< Ἠσαΐας 60 >

1 φωτίζου φωτίζου Ιερουσαλημ ἥκει γάρ σου τὸ φῶς καὶ ἡ δόξα κυρίου ἐπὶ σὲ ἀνατέταλκεν
“Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi; ulfinni Waaqayyoo siif baʼeera.
2 ἰδοὺ σκότος καὶ γνόφος καλύψει γῆν ἐπ’ ἔθνη ἐπὶ δὲ σὲ φανήσεται κύριος καὶ ἡ δόξα αὐτοῦ ἐπὶ σὲ ὀφθήσεται
Kunoo, dukkanni lafa, dukkanni hamaan immoo uummattoota haguuga; Waaqayyo garuu siif kaʼeera; ulfinni isaas sirraa mulʼata.
3 καὶ πορεύσονται βασιλεῖς τῷ φωτί σου καὶ ἔθνη τῇ λαμπρότητί σου
Saboonni gara ifa keetii, mootonni immoo gara ifa kee 2 isa bariitti ni dhufu.
4 ἆρον κύκλῳ τοὺς ὀφθαλμούς σου καὶ ἰδὲ συνηγμένα τὰ τέκνα σου ἰδοὺ ἥκασιν πάντες οἱ υἱοί σου μακρόθεν καὶ αἱ θυγατέρες σου ἐπ’ ὤμων ἀρθήσονται
“Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; hundinuu wal gaʼanii gara kee ni dhufu; ilmaan kee fagoodhaa, intallan kees qomatti baatamanii gara kee ni dhufu.
5 τότε ὄψῃ καὶ φοβηθήσῃ καὶ ἐκστήσῃ τῇ καρδίᾳ ὅτι μεταβαλεῖ εἰς σὲ πλοῦτος θαλάσσης καὶ ἐθνῶν καὶ λαῶν καὶ ἥξουσίν σοι
Ergasii ni ilaalta; ni calaqqiftas; lapheen kee ni dhaʼata; gammachuudhaanis ni guutama; qabeenyi galaanotaa hundinuu gara kee dhufu; badhaadhummaan sabootaas kan kee taʼa.
6 ἀγέλαι καμήλων καὶ καλύψουσίν σε κάμηλοι Μαδιαμ καὶ Γαιφα πάντες ἐκ Σαβα ἥξουσιν φέροντες χρυσίον καὶ λίβανον οἴσουσιν καὶ τὸ σωτήριον κυρίου εὐαγγελιοῦνται
Gaalli baayʼeen, ilmaan gaalaa kan Midiyaanii fi kan Eefaa biyya kee ni guutu. Namoonni hundi warqee fi ixaana fidanii, galata Waaqayyoo labsaa biyya Shebaatii ni dhufu.
7 καὶ πάντα τὰ πρόβατα Κηδαρ συναχθήσονταί σοι καὶ κριοὶ Ναβαιωθ ἥξουσίν σοι καὶ ἀνενεχθήσεται δεκτὰ ἐπὶ τὸ θυσιαστήριόν μου καὶ ὁ οἶκος τῆς προσευχῆς μου δοξασθήσεται
Bushaayeen Qeedaar hundinuu gara keetti walitti qabamu; korbeeyyiin hoolaa Nabaayot si tajaajilu; isaan iddoo aarsaa koo irratti aarsaawwan fudhatama qaban ni taʼu; anis mana ulfina kootii nan kabaja.
8 τίνες οἵδε ὡς νεφέλαι πέτανται καὶ ὡς περιστεραὶ σὺν νεοσσοῖς
“Warri akkuma gugeewwanii manneen isaaniitti barrisan, kanneen akka duumessaa gugatan kunneen eenyu faʼi?
9 ἐμὲ νῆσοι ὑπέμειναν καὶ πλοῖα Θαρσις ἐν πρώτοις ἀγαγεῖν τὰ τέκνα σου μακρόθεν καὶ τὸν ἄργυρον καὶ τὸν χρυσὸν μετ’ αὐτῶν διὰ τὸ ὄνομα κυρίου τὸ ἅγιον καὶ διὰ τὸ τὸν ἅγιον τοῦ Ισραηλ ἔνδοξον εἶναι
Dhugumaan biyyoonni bishaan gidduu na abdatu; sababii inni ulfina sitti uffiseef, maqaa Waaqayyo Waaqa keetii, Qulqullicha Israaʼeliitiif jedhanii dooniiwwan Tarshiish dursanii, meetii fi warqee isaanii wajjin ilmaan kee fagoodhaa ni fidu.
10 καὶ οἰκοδομήσουσιν ἀλλογενεῖς τὰ τείχη σου καὶ οἱ βασιλεῖς αὐτῶν παραστήσονταί σοι διὰ γὰρ ὀργήν μου ἐπάταξά σε καὶ διὰ ἔλεον ἠγάπησά σε
“Namoonni ormaa dallaa kee ni ijaaru; mootonni isaaniis si tajaajilu; Ani aariidhaan si dhaʼu illee, gara laafina koo jaalalaan sitti nan argisiisa.
11 καὶ ἀνοιχθήσονται αἱ πύλαι σου διὰ παντός ἡμέρας καὶ νυκτὸς οὐ κλεισθήσονται εἰσαγαγεῖν πρὸς σὲ δύναμιν ἐθνῶν καὶ βασιλεῖς ἀγομένους
Akka namoonni badhaadhina sabootaa gara keetti fidaniif, akka mootonni isaaniis hiriiraan gara keetti seenaniif, karrawwan kee yeroo hunda banamaa taʼu; isaan halkanii guyyaa gonkumaa hin cufaman;
12 τὰ γὰρ ἔθνη καὶ οἱ βασιλεῖς οἵτινες οὐ δουλεύσουσίν σοι ἀπολοῦνται καὶ τὰ ἔθνη ἐρημίᾳ ἐρημωθήσονται
Sabni yookaan mootummaan si hin tajaajille ni barbadaaʼuutii; guutummaan guutuuttis ni balleeffamu.
13 καὶ ἡ δόξα τοῦ Λιβάνου πρὸς σὲ ἥξει ἐν κυπαρίσσῳ καὶ πεύκῃ καὶ κέδρῳ ἅμα δοξάσαι τὸν τόπον τὸν ἅγιόν μου
“Ulfinni Libaanoon, gaattiraan, qararoo fi hadheessi, lafa iddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufu; anis iddoo miilli koo dhaabatu nan kabaja.
14 καὶ πορεύσονται πρὸς σὲ δεδοικότες υἱοὶ ταπεινωσάντων σε καὶ παροξυνάντων σε καὶ κληθήσῃ πόλις κυρίου Σιων ἁγίου Ισραηλ
Ilmaan warra si cunqursanii siif sagadaa gara kee dhufu; warri si tuffatan hundinuus miilla keetti kufu; isaanis Magaalaa Waaqayyoo Xiyoon kan Qulqullicha Israaʼel jedhanii si waamu.
15 διὰ τὸ γεγενῆσθαί σε ἐγκαταλελειμμένην καὶ μεμισημένην καὶ οὐκ ἦν ὁ βοηθῶν καὶ θήσω σε ἀγαλλίαμα αἰώνιον εὐφροσύνην γενεῶν γενεαῖς
“Yoo ati jibbamtee gatamtee namni tokko iyyuu si keessaan darbuu lagate iyyuu, ani boontuu bara baraatii fi gammachuu dhaloota hundaa sin taasisa.
16 καὶ θηλάσεις γάλα ἐθνῶν καὶ πλοῦτον βασιλέων φάγεσαι καὶ γνώσῃ ὅτι ἐγὼ κύριος ὁ σῴζων σε καὶ ἐξαιρούμενός σε θεὸς Ισραηλ
Ati aannan sabootaa ni dhugda; harma moototaas ni hoota. Yommus ani Waaqayyo Jabaan Yaaqoob, Fayyisaa kee fi Furaa kee akkan taʼe ni beekta.
17 καὶ ἀντὶ χαλκοῦ οἴσω σοι χρυσίον ἀντὶ δὲ σιδήρου οἴσω σοι ἀργύριον ἀντὶ δὲ ξύλων οἴσω σοι χαλκόν ἀντὶ δὲ λίθων σίδηρον καὶ δώσω τοὺς ἄρχοντάς σου ἐν εἰρήνῃ καὶ τοὺς ἐπισκόπους σου ἐν δικαιοσύνῃ
Ani qooda naasii warqee, qooda sibiilaa immoo, meetii siif nan fida. Qooda mukaa naasii, qooda dhagaa immoo, sibiila siif nan fida. Nagaa mootii kee, qajeelummaa immoo, bulchaa kee nan godha.
18 καὶ οὐκ ἀκουσθήσεται ἔτι ἀδικία ἐν τῇ γῇ σου οὐδὲ σύντριμμα οὐδὲ ταλαιπωρία ἐν τοῖς ὁρίοις σου ἀλλὰ κληθήσεται σωτήριον τὰ τείχη σου καὶ αἱ πύλαι σου γλύμμα
Siʼachi biyya kee keessatti gooliin, daarii kee keessatti immoo diigamni yookaan badiisni hin dhagaʼamu; ati garuu dallaa kee Fayyina, karrawwan kee immoo Galata jettee waamta.
19 καὶ οὐκ ἔσται σοι ὁ ἥλιος εἰς φῶς ἡμέρας οὐδὲ ἀνατολὴ σελήνης φωτιεῖ σοι τὴν νύκτα ἀλλ’ ἔσται σοι κύριος φῶς αἰώνιον καὶ ὁ θεὸς δόξα σου
Siʼachi aduun guyyaadhaan, ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu; Waaqayyo ifa kee bara baraa taʼaatii; Waaqni kee ulfina kee ni taʼa.
20 οὐ γὰρ δύσεται ὁ ἥλιός σοι καὶ ἡ σελήνη σοι οὐκ ἐκλείψει ἔσται γὰρ κύριός σοι φῶς αἰώνιον καὶ ἀναπληρωθήσονται αἱ ἡμέραι τοῦ πένθους σου
Aduun kee deebitee hin dhiitu; jiʼi kee hin badu; Waaqayyo ifa kee bara baraa ni taʼa; barri gadda kees ni raawwatama.
21 καὶ ὁ λαός σου πᾶς δίκαιος καὶ δῑ αἰῶνος κληρονομήσουσιν τὴν γῆν φυλάσσων τὸ φύτευμα ἔργα χειρῶν αὐτοῦ εἰς δόξαν
Yoos uummanni kee hundi qajeelaa ni taʼa; bara baraanis lafa ni dhaala. Isaan biqiltuu ani dhaabbadhee dha; hojii harka koo, kan ani ittiin ulfina koo mulʼisuuf jedhee hojjedhee dha.
22 ὁ ὀλιγοστὸς ἔσται εἰς χιλιάδας καὶ ὁ ἐλάχιστος εἰς ἔθνος μέγα ἐγὼ κύριος κατὰ καιρὸν συνάξω αὐτούς
Maatiin muraasni kuma, gareen xinnaan immoo saba guddaa taʼa. Ani Waaqayyoo dha; waan kana yeroo isaatti dafee nan hojjedha.”

< Ἠσαΐας 60 >