< Προς Τιτον 2 >
1 συ δε λαλει α πρεπει τη υγιαινουση διδασκαλια
Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi.
2 πρεσβυτασ νηφαλεουσ ειναι σεμνουσ σωφρονασ υγιαινοντασ τη πιστει τη αγαπη τη υπομονη
Jaarsoliin akka amala qabeeyyii, kabajamoo fi warra of qaban taʼaniif, akkasumas akka warra amantii dhugaa, jaalalaa fi obsa qabaatan barsiisi.
3 πρεσβυτιδασ ωσαυτωσ εν καταστηματι ιεροπρεπεισ μη διαβολουσ μη οινω πολλω δεδουλωμενασ καλοδιδασκαλουσ
Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi.
4 ινα σωφρονιζωσιν τασ νεασ φιλανδρουσ ειναι φιλοτεκνουσ
Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu;
5 σωφρονασ αγνασ οικουρουσ αγαθασ υποτασσομενασ τοισ ιδιοισ ανδρασιν ινα μη ο λογοσ του θεου βλασφημηται
akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.
6 τουσ νεωτερουσ ωσαυτωσ παρακαλει σωφρονειν
Akkasumas dargaggoonni akka of qabaniif gorsi.
7 περι παντα σεαυτον παρεχομενοσ τυπον καλων εργων εν τη διδασκαλια αδιαφθοριαν σεμνοτητα αφθαρσιαν
Waan hunda keessatti waan gaarii hojjechuun fakkeenya isaaniif taʼi. Barsiisa kee keessatti amanamaa, kabajamaa fi nama akka salphaatti hin ilaalamne taʼi;
8 λογον υγιη ακαταγνωστον ινα ο εξ εναντιασ εντραπη μηδεν εχων περι ημων λεγειν φαυλον
akka warri siin morman waaʼee keenya waan hamaa dubbatan tokko illee dhabanii qaanaʼaniifis dubbii dhugaa kan tuffatamuu hin dandeenye dubbadhu.
9 δουλουσ ιδιοισ δεσποταισ υποτασσεσθαι εν πασιν ευαρεστουσ ειναι μη αντιλεγοντασ
Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi;
10 μη νοσφιζομενουσ αλλα πιστιν πασαν ενδεικνυμενουσ αγαθην ινα την διδασκαλιαν του σωτηροσ ημων θεου κοσμωσιν εν πασιν
akka isaan gooftota isaanii jalaa hin hanne, garuu akka barsiisni Fayyisaa keenya Waaqaa karaa hundumaan hawwataa taʼu gochuuf akka isaan amanamummaa guutuu argisiisan barsiisi.
11 επεφανη γαρ η χαρισ του θεου η σωτηριοσ πασιν ανθρωποισ
Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii.
12 παιδευουσα ημασ ινα αρνησαμενοι την ασεβειαν και τασ κοσμικασ επιθυμιασ σωφρονωσ και δικαιωσ και ευσεβωσ ζησωμεν εν τω νυν αιωνι (aiōn )
Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa; (aiōn )
13 προσδεχομενοι την μακαριαν ελπιδα και επιφανειαν τησ δοξησ του μεγαλου θεου και σωτηροσ ημων ιησου χριστου
kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Waaqa keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirrutti taʼa;
14 οσ εδωκεν εαυτον υπερ ημων ινα λυτρωσηται ημασ απο πασησ ανομιασ και καθαριση εαυτω λαον περιουσιον ζηλωτην καλων εργων
innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.
15 ταυτα λαλει και παρακαλει και ελεγχε μετα πασησ επιταγησ μηδεισ σου περιφρονειτω
Egaa wantoonni ati barsiisuu qabdu kanneenii dha. Taayitaa guutuun jajjabeessi; ifadhus. Namni tokko iyyuu si hin tuffatin.