< 1 Chronik 14 >

1 Nun schickte Hiram, der König von Tyrus, Gesandte an David mit Zedernstämmen, dazu Steinmetzen und Zimmerleute, damit sie ihm einen Palast bauten;
Yeroo kanatti Huuraam mootiin Xiiroos akka isaan Daawitiif masaraa mootummaa ijaaraniif ergamoota wajjin muka birbirsaa, warra dhagaa soofanii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban gara Daawititti erge.
2 daran erkannte David, daß der HERR ihn als König über Israel bestätigt habe, weil sein Königtum zu hohem Ansehen erhoben worden war um seines Volkes Israel willen.
Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka mootummaan isaas sababii saba Israaʼeliif akka malee guddate ni beeke.
3 In Jerusalem nahm sich David dann noch mehr Frauen und wurde Vater von noch mehr Söhnen und Töchtern.
Daawitis Yerusaalem keessatti niitota dabalee fuudhee ilmaanii fi intallan dabalataa dhalche.
4 Dies aber sind die Namen der Söhne, die ihm in Jerusalem geboren wurden: Sammua und Sobab, Nathan und Salomo,
Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis: Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
5 Jibhar, Elisua, Elpelet,
Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
6 Nogah, Nepheg, Japhia,
Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
7 Elisama, Beeljada und Eliphelet.
Eliishaamaa, Beeliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
8 Als aber die Philister vernahmen, daß David zum König über ganz Israel gesalbt worden war, zogen die Philister insgesamt heran, um seiner habhaft zu werden; aber David erhielt Kunde davon und zog ihnen entgegen.
Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee isaanitti baʼe.
9 Als nun die Philister eingedrungen waren und sich in der Ebene Rephaim ausbreiteten,
Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim weeraran;
10 richtete David die Anfrage an Gott: »Soll ich gegen die Philister hinaufziehen, und wirst du sie in meine Hand geben?« Da antwortete ihm der HERR: »Ziehe hin, ich will sie in deine Hand geben!«
kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqa ni gaafate. Waaqayyos, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
11 Als sie nun nach Baal-Perazim hinaufzogen und David sie dort geschlagen hatte, rief David aus: »Gott hat meine Feinde durch meine Hand durchbrochen, wie das Wasser einen Damm durchbricht!« Darum hat man jenem Ort den Namen Baal-Perazim gegeben.
Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa gara Baʼaal Pheraaziim ol baʼan; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqni harka kootiin diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
12 Da (die Philister) ihre Götterbilder dort zurückgelassen hatten, gab David den Befehl, daß man sie verbrennen solle.
Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti ni dhiisan; Daawit immoo akka waaqonni sun ibiddaan gubaman ni ajaje.
13 Die Philister zogen dann nochmals heran und breiteten sich in der Ebene (Rephaim) aus.
Filisxeemonni amma illee deebiʼanii sulula sana weeraran;
14 Als David nun Gott wiederum befragte, antwortete dieser ihm: »Du sollst nicht hinter ihnen her hinaufziehen, sondern umgehe sie, damit du sie vom Baka-Gehölz her überfällst!
kanaafuu Daawit ammas Waaqa gaafate; Waaqnis akkana jedhee deebiseef; “Qajeelumatti itti ol hin baʼin; garuu isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
15 Sobald du dann in den Wipfeln des Baka-Gehölzes das Geräusch von Schritten vernimmst, dann gehe zum Angriff über! Denn alsdann ist Gott vor dir her ausgezogen, um das Heer der Philister zu schlagen.«
Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen loluuf baʼi; Waaqni loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
16 Da tat David, wie Gott ihm geboten hatte, und so schlugen sie das Heer der Philister von Gibeon bis nach Geser hin.
Kanaafuu Daawit akkuma Waaqni isa ajaje sana ni godhe; isaanis Gibeʼoonii jalqabanii hamma Geeziritti loltoota Filisxeem ni dhaʼan.
17 Hierauf verbreitete sich der Ruhm Davids in alle Lande, und der HERR flößte allen Völkern Furcht vor ihm ein.
Akkasiin maqaan Daawit biyya hunda keessatti beekame; Waaqayyos akka saboonni hundinuu isa sodaatan godhe.

< 1 Chronik 14 >