< Sòm 29 >

1 Se yon sòm David. Nou tout pitit Bondye yo, fè lwanj Seyè a! Fè lwanj Seyè a pou pouvwa ak fòs li genyen!
Faarfannaa Daawit. Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.
2 Fè lwanj non Seyè ki gen pouvwa a! Adore Seyè a nan bèl kay ki apa pou li a!
Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.
3 Seyè a fè tande vwa li sou lanmè. Bondye ki gen pouvwa a fè loraj yo gwonde. Seyè a ap mache sou tout lanmè a.
Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira; Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa; Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.
4 Vwa Seyè a se yon vwa ki gen pouvwa! Se yon vwa ki mande pou moun respekte l'!
Sagaleen Waaqayyoo humna qaba; sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.
5 Vwa Seyè a kase pye sèd yo, li kase pye sèd peyi Liban yo.
Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa; Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa.
6 Li fè mòn nan peyi Liban yo sote ponpe tankou ti gazèl bèf. Li fè mòn Siryon yo sote ponpe tankou jenn ti towo bèf.
Inni Libaanoonin akka jabbiitti, Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
7 Vwa Seyè a fè zèklè.
Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
8 Vwa Seyè a fè dezè a tranble. Wi, li fè dezè Kadès la tranble.
Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa; Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa.
9 Vwa Seyè a tòde pye chenn yo. Li fè tout fèy nan rakbwa tonbe. Nan tanp li, tout moun ap fè lwanj pou li.
Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira; bosonas qullaatti hambisa. Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.
10 Seyè a te chita sou fotèy li lè te gen gwo inondasyon an. L'ap gouvènen tankou wa pou tout tan.
Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa; Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.
11 Seyè a va bay pèp li a fòs, l'a beni yo, l'a ba yo kè poze.
Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.

< Sòm 29 >