< 1 Wa 13 >

1 Alò, vwala, te vini yon nonm Bondye soti Juda rive Béthel pa pawòl SENYÈ a, pandan Jéroboam te kanpe akote lotèl la pou brile lansan an.
Utuma Yerobiʼaam aarsaa dhiʼeessuuf iddoo aarsaa bira dhaabachaa jiruu namni Waaqaa tokko ajaja Waaqayyootiin Yihuudaadhaa baʼee Beetʼeel dhufe.
2 Li te kriye kont lotèl la pa pawòl SENYÈ a. Li te di: “O lotèl, lotèl, konsa di SENYÈ a: ‘Veye byen, yon fis va ne nan kay David la. Josias va non li. Epi sou ou, li va fè sakrifis a prèt ki brile lansan sou ou yo, ak zo Kretyen yo ki va brile sou ou.’”
Innis ajaja Waaqayyootiin iddoo aarsaa sanaan mormuudhaan iyyee akkana jedhe; “Yaa iddoo aarsaa, yaa iddoo aarsaa! Waaqayyo akkana jedha; ‘Kunoo ilmi Yosiyaas jedhamu tokko mana Daawit keessaa ni dhalata. Innis luboota iddoo sagadaa kan gaarran irraa warra amma asitti aarsaa dhiʼeessaa jiran kanneen aarsaa godhee sirratti ni dhiʼeessa; lafeen namaas sirratti ni gubama.’”
3 Konsa, li te bay yon sign nan menm jou sa, e li te di: “Sa se sign ke SENYÈ a te pale a: Gade byen, lotèl la va vin fann separe e sann ki sou li yo va vide deyò.”
Namni Waaqaa sunis gaafasuma akkana jedhee mallattoo kenne; “Mallattoon Waaqayyo dubbate kanaa dha; kunoo iddoon aarsaa gargar baqaqa; daaraan isa irra jirus gad jiga.”
4 Alò, lè wa a te tande pawòl a nonm Bondye a, ke li te kriye kont lotèl Béthel la, Jéroboam te lonje men l soti nan lotèl la. Li te di: “Sezi li.” Men men ke li te lonje kont li an te vin sèch, jiskaske li pa t kab rale retounen l kote li.
Yerobiʼaam mootichi yommuu waan namni Waaqaa sun iyyee iddoo aarsaa kan Beetʼeel sanaan mormuudhaan dubbate dhagaʼetti iddoo aarsaa biraa namichatti harka qabee, “Isa qabaa!” jedhe. Harki inni namichatti qabe sun garuu gogee hafe; innis harka isaa deebifachuu hin dandeenye.
5 Lotèl la osi te ouvri fann e sann yo te vide nèt soti nan lotèl la, selon sign ke nonm a Bondye a te bay selon pawòl SENYÈ a.
Iddoon aarsaa sunis akkuma mallattoo namni Waaqaa sun dubbii Waaqayyootiin kenne sanaatti gargari baqaqee daaraan isa irra tures lafatti gad jige.
6 Wa a te di a nonm Bondye a: “Souple, fè yon lapriyè a SENYÈ a, Bondye ou a e mande pou mwen, pou men m kapab vin restore a mwen menm.” Konsa, nonm Bondye a te priye a SENYÈ a, epi men a wa a te restore de li menm. Li te vin jan li te ye avan an.
Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Maaloo akka harki koo deebiʼee naa fayyuuf Waaqayyo Waaqa kee jabeessii naa kadhadhu.” Kanaafuu namni Waaqaa sun Waaqayyoon jabeessee kadhateef; harki mootichaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeef.
7 Alò, wa a te di a nonm Bondye a: “Vin lakay la avèk mwen pou rafrechi ou, e mwen va ba ou yon rekonpans.”
Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Kottu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu; anis kennaa siifin kennaa” jedhe.
8 Men nonm Bondye a te di a wa a: “Menmsi ou te ban mwen menm mwatye kay ou, mwen pa t ap prale avèk ou, ni mwen pa t ap manje pen, ni bwè dlo nan plas sa a.
Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee mootichaaf deebii kenne; “Yoo ati walakkaa qabeenya keetii illee naa kennite ani si wajjin hin deemu yookaan asitti buddeena hin nyaadhu yookaan bishaan hin dhugu.
9 Paske se konsa li te kòmande mwen pa pawòl SENYÈ a e te di: ‘Ou pa pou manje okenn pen, ni bwè dlo, ni retounen pa chemen ke ou te vini an.’”
Ani, ‘Buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte kanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
10 Pou sa, li te fè yon lòt chemen e li pa t retounen pa chemen ke li te vini Béthel la.
Kanaafuu inni karaa biraa qabatee deeme malee karaa gara Beetʼeel dhufe sanaan hin deebine.
