< Ἔσδρας Βʹ 4 >

1 καὶ ἐγένετο ἡνίκα ἤκουσεν Σαναβαλλατ ὅτι ἡμεῖς οἰκοδομοῦμεν τὸ τεῖχος καὶ πονηρὸν ἦν αὐτῷ καὶ ὠργίσθη ἐπὶ πολὺ καὶ ἐξεγέλα ἐπὶ τοῖς Ιουδαίοις
Sanbalaaxi akka nu dallaa kana deebifnee ijaaraa jirru dhageenyaan aariin gubatee dheekkame. Innis Yihuudootatti qoosee
2 καὶ εἶπεν ἐνώπιον τῶν ἀδελφῶν αὐτοῦ αὕτη ἡ δύναμις Σομορων ὅτι οἱ Ιουδαῖοι οὗτοι οἰκοδομοῦσιν τὴν ἑαυτῶν πόλιν
fuula obboloota isaa fi fuula loltoota Samaariyaa duratti akkana jedhe; “Yihuudoonni dadhaboonni kunneen maal hojjechaa jiru? Isaan dallaa isaanii deebisanii ijaaruu? Aarsaa illee ni dhiʼeessuu? Guyyaa tokko keessatti ni fixuu? Isaan waan akkas gubamee tuulame keessaa dhagaa fuudhanii akka duriitti deebisuu dandaʼuu?”
3 καὶ Τωβιας ὁ αμμανίτης ἐχόμενα αὐτοῦ ἦλθεν καὶ εἶπαν πρὸς ἑαυτούς μὴ θυσιάσουσιν ἢ φάγονται ἐπὶ τοῦ τόπου αὐτῶν οὐχὶ ἀναβήσεται ἀλώπηξ καὶ καθελεῖ τὸ τεῖχος λίθων αὐτῶν
Xoobbiyaan namichi Amoon kan isa bira dhaabate sunis, “Waan isaan ijaaraa jiran kana, dallaa isaanii kan dhagaa kana waangoon iyyuu yoo yaabde ni jigsiti!” jedhe.
4 ἄκουσον ὁ θεὸς ἡμῶν ὅτι ἐγενήθημεν εἰς μυκτηρισμόν καὶ ἐπίστρεψον ὀνειδισμὸν αὐτῶν εἰς κεφαλὴν αὐτῶν καὶ δὸς αὐτοὺς εἰς μυκτηρισμὸν ἐν γῇ αἰχμαλωσίας
Yaa Waaqa keenya nu dhagaʼi; nu tuffatamneerraatii. Arraba isaan nu arrabsan matuma isaaniitti deebisi. Boojuudhaaf dabarsii biyya ormaatti isaan kenni.
5 καὶ μὴ καλύψῃς ἐπὶ ἀνομίαν
Sababii isaan fuula ijaartotaa duratti dheekkamsaaf si kakaasaniif yakka isaanii hin dhoksiniif yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqiniif.
6
Nu akkasiin dallaa sana hamma inni walakkaa dheerina isaa gaʼutti deebifnee ijaarre; namoonni garaa tokkoon hojjechaa turaniitii.
7 καὶ ἐγένετο ὡς ἤκουσεν Σαναβαλλατ καὶ Τωβια καὶ οἱ Ἄραβες καὶ οἱ Αμμανῖται ὅτι ἀνέβη φυὴ τοῖς τείχεσιν Ιερουσαλημ ὅτι ἤρξαντο αἱ διασφαγαὶ ἀναφράσσεσθαι καὶ πονηρὸν αὐτοῖς ἐφάνη σφόδρα
Garuu Sanbalaaxi, Xoobbiyaan, Araboonni, Amoononnii fi namoonni Ashdood yommuu akka haaromfamuun dallaa Yerusaalem ittuma fufaa jiruu fi akka qaawwi isaa duuchamaa jiru dhagaʼanitti akka malee aaran.
8 καὶ συνήχθησαν πάντες ἐπὶ τὸ αὐτὸ ἐλθεῖν παρατάξασθαι ἐν Ιερουσαλημ
Isaan hundinuu dhufanii Yerusaalemin loluu fi rakkina itti fiduudhaaf tokkummaadhaan malatan.
