< Jòb 9 >

1 Konsa, Job te reponn. Li te di:
Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Anverite, mwen konnen sa se vrè; alò, kijan yon nonm kapab genyen dwa devan Bondye?
“Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka. Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?
3 Si yon moun te vle diskite avèk Li, li pa t ap kab byen reponn li menm yon fwa nan mil.
Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.
4 Bondye saj nan kè e pwisan nan fòs; se kilès ki konn reziste ak Li san donmaj?
Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha. Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?
5 Se Li Menm ki deplase mòn yo, ki jan yo pa menm konnen, lè Li boulvèse yo nan fachez Li.
Inni utuu isaan hin beekin tulluuwwan iddoo isaaniitii buqqisa; dheekkamsa isaatiinis isaan gaggaragalcha.
6 Li souke latè sòti nan plas li, e fè pilye fondasyon li yo tranble.
Lafa iddoo isheetii ni sochoosa; utubaawwan ishees ni raasa.
7 Li kòmande solèy la pou l pa klere e ki mete yon so sou zetwal yo.
Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu; urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa.
8 Se Li menm sèl ki rale lonje syèl yo e bese vag lanmè yo.
Isa qofatu samiiwwan diriirsa; dambalii galaanaa irras ni deema.
9 Li sèl ki fè sou syèl la gwo Ourse la ak Orion an, avèk Pleiades yo, avèk chanm ki nan sid yo.
Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee, Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume.
10 Li menm ki fè gwo bagay mèvèy yo, avèk zèv mèvèy san kontwòl yo.
Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne, dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta.
11 Si Li ta vin pase bò kote mwen, mwen pa t ap wè L. Si Li ta depase m nan wout, mwen pa t ap apèsi L.
Yommuu inni na bira darbu ani isa arguu hin dandaʼu; yommuu inni na cina deemus ani isa hubachuu hin dandaʼu.
12 Gade byen, Li rache retire, se kilès ki ka anpeche L? Kilès ki ka di L: ‘Kisa w ap fè la a’?
Yoo inni butee deeme eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? Eenyutus, ‘Ati maal hojjettaa?’ isaan jechuu dandaʼa?
13 “Bondye p ap detounen kòlè Li. Anba Li, byen akwoupi, se asistan a Rahab yo.
Waaqni dheekkamsa isaa hin deebisu; warri Raʼaabin gargaaran iyyuu gad deebiʼu.
14 Kijan mwen kab reponn Li, e chwazi pwòp pawòl mwen yo devan L?
“Yoos ani akkamittan isatti falmuu dandaʼa? Isatti falmuufis akkamittan dubbii filachuu dandaʼa?
15 Paske malgre mwen te gen rezon, mwen pa t kab reponn. Mwen ta oblije mande gras a Jij mwen an.
Ani nama balleessaa hin qabne utuun taʼe iyyuu, isaaf deebisuu hin dandaʼu; abbaa Murtii koo araara kadhachuu qofa nan dandaʼa.
16 Menmsi mwen te rele, e Li te reponn mwen, mwen pa t ap kab kwè ke Li ta koute vwa m.
Yoo ani isa waammadhee inni naa deebise illee, akka inni na dhagaʼu ani hin amanu.
17 Paske Li fin brize m nèt ak yon tanpèt, e ogmante blese mwen yo san koz.
Inni bubbee hamaadhaan na caccabsa; madaa koos sababii malee natti baayʼisa.
18 Li pa lèse m pran souf, men fè m debòde ak sa ki anmè.
Inni waan hadhaaʼaadhaan na guute malee akka ani hafuura fudhadhuuf illee yeroo naaf hin kennine.
19 Men pou pouvwa, men gade, se Li menm ki gen fòs! Epi pou jistis, se kilès menm k ap voye pwosè vèbal bay Li menm?
Waaʼee jabinaa taanaan inni jabaa dha! Waaʼee murtii qajeelaas taanaan eenyutu isa waamuu dandaʼa?