11 Alò, yon pwofèt granmoun t ap viv Béthel, epi fis li yo te vini pou te di li tout zèv ke nonm Bondye a te fè pandan jou sa nan Béthel. Yo te pale li pawòl yo ke li te pale a wa a.
Jaarsa raajii tokkotu Beetʼeel keessa jiraachaa ture; ilmaan isaas gara isaa dhufanii waan namni Waaqaa sun guyyaa sana achitti hojjete hunda isatti himan. Isaan waan inni mootichaan jedhes abbaa isaaniitti himan.
12 Papa yo te di yo: “Se ki direksyon li te pran?” Alò, fis li yo te wè direksyon ke nonm Bondye ki te sòti Juda a te pran an.
Abbaan isaaniis, “Inni karaa kamiin deeme?” jedhee isaan gaafate. Ilmaan isaa immoo karaa namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun qabatee deeme isatti argisiisan.
13 Epi li te di a fis li yo: “Sele bourik la pou mwen.” Konsa, yo te sele bourik la pou li e li te sòti sou li.
Kana irratti inni ilmaan isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe. Isaanis harree irra kooraa keenyaaniif inni harree sana yaabbatee
14 Konsa, li te ale dèyè nonm Bondye a. Li te twouve li te chita anba yon pye bwadchenn. Konsa, li te mande l: “Èske ou menm se nonm Bondye ki te sòti Juda a?” Li te reponn: “Se mwen”.
gulufee nama Waaqaa sana duukaa buʼe. Utuu inni muka qilxuu tokko jala taaʼuus argee, “Namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun siʼii?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Eeyyee ana” jedhee deebise.
15 Konsa, li te di li: “Vin lakay mwen pou manje pen.”
Raajiin sunis, “Kottuu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu” jedheen.
16 Li te di: “Mwen p ap kab retounen avèk ou, ni ale avèk ou, ni mwen p ap manje pen ni bwè dlo avèk ou nan plas sa a.
Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee deebiseef; “Ani deebiʼee si wajjin deemuu yookaan asitti si wajjin buddeena nyaachuu yookaan bishaan dhuguu hin dandaʼu.
17 Paske yon lòd rive jwenn mwen pa pawòl SENYÈ a: ‘Ou pa pou manje pen, ni bwè dlo, ni pa retounen pa chemen ke ou te vini an.’”
Ani, ‘Ati achitti buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte sanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
18 Li te di li: “Mwen menm se yon pwofèt tankou ou, e yon zanj te pale avèk mwen pa pawòl SENYÈ, e li te di: ‘Mennen li retounen lakay ou avèk ou pou l kab manje pen ak bwè dlo. Men se manti li t ap fè.’”
Jaarsi raajiin sunis akkana jedhee deebii kenneef; “Ani iyyuu akkuma kee raajii dha. Ergamaan Waaqayyoo tokkos dubbii Waaqayyootiin akkana naan jedhe; ‘Akka inni buddeena nyaatee bishaan dhuguuf deebisii gara mana keetii isa fidi.’” Jaarsi sun garuu isa sobe.
19 Konsa, li te retounen avèk li e te manje pen lakay li a e te bwè dlo.
Kanaafuu namni Waaqaa sun isa wajjin deebiʼee mana isaatti nyaatee dhuge.
20 Alò, li te vin rive, pandan yo te chita sou tab la a, ke pawòl SENYÈ a te vini a pwofèt ki te fè li retounen an;
Utuma isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu dubbiin Waaqayyoo jaarsa raajii isa deebisee fide sanatti dhufe.
21 epi li te kriye a nonm Bondye ki te sòti Juda a, e li te di: “Konsa pale SENYÈ a: ‘Akoz ou te dezobeyi kòmandman SENYÈ a e pa t swiv lòd ke SENYÈ a, Bondye ou a, te kòmande ou a,
Innis nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sanatti iyyee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha, ‘Ati dubbii Waaqayyoo xureessiteerta; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kennes hin eegne.
22 men ou te retounen, ou te manje pen e bwè dlo nan plas kote Li te di ou: “Pa manje okenn pen ni bwè okenn dlo a”; kò ou p ap rive nan tonm papa ou a.’”
Ati dugda duuba deebitee lafa inni itti hin nyaatin yookaan hin dhugin siin jedhe sanatti buddeena nyaattee bishaan illee dhugdeerta. Kanaafuu reeffi kee awwaala abbootii keetii keessatti hin awwaalamu.’”
23 Li te vin rive lè li te fin manje pen an e bwè a, ke li te sele bourik la pou li, pou pwofèt la te mennen li retounen.
Yommuu namni Waaqaa sun nyaatee dhugee raawwatetti, raajiin deebisee isa fide sun harree isaa irra kooraa kaaʼeef.
24 Alò, lè li t ap prale, yon lyon te rankontre li sou wout la e te touye li, kò li te jete sou wout la, avèk bourik la kanpe akote li ak lyon an osi te kanpe akote kò a.
Akkuma inni karaa ofii qabateen leenci tokko karaa irratti itti dhufee isa ajjeese; reeffi isaas karaa irratti gatamee harree fi leenci sun reeffa sana bira dhadhaabatanii turan.
25 Epi vwala, moun yo t ap pase kote l, e yo te wè kò a jete sou wout la ak lyon an ki te kanpe akote kò a. Konsa, yo te rive pale sa nan vil kote pwofèt granmoun nan te rete a.
Namoonni achiin darban tokko tokko reeffa karaa irratti gatamee leenci bira dhaabate sana arganii gara magaalaa jaarsi raajiin sun jiraatuu dhaqanii odeessan.
26 Alò, lè pwofèt ki te mennen li retounen soti nan chemen an te tande sa, li te di: “Se nonm Bondye ki te dezobeyi lòd SENYÈ a. Pou sa, SENYÈ a te bay li a lyon, ki te chire li e touye li selon pawòl ke SENYÈ a te pale li a.”
Raajichi karaadhaa deebisee isa fide sun yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Inni nama Waaqaa kan dubbii Waaqayyootiif ajajamuu dide sanaa dha. Akkuma dubbiin Waaqayyoo isatti dubbatee ture sanatti Waaqayyo leenca cicciree isa ajjeesutti dabarsee isa kenne.”
27 Alò, li te pale avèk fis li yo e te di: “Sele bourik la pou mwen.” Epi yo te sele li.
Raajiin sunis ilmaan ofii isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe; isaanis akkasuma godhan.
28 Li te ale twouve kò li ki te jete sou wout la avèk bourik la ak lyon ki te kanpe akote kò a. Lyon an pa t manje kò a, ni li pa t chire bourik la.
Innis kaʼee deemee reeffa namichaa kan karaa irratti gatamee harree fi leenci sun bira dhadhaabatan arge. Leenci sun immoo reeffa sana hin nyaanne yookaan harree sana hin ciccirre.
29 Konsa, pwofèt la te leve pran kò a nonm Bondye a. Li te kouche li sou bourik la, e li te mennen li retounen. Li te rive nan vil a pwofèt granmoun nan pou kriye pou li e antere li.
Kanaafuu raajiin sun booʼeefii isa awwaaluuf jedhee reeffa nama Waaqaa sana harree irra kaaʼee fudhatee magaalaa ofii isaatti gale.
30 Li te kouche kadav la nan pwòp tonm pa li, e yo te kriye pou li, e te di: “Anmwey, frè m!”
Innis reeffa sana awwaala ofii isaa keessa ciibse; isaanis, “Wayyoo, yaa obboleessa koo!” jedhanii booʼaniif.
31 Apre li te fin antere li, li te pale avèk fis li yo e te di: “Lè m mouri, antere mwen nan tonm kote nonm Bondye a antere a. Kouche zo pa m yo akote zo pa l yo.
Innis erga isa awwaalee booddee ilmaan ofii isaatiin akkana jedhe; “Yoo ani duʼe awwaala namni Waaqaa kun itti awwaalame keessatti na awwaalaa; lafee koos lafee isaa bira kaaʼaa.
32 Paske bagay la, anverite, va rive ke li te kriye selon pawòl SENYÈ a kont lotèl la Béthel ak kont tout kay plas wo ki nan vil a Samarie yo.”
Ergaan inni iddoo aarsaa kan Beetʼeel keessaatii fi iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Samaariyaa keessa gaarran irra jiran sana hundaan mormuudhaan dubbii Waaqayyootiin labse sun dhugumaan ni guutamaatii.”
33 Apre evenman sa a, Jéroboam pa t kite chemen mechanste li, men ankò li te fè prèt pou wo plas yo soti nan tout pèp la. Nenpòt moun ki ta vle fè sa, li te òdone pou devni prèt nan wo plas yo.
Kana booddees Yerobiʼaam karaa isaa hamaa sana irraa hin deebine; garuu amma illee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa sanaaf saba hunda keessaa luboota muude. Innis nama luba taʼuu fedhu kam iyyuu iddoo sagadaa sanaaf addaan baase.
34 Evenman sa a te devni peche lakay Jéroboam, jis menm pou ta detwi kay li e fè l disparèt sou fas tè a.
Cubbuun mana Yerobiʼaam kan kufaatii isaatii fi lafa irraa badiisa isaa fide sun kana ture.

< 1 Wa 13 >