< Αποκαλυψις Ιωαννου 2 >

1 Τῷ ἀγγέλῳ τῆς ἐν Ἐφέσῳ ἐκκλησίας γράψον· τάδε λέγει ὁ κρατῶν τοὺς ἑπτὰ ἀστέρας ἐν τῇ δεξιᾷ αὐτοῦ, ὁ περιπατῶν ἐν μέσῳ τῶν ἑπτὰ λυχνιῶν τῶν χρυσῶν·
“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Efesoonittiakkana jedhii barreessi: Inni urjiiwwan torba harka isaa mirgaatti qabatee baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman gidduu deddeebiʼu sun akkana jedha.
2 οἶδα τὰ ἔργα σου καὶ τὸν κόπον σου καὶ τὴν ὑπομονήν σου, καὶ ὅτι οὐ δύνῃ βαστάσαι κακούς, καὶ ἐπείρασας τοὺς λέγοντας ἑαυτοὺς ἀποστόλους εἶναι, καὶ οὐκ εἰσί, καὶ εὗρες αὐτοὺς ψευδεῖς·
Ani hojii kee, dadhabbii keetii fi obsaan dhaabachuu kee beeka. Akka ati calʼiftee namoota hamoo hin dhiifne, warra utuu ergamoota hin taʼin ergamoota ofiin jedhan qortee akka isaan sobduu taʼan mirkaneessites nan beeka.
3 καὶ ὑπομονὴν ἔχεις, καὶ ἐβάστασας διὰ τὸ ὄνομά μου, καὶ οὐ κεκοπίακας.
Ati maqaa kootiif jettee obsaan dhaabatteerta; rakkina obsiteerta; hin dadhabnes.
4 ἀλλὰ ἔχω κατὰ σοῦ, ὅτι τὴν ἀγάπην σου τὴν πρώτην ἀφῆκας.
Taʼus jaalala kee isa jalqabaa dhiisuu keetiif ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba.
5 μνημόνευε οὖν πόθεν πέπτωκας, καὶ μετανόησον καὶ τὰ πρῶτα ἔργα ποίησον· εἰ δὲ μή, ἔρχομαί σοι ταχὺ καὶ κινήσω τὴν λυχνίαν σου ἐκ τοῦ τόπου αὐτῆς, ἐὰν μὴ μετανοήσῃς.
Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu! Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha.
6 ἀλλὰ τοῦτο ἔχεις, ὅτι μισεῖς τὰ ἔργα τῶν Νικολαϊτῶν, ἃ κἀγὼ μισῶ.
Garuu waan gaarii tokko qabda: Hojii Niqolaawotaa kan ani jibbu sana atis ni jibbita.
7 Ὁ ἔχων οὖς ἀκουσάτω τί τὸ Πνεῦμα λέγει ταῖς ἐκκλησίαις. Τῷ νικῶντι δώσω αὐτῷ φαγεῖν ἐκ τοῦ ξύλου τῆς ζωῆς, ὅ ἐστιν ἐν τῷ παραδείσῳ τοῦ Θεοῦ μου.
Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatu akka inni muka jireenyaa kan jannata Waaqaa keessa jiru irraa nyaatuuf mirga nan kennaaf.
8 Καὶ τῷ ἀγγέλῳ τῆς ἐν Σμύρνῃ ἐκκλησίας γράψον· τάδε λέγει ὁ πρῶτος καὶ ὁ ἔσχατος, ὃς ἐγένετο νεκρὸς καὶ ἔζησεν·
“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Samirnaattiakkana jedhii barreessi: Inni Jalqabaatii fi inni Dhumaa, inni duʼee turee fi amma immoo jiraataa taʼe sun akkana jedha.
9 οἶδά σου τὰ ἔργα καὶ τὴν θλῖψιν καὶ τὴν πτωχείαν· ἀλλὰ πλούσιος εἶ· καὶ τὴν βλασφημίαν ἐκ τῶν λεγόντων Ἰουδαίους εἶναι ἑαυτούς, καὶ οὐκ εἰσίν, ἀλλὰ συναγωγὴ τοῦ σατανᾶ.
Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti.
10 μηδὲν φοβοῦ ἃ μέλλεις παθεῖν. ἰδοὺ [δὴ] μέλλει βαλεῖν ὁ διάβολος ἐξ ὑμῶν εἰς φυλακὴν ἵνα πειρασθῆτε, καὶ ἕξετε θλῖψιν ἡμέρας δέκα. γίνου πιστὸς ἄχρι θανάτου, καὶ δώσω σοι τὸν στέφανον τῆς ζωῆς.
Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.
11 Ὁ ἔχων οὖς ἀκουσάτω τί τὸ Πνεῦμα λέγει ταῖς ἐκκλησίαις. Ὁ νικῶν οὐ μὴ ἀδικηθῇ ἐκ τοῦ θανάτου τοῦ δευτέρου.
Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Namni moʼatu duʼa lammaffaan hin miidhamu.
12 Καὶ τῷ ἀγγέλῳ τῆς ἐν Περγάμῳ ἐκκλησίας γράψον· τάδε λέγει ὁ ἔχων τὴν ῥομφαίαν τὴν δίστομον τὴν ὀξεῖαν·
“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Phergaamoonittiakkana jedhii barreessi: Inni goraadee qaramaa afaan lamaa qabu sun akkana jedha.
13 οἶδα τὰ ἔργα σου καὶ ποῦ κατοικεῖς· ὅπου ὁ θρόνος τοῦ σατανᾶ· καὶ κρατεῖς τὸ ὄνομά μου, καὶ οὐκ ἠρνήσω τὴν πίστιν μου [καὶ] ἐν ταῖς ἡμέραις αἷς Ἀντίπας ὁ μάρτυς μου ὁ πιστός, ὃς ἀπεκτάνθη παρ᾽ ὑμῖν, ὅπου ὁ σατανᾶς κατοικεῖ.
Ani iddoo ati jiraattu beeka; innis iddoo teessoon Seexanaa jiruu dha. Taʼus ati maqaa koo jabeessitee qabatteerta. Bara Antiiphaas dhuga baatuun koo amanamaan magaalaa keessan keessatti iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefame illee ati amantii narratti qabdu hin dhiifne.
14 ἀλλὰ ἔχω κατὰ σοῦ ὀλίγα, ὅτι ἔχεις ἐκεῖ κρατοῦντας τὴν διδαχὴν Βαλαάμ, ὃς ἐδίδαξε τὸν Βαλὰκ βαλεῖν σκάνδαλον ἐνώπιον τῶν υἱῶν Ἰσραὴλ καὶ φαγεῖν εἰδωλόθυτα καὶ πορνεῦσαι.
Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaamduukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii.
15 οὕτως ἔχεις καὶ σὺ κρατοῦντας τὴν διδαχὴν τῶν Νικολαϊτῶν ὁμοίως.
Akkasumas namoota barsiisa Niqolaawotaa duukaa buʼan tokko tokko of biraa qabda.
16 μετανόησον οὖν· εἰ δὲ μή, ἔρχομαί σοι ταχὺ καὶ πολεμήσω μετ᾽ αὐτῶν ἐν τῇ ῥομφαίᾳ τοῦ στόματός μου.
Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola.
17 Ὁ ἔχων οὖς ἀκουσάτω τί τὸ Πνεῦμα λέγει ταῖς ἐκκλησίαις. Τῷ νικῶντι δώσω αὐτῷ τοῦ μάννα τοῦ κεκρυμμένου, καὶ δώσω αὐτῷ ψῆφον λευκήν, καὶ ἐπὶ τὴν ψῆφον ὄνομα καινὸν γεγραμμένον, ὃ οὐδεὶς οἶδεν εἰ μὴ ὁ λαμβάνων.
Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatuuf mannaa dhokfame irraa nan kenna. Akkasumas dhagaa adii maqaan haaraan irratti barreeffame tokko nan kennaaf; maqaa sanas namicha isa fudhatu sana malee namni tokko iyyuu hin beeku.
18 Καὶ τῷ ἀγγέλῳ τῆς ἐν Θυατείροις ἐκκλησίας γράψον· τάδε λέγει ὁ υἱὸς τοῦ Θεοῦ, ὁ ἔχων τοὺς ὀφθαλμοὺς αὐτοῦ ὡς φλόγα πυρός, καὶ οἱ πόδες αὐτοῦ ὅμοιοι χαλκολιβάνῳ·
“Ergamaa Waaqaa kan Waaqaa kan waldaa Kiristaanaa Tiyaatiraattiakkana jedhii barreessi: Ilmi Waaqaa inni iji isaa arraba ibiddaa fakkaatu, kan miilli isaa immoo naasii baqfamee qulqulleeffame fakkaatu sun akkana jedha.