9 καὶ προσηυξάμεθα πρὸς τὸν θεὸν ἡμῶν καὶ ἐστήσαμεν προφύλακας ἐπ’ αὐτοὺς ἡμέρας καὶ νυκτὸς ἀπὸ προσώπου αὐτῶν
Nu garuu Waaqa keenya kadhannee doorsisa kana of irraa ittisuuf jennee waardiyyaa halkanii fi guyyaa eegu tokko kaaʼanne.
10 καὶ εἶπεν Ιουδας συνετρίβη ἡ ἰσχὺς τῶν ἐχθρῶν καὶ ὁ χοῦς πολύς καὶ ἡμεῖς οὐ δυνησόμεθα οἰκοδομεῖν ἐν τῷ τείχει
Sabni Yihuudaas, “Humni hojjettootaa laafeera; sababii diigamni isaa akka malee guddaa taʼeef nu dallaa kana deebifnee ijaaruu hin dandeenyu” jedhe.
11 καὶ εἶπαν οἱ θλίβοντες ἡμᾶς οὐ γνώσονται καὶ οὐκ ὄψονται ἕως ὅτου ἔλθωμεν εἰς μέσον αὐτῶν καὶ φονεύσωμεν αὐτοὺς καὶ καταπαύσωμεν τὸ ἔργον
Diinonni keenyas, “Utuu isaan hin beekin yookaan nu hin argin isaan gidduu seennee isaan fixnee hojii sana dhaabbachiifna” jedhan.
12 καὶ ἐγένετο ὡς ἤλθοσαν οἱ Ιουδαῖοι οἱ οἰκοῦντες ἐχόμενα αὐτῶν καὶ εἴποσαν ἡμῖν ἀναβαίνουσιν ἐκ πάντων τῶν τόπων ἐφ’ ἡμᾶς
Yihuudoonni isaanitti dhiʼoo jiraatan dhufanii, “Yoo isin eessa illee dhaqxan isaan inuma nu lolu” jedhanii yeroo kudhan nutti himan.
13 καὶ ἔστησα εἰς τὰ κατώτατα τοῦ τόπου κατόπισθεν τοῦ τείχους ἐν τοῖς σκεπεινοῖς καὶ ἔστησα τὸν λαὸν κατὰ δήμους μετὰ ῥομφαιῶν αὐτῶν λόγχας αὐτῶν καὶ τόξα αὐτῶν
Kanaafuu ani namoota sana keessaa tokko tokko dachaa dallaa duubaan jiru keessa, iddoo ol kaʼaa irratti ramadee akka isaan goraadee, eeboo fi iddaa qabatanii dhaabatan nan godhe.
14 καὶ εἶδον καὶ ἀνέστην καὶ εἶπα πρὸς τοὺς ἐντίμους καὶ πρὸς τοὺς στρατηγοὺς καὶ πρὸς τοὺς καταλοίπους τοῦ λαοῦ μὴ φοβηθῆτε ἀπὸ προσώπου αὐτῶν μνήσθητε τοῦ θεοῦ ἡμῶν τοῦ μεγάλου καὶ φοβεροῦ καὶ παρατάξασθε περὶ τῶν ἀδελφῶν ὑμῶν υἱῶν ὑμῶν καὶ θυγατέρων ὑμῶν γυναικῶν ὑμῶν καὶ οἴκων ὑμῶν
Anis ergan asii fi achi ilaalee booddee ol kaʼee namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Isin jara hin sodaatinaa. Gooftaa guddichaa fi sodaachisaa sana yaadadhaatii obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intallan keessaniif, niitota keessanii fi manneen keessaniif lolaa.”
15 καὶ ἐγένετο ἡνίκα ἤκουσαν οἱ ἐχθροὶ ἡμῶν ὅτι ἐγνώσθη ἡμῖν καὶ διεσκέδασεν ὁ θεὸς τὴν βουλὴν αὐτῶν καὶ ἐπεστρέψαμεν πάντες ἡμεῖς εἰς τὸ τεῖχος ἀνὴρ εἰς τὸ ἔργον αὐτοῦ
Yeroo diinonni keenya akka nu mala isaaniitti dammaqne, akka Waaqnis mala isaanii sana jalaa diige dhagaʼanitti nu hundi gara dallaatti, tokkoon tokkoon keenyas hojii keenyatti deebine.