20 Malgre mwen dwat, bouch mwen ap kondane m; malgre mwen san tò, Li va deklare m koupab.
Utuu ani nama balleessaa hin qabne taʼe iyyuu afaan koo natti mura; utuma ani hirʼina hin qabaannes yakkamaa taʼuu koo hima.
21 Mwen inosan; mwen pa okipe mwen menm; mwen rayi lavi m.
“Ani hirʼina qabaachuu baadhu iyyuu, waaʼee ofii kootii hin yaaddaʼu; jireenya koos nan tuffadha.
22 “Tout se menm bagay. Akoz sa mwen di Li detwi inosan yo avèk koupab yo.’
Wanni hundinuu tokkuma; kanaafuu ani, ‘Inni isa hirʼina hin qabnes, isa hamaas ni balleessa’ nan jedha.
23 Si frèt la vin touye sibitman, l ap moke dezolasyon inosan an.
Yommuu dhaʼichi buʼee duʼa tasaa fidutti, inni badiisa warra yakka hin qabneetti ni qoosa.
24 Ak lemonn nan ki sede nan men a mechan yo, Li fin kouvri figi a jij latè yo. Si se pa Li menm, eh byen se kilès?
Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti, inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa; kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree?
25 “Alò, jou m yo vin pi rapid pase yon nonm k ap fè kous; Yo kouri ale. Yo pa wè anyen ki bon.
“Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata; utuu gammachuu tokko illee hin argin darba.
26 Yo glise pase tankou kannòt k ap pase nan wozo, tankou yon èg ki vole plonje sou viktim li.
Inni akkuma bidiruu dhallaadduu irraa hojjetamee, akkuma risaa waa butachuuf gad barrisuu ariifata.
27 Malgre mwen di ke m va bliye plent mwen, ke m va kite figi tris la pou fè kè kontan,
Yoo ani, ‘Guungummii koo nan dhiisa; nyaara guuruus dhiisee nan seeqa’ jedhe,
28 mwen krent tout doulè mwen yo. Mwen konnen ke Ou p ap bliye fot mwen yo.
ani amma iyyuu dhiphina koo hunda nan sodaadha; akka ati akka nama balleessaa hin qabneetti na hin hedne nan beekaatii.
29 Mwen gen tan fin jije koupab. Konsa, poukisa mwen ta dwe fè fòs anven?
Erga yakkamaa taʼuun koo beekamee, ani maaliifin akkasumaan dadhaba ree?
30 Si m ta lave m nèt ak lanèj, e pwòpte men m ak savon lesiv ki fò,
Utuma ani saamunaadhaan dhiqadhee handoodeedhaanis harka koo qulqulleeffadhe iyyuu,
31 malgre sa, Ou ta plonje mwen nan kanal la, e pwòp rad mwen yo ta vin rayi m.
ati hamma uffanni koos na balfutti, boolla keessa na dhidhimsita.
32 Paske Li pa yon nonm kon mwen, pou m ta reponn Li, pou nou ta kab rive nan tribinal ansanm.
“Akka ani isaa deebisuu fi mana murtiittis wal falminuuf, inni akka koo nama foonii miti.
33 Nanpwen moun ki pou fè antant antre nou, ki ta kab mete men l sou nou toulède.
Utuu namni nu lamaan irra harka kaaʼu, kan gidduu keenyattis araara buusu tokko jiraatee,
34 Kite Li retire baton Li sou mwen, e pa kite laperèz Li plen m ak gwo latèrè.
utuu Waaqni ulee isaa narraa kaasee silaa naasisuun isaa na hin sodaachisu ture.
35 Konsa, mwen ta pale san fè laperèz devan L; men mwen pa kab konsa pou kont mwen.”
Silaa ani utuun isa hin sodaatin nan dubbadhan ture; haalan amma keessa jiruun garuu hin dandaʼu.

< Jòb 9 >