19 οἶδά σου τὰ ἔργα καὶ τὴν ἀγάπην καὶ τὴν πίστιν καὶ τὴν διακονίαν καὶ τὴν ὑπομονήν σου, καὶ τὰ ἔργα σου τὰ ἔσχατα πλείονα τῶν πρώτων.
Ani hojii kee, jaalalaa fi amantii kee, tajaajilaa fi obsaan dhaabachuu kee beeka; akkasumas akka hojiin kee inni ammaa kun isa duraa caalu nan beeka.
20 ἀλλὰ ἔχω κατὰ σοῦ ὀλίγα, ὅτι ἀφεῖς τὴν γυναῖκά σου Ἰεζάβελ, ἣ λέγει ἑαυτὴν προφῆτιν, καὶ διδάσκει καὶ πλανᾷ τοὺς ἐμοὺς δούλους πορνεῦσαι καὶ φαγεῖν εἰδωλόθυτα.
Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti.
21 καὶ ἔδωκα αὐτῇ χρόνον ἵνα μετανοήσῃ, καὶ οὐ θέλει μετανοῆσαι ἐκ τῆς πορνείας αὐτῆς.
Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde.
22 ἰδοὺ βάλλω αὐτὴν εἰς κλίνην καὶ τοὺς μοιχεύοντας μετ᾽ αὐτῆς εἰς θλῖψιν μεγάλην, ἐὰν μὴ μετανοήσωσιν ἐκ τῶν ἔργων αὐτῆς,
Kanaafuu ani siree dhiphinaa irratti ishee nan gata; warra ishee wajjin ejjanis yoo isaan karaa ishee irraa qalbii jijjiirrachuu baatan rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.
23 καὶ τὰ τέκνα αὐτῆς ἀποκτενῶ ἐν θανάτῳ, καὶ γνώσονται πᾶσαι αἱ ἐκκλησίαι ὅτι ἐγώ εἰμι ὁ ἐρευνῶν νεφροὺς καὶ καρδίας, καὶ δώσω ὑμῖν ἑκάστῳ κατὰ τὰ ἔργα ὑμῶν.
Ijoollee ishee immoo dhaʼichaan nan ajjeesa. Waldoonni kiristaanaa hundinuus akka ani kalee fi onnee qoru ni beeku; anis tokkoo tokkoo keessaniif akkuma hojii keessaniitti gatii keessan isinii nan kenna.
24 ὑμῖν δὲ λέγω τοῖς λοιποῖς τοῖς ἐν Θυατείροις, ὅσοι οὐκ ἔχουσι τὴν διδαχὴν ταύτην, οἵτινες οὐκ ἔγνωσαν τὰ βαθέα τοῦ σατανᾶ, ὡς λέγουσιν· οὐ βάλλω ἐφ᾽ ὑμᾶς ἄλλο βάρος·
Isin warra Tiyaatiraa keessa jiraattan kanneen barsiisa ishee duukaa hin buʼinii fi warra barsiisa Seexanaa kan dhoksaa gad fagoo jedhamu sana hin baratiniin akkana nan jedha; ‘Ani baʼaa biraa isinitti hin feʼu;
25 πλὴν ὃ ἔχετε κρατήσατε ἄχρις οὗ ἂν ἥξω.
isin garuu hamma ani dhufutti waan qabdan sana jabeessaa qabadhaa.’
26 Καὶ ὁ νικῶν καὶ ὁ τηρῶν ἄχρι τέλους τὰ ἔργα μου, δώσω αὐτῷ ἐξουσίαν ἐπὶ τῶν ἐθνῶν,
Ani nama moʼatuuf, kan hamma dhumaattis fedhii koo guutuuf saboota irratti taayitaa nan kenna.
27 καὶ ποιμανεῖ αὐτοὺς ἐν ῥάβδῳ σιδηρᾷ, ὡς τὰ σκεύη τὰ κεραμικὰ συντριβήσεται, ὡς κἀγὼ εἴληφα παρὰ τοῦ πατρός μου,
‘Inni bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha; akkuma qodaa supheettisisaan hurreessa;’ kunis akkuma ani itti Abbaa koo biraa taayitaa argadhe sanaan.
28 καὶ δώσω αὐτῷ τὸν ἀστέρα τὸν πρωϊνόν.
Ani immoo bakkalcha barii nan kennaaf.
29 Ὁ ἔχων οὖς ἀκουσάτω τί τὸ Πνεῦμα λέγει ταῖς ἐκκλησίαις.
Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.

< Αποκαλυψις Ιωαννου 2 >