16 καὶ ἐγένετο ἀπὸ τῆς ἡμέρας ἐκείνης ἥμισυ τῶν ἐκτετιναγμένων ἐποίουν τὸ ἔργον καὶ ἥμισυ αὐτῶν ἀντείχοντο καὶ λόγχαι καὶ θυρεοὶ καὶ τὰ τόξα καὶ οἱ θώρακες καὶ οἱ ἄρχοντες ὀπίσω παντὸς οἴκου Ιουδα
Gaafasii jalqabee namoota koo keessaa walakkaan isaanii hojii hojjetanii walakkaan kaan immoo eeboo, gaachana, iddaa fi miʼa lolaa hidhatan. Ajajjoonnis saba Yihuudaa hunda duubaan dhaabachaa turan;
17 τῶν οἰκοδομούντων ἐν τῷ τείχει καὶ οἱ αἴροντες ἐν τοῖς ἀρτῆρσιν ἐν ὅπλοις ἐν μιᾷ χειρὶ ἐποίει αὐτὸ τὸ ἔργον καὶ μία ἐκράτει τὴν βολίδα
warri dallaa ijaaranii fi baʼaa baatanis harka tokkoon ni hojjetu, harka tokkoon immoo miʼa lolaa qabatu turan;
18 καὶ οἱ οἰκοδόμοι ἀνὴρ ῥομφαίαν αὐτοῦ ἐζωσμένος ἐπὶ τὴν ὀσφὺν αὐτοῦ καὶ ᾠκοδομοῦσαν καὶ ὁ σαλπίζων ἐν τῇ κερατίνῃ ἐχόμενα αὐτοῦ
tokkoon tokkoon ijaartota sanaa goraadee ofii isaanii mudhiitti hidhatanii hojii hojjetan. Namichi malakata afuufu garuu na wajjin ture.
19 καὶ εἶπα πρὸς τοὺς ἐντίμους καὶ πρὸς τοὺς ἄρχοντας καὶ πρὸς τοὺς καταλοίπους τοῦ λαοῦ τὸ ἔργον πλατὺ καὶ πολύ καὶ ἡμεῖς σκορπιζόμεθα ἐπὶ τοῦ τείχους μακρὰν ἀνὴρ ἀπὸ τοῦ ἀδελφοῦ αὐτοῦ
Anis namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Hojiin kun guddaa fi balʼaa dha; tokkoon tokkoon keenyas gargar fagaannee dallaa irra jirra.
20 ἐν τόπῳ οὗ ἐὰν ἀκούσητε τὴν φωνὴν τῆς κερατίνης ἐκεῖ συναχθήσεσθε πρὸς ἡμᾶς καὶ ὁ θεὸς ἡμῶν πολεμήσει περὶ ἡμῶν
Iddoo itti sagalee malakataa dhageessan kamitti iyyuu nutti makamaa. Waaqni keenya nuuf lolaa!”
21 καὶ ἡμεῖς ποιοῦντες τὸ ἔργον καὶ ἥμισυ αὐτῶν κρατοῦντες τὰς λόγχας ἀπὸ ἀναβάσεως τοῦ ὄρθρου ἕως ἐξόδου τῶν ἄστρων
Kanaafuu nu barii barraaqaa jalqabnee hamma urjiiwwan baʼanitti akkuma namoota keenya keessaa gariin eeboo qabatanii jiranitti hojii itti fufne.
22 καὶ ἐν τῷ καιρῷ ἐκείνῳ εἶπα τῷ λαῷ αὐλίσθητε ἐν μέσῳ Ιερουσαλημ καὶ ἔστω ὑμῖν ἡ νὺξ προφυλακὴ καὶ ἡ ἡμέρα ἔργον
Anis yeroo sanatti namootaan akkanan jedhe; “Akka isaan halkan akka eegdotaatti, guyyaa immoo akka hojjettootaatti nu tajaajiluu dandaʼaniif nama kam iyyuu gargaaraa isaa wajjin halkan Yerusaalem keessa tursaa.”
23 καὶ ἤμην ἐγὼ καὶ οἱ ἄνδρες τῆς προφυλακῆς ὀπίσω μου καὶ οὐκ ἦν ἐξ ἡμῶν ἐκδιδυσκόμενος ἀνὴρ τὰ ἱμάτια αὐτοῦ
Anis, obboloonni koos, namoonni koos, eegdonni na wajjin turanis uffata keenya hin baafanne; tokkoon tokkoon namaa yeroo bishaan barbaacha deemu illee miʼa isaa kan waraanaa harkatti qabata ture.

< Ἔσδρας Βʹ 4 >