< 1 Korintiyawa 10 >

1 Ba na so ku kasance da rashin sani,’yan’uwa, cewa dukan kakannin-kakanninmu sun yi tafiya a ƙarƙashin girgije, dukansu kuma suka bi ta tsakiyar teku.
Yaa obboloota, akka abbootiin keenya hundi duumessa jala turan, akka hundi isaaniis galaana keessa darban akka isin utuu hin beekin haftan ani hin barbaadu.
2 An yi wa dukansu baftisma ga bin Musa a cikin girgije da kuma cikin teku.
Hundi isaaniis kan Musee taʼuuf duumessaa fi galaanaan cuuphaman.
3 Dukansu sun ci abincin ruhaniya guda
Hundi isaaniis nyaata hafuuraa tokkicha nyaatan.
4 suka kuma sha ruwan ruhaniyan nan guda; gama sun sha daga dutsen ruhaniya nan, wanda ya yi tafiya tare da su, wannan dutsen kuwa Kiristi ne.
Hundi isaaniis dhugaatii hafuuraa tokkicha dhugan. Isaan kattaa hafuuraa isa isaan wajjin deemaa ture irraa dhuganiiruutii; kattaan sunis Kiristoos ture.
5 Duk da haka, Allah bai ji daɗin yawancinsu ba; gawawwakinsu kuwa suka bazu ko’ina a cikin hamada.
Taʼu iyyuu waan Waaqni hedduu isaaniitti hin gammadiniif isaan lafa gammoojjii keessatti dhuman.
6 To, waɗannan abubuwa misalai ne a gare mu, kada mu yi marmarin mugayen abubuwa, kamar yadda suka yi.
Wantoonni kunneen akka nu akkuma isaanii waan hamaa hin hawwineef fakkeenya nuu taʼan.
7 Kada ku zama masu bautar gumaka, yadda waɗansunsu suka zama; kamar yadda yake a rubuce cewa, “Mutanen suka zauna don su ci su kuma sha, suka kuma tashi suka shiga rawa ta rashin kunya.”
Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko godhan sana isin waaqota tolfamoo hin waaqeffatinaa; kunis akkuma, “Namoonni nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan” jedhamee barreeffamee dha.
8 Kada fa mu yi fasikanci yadda waɗansunsu suka yi, har a rana guda mutane dubu ashirin da uku a cikinsu suka mutu.
Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman sana, nu halalummaa raawwachuu hin qabnu.
9 Kada mu gwada Kiristi yadda waɗansunsu suka yi, har macizai suka kakkashe su.
Akka isaan keessaa tokko tokko Gooftaa qoranii bofaan ajjeefaman sana nu Gooftaa qoruu hin qabnu.
10 Kada kuma ku yi gunaguni yadda waɗansunsu suka yi, har mala’ika mai hallakarwa ya hallaka su.
Isin akka isaan keessaa tokko tokko guungumanii isa nama balleessuun balleeffaman sana hin guunguminaa.
11 Waɗannnan abubuwa sun same su ne, domin su zama abubuwan koyi, aka kuma rubuta su domin a gargaɗe mu, mu da ƙarshen zamani ya zo mana. (aiōn g165)
Kun hundi akka fakkeenya taʼuuf isaan irratti raawwatame; nuu warra dhumni baraa itti dhufeef immoo akka of eeggannaa taʼuuf barreeffame. (aiōn g165)
12 Saboda haka in kana tsammani kana tsaye ne, to, ka yi hankali kada ka fāɗi!
Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu.
13 Ba jarrabar da ta taɓa samunku, wadda ba a saba yi wa mutum ba. Allah mai aminci ne; ba zai bari a jarrabce ku fiye da ƙarfinku ba. Amma in aka jarrabce ku, zai nuna muku mafita, domin ku iya cin nasara.
Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
14 Saboda haka abokaina ƙaunatattu, ku guje wa bautar gumaka.
Kanaafuu yaa michoota ko, isin waaqota tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa.
15 Ina magana da ku a kan ku mutane ne fa masu azanci; ku duba da kanku ku ga abin da nake faɗa.
Ani namoota hubannaa qabanittin dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu murteessaa.
16 Kwaf nan na godiya da muke yin godiya da shi, ashe ba tarayya ce a cikin jinin Kiristi ba? Wannan burodi kuma da muke karya mu ci, ashe, ba tarayya ne a cikin jikin Kiristi ba?
Xoofoon eebbaa kan nu eebbifnu sun dhiiga Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Buddeenni nu caccabsinu sunis foon Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii?
17 Da yake burodin nan ɗaya ne, ashe kuwa, mu da muke da yawa jiki ɗaya ne, gama dukanmu muna ci daga burodi nan guda.
Waan buddeenni tokko qofti jiruuf, nu baayʼee taanu iyyuu dhagnuma tokko; hundi keenya buddeenuma tokkicha sana irraa hirmaannaatii.
18 Ku dubi mutanen Isra’ila mana. Ashe, waɗanda suke cin hadayu, ba ɗaya suke da juna cikin cin hadayun da aka miƙa a bagade ba?
Mee saba Israaʼel ilaalaa: Warri aarsaa irraa nyaatan sun iddoo aarsaa irraa qooda qabu mitii?
19 To, me kuke tsammani nake nufi a nan? Hadayar da aka miƙa wa gunki ce wani abu, ko kuma gunkin ne wani abu?
Egaa maal jechuu koo ti? Nyaanni waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu wayi moo ree yookaan Waaqni tolfamaan wayi moo ree jechuu kootii?
20 A’a, ina nufin akan miƙa hadayun da masu bautar gumaka suka wa aljanu ne, ba Allah ba. Ba na so ku zama ɗaya da aljanu.
Akkas miti; aarsaan namoonni ormaa dhiʼeessan hafuurota hamoodhaaf malee Waaqaaf miti; ani akka isin hafuurota hamoo wajjin tokkummaa qabaattan hin barbaadu.
21 Ba zai yiwu ku sha daga kwaf na Ubangiji ku kuma sha daga kwaf na aljanu ba, ba ya yiwuwa ku ci a teburin Ubangiji, ku kuma ci a teburin aljanu.
Isin xoofoo Gooftaatii fi xoofoo hafuurota hamoo dhuguu hin dandeessan; maaddii Gooftaatii fi maaddii hafuurota hamoo irrattis hirmaachuu hin dandeessan.
22 Ashe, so muke mu tsokani Ubangiji ya yi kishi? Mun fi shi ƙarfi ne?
Nu Gooftaa hinaaffaaf kakaafnaa? Nu isa caalaas jabaannaa?
23 “Ana da dama a yi kome” sai dai ba kome ba ne yake da amfani. “Ana da dama a yi kome” sai dai ba kome ba ne mai ginawa.
“Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan faayidaa qabu garuu waan hunda miti. “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan nama fayyadu garuu waan hunda miti.
24 Kada wani yă kula da kansa kawai, sai dai yă kula da waɗansu kuma.
Namni tokko iyyuu waan warra kaaniif gaarii taʼe barbaaduu qaba malee waan ofii isaatiif gaarii taʼe barbaaduu hin qabu.
25 Ku ci kowane abin da ake sayarwa a kasuwar nama ba sai kun tambaya ba don kada lamiri yă damu da inda abin ya fito,
Utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan gabaa fooniitti gurguramu kam iyyuu nyaadhaa;
26 gama “Duniya da duk abin da yake cikinta na Ubangiji ne.”
“Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu kan Gooftaatii.”
27 In wani marar bi ya gayyace ku cin abinci kuka kuwa yarda ku je, sai ku ci ko mene ne da aka sa a gabanku, ba tare da tambaya don kada lamiri yă damu da inda abin ya fito.
Warra hin amanin keessaa yoo namni tokko nyaataaf isin affeere, isinis yoo dhaquu barbaaddan dhaqaa; utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan isin duratti dhiʼeeffame kam iyyuu nyaadhaa.
28 Sai dai in wani ya ce muku, “Ai, wannan an miƙa ne wa gunki,” to, kada ku ci, saboda duban mutuncin wannan da ya gaya muku, don kuma lamiri yă kasance babu laifi
Garuu yoo namni tokko, “Kun waaqota tolfamoodhaaf dhiʼeeffame” isiniin jedhe, sababii namicha isinitti hime sanaatii fi sababii qalbiitiif waan sana hin nyaatinaa.
29 ina nufin lamirin wancan mutum ne fa, ba naku ba. Don me lamirin wani zai shari’anta’yancina?
Kanas qalbii namicha sanaati malee kan keeti jechuu koo miti. Maaliif qalbii nama biraatiin bilisummaa kootti murama ree?
30 In na ci abinci da godiya, don me za a zarge ni a kan abin da na ci da godiya ga Allah?
Ani ergan galateeffachuudhaan nyaata sana irratti hirmaadhee maaliifan waan ittiin Waaqa galateeffadhuun balaaleffatama ree?
31 Saboda haka, duk abin da kuke yi, ko ci ko sha, ku yi shi duka saboda ɗaukakar Allah.
Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa.
32 Kada ku sa wani yă yi tuntuɓe, ko mutumin Yahuda ne, ko mutumin Al’ummai ko kuma ikkilisiyar Allah
Yihuudoota yookaan Giriikota yookaan waldaa kiristaanaa kan Waaqaa hin gufachiisinaa;
33 kamar dai yadda nake ƙoƙarin faranta wa kowa rai, ta kowace hanya. Gama ba don kaina kaɗai nake yi ba, sai dai don amfanin mutane da yawa, don su sami ceto.
kunis akkuma ani nama hunda karaa hundaan gammachiisuuf yaalii godhutti jechuu dha. Ani akka isaan fayyaniif buʼaa namoota baayʼeetiif malee buʼaa kootiif jedhee waan kana hin godhu.

< 1 Korintiyawa 10 >