< Psalm 28 >
1 Von David. Zu dir, HERR, rufe ich:
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, Kattaa ko, ani sin waammadha; ati na jalaa hin didin. Yoo ati na jalaa didde, ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
2 Höre mein lautes Flehen, wenn ich zu dir schreie, wenn ich meine Hände erhebe nach deinem Allerheiligsten!
Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee gara Iddoo Qulqullummaa kee kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi.
3 Raffe mich nicht weg mit den Frevlern und den Übeltätern, die freundlich reden mit ihren Nächsten und dabei Arges im Herzen sinnen!
Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin, warra garaa isaaniitti hammina qabatanii olloota isaanii wajjin garuu nagaa dubbatan wajjin na hin balleessin.
4 Vergilt du ihnen nach ihrem Tun, nach der Bosheit ihrer Handlungen, vergilt ihnen nach dem Werk ihrer Hände, zahl’ ihnen ihr Verhalten heim, wie sie’s verdienen!
Akka hojii isaaniitti, akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif; akkuma hojii harka isaaniitti kenniif; gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi.
5 Denn sie achten nicht auf das Walten des HERRN und das Werk seiner Hände; drum wird er sie niederreißen und nicht wieder aufbaun.
Sababii isaan hojii Waaqayyoo, yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneef inni isaan diiga; deebisees isaan hin ijaaru.
6 Gepriesen sei der HERR, denn er hat gehört meinen lauten Hilferuf!
Waaqayyo haa eebbifamu! Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii.
7 Der HERR ist meine Stärke und mein Schild; auf ihn hat mein Herz vertraut, da ist mir Hilfe geworden. So frohlockt denn mein Herz, und mit meinem Liede will ich ihm danken.
Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti; garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera. Garaan koo baayʼee gammada; anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.
8 Der HERR ist seines Volkes Stärke und seines Gesalbten rettende Zuflucht.
Waaqayyo jabina saba isaa ti; dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.
9 O hilf deinem Volk und segne dein Erbe, weide sie und trage sie ewiglich!
Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi; tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.