsa. Ruhu yana bincika dukan abubuwa, har ma da abubuwa masu zurfi na Allah.
Waaqni garuu Hafuura isaatiin waan kana nutti mulʼiseera. Hafuurri wantoota hunda, wantoota Waaqaa kanneen gad fagoo taʼan illee ni qora.
11 Wane ne a cikin mutane ya san tunanin mutum, in ba ruhun mutumin da yake cikinsa ba? Haka kuma ba wanda ya san tunanin Allah, sai dai Ruhun Allah.
Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru.
12 Ba mu karɓi ruhun duniya ba, sai dai Ruhun da yake daga Allah, domin mu fahimci abin da Allah ya ba mu hannu sake.
Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne.
13 Wannan shi ne abin da muke sanarwa, ba da kalmomin da muka koya ta wurin hikimar mutum ba, amma da kalmomin da Ruhu yake koyarwa, muna faɗin gaskiya ta ruhaniya da kalmomin ruhaniya.
Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina.
14 Mutumin da ba shi da Ruhu, ba ya yarda da abubuwan da suka fita daga Ruhun Allah, domin wauta ce a gare shi. Ba kuwa zai fahimce su ba, domin ta Ruhu ne ake fahimtarsu.
Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu.
15 Mutumin ruhaniya yakan gwada dukan abubuwa, amma shi kansa ba ya ƙarƙashin shari’ar mutum.
Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu.
16 “Wa ya taɓa sanin hankalin Ubangiji, har da zai koya masa?” Amma muna da tunani iri na Kiristi ne.
“Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.

< 1 Korintiyawa 2 >