< Προς Φιλημονα 1 >
1 Παῦλος δέσμιος Χριστοῦ Ἰησοῦ καὶ Τιμόθεος ὁ ἀδελφὸς Φιλήμονι τῷ ἀγαπητῷ καὶ συνεργῷ ἡμῶν
Phaawulos isa Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,
2 καὶ Ἀπφίᾳ τῇ ⸀ἀδελφῇκαὶ Ἀρχίππῳ τῷ συστρατιώτῃ ἡμῶν καὶ τῇ κατʼ οἶκόν σου ἐκκλησίᾳ·
akkanumas gara obboleettii keenya Aphifiyaatti, gara Arkiphaa isa nu wajjin loltuu taʼeetti, gara waldaa kiristaanaa ishee mana keetti walitti qabamtuuttis:
3 χάρις ὑμῖν καὶ εἰρήνη ἀπὸ θεοῦ πατρὸς ἡμῶν καὶ κυρίου Ἰησοῦ Χριστοῦ.
Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
4 Εὐχαριστῶ τῷ θεῷ μου πάντοτε μνείαν σου ποιούμενος ἐπὶ τῶν προσευχῶν μου,
Ani yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha;
5 ἀκούων σου τὴν ἀγάπην καὶ τὴν πίστιν ἣν ἔχεις ⸀πρὸςτὸν κύριον Ἰησοῦν καὶ εἰς πάντας τοὺς ἁγίους,
ani waaʼee amantii kee kan ati Gooftaa Yesuusitti qabduu fi waaʼee jaalala kee kan ati qulqulloota isaa hundaaf qabduu nan dhagaʼaatii.
6 ὅπως ἡ κοινωνία τῆς πίστεώς σου ἐνεργὴς γένηται ἐν ἐπιγνώσει παντὸς ἀγαθοῦ ⸀τοῦἐν ἡμῖν εἰς ⸀Χριστόν
Ani akka ati waaʼee waan gaarii nu Kiristoosiin qabnu hundumaa hubannaa guutuu qabaattee amantii kee namaan gaʼuuf jabaattu nan kadhadha.
7 ⸀χαρὰνγὰρ ⸂πολλὴν ἔσχον καὶ παράκλησιν ἐπὶ τῇ ἀγάπῃ σου, ὅτι τὰ σπλάγχνα τῶν ἁγίων ἀναπέπαυται διὰ σοῦ, ἀδελφέ.
Yaa obboleessa, waan ati garaa qulqullootaa qabbaneessiteef jaalalli kee gammachuu fi jajjabina guddaa naa kenneera.
8 Διό, πολλὴν ἐν Χριστῷ παρρησίαν ἔχων ἐπιτάσσειν σοι τὸ ἀνῆκον,
Kanaafuu ani akka ati waan hojjechuu qabdu hojjetu si ajajuuf yoo Kiristoosiin ija jabina qabaadhe illee,
9 διὰ τὴν ἀγάπην μᾶλλον παρακαλῶ, τοιοῦτος ὢν ὡς Παῦλος πρεσβύτης νυνὶ δὲ καὶ δέσμιος ⸂Χριστοῦ Ἰησοῦ—
sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Kiristoos Yesuusiif kanan hidhame,
10 παρακαλῶ σε περὶ τοῦ ἐμοῦ τέκνου, ὃν ἐγέννησα ἐν τοῖς ⸀δεσμοῖςὈνήσιμον,
ilma koo Oneesimoos isa ani hidhamuu kootiin dhalche sanaaf sin kadhadha.
11 τόν ποτέ σοι ἄχρηστον νυνὶ ⸀δὲσοὶ καὶ ἐμοὶ εὔχρηστον,
Inni kanaan dura nama homaa si hin fayyadne ture; amma garuu siifis anaafis nama faayidaa qabu taʼeera.
12 ὃν ἀνέπεμψά ⸂σοι αὐτόν, τοῦτʼ ἔστιν τὰ ἐμὰ σπλάγχνα·
Ani isa, nama akka garaa kootii sana deebisee gara keetti nan erga.
13 ὃν ἐγὼ ἐβουλόμην πρὸς ἐμαυτὸν κατέχειν, ἵνα ὑπὲρ σοῦ ⸂μοι διακονῇ ἐν τοῖς δεσμοῖς τοῦ εὐαγγελίου,
Ani yeroon wangeelaaf hidhametti inni iddoo kee buʼee akka na tajaajiluuf of biratti isa hambifachuu barbaadeen ture.
14 χωρὶς δὲ τῆς σῆς γνώμης οὐδὲν ἠθέλησα ποιῆσαι, ἵνα μὴ ὡς κατὰ ἀνάγκην τὸ ἀγαθόν σου ᾖ ἀλλὰ κατὰ ἑκούσιον·
Ani garuu gaarummaan kee utuu dirqamaan hin taʼin fedhiidhaan akka taʼuuf waanuma tokko illee eeyyama kee malee gochuu hin barbaanne.
15 τάχα γὰρ διὰ τοῦτο ἐχωρίσθη πρὸς ὥραν ἵνα αἰώνιον αὐτὸν ἀπέχῃς, (aiōnios )
Tarii inni yeroo gabaabaaf siin gargar baʼuun isaa akka ati deebiftee isa simattee hamma dhumaatti of bira tursituuf taʼa; (aiōnios )
16 οὐκέτι ὡς δοῦλον ἀλλὰ ὑπὲρ δοῦλον, ἀδελφὸν ἀγαπητόν, μάλιστα ἐμοί, πόσῳ δὲ μᾶλλον σοὶ καὶ ἐν σαρκὶ καὶ ἐν κυρίῳ.
atis siʼachi akka garbichaatti utuu hin taʼin, akka obboleessa jaallatamaa garbicha caalu tokkootti isa simadhu. Inni keessumattuu erga anaaf akkas jaallatamaa taʼe siif immoo fooniinis Gooftaadhaanis hammam caalaa jaallatamaa haa taʼu ree?
17 Εἰ οὖν με ἔχεις κοινωνόν, προσλαβοῦ αὐτὸν ὡς ἐμέ.
Egaa ati yoo akka michuu keetiitti na ilaalte akkuma na simatutti isas simadhu.
18 εἰ δέ τι ἠδίκησέν σε ἢ ὀφείλει, τοῦτο ἐμοὶ ⸀ἐλλόγα
Yoo inni waanuma tokkoon illee si yakkee jiraate yookaan ati yoo waanuma tokko illee isa irraa qabaatte natti lakkaaʼi.
19 ἐγὼ Παῦλος ἔγραψα τῇ ἐμῇ χειρί, ἐγὼ ἀποτίσω· ἵνα μὴ λέγω σοι ὅτι καὶ σεαυτόν μοι προσοφείλεις.
Ani Phaawulos siifan kaffala jedhee harkuma kootiin barreesseera. Akka ati mataan kee iyyuu kan koo taate ani homaa sitti hin himu.
20 ναί, ἀδελφέ, ἐγώ σου ὀναίμην ἐν κυρίῳ· ἀνάπαυσόν μου τὰ σπλάγχνα ἐν ⸀Χριστῷ
Egaa yaa obboleessa, ani Gooftaadhaan faayidaa kana sirraa argachuu nan barbaada; Kiristoositti garaa koo naa qabbaneessi.
21 πεποιθὼς τῇ ὑπακοῇ σου ἔγραψά σοι, εἰδὼς ὅτι καὶ ὑπὲρ ⸀ἃλέγω ποιήσεις.
Akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekuudhaan ajajamuu kee amanadhee siifan barreessa.
22 ἅμα δὲ καὶ ἑτοίμαζέ μοι ξενίαν, ἐλπίζω γὰρ ὅτι διὰ τῶν προσευχῶν ὑμῶν χαρισθήσομαι ὑμῖν.
Kana malees ani kadhannaa keessaniin akkan isiniif kennamu waanan abdadhuuf mana boqonnaa naa qopheessi.
23 ⸀Ἀσπάζεταίσε Ἐπαφρᾶς ὁ συναιχμάλωτός μου ἐν Χριστῷ Ἰησοῦ,
Ephaafiraan inni Kiristoos Yesuusiif jedhee na wajjin hidhame nagaa siif dhaama.
24 Μᾶρκος, Ἀρίσταρχος, Δημᾶς, Λουκᾶς, οἱ συνεργοί μου.
Akkasumas warri na wajjin hojjetan Maarqos, Arisxirokoos, Deemaasii fi Luqaas nagaa siif dhaamu.
25 Ἡ χάρις τοῦ ⸀κυρίουἸησοῦ Χριστοῦ μετὰ τοῦ πνεύματος ⸀ὑμῶν
Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu.