< Ψαλμοί 120 >

1 ᾠδὴ τῶν ἀναβαθμῶν πρὸς κύριον ἐν τῷ θλίβεσθαί με ἐκέκραξα καὶ εἰσήκουσέν μου
Faarfannaa Ol baʼuu. Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha; innis deebii naa kenna.
2 κύριε ῥῦσαι τὴν ψυχήν μου ἀπὸ χειλέων ἀδίκων καὶ ἀπὸ γλώσσης δολίας
Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
3 τί δοθείη σοι καὶ τί προστεθείη σοι πρὸς γλῶσσαν δολίαν
Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama? Kana caalaas maal godhamta?
4 τὰ βέλη τοῦ δυνατοῦ ἠκονημένα σὺν τοῖς ἄνθραξιν τοῖς ἐρημικοῖς
Inni xiyya loltootaa kan qarameen, barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba.
5 οἴμμοι ὅτι ἡ παροικία μου ἐμακρύνθη κατεσκήνωσα μετὰ τῶν σκηνωμάτων Κηδαρ
Ani waanan Meshek keessa taaʼee dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo!
6 πολλὰ παρῴκησεν ἡ ψυχή μου
Warra nagaa jibban gidduu, ani yeroo dheeraa jiraadheera.
7 μετὰ τῶν μισούντων τὴν εἰρήνην ἤμην εἰρηνικός ὅταν ἐλάλουν αὐτοῖς ἐπολέμουν με δωρεάν
Ani nama nagaa barbaadu dha; isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.

< Ψαλμοί 120